Akkaataa afur AI dhala namaa 'balleessuu' danda'a jedhamee kaafamu

Madda suuraa, Wang Gang/China News Service/VCG via Getty Images
Hubannoon namtolchee (AI) too'annoo dhala namaatiin ala ta'uu danda'a yaaddoon jedhu ogeeyyiidhaan dubbatamuun itti fufeera.
Waggootaan booda hubannoon namtolchee carraa dhala namaa balleessuu harka 10 niqaba qorannoon jedhu erga ifoomeen boodammoo yaaddoon kuni dabaleera.
Namoota kaan ammoo kan yaaddesse waa'ee hubannoon namtolchee dhala namaa balleessuu kana caalaa dhalli namaa walii isaa miidhuuf hubannoo namtolchee fayyadama kan jedhudha.
Kanneen hubannoon namtolchee fuuladuratti dhala namaatiif yaaddoodha jedhanii kaasan, yaadota addda addaa akka sababaatti eerantu jira.
Gabaasaan BBC Joo Tiidii karaalee afur kuni ittiin ta'a jedhaman akka armaan gadiitti kaa'eera.
Tokkoffaa: Bu'uuraalee misoomaa butuudhaan
Sababa hubannoo namtolcheetiin wantoota nita'u jedhamanii tilmaaman keessaa tilmaama jalqabaa kan kaa'e Jeekoon Kooksani.
Qorataa duraanii Open AI fi Antiroopik kan ta'an hayyuun kun hubannoon namtolchee dhala namaatiif yaadoo ta'uu eeran.
Ogeessi kuni ji'a tokkoon dura dhaabbata Antirookii gadhiisan. Hubannoon namtolchee dhala namaa irratti 'Qumaara taphachaa jira' jechuun qeeqan.
Adeemsi ittiin hubannoon namtolchee guddachaa jiru yaadota ammaan dura asoosamoota keessatti himamaa turan qabatamaan mul'isaa jiras jedhan.
"Fakkeenyaaf sochiiwwan addunyaa irratti taasifamaniif murteessoo kan ta'an bu'uuraalee misoomaa irratti hubannoon namtolchee haleellaa saayibarii geessisuu mala" jedhu.
Hubannoon namtolchee bu'uuraalee misoomaa hunda osoo cufee ibsaan, interneetii fi meeshaaleen hoo'a too'atan hundi hojii dhaabu.
Kana hundarra ammoo hamaa kan ta'u hubannoon namtolchee balaa Nukilaraan walqabatu geessisuf carraa qabaachuu isaati jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Lammaffaa: Hubannoon namtolchee waan hunda yeroo too'ate
Tilmaama lammaffaa kanaaf ka'umsa kan ta'e qorannoo A.L.A bara 2025 ifoomedha.
Qorannoon ogeessonni hubannoo namtolchee hojjetanii fi dhiibaa qabeessa jedhame 'AI 2027' jedhamu wantoota fuuladuratti ta'uu danda'an addabaase.
Barreesitoota qorannoo kanaa keessaa tokko kan ta'an Tomaas Larsen BBCtti akka himanitti, qorannoon kuni erga ifoomee boodalleen hubannoon namtolchee guddinisaa haalan dabalaa deema.
"Hubannoon namtolchee saffisa cimaadhaan of fooyyessaa deemaa jira. Roobootonni lakkoofsa hedduu qabaniifi guddina dinagdee keessatti gumaacha guddaa qaban too'annoo hubannoo namltolchee jala jiru. Garuu akka michoota keenyaattii isaan ilaaluu hin dandeenyu" jedhan.
Ogeessi kuni akka jedhanitti, hubannoon namltolchee adeemsa keessa meeshaa omishee dhala namaa ajjeesuun dinagdee roobootiidhaan socho'u uumuu danda'a.
Adeemsa kana keessatti kana booda dhalli namaa hin barbaachisu gara jedhutti deemuu akka danda'us himu.

Madda suuraa, Getty Images
Sadaffaa: Hubannoon namtolchee galmasaa yeroo jijjiire
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Tilmaamni sadaffaan ka'umsisaa qorannoo yaadrimee kan filoosooferii Iswiidin waggoota 20 dura hojjetanirraa ka'a.
Qorannoon manaabaa kuni hubannoon namtolchee hanga danda'ameefitti waraqaa sibiila irratti maxxanfamu akka omishu ajajama.
Hubannoon namtolchee ajajni kuni yeroo kennamuuf haala danda'e hundaan waan ajajame kana raawwachuuf yaaleera.
Dachiirra dhalli namaa osoo jiraachuu baatanilleen hamma danda'ameef akka omishuu danda'us amaneera.
Hojii kanas ta'e hojiin biraa yoo kennameef galma sana milkeessuuf jecha 'Dhala namaa balleessuu' dabalatee tarkaanfiiwwan biroos fudhachuu danda'a.
Kanammoo 'Namni kamiyuu dhaabsisuu akka hin dandeenye' himu.
Hubannoon namtolchee qabxii dhala namaatiif balaa ta'uurra kan gahu ergamni badii yeroo kennameef qofa osoo hin taane, adeemsa ergama itti kenname raawwachuuf taasisu kamuu keessatti mudachuu akka danda'us himu.
Hubannoon namtolchee humni inni qabu kan nama malaalchisu ta'ulleen balaan inni fidus nama yaaddessa.

