BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Waa'ee haleellaa diroonii Maqaleetti raawwatame jedhamee maal beekna?
Magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqaleetti haleellaa diroonii raawwateen namootarra miidhaan ga'uu aanga'oonni naannochaa himan.
Hireen lammiilee Itoophiyaa Tiraamp Ameerikaa keessaa baasuuf jedhuu maal taha?
"Warri dahoon seeraa isaanii jalaa haqame biyya keenya keessa seeraan ala jiraachaa jiru'' jedhe Ministeerri Dhimma Biyya keessaa US, fuula X isaa irratti akka maxxansetti.
KALLATTIIN, Tiraamp biyya Iraaniin deeggaru kamirrattiyyu tarkaanfii "rakkoo dinagdee" uumu akka fudhatu dhaadate
Pirezidant Doonaald Tiraamp Ameerikaan biyya Iraan gargaaru ykn biyyattii waliin hariiroo qabaatu kamirrattiyyu tarkanfii "rakkoo dinagdee hamaa" ta'e akka fudhattu akeekkachiise.
Turkii fi Israa'el gidduutti waldhabdeen haaraan uumamaa jiraa?
Haleellaa qilleensaa Israa'el buufata waraanaa Sooriyaa irratti raawwattee Ameerikaan, akkasums Turkiin balaaleffataniiru.
Ijaarsa madda anniisaa nukilaraa Masiriirratti hanqina mul'ateefi mormii kaase
Ijaarsa madda anniisaa nukilaraa Masiriirratti hanqina mul'ateefi mormii kaase
Piriimer Liigii Ingiliiz 2026-27: Hireen kilaba isin deeggartanii maal ta'a?
Waqtiin kuni yeroo itti bahii Piriimerliigii Ingiliiz bara 2026/2027 jalqabamuuf jiruu tilmaamuun itti eegalu. Dhimma kubbaa miilaa irratti barreessuun kan beekamu Fiil Maknultii Tilmaamni kaa'e kunooti.
Keeniyaaatti elikooptariin caccabee hogganaa tikaa Ikuwaadoor dabalatee namoonni torba du'an
Keeniyaatti balaa elikooptara kufee caccabeen hogganaa tikaa Ikuwaadoor fi haadha warraasaa dabalatee lubbuun namoota torbaa darbeera.
Israa'el projektii manneenii iddoo falmisiisaa Weesti Baankitti ijaartuf caalbaasii ifa goote
Israa'el lafa bakka tarsiimowaa baay'ee murteessaa ta'e, Weesti Baank weeraran qabamatte keessatti, manneen jireenyaa qubannaa 1,200 ta'an ijaaruuf caalbaasii baaste; kun immoo carraa mootummaan Paalastaayin itti hundaa'u dhabamsiisuuf yaalii godhamudha jedhame.
Prof. Hisqeel Gabbisaa dhuguma Oromoon waa'ee gaaffii abbummaa Finfinnee kaasuu hin qabu jedhanii?
Dhimmi bulchiinsa magaalaa Finfinnee qabxiilee Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase saddet keessaa tokko yommuu tahu marii ji'a tokkoof gaggeefamaa jiru irrattis dubbii ijoo taheera.
Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Dirree Dhawaa waliigalteen irra ga'ame maali?
Marii biyyaalessaa irratti dhimma magaalota federaalaa jedhamuun kanneen dhihaatan keessaa tokko magaalaa Dirree Dhawaati.
Bulchiinsi Tiraamp dawoo lammiilee Itoophiyaa 5000f kenname akka kaasu manni-murtii hayyameef
Manni murtii federaalaa Ameerikaa dawoo seeraa mirga jiraachuu fi hojjechuu lammiilee Itoophiyaa 5000 caalaniif kenneefii bulchiinsi Doonaald Tiraamp akka dhaabsisu heyyameef. Abbaan seeraa mana murtii Booltan distriikt, Biriyaan Marfii biiroon dhimma nageenyaa biyya keessaa Ameerikaa namoota biyyoota murtaa'anii dhufaniif 'dawoo yeroo' (TPS) ajaja dhumaa akka adda hin cinne kan dhorku mana murtiitti kennan.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Marii Biyyaalessaarratti wanti waa'ee Finfinnee hirmaattota 'waldura dhaabsise' maali?
