WBOn tumsa hidhattootatti dabalamuun Oromoo biratti maaf mufii uume?

Madda suuraa, SM
Hidhattoonni Itoophiyaa keessa jiran torba, tumsa maqaa "Wal-ta'iinsa Ofbaraaruu" jedhu hundeessuun, mootummaa MM Abiy Ahmad aangoorraa fonqolchuuf waliigalle jechuunsaanii ni yaadatama.
Itoophiyaa keessatti humnoota mootummaa waliin lolaa kan jiran Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), TPLF fi Faannoo dabalatee, hidhattoonni torban kunneen tumsa kana tolfachuu isaanii ibsaniiru.
WBO'n Oromiyaa keessa socho'uufi waggoota saddeettan darban keessatti humnoota mootummaa waliin lolaa kan jiru yoo ta'u, tumsa humnoota kana waliin tolfate hordofee, namoota siyaasaa, kanneen WBO deeggaruun beekaman dabalatee, hawaasa Oromoo heddu biratti mormii fi mufii kaaseera.
Gama biraatiin ammoo, tumsa WBO'n hidhattoota akka TPLF fi Faannoo waliin tolfate kan deeggaran jiru. Isaanis tumsi kun sirrii ta'uu fi WBO'n kana gochuun isaa bu'aa malee kasaaraa akka hin qabne ibsu.
Kanneen tumsa kana morman maaliif akka morman, warri deeggaran ammoo maaliif akka deeggaran gama lamaanirraayyuu gaafanneerra.
Ogeessa federaalizimii fi qondaala duraanii mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ta'an Milkeessaa Miidhagaa (PhD), kanneen WBO'n hidhattoota kaan waliin mootummaa Itoophiyaa loluun tumsa tolfachuu isaa "gaarii godhe" jedhanii deeggaran keessaa tokko.
Sababa kanaaf dhiyeessan keessaa inni guddaan, mootummaa MM Abiy Ahmediin hogganamu qabsoo karaa nagaa "balbala cufee" jiraachuu isaati; kanaafuu carraan WBO'n qabu humnoota hidhatanii mootummaa lolan waliin tokkummaa uumuu ta'uu ibsu.
"Aniyyuu waggaa lamaan tokko achi keessatti [mootummaa waliin] hojjadheera. Gaafa dubbiin kun hammaatu, gaafa nuuf galu keessaa baanee uummata dhiifama gaafannee gara sagalee uummataa ta'uutti deebine," kan jedhan Milkeessaa Miidhagaa, uummanni Oromoo bal'inaan jijjiirama akka barbaadu amanu.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"[MM] Abiy Ahmed qabsoo karaa nagaa guutummaatti cabsee jira. Kuni ammoo qabsoo hidhannoof karaa bane. Qeerroofi Qarreen kaleessa jijjiirama kana fide mana taa'uu dadhabdee laga buute, gaara galte; dogoggoraniiru jedhee hin dubbadhu ani," jechuun warri akka WBO qawweetti amanan wal-tumsuun isaanii homaa dogoggora akka hin qabne kaasu.
Girmaa Guutamaa (PhD), siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan hordofanii fi xinxalan yoo ta'an, kanneen tumsa WBO'n humnoota hidhatan waliin tolfate morman keessaa tokko.
Humnoota siyaasaa waliin tumsa gochuun rakkoo qabaachuu baatus, fedhii uummataa fi kaayyoo siyaasaa qaama waliin tumsa godhatan sirriitti hubachuun barbaachisaa akka ta'e BBCtti himaniiru.
Gama biraatiin ammoo, tumsi humnoonni hidhatan kunneen taasisan tumsa siyaasaa waan hin taaneef, carraan isaa itti fufuu akka hin amansiifne himu.
"Tumsi siyaasaa, siyaasa irratti wal-dubbattee, erga nyaapha kee mo'atteellee sana booda waan gooturratti walii galta," jechuun, tumsi WBO'n hidhattoota kaan waliin taasise kun waliigaltee siyaasaa waan hin qabneef amansiisaa akka hin taane dubbatu.
Waraanni Bilisummaa Oromoos tumsi hidhattoota Itoophiyaa kaan waliin tolfate kan waraanaa malee kan siyaasaa akka hin taane ibseera.
Gorsaa Ajajaa Olaanaa WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa, turtii BBC waliin taasisaniin, keessumaa humnoota Faannoo kanneen ejjannoo siyaasaa WBO waliin faallaa ta'e qaban waliin akkamiin akka hojjetan gaafatamanii, isaaniif Faannoo caalaa yaaddoon mootummaa Itoophiyaa akka ta'e himan.
"Yaada galmaan geenyu sana itti yaadnee, lafa keenyee, haala dantaa ummata keenyaa hin sharafne, bara baraan jiraatu lafa keenye. Sana hin sharafnu," jechuun, WBOn tumsa kanaan waan miidhamu homaa akka hin qabnee fi akka wal-ta'iinsa bara Chaartaraa fi kanneen biroo ABOn itti ganame akka hin taane himu.
