Maqaleetti tajaajilli bilbilaafi intarneetii deebi'uu jiraattonni himan

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Magaalaa guddoo Naannoo Tigraayi Maqaleefi naannoosheetti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii guyyootaaf adda citee ture deebi'ee hojii jalqabuu jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Naannoo Tigraayitti tajaajilli intarneetii fi bilbilaa Itiyootelekoom torbee darbe gaafa Kamisaa ture kan addaan cite.
Tajaajilli bilbilaafi intarneetii kan deebi'e Sambata kaleessaa Fulbaana 23/2019 Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa fi Humni Nagaa Tigraay Maqalee to'achuusaanii hordofeeti.
Tajaajilli bilbilaa fi intarneetii guyyoota kudhaniif addaan citee ture Dilbata ganama yeroo deebi'u jiraattonni Maqalee firoottan isaaniitti bilbiluu akka danda'an BBCtti himaniiru.
Jiraattonni lama BBCn har'a ganama dubbise akka jedhanitti Maqaleetti tajaajilli bilbilaa ganama sa'aatii 4 irraa eegalee, Wuqroo fi naannolee birootti ammoo ganama sa'aatii 2 irraa eegalee hojjechuu jalqabeera.
Jiraattonni BBC'n dubbise, hanga humnoonni federaalaa Sambata waaree booda magaalaa Maqalee to'atanitti saamichi bal'aa dhaabbilee mootummaa irratti raawwataa akka ture himaniiru.
Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne kan gaafatan jiraataan Maqalee tokko, hidhattoonni Humna Nagaa Tigraayi jedhaman, humnoota mootummaa federaalaa waliin tahuun, jiraattota magaalichaa tasgabbeessaa, Sambata waaree boodaa fi Dilbata ganama nagaa yeroo kabachiisan arguu himan.
Itti dabaluunis, guyyoota kudhan darban keessa yeroo tajaajilli bilbilaa fi intarneetii Maqaleetti addaan cite rakkoon maallaqaa mudachuun yaaddoo guddaa akka ture himuun, tajaajilichi deebi'uun haaragalfii guddaa akka taheef himaniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Magaalattii keessatti tajaajilli intarneetii deebi'ee eegaluun tajaajilli maallaqa moobaayilaan dabarsuu deebi'ee akka eegalu taasisa.
Mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti waldhibdeen uumame hammaatee waraanni Roobii Fulbaana 13, 2019 A.L.I jalqabuun booda tajaajilli bilbilaa fi intarneetii addaan citee ture.
Torban darbe tajaajilli bilbilaa erga addaan citee booda, hooggantoonni TPLF mootummaa federaalaa waliin lolatti jiran, tajaajilli bilbilaa fi intarneetii akka adda citu gochuu isaanii Rooyitars gabaaseera.
Paartiin SIMRET tokkummaa miseensota Wayyaanee duraaniifi gorsaa muummicha ministeeraatiin Geetaachoo Raddaan durfamus ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti qoodeen hoggantoonni TPLF tajaajila bilbilaafi intarneetii addaan kutan jechuun himatee ture.
Sanbata kaleessaa waaree booda humnoonni federaalaa Maqalee erga to'atanii booda, TPLF ibsa galgala baaseen "yeroodhaaf" magaalattii keessaa bahuu beeksiseera.
Ibsa Waajjirri Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Tigraay irraan baaseen, sochiin waraanaa adda hedduudhaan eegale guyyoota muraasa keessatti gara magaalaa guddoo naannichaa babal'achuu isaatiin, lammiilee nagaa irratti balaa akka ta'e ibseera.
TPLF dhiibbaa lolli kun jiraattota irra ga'u hir'isuu fi bulchiinsichi hojii isaa bakka biraa irraa akka itti fufu gochuuf "yeroodhaaf" magaalaa Maqalee gadhiisee bahuu ibseera.



























