Dursaan TPLF Dabretsiyon waa'ee waraana deemaa jiruu maal jedhe?

Madda suuraa, Tigrai TV
Dura ta'aan Dhaabbata Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) Dabretsiyon Gabremikaa'el torban darberraa kaasee bakkeewwan gara garaatti waraanni haaraan jalqabamuu dubbateera.
Dabretsiyon (PhD) ibsa kenne kanaan ummanni Tgraay haala loltootaa waraana kanaa yoo ibsu humni Tigraay "bakkeewwan gara garaatti lolaa jiraachuu" dubbate.
Dursaan TPLF kun lolichi "bakkaa bakkatti sosocho'uun" akka ta'e eeruun, humnoonni federaalaa "kutaalee Tigraay bakka tokko tokko qabachuu akka danda'an" dubbateera.
Haata'u malee, kun "ta'e jedhamee tarkaanfii istiraateejii" ta'uu isaa ibseera.
Yeroo waraanni kaaba Itoophiyaa cimee itti fufee fi humnoonni federaalaa michoonni isaa bakka hidhattoonni TPLF qabatanii turan gadhiisisanii to'achuu ibsaa jiranitti ibsa kan kenne, Dabretsiyon, "diina kan lollu bakka inni nuuf filatetti osoo hin taane bakka nuti ofiif filannettidha," jedhe.
Dabretshiyon lola kana yeroo waraanni waggaa ja'a dura gaggeeffametti kan ture 'oppresshinii Alulaa', akkasumas muuxannoo qabsoo hidhannoo waggaa 17 dura tureen wal qabsiisuun ibseera.
"Imalichi dheeraa fi aarsaa kan gaafatu ta'ullee, humnoonni Tigraay baayyina loltootaatiin ykn meeshaa waraanaan hin mo'atamne."
Gama kaaniin ajajaan garee TPLF irraa adda bahee gurmaa'e 'Humna Nagaa Tigraay' Birgaader Jeneraal Gabrehigzihaabiheer Bayyanaa ibsa kenneen, "waraanni isaanii fi raayyaan ittisaa Itoophiyaa Tigraay keessatti bakkeewwan hedduu to'ateera," jechuun dubbate.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Itti dabaluun, "yeroo dhiyoo keessatti gara giddu-galeessa Tigraay ni seenna" jechuun milishoonnii fi poolisoonni nagaa mirkaneessuu fi qabeenya namootaa eeguu irratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeesseera.
BBCn waan qaamoleen lamaan dubbatan qaama walaba ta'erraa mirkaneessuu hin dandeenye.
Dursaan TPLF Dabretsiyon, yeroo dhiyoo TPLF dabalatee gareen hidhattootaa torba mootummaa federaalaa kuffiisuuf tumsa uummatan ilaalchisee "michoota waliin kan taasifamedha" jechuun ibseera.
Dabretsiyon walitti bu'iinsa kana Galaana Diimaa "to'achuuf" yaalii taasifamuu fi "giddu-seentummaa" Sudaan waliin kan wal qabate ta'uu dabaluun himeera.
"Waraanni kun kan Abiy Ahmad qofaa miti" kan jedhe Dabresiyon Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) dabalatee biyyoonni biroon waraana kana keessatti hirmaataniiru jechuun himateera.
Haata'u malee, BBCn himannaa giddu-seentummaa UAE fi qaamolee biroo jedhame kana mirkanneeffachuu hin dandeenye.
Mootummaa Itoophiyaa irraas deebiin ifatti kenname hin jiru.

Madda suuraa, ETV
Itaamaajor Shuumiin Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa torban darbe gara dhumaa gaaffiifi deebii sabaa-himaalee raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa waliin taasiseen, "kan lolaa lolaa jirru humnoota humnoota fedhii humnoota alaa raawwachiisuuf walitti qabamanii fi gurmaa'an waliinidha," jedhee ture.
"Shaabiyaa [Ertiraa] fi TPLF Sudaan malee, Masirii malee, akkasumas humnoonni isaanirrayyu darbee jiru isaan hin tumsan taanaan qofaa isaanii gurmaa'aniis ta'u gatii hin qaban. Adda bahanii jennaan ammoo hiikayyu hin qaban," jechuun dubbateera.
Mootummaan Ertiraa gamsaatiin haala kanaan dura hin baratamiiniin deebii BBCf kenneen tumsi garee hidhattootaa torba of keessaa qabu ijaarame deeggaruun himannaa irratti dhiyaate kufaa taasiseera.
Biyyi biraa Itoophiyaan himatte Masiriin ammoo, Itoophiyaan "humnoota alaa kufaatii keessoo isheetiifi gaaga'amashee bubbuleef itti gaafatamoo taasifti" jechuun qeeqxeetti.