"ABO-WBOn waan dhabe hin qabu. Hoggansi isaa dirree jira. Akka durii kiyyoo keessa galee waan nu yaaddessu hin qabu. Waraanni isaa, hidhannoon isaa mudhii isaarra jira. Kaayyoon isaa sammuu isaa fi onnee isaa keessa jira. Kana qabatee maalidha yaadda'a?" jedhan Obbo Jireenyaa.
Waraanni Bilisummaa Oromoo tumsa kanatti makamuun waan ta'uu hin malle jedhamee sababoota ka'an keessaa tokko, humnoonni kun itti milkaa'anii mootummaa yoo kuffisan, sana booda waan ta'u irratti "waan bilchaataa lafaa hin qabani"; carraan TPLF akkuma durii deebi'ee aangoo dhuunfatee WBO ganuu mala kan jedhuudha.
Milkeessaa Miidhagaa yaada kana hin fudhatan. Akka isaan jedhanitti, xiinsamuun "Oromoon akkuma kana dura ganame, deebi'ee ganama" kan jedhu yaada irraa dhufe ta'uu kaasu.
"Sodaan jiru 'ta'innaadha. Yoo akkas ta'e maal ta'e?' soda jedhuudha kan gaafatamaa jiru. Kun [humna] Oromoo tuffachuudha. WBOn bosonumatti hafa jechuudhaa?" jechuun, ilaalchi kun jijjiiramuu akka qabuufi "WBOn siyaasa giddu-galaa dhuunfatee gara Kaabaatti deemuu qaba" jedhamee yaadamuu akka qabu kaasu.
Girmaa Guutamaa garuu yaada kanatti walii hin galan. Akka isaan jedhanitti, WBOn tumsicha keessatti akka qaama jabaatti akka hin hirmaanne falmu.
Kana bifa lamaan ibsu: inni jalqabaa, gaggeessitoonni WBO hundi tumsa kanatti dabalamuurratti akka walii hin galle; kan lammataa ammoo, yaadni tumsa tolfachuu kan ka'e WBO irraa osoo hin taane, humnoota Kaabaa, jechuun TPLF fi Faannoo irraa akka ta'eedha.
Waa'ee gaggeessitoonni WBO hundi tumsa irratti hirmaachuurratti walii hin galle jedhuun, BBC'n addatti waan mirkaneeffate hin qabu.
Akka Girmaa Guutamaa jedhanitti, humnoota mootummaa Itoophiyaa humnaan kuffisuuf tumsa tolfatan torba jedhamee ibsamus, kanneen ijoo sadi: WBO, TPLF fi Faannoo akka ta'an ibsu.
"Isaan torba jedhan; ana kan natti mul'atu sadi. Humna Oromoo, humna Amaaraa fi humna warra Tigraayi. Kanneen sadan gidduutti siyaasni hin dubbatamne," jechuun, siyaasni humnoota kanaa "kan wal-balleessuudha" jechuun tumsicha qeequ.
Addumatti ammoo, hidhattoota Faannoo kanneen "federaalizimiin akka diigamu barbaadan" waliin hidhata tolchuun kasaaraan isaa Oromoof balaa akka ta'eefi kanumaaf jecha tumsi WBO'n hidhattoota kanneen waliin tolfate Oromoo heddu biratti mormii akka mudate himu.
Keessumaa, hidhattoonni Faannoo "warra federaalizimii diiguu barbaadudha. Oromoon ammoo kan sanaa olii barbaada. Zamanaa kaasee of dura qabdee dhuftee waanti Oromiyaaf buustu hin jiru. Uummanni [Oromoo]os kana beekaaf mormaa jira," jechuun, addumatti humna kaayyoo siyaasaa faallaa qabu waliin tumsi godhamu gaaga'ama akka fidu ibsu.
"Badhaadhinni EZEME fi ABIN waliin erga hojjatee, WBOn Faannoo waliin hojjachuun maaf cubbuu ta'a?"
Itoophiyaa keessatti humnoonni hidhatan ykn dhaabonni siyaasaa wal-ta'iinsa tolfachuun mootummaa irratti qabsaa'uun waan haaraa miti.
Mootummaan MM Abiy Ahmadis akkasuma dhaabota siyaasaa ilaalcha siyaasaa Paartii Badhaadhinaa irraa adda ta'e qaban waliin hojjechaa jira. Keessumaa, hoggantoonni paartilee akka EZEMA fi ABIN muudama argatanii mootummaa waliin hojjechaa jiru.
Akka Milkeessaa Miidhagaa jedhanitti, mootummaan yeroo ilaalcha garaa garaa qaban waliin hojjetu sirrii ta'ee, kan WBO'n Faannoo waliin hojjechuun "cubbuu ta'uu hin qabu" jedhu.