Madda suuraa, Getty Images
Afraffaa: Addunyaa hin beekamne
Yaadamni hubannoo namtolchee waliin walqabatu biraan teeknolojiin kuni maalifii fi akkamiin dhala namaa ajjeessuu danda'a jedhanii raaguuf yaaluun hiika akka hin qabne ibsa.
Qabxii kana kan kaasan Pirezedaantii waldaa eegumsa nageenyummaaa hubannoo namtolchee addunyaa Istuwaart Rasuli.
"Fakkeenyaaf jaldeessota bira deemnee 'Dhalli namaa akkamiin isin balleessuu danda'a?' jennee osoo gaafannee deebii hin argannu. Sababni isaas wanti dhalli nama hojjetu jaldeessotaaf ifa miti" jechuun BBCtti dubbatan.
Waa'ee hubannoo namtolchee malamalteewwan adda addaa kaa'uun danda'amulleen meeshaan ogummaa dhala namaa caalu erga omishameen booda maal akka hordofsiisuu danda'u tilmaamuun hin danda'amu.
Hogganaan hubannoo namtolchee maayikiroosooft Musxafaa Suleeymaan, Dhaabbileen teeknolojii maallaqa argachuu fi qabeenya walitti qabachuuf jecha galma isaanii hubannoo namltolchee irratti fe'uun yaaddoodha jedhu.
"Hammamileen nujaalatu dhala namaa waliin waan galteedhaan waldorgomu uumuu jechuudha" jedhu.
Yaanni kunneen dhugaa ta'uu danda'uu?
Yaanni olitti caqafaman waan bu'uura hin qabneefi asoosama saayinsii kan fakkaatani. Ogeessonni tokko tokko malamalteewwan tokko tokko dhugoomuu akka danda'an amanu.
Moodeelonni Open AI, Antirook fi Meettaa too'annoon ala bahuun haleellaa saayiberii raawwachuun isaanii namoota hedduu yaaddesseera.
Akka ogeessonni jedhanitti, haleellaa Kanaan kan miidhaman dhaabbilee teeknolojiiti.
Ogeettiin nagummaa haleellaa saayiberii Ameerikaa duuraanii fi amma dursituu konfaransii nageenya saayiberii idil addunyaa kan ta'an Jeen Isterlii,"Maashinoonni dadhabnee hin beeknee fi galma itti kenname milkeesuuf dhama'an kunneen hojii kan hojjetan karuma diizaayinii godhamaniini" jedhu.
Kanaaf jecha kalaqtoonni teeknoloojii hubannoo namtolchee yeroo diizaayinii godhanii fi Yaalan dursa kennuufii kan qaban eegumsa nageenyummaatiif ta'uu akka qabu gorsu.
Barreessaa fi Saayintistiin yeroo dheeraaf kubbaaniyyaawwan hubannoo namtolchee qeequun beekaman Geerii Markas, dhaabbileen kunneen karaa iftoomina hin qabnee fi seeraaf hin bitamneen hojiisaanii hojjetu jedhu.
Isaan garuu teeknolojiin hubannoo namtolchee dhala namaa balleessuu danda'a jedhanii hin amanan.
"Hubannoon namtolchee dhala namaa irratti miidhaa guddaa geessisuu osoo barbaadeellee namoonni falmachuun isaanii hin oolu" jedhu.
Dhimmi dhala namaa balleessuu xiyyeeffannaa guddaan akka kennamuuf himu. Ta'ummoo xiyyeeffanaan kan irratti ta'uu qabu miidhaa dhalli namaa hubannoo namtolchee fayyadamuun haleellaa saayibarii raawwachuu danda'anidha jedhu.
Open AI, Antirook fi Meettaan saffisa guddina hubannoo namtolchee akkamiin suutessuu akka danda'an irratti mari'achaa jiru.
Toomaas Laarsen "waa'een nageenyummaa hubannoo namtolchee dhumarratti xiyyeeffannaa argachuu isaatti gammachuun qaba. Hawaasa keessatti komii uumuun isaa imaammatoonni akka bahanii fi balaan isaa akka hir'atuuf gargaara" jedhu.
Seera idiladdunyaa baasuuf mariiwwan jalqabamanis, pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma hubannoon namtolchee dhala namatiif yaaddoodha jedhu kana 'waan sobaati' jechuun busheessan.


