Marii Biyyaalessaa magaalaa Finfinneetti adeemaa jiruurratti dhimmi magaalaa Finfinnee falmii jabaa kaasuu BBC'n odeeffate.
Viidiyoo, Waa’ee haleellaa diroonii ‘humnoota Tigraayiratti’ raawwate maal beekna?
Haleellaa diroonii Naannoo Tigraay Aanaa Raayyaa Allaamaaxaatti raawwateen lubbuun namaa darbuu maddeen BBC’tti himan.
Viidiyoo, 'Lolli kaanaan dirreen lolaa Tigraay ta'a' - Amb. Baacaa Dabalee
Yoo Kaaba Itoophiyaatti lolli ka’e mootummaa Ertiraa wanti jedhamu hin jiraatu jedhan Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa.
Viidiyoo, Walitti bu'insi waraana Itoophiyaafi humnoota Tigiraay maalirra gahe?
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi humnooti Tigraay guyyaa Sambataa ganama Lixa Tigraay bakka Shararinaa jedhamutti walitti bu'aniiru.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
Marii biyyaalessaa irratti waa'ee Finfinnee qabxiileen falmisiisoon ka'an maali?
Yeroo ji'a tokko ta'uuf kan ture mariin biyyaalessaa ajandaawwan dhihaatan saddeet irratti mari'achuun gara xumuraatti dhihaataa jira.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Waa'ee xiyyaara waraanaa Itoophiyaatti tibbana kufte jedhamee maal beekna?
Tibbana miiidiyaalee hawwaasaa irratti helikooptera waraanaa Itoophiyaati kan jedhame kufee caccabuun dubbii ijoo taheera.
Haleellaan diroonii 'humnoota Tigraay irratti xiyyeeffate' gaggeeffamuu maddeen ibsan
Naannoo Tigraay Aanaa Raayyaa Allaamaaxatti haleellaan diroonii humnoota Tigraayirratti qiyyaafate gaggeeffammuu qondalonni naannichaafi humnoonni Tigraay irraa BBCn odeeffate.
Komishiniin Marii Biyyoolessaa hanga ammaa ajandaa kamirrattuu "murteen kenname hin jiru" jedhe
Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa marii gaggeeffamaa jiruun hanga ammaatti ajandaan murteen itti kenname akka hin jirre beeksise.
Ertiraan walabummaa Itoophiyaa sarbuun humna waraanaa Tigiraayitti ergiteetti- Amb. Suleymaan Daddafoo
Ertiraan humna waraanaa hidhate walabummaa Itoophiyaa sarbuun daangaa Itoophiyaa ceesiftee gara naannoo Tigiraayitti ergiteetti''a jedhan Ambaasadar Suleymaan Daddafoo.
'Oromoon Itoophiyaadha, Itoophiyaan Itoophiyaarraa hin fottoqu' - MM Abiy Ahimad
Dubbiin isaanii kuni filannoo marsaa 7ffaan dhaabi isaanii mo'atee, Mariin Biyyaalessaa osoo adeemaa jiruufi kaaba Itoophiyaatti muddamni yeroo cimettidha.
'Qophiin waraanaa osoo godhamaa jiruu callisuun waraanatti waliigaluudha'- Getaachoo Raddaa
Dhaabi bulchiinsa Tigraay harkaa qabu TPLF Ertiraafi humnoota biroo wajjin ifatti hojjachuun mootummaa federaalaa kuffisuuf hojjataa jiraachuu ibsan Obbo Getaachoo Raddaa. Dabaluunis, hawaasi idiladdunyaa yaaddoo waraanaa as adeemaa jiru callisee ilaaluu hin qabu jedhan.
Mirga hiree murteeffannaa hanga fottoquutti: Keewwati 39 amma wabii moo yaaddoo Itoophiyaati?
Heera Itoophiyaa keewwata 39 jalatti ''Mirga hiree ofiin ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti,'' kan jedhu ragga'eera. Gama biraan ammoo keewwati kun saboonni of jabeessanii akka of danda'an gochuun biyya laaffise sodaa jedhuun akka fooyya'uu qabu kan gaafatanis jiru. Mootummaan biyya bulchaa jiru kanarraa ka'uun keewwata 39 akka ajandaa marii ijoo tokkootti Marii Biyyaalessaa irratti dhiheesseera.
