Namichi utuu lubbuun jiruu 'du'eera' jechuun ibsa gaddaa hojjatate hidhaa bu'e

Madda suuraa, Bench Sheko Zone Communication
Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti, namni umuriin isaa waggaa 31 ta'e tokko utuu lubbuun jiruu akka waan du'e fakkeessuun baannerii ibsa gaddaa ofii isaa irratti qopheessise to'annoo poolisii jala oole.
Gochi kun Fulbaana 21, 2026, Godina Benchi Shekoo, Aanaa Beenchi Kaabaa keessatti raawwatamuu Ajajaan Poolisii Aanichaa, Itti-aanaa Inispeektaraa Zallaaqaa Kooshekaa, BBC'tti himaniiru.
Akka poolisiin jedhutti, namichi kun suuraa fi maqaa isaa fayyadamuun akka waan du'eetti ibsa gaddaa qopheessisee hawaasa keessatti tamsaase.
Ibsa gaddaa sana keessattis guyyaa Fulbaana 21, 2026 addunyaa kanarraa du'aan boqochuu isaa ibsuun maatii fi firoota isaaf jajjabina hawwe.
Poolisiin akka jedhetti, namichi kun baannerii gaddaa sana qopheessisuu isaa dura, Fulbaana 20, namoota naannoo isaa jiraatan doorsisaa ture.
Keessumaa namoota isa waliin waldhabbii akka qaban himatu irratti tarkaanfii akka fudhatu dhaadataa ture.
Baannerii gaddaa sana erga hojjachiifatee boodas, namoota isa "arrabsan" jedhee yaaduuf ddorsisa "kunoo isiniif dhufe" jedhuun ummata 'shororkeessa' ture jedhe poolisiin.
''Diinota isaa'' fixee achiis akka ''of galafatu''ibsuun hawaasa keessatti 'naasuu fi burjaajii' uumera.
Gochi akkasii hawasa keessatti kan hin baratamnee fi sodaa uume waan ta'eef namni kun to'annoo poolisii jala akka ooluu taasifamuu poolisiin BBC'tti hime.
Eragsiis to'anoo poolisii jalatti qorannoon irratti gaggeefamaa jira.

Madda suuraa, Bench Sheko Zone Communication
Ajajaan Poolisii Itti-aanaa Inispeektaraa Zalaaqaan, yoo namni tokko isa arrabse ykn yakka biraa irratti raawwate, seeran gaafachuu utuu danda'uu, ibsa gaddaa qopheessuu fi hawaasa keessatti sodaa uumuun "gocha hin baratamne" raawwachuun "hanqina naamusaa" ta'uu dubbatan.
Akka isaan jedhanitti, taatee du'aa hin uumamne akka waan uumametti fakkeessuun hawaasa burjaajessuu fi jeequmsaaf saaxiluu danda'a.
Gochoonni seeraan alaa fi jeequmsaa akkasii dhaabbachuu akka qabaniillee ajajaan poolisii kun kan akeekkachiisan.
Namoonni rakkoo ykn walitti bu'iinsa qabaatan karaa seeraa furmaata barbaaduu akka qabanis dhaaman.
Poolisiin, qorannoo isaa erga xumuree booda, gochi inni raawwate ija seeran isa gaafachiisa moo hin gaafachiisu, seera yakkaa qaba moo hin qabu kan jedhu hordofuun adabbii barsiisu kennuuf qaamolee qooda fudhattoota wajjiin hojjataa jiraachuu ajajaan poolisii kun himaniiru.




