Itoophiyaan dippilomaatii Masirii Ahmad Mohaaraan Ahmad Soliimaan sa'aatii 48 keessatti biyyaa akka bahu murteessuu hordofee Masiriinis tarkaanfii deebii kennuu fudhachuu beeksifteetti.
Ministirri Dhimma Alaa Itoophiya aibsa kaleessa baaseen, dippilomaatiin kun biyyaa akka bahuuf kan murtaa'eef "seera dippilomaasii cabsuun" ta'uu eereera.
Masiriin dippilomaatii Itoophiyaa Kaayiroo jiru sa'aatii 48 keessaa akka bahu hubachiifteetti.
Gama kaaniin Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa deebii gocha diinummaa fi tuttuqqaa Ertiraan kallattii fi al-kallattiin Itoophiyaa irratti raawwachaa jirti jedheef embaasii biyyattii Asmaraatii qabdu cufuuf murteessuu beeksiseera.
Kana malees, dippilomaatonni Ertiraa 10 Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyattii kallattiin balaarra geessisan keessatti waan hirmaataniif sa'aatii 48 keessatti Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan ajajuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen ifa godheera.
Ertiraan gamasheetiin 'gocha diinummaa gaddisiisaa ta'edha' jechuun tarkaanfii Itoophiyaa fudhatteef deebii kenniteetti.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaanee G/Masqal ibsa fuula X isaarratti baaseen, "'Ulaa galaanaa argachuun dirqama' jechuun ulaawwaniifi qarqara galaanaa Ertiraa walabaa weeraruu fedhuun qabatamatti kan waggoota sadan darban Ertiraa irratti jibbinsa walirraa hin cinne labsaafi ifatti waraana labsaa turte," jechuun himateera.
Haala amma jiru kanaanis Ertiraan hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu guutummaatti addaan kutuu malee filannoo hin qabdu jedhe Yamaanee G/Masqal.
Ministeerrri Dhimma Alaa Itoophiyaa hariiroo dippilomaasii ilaalchisee seera idil-addunyaa [Vienna Convention] cabsuun dippilomaatonni Ertiraa Finfinnee keessa jiran gochawwan nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa yaaddessu keessatti waan hirmaataniif bu'uura Vienna Convention on Diplomatic Relations irratti hundaa'uun Itoophiyaa keessatti hin barbaadaman jedheera.
Itoophiyaan mootummaan Ertiraa gochawwan faallaa sirnaafi naamuusa ittiin bulmaata hariiroo biyyootaa walabaa gidduu ta'e akka dhaabduufis cimsee gaafachuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa kun cimsee gaafateera.
Itoophiyaan walitti dhufeenya seenaa, aadaa, akkasumas ummataa cimaa Ertiraa waliin qabduuf bakka guddaa qabdi kan jedhe ibsi kun, nagaan waliin jiraachuu, tasgabbii naannichaa, akkasumas walitti dhufeenya gaariin akka jiraatuuf dursa kennitee ejjennoo dhaabbataan hojjetaa turtuu ibseera.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa Itoophiyaa, Ertiraa fi Masrii gidduu muddamni hammaachuun akka isa yaaddessuu fi dubbicha hordofaa akka jiru hime.
Biyyooti miseensa gamtichaa tahan sadeen ''gochaaleefi ibsoota muddama hammeessanii nagaa fi tasgabbii naannichaa jeeqanirraa akka of qusatan'' yaadachiiseera.
Biyyooti sadeen kunneen garaagarummaa isaanii qajeelfama Gamtaa Afrikaan ''karaa dippiloomaasii fi mariidhaan akka furan,'' koomishinichi himeera.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa torbee lama dura yeroo ka'etti durataa'aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf lolli ''hatattamaan akka dhaabbatu,'' ibsanii ture.
Durataa'aan kuni waloomni humnoota hidhataniin uumame ''tasgabbii dhabuu kana hammeessa,'' jechuun ibsaniiru.
Jaarsummaa Gamtaa Afrikaan kan mallattaa'e Waliigalteen Piriitooriyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduu ''lola dhaabuun nagaa waarawaa fiduuf'' shoora qabu Mahaammad Alii Yuusuf eeraniiru.
Waraanni Tigraayi waggaa shan dura dhiiga dhangalaase Waliigaltee Piriitooriyaan erga goolabamaeen as hojiirra oolmaa waliigaltichaa irratti qondaaloti Tigraayi gaaffii kaasaa turaniiru. Qaawwa uumameef tokko isa kaaniin komata.
Durataa'aan gamtichaa gamasaaniin waliigaltichi ''nagaa waarawaafi tasgabbii Itoophiyaaf dhakaa bu'uuraati,'' jedhan.





























