Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Boordiin Filannoo 'galmee filattotaa dirqamaa fi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaaba siyaasaa manarra deemuun 'galmee filattotaa dirqamaa raawwachuufi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise.
Bulchiinsi waggoota saddeetii MM Abiy yeroo xiinxalamu
Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.
KALLATTIIN, Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' -Tiraamp
Pirezidant Doonaald Tiraamp waraana Iraan ilaalchisee Waayit Haawus keessatti ibsa kenneen Kaayyoon tarsiimawaa US Iraan keessatti qabdu 'goolabamuutti dhiyaateera' jedhe.
Hanqina boba'aa mudate hordofee daballii gatii omishaaleerratti waan ummanni jedhu
Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC'n haasofsiise himaniiru.
Waraanni Somaaliyaa magaalaa loltoonni Itoophiyaa buufatan Baayidowaa maaliif to'ate?
Magaalaan Baayidowaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo yoo taatu, humna nagaa kabachiisaa AMISOM jalatti loltoonni Itoophiyaa irra jireessi magaalattii keessa buufachuutu himama.
Hanqinni boba'aa guddaa addunyaa yoom mudate? Kan ammaa hangam hammaataadha?
Dhiyeessii boba'aafi annisa addunyaaf bu'uura kan tahe Ulaan Hormuuz cufamuun diinagdee biyyootaa gara rakkoo wal-xaxaatti geessaa jira.
Ulaa galaanaa Baab El Mendeb Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne yaaddoo uume
Ulaa Galaana Diimaa daandii doonii murteessaa tahe akka cufsisuu dandeessu Iraan dhaadannaan daldala idil-addunyaa irratti danqaan biraa mudachuu danda'a yaaddoon jedhu uumameera.
Xiyyaar-samiin Naasaa ergama Addeessaaf qajeelte Dachee marsaa jirti
Gareen saayintistootaa ergama Artemis II jedhamu turtii guyyoota 10f Ebla gara hawaatti ergamaniiru. Qorattoonni kunneen ergamni isaanii gara Addeessaatti ta'us, achirra hin qubatan garuu itti marsu jedhameera. Ergamni waggaa 50 booda ta'e kun seenaa keessatti hanga dhalli namaa Dacheerraa fagaatee deeme caalaa fagaatanii deemu.
Gatiin konkolaattota elektirikii Itoophiyaatti 'garmalee' dabaluun waraana Iraan waliin hidhata qabaa?
Konkolaataan Suzuki Dzire kanaan dura miiliyoona 3 fi kuma 300n gurguramaa ture; amma gatiin isaa miliyoona 4 fi kuma 300 ol gaheera.
Halaabaatti daa'imman lama lagni nyaate guyyoota sadii oliif reeffi barbaadamus hin argamne
Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti Ijoollee obbolaawwanii kan ta'anii fi daa'imman umriin isaanii waggaa 11 fi 12 ta'an guyyoota sadiin dura eessumman isaanii bira deemuuf Laga Bilaattee jedhamuun beekamu wayita cehuuf yaalan lagaan nyaatamuu Pooliisiin BBCtti hime.
Taphattootni Arsenaal 11 biyyaaf taphachuurraa kan hafan miidhamaaf moo of qusachuuf?
Arsenaal yaaddoo miidhama taphattootaa keessa jiramoo morkii waancaa liigichaa fi Shaampiyonsi Liigiif of qusachaa jiru?
'Miilaan imaluu aadeffadhaa'-Tarkaanfiiwwan mootummaan boba'aa qusachuuf baase maali fa'i?
Hanqina boba'aa sababa waraana Baha Jiddu-galeessaan uumame damdamachuuf mootummaan murtoowwan garaagaraa dabarseera.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Iraan ulaa Galaana Diimaa cufuuf dhaadachuun Itoophiyaaf maal jechuudha?
Ulaa Galaana Diimaa Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne sodaatameera.
Viidiyoo, Sababa 'waraana Iraaniin' Itoophiyaatti rakkoon boba'aa mudate
Keessumaa gama Kibba Itoophiyaa magaalaa Hawaasaafi kaanitti hiriirri konkolaataa dheeraa mul'achuu BBC'n taajjabeera.
Viidiyoo, US fi Israa'el Iraan laamsheessine jedhu, Tehiraan akkamiin dhukaaftiree?
US fi Israa'el torbaanotaaf dandeettiin waraana Iraan laamshayuu himaa turan.
Viidiyoo, Ameerikaan humna lafoon Iraan seenuuf karoora addaa qabdii?
Qondaalonni waraanaa US, humna lafoo Iraan keessa bobbaasuuf karoora bal'aa qopheeffataa akka jiran michuu BBC kan tahe CBS gabaase.
Viidiyoo, Weellisaan jaalatamaa Daawwitee Mokonniin waa'ee karoora isaa maal hima?
Artist Daawwitee Mokonniin weellistoota fakkeenya ta'aniif keessaa tokko weellisaa Tsaggaayee Danda'aa ta'uu BBC'tti dubbate.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Hanqina boba'aa magaalota Itoophiyaa hiriira konkolaataan dhiphisaa jiru
Itoophiyaa keessatti hanqina boba'aa mudachaa jiruun magaalota hedduu buufataaleen boba'aa keessatti hiriira konkolaataa arguun baratamaa dhufeera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Naannoo Badhaadhinni kaadhimamaa hin dhiyeessine Tigraayitti filannoon gaggeeffamaa?