'Osoo Kiiloo 4 keessa namni hin jiru jedhamee WBO fi Faannoon hin seenan'
Kaaba Itoophiyaa muddamni cimetti osoo waraanni ka'e mootummaa Ertiraa wanti jedhamu hin jiraatu jedhan aangawaan olaanaa Itoophiyaa.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Qindoominni Sa'udiin biyyoota ollaa waliin goote Itoophiyaaf maal akeeka?
Sa'udiin Masriifi biyyoota ollaa Itoophiyaa ofitti dabaluun qindoomina waraanaa Galaana Diimaa balaarraa tiksuuf kaayyeffate ijaaruu dhihoo beeksisteetti.
Ispoortii
Kophee Warqee mo'achuurratti morkattoota Haalaand baranaa
Erliing Haalaand bara kana Piriimer Liigii keessatti goolii baayyee lakkoofsisuun dursa qabatee Kophee Warqee marsaa afiraffaaf mo'atee seenaa kanaan dura hojjetame qooddachuuf abdachaa jira. Morkattoonni isaa bara kanaa eenyu ta'uu malu?
'Kun bara xumuraakooti' -Ronaaldoon barana soorama bahuufi
Kiristaanoo Roonaaldoon gahumsa olaanaan erga kubba waggoota dheeraaf taphataa turee bara dorgommii kana akka xumureen soorama akka bahu hime.
Arsenaal moo Man Siitii? Waancaan Kominitii Shiildi dorgommii bara kanaaf hagam murteessaadha?
Arsenaal fi Maanchistar Siitiin waggaa sadi booda morkii waancaa Kominitii Shiildiin walitti deebi'an. Tapha har'a sa'atii 11 irratti gaggeeffamuun kilaboonni bara darbe dorgommii Piriimer Liigii 1ffaa fi 2ffaan xumuran ni falmatu.
Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu haaraa adamsaa jira
Jijjirraa taphattootaa ho'aa jiruun Arsenaal jifataa beekamaa tokkoofi taphataa sarara gidduu Piriimiyeer liigicha keessa jiru adamsaa jira.
Gimbiin bu'aa bayii akkamii keessa darbee chaampiyoonaa Itoophiyaa ta'e?
Kilabi Kubbaa Miillaa Bulchiinsa Magaalaa Gimbii kilaboota naannolee 40 caalan bira darbuun chaampiyoonaa biyyattii ta'eera.
Kiristaanoo Roonaaldoo jaalallee isaa yeroo dheeraa Joorjinaa fuudhe
Kiristaanoo Roonaaldoo haadha ijoollee isaa Joorjiinaa waliin gara waggaa 10 erga jaalalaan turee ishee fuudhuuf akka jehdu himame.
Maan Yunaayitiditti Aleksi Fergusaniin bakka bu'uuf waliigaleen ture -Joosee Moriinoo
Yeroo Siir Aleeksi Fergusan soorama bahe Maanchister Yuunaayitiditti isa bakka bu'uuf waliigaleen ture jedhe Joosee Moorinihoon.
Miidhamni taphataa Norwich Siitii Alii Ahmad hagam akka tahe ibsame
Taphataa hiddisaa Oromoo lammii Kanaadaa ta'e Alii Ahmad Waancaa Addunyaa 2026 booda tapha jalqabaa kilabasaa Norwich Siitiif taphaterratti miidhamee dirree keessaa ba'e.
Waa'ee du'a abbaa fi bakka bu'aa Meesii maal beekna?
Abbaan Meesii Horheen umurii isaa waggaa 68'n kaleessa boqate.
Vinishiyees Riyaal Maadirid waliin kontiraata haaraa waggaa jahaa mallatteesse
Taphataan Riyaal Maadirid Viniishiyees kileba isaa Riyaal maadirid waliin kontiraata haaraa waggaa jahaa waliigale.
Falmii qorannoon hormoonii atileetii Itoophiyaa Ameerikaarraa hambise kaase
Atileetittiin sababa dorgommiirraa hafteef Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa adeemsa ifa hin taane hordofe jechuun komatti.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.













































































