"Badhaadhinni EZEMA waliin hojjetaa jira; ABIN waliin hojjetaa jira. Muudama kenneefii jechuudha. Paartii Simret kan [Obbo] Getaachoo Raddaan hogganamu waliin hojjetaa jira," jechuun, paartilee "Tsimdoo Abiy Ahmed" jechuun ibsan kanneen irratti gaaffii namni kaasaa akka hin jirree fi kan WBO gaafa ta'u gaaffii kaasuun sirrii akka hin taane ibsu.
Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti "shororkeessaa" jedhamuun kan farrajamee jiru WBO qofaa ta'uu kan ibsan Milkeessaan, "Nama shororkeessaa jedhee si farrajee, dirooniin si ajjeesuu barbaadutu warra ebeluu bira dhaqxe [tumsa tolfatte] gaafa jedhu, waan deemsisu miti," jedhu.
Dabalataanis, yeroo mootummaan qaamolee isa waliin ejjannoo faallaa qaban waliin hojjetu sirrii ta'ee, kan WBO irra gahee balfamuu akka hin qabne falmu.
Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mohaammad tumsa hidhattoonni taasisan kana "jigii waliif bahuu" jechuun, turtii BBC waliin taasisaniin ibsaniiru.
Humnoonni kun inumaayyuu abjuu fi fedhii faallaa qaban; inumaayyuu "lafa na duraa fudhatte" jechuun wal dhabaafi wal himataa turuu hima.
Akka Jawaar jedhutti, tumsi kun kan yeroo gabaabaa, [tumsa tooftaa], malee tumsa tarsiimoo miti.
Kanaaf, tumsi ammaa "yeroodhaaf jigii walii bahuuf" tumsa taasifamedha, akka isaan jedhanitti.
Gama biraatiin ammoo, WBOn tumsa kanatti dabalamuun dura qor-qalbii hawaasa Oromoo akka hin qoranneefi kanarraa kan ka'e tumsa kanatti dabalamuun mormiin cimaan akka isa mudatu taasisuu hima.
Mootummaan Itoophiyaa wal-ta'iinsa kana duuba kan jiru qaamolee alaa ta'uu irra deddeebiidhaan ibsaa jira.
Humnooti torba walitti dhufanii tumsa tolfachuu haa himatan malee sadi qofti: WBO, TPLF fi Faannoo, qofa akka ta'aniifi "Ertiraafi Masiriin duuban jiru jedheen amana" jedhu Girmaa Guutamaa.
Akka inni jedhutti, humnoota ilaalcha faallaa qaban walitti dhufuu alatti, humnoonni alaa duuba jiraachuun Oromiyaa keessatti tumsi kun akka didamu taasiseera.
Gama biraatiin ammoo, yaadni tumsa kanaa jalqabumaayyuu WBO biraa madduu dhabuufi, sababa WBOn tumsichatti dabalameef hawaasa Oromoo fi namoota siyaasaa isa deeggaraa turan dabalatee mormiin isa mudataa waan jiruuf, "tumsicha keessatti garee xiqqaa akka ta'u isa taasisa," jedhu Xiinxalaan siyaasaa Girmaa Guutamaa.
Tumsa uumachuun rakkoo akka hin qabne kan ibsan Girmaan, garuu yeroo tumsi siyaasaa godhamu faayidaan argamu shallagamuu akka qabu ibsu.
"Faayidaa keessaa argachuu kan dandeessu tumsa siyaasaa yoo tolfatteedha. Siyaasaan hanga tokko yoo walitti dhiyaattedha," jechuun, wal-ta'iinsa Adda Warraaqsa Dimokiraatawaa Uummatoota Itoophiyaa (ADWUI) bara 1991 taasise akka fakkeenyaatti fudhatu.
"[ADWUI] humnoota sabaafi sab-lammii garaa garaa walitti dhiyeeffatanii [tumsa] tolfatan. Kuni [wal-ta'iinsi hidhattoonni akka WBO fa'aa tolfatan] akkasii miti," jechuun, siyaasaan tumsa hin tolfanne taanaan uummataaf balaa ta'uu ibsa.
Paartii Badhaadhinaa keessatti Badhaadhinni naannoo Amaaraa fi kan Oromiyaa waliin hojjechuu erga danda'ee, WBO fi Faannoon maaliif waliin hojjechuu hin danda'an? Gaaffii jedhuuf, garaa garummaan guddaan akka jiru ibsa.
"Badhaadhinni Amaaraa yoo xiqqaate federaalizimii kana diiguuf hin qabsaa'an. Wallaggaan Bizaamoo hin jedhan. Finfinnee irratti mirga ofii gaafachuu malu malee, [akka Faannoo] Oromiyaan haa diigamtu hin jedhan," jechuun, Badhaadhina naannoo Amaaraa fi Faannoo waliin hojjechuun garaa garummaa guddaa akka qabu ibsa.


























