Hidhamtoonni 600 hiikaman, 28 immoo dhiifama diduun hidhaatti hafan

Itoophiyaatti namoota siyaasaa akka Kiristiyaan Taaddalaafaa dabalatee hidhamtoonni 600 ta'an mana hidhaatii hiikamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Komishinichi namoonni kunneen kanneen Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa irraa mootummaa federaalaan himannaa cimaan irratti banameedha jedhe.
Namoonni kunneen dhiifamaan hiikamanis hidhamtoonni 28 himannaa walfakkaatuun waggootaaf hidhamanii turan garuu sababa dhiifama gaafachuu diduutin osoo hin hiikamiin hafaniiru.
Hidhamtootni kunneen jala bultii Bara Haaraa Itoophiyaa 2019 sababeeffachuun himatni isaanii adda citee dhiifamni taasifameef jedhameera.
Ministeerri Muummee Abiy Ahimad ergaa Bara Haaraa geessanii dabarsan keessatti namoota adda addaa "kanneen sababa tokkoon ykn kan biraatiin hidhaman dhiifamni fi adeemsa seeraa sirrii ta'een akka hiikaman" waamicha dhiyeessuu fi mootummaan isaanis dhimmicha fudhachuun "warra adeemsa kanaaf walii galan gadhiisee jira" jedhan.
Komishinichi akka jedhetti, namoonni gadhiifaman kana keessaa kanneen sirna mootummaa fi heera mootummaa humnaan diiguuf yaaluu, yakka shororkeessummaa fi yakkoota ulfaatoo biroon himatamanii murtiin itti kenname ta'uu ereera.
Kanneen himanni isaanii mana murtii keessatti adeemsa irra tures haalota tokko tokkoon himanni isaanii akka dhaabbatu taasifamuun gadhiifamaniiru.
Akka komishinichaatti, hidhamtoonni kunneen dhimma isaanii haala addaa ta'een akka ilaalamuuf gaaffii dhiyeeffataa turan.
Gaaffiin kun gama Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaatiin mootummaa biraa ga'ee, akkataa seeraatti dhiifama argachuu haalaa danda'an irratti mariin gaggeeffamaa ture.
Komishinichi mootummaa irraa deebii gaarii argachuu isaa booda, adeemsi gadhiifamuu hidhamtootaa hojirra ooluu eere.
Dhuma irrattis, hidhamtoota 600 ol gadhiisuuf murtiin akka darbe komishinichi ibse.
Hidhamtoota sadarkaa federaalaatti gadhiifaman keessaa Kiristiyaan Taaddalaa, Dr. Tashaagar Kaasaa fi Dr. Caannee Kabbadaa akka argaman Komishinara Olaanaan Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Birhaanuu Adeelloo, gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin himaniiru.
Haa ta'u malee, namoonni haala walfakkaatuun waggootaaf mana hidhaa turan keessaa 28 dhiifama gaafachuu waan hin barbaanneef mana hidhaa keessatti hafaniiru, jechuun KMNI beeksise.

Madda suuraa, EBC
Namoonni dhiifama gaafatan maal mallatteessan?
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Hidhamtoota yakka shororkeessummaa adda addaatiin himataman keessaa, keessumaa kanneen rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa waliin walqabatee himataman, mootummaa irraa dhiifama gaafachuun akka gadhiifaman gaaffiin dhiyaatee ture.
Akka BBC hubatetti, namoota waggoota sadii ol mana hidhaa turan keessaa hedduun sanada dhiifamaa isaan qaqqabe mallatteessaniiru.
Garuu haal-duree sanada keessa jiru hin fudhannu jechuun namoonni muraasni mallatteessuu didaniiru.
Kanneen mallatteessuu didan keessaa namootni siyaasaa fi ogeeyyii miidiyaa akka jiran BBC'n odeeffateera.
Sanadni dhiifamaa kun namni dhiifama gaafatu himata galmee isaa irratti dhiyaate akka fudhatuu fi itti gaafatamummaa akka fudhatu kan gaafatudha.
Akkasumas, gara fuulduraatti gocha walfakkaatu keessa akka hin seenne waadaa galuu qabu.
Namni sanada kana mallatteesse, yoo ammas gocha walfakkaatu keessatti hirmaate, mootummaan tarkaanfii barbaachisaa akka irratti fudhatu akka waliigaluus sanadich keessatti ibsamuufi kanaaf itti gaafatamummaa akka fudhatan kan gaafatu ta'uu BBCn maatii fi abukaatota himatamtootaa irraa hubateera.
Haa ta'u malee, namoota 28 dhiifama gaafachuu didan ilaalchisee maaltu akka ta'u fi hangamiif akka mana hidhaa keessa turan, KMNI ibsa bal'aa hin kennine.
Namoota siyaasaa hidhaa turan keessaa Obbo Yohaannis Bu'aayalew fi gaazexeessitootni shan namoota gadhiifaman keessaa jiraachuu fi dhiisuu BBC'n mirkaneessuuf yaalaa jira.
Haa ta'uu malee hidhaan waggaa 4 kan itti murtaa'ee deetan duraanii Ministeera nagaa Obbo Taayyee Danda'aa namoota hiikaman kana keessa jirachuufi dhiisuu mirkaneessuuf BBC'n haadha warraa obbo Taayyee addaa Sintaayyoo Alamaayyooo gaafateera.
Addee Sintaayyoon '' lakko quba hin qabnu' jechuun deebisan.
Komishinar Birhaanuun tarkaanfiin mootummaadhaan fudhatame adeemsa kana milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himan.
''Dhimmoota haqaa karaa seeraatiin furuun cinaatti, nagaa fi waliigaltee biyyaalessaa cimsuuf fedhii gama mootummaan jiru agarsiisa'' jedhan.
Gadhiifamuun namoota 600 kun tarkaanfii qabatamaa adeemsa nagaa fi araaraa biyyattii keessatti mul'atu ta'uu ibsi komishinichaa kun kan eeru.
''Adeemsi kun seenaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa addaa kan agarsiisudhas'' jedhan.
Itoophiyaa keessatti garaagarummaa fi waldhabdee siyaasaa hiikuu kaayyeffachuun waggoota arfan darbaniif mariin biyyaalessaa adeemsifamaa tureera.
Tarkaanfiin mootummaan sirreeffamtoota seeraa kana hiikuuf fudhate, marii biyyaalessaa keessatti garaagarummaan jiru karaa marii fi waliigalteen akka furamuuf yaaliin taasifamaa jiru gara hojii qabatamaatti ce'aa jiraachuu agarsiisa jechuun komishiniicji kan ibse.


