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Waa'ee Filannoo Itoophiyaa marsaa 7ffaa hanga ammaa waan beeknu
Itoophiyaan filannoo waliigalaa biyyaalessa marsaa 7ffaa gaggeessuuf qophiitti jirti. Guyyaan filannoon biyyaalessaa itti gaggeeffamu ammoo Waxabajjii 1, 2026 akka ta'e Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisee ture.
KFOn waa'ee filannoo Itoophiyaa maaliif callise?
Paartiin Kongirasii Federalawaa Oromoo (KFO) filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa irratti akka hirmaatu ibsus, akka paartilee kaanii yeroo duula filannoos ta'ee falmii siyaasaa gaggeessu hin mul'atu.
Warra Oromiyaa keessatti filannoorratti hirmaanna jedhan hin tuqnu, garuu filannichi 'fakkeessuudha' - WBO
Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaa Waxabajjii dhufu gaggeeffamu haqa qabeessa ta'a jedhee akka hin amanne Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) beeksise.
Filannoo darberratti Finfinneetti Badhaadhina bakka bu'uun filataman keessaa dhibbentaa 60 ol kan biroon bakka buufaman
Filannoo marsaa 6ffaa A L I bara2013 gaggeeffanerratti paartii biyya bulchu bakka bu'uun Finfinneetti paarlaamaafi mana-maree magaalaatiif filataman keessaa dhibbentaa 62 kaadhimamtoota haaraan bakka buufaman.
Misaa'eloonni Iraan magaalota Awurooppaa qaqqabuu danda'uu?
Iraan balastik misaa'elii gara buufata waraanaa waloo UK-US kan odolo Giyeegoo Gaarsiyaa Garba Indioyaarratti argamutti dhukaasuun ishee walitti bu'iinsi Baha Giddugaleessatti dhalate hammaachaa dhufuu isaa ifatti agarsiisa.
Haleellaan Iraan irratti baname akkamiin guutuu addunyaa raase?
Waraanni Ameerikaafi Israa'el Iraan irratti eegalan erga eegalee torban sadii ta'uuf deema. Dhiibbaan isaammoo Giddugala Bahaarra darbee biyyoota addunyaa nagaa dhowwaa jira.
Ajajaan Humna Eegumsa Warraaqsa Iraan IRGC-QC Esmaayil Qaanii lubbuun jiruu?
Erga Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala 28 waraana Iraan irratti bananii yeroo jalqabaaf Ajajaan Humnoota IRGC-QF Esmaayil Qaanii ibsa kenne.
Mariin MM Abiy waraana keessa bulchitoota Arabaa waliin godhan maal hima?
Waraana Giddugala Bahaatti hammaateen kanneen yaaddoo seenan keessaa tokko Itoophiyaan nagaan akka bu'u gaafataa jirti.
Ispoortii
Xaaliyaan ammas waancaa addunyaarratti hin hirmaattu, Turkiimmoo waggaa 24 booda itti deebite
Shaampiyoonaan yeroo afurii addunyaa Xaaliyaan yeroo walitti aanu sadaffaaf waancaa addunyaarratti hirmaachuurraa hanqatte.
Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Kufaatii kileboota Piriimer Liigii fi taphoota Shaampiyoonsi Liigii haalan eegaman
Kileboonni Piriimer Liigii jaha wal faana yeroo jalqabaaf gara ramaddii kileboota 16 Shaampiyoonsi Liigiitti yeroo darban deeggartoonnii fi xiinxaltoonni kubba miilaa cimina Piriimer Liigiin qabu kaasuun dinqisiifataa turan.
Senegaal Waancaa Afrikaa mulqamuun 'haqa miti' jette, malaammaltummaa himatte
Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa Morookoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 akka taatu murteesse.
Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?
Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.
'Evertan Arsenaalitti cimuunsaa hin oolu': Tilmaama taphoota Piriimer Liigii
Xiixalaan kubbaan miillaa BBC Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii Ingilaand Sambataa hanga Wiixataatti taphataman kurnan tilmaameera.
Morkii kilaboota Ingilaand gufachiise, olaantummaa Arsenaal kilaboota Jarmanii irratti qabu obbaase
Kilaboonni ja'anuu gara saddeetiitti makamuu ilaalchisee tilmaamni Opta dhaan kenname, kan tapha dorgommii kilaboota 16 gidduutti gaggeeffamu dura kennamee tureerraa hir'ateera.
Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise
Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Cooma tiruu lubbuu baayyee galaafataa jiru akkamitti ofirraa ittisna?
Dhibeen cooma tiruu ykn fatty liver jedhamu dhibee mallattoo yeroo dheeraaf otoo hin agarsiisiin lubbuu namaa galaafatan keessaa tokko.
Koornaa dabalatee kubbaan bakka dhaabbaterraa dhiitamu akkamiin akka Piriimer Liigii jijjiiraa jiru
Arsenaal kubbaa bakka dhaabbatee dhiituun goolii 14 lakkoofsisuun dursaa jira. Kun ammoo Piriimer Liigii keessatti yeroo kamirrayyu caalaa isa olaanaadha. Gama kaaniin Maanchester Siitiin kubbaa bakka dhaabatee dhiitamurraa goolii tokko qofa lakkoofsisuun bara kana Piriimer Liigii keessatti isa dhumaadha.
Morkii Arsenaal-Cheelsiifi taphoota Piriimerliigii eegaman
Dorgommiin Piriimerliigii torban 28ffaa har'aa hanga Jimaatatti gaggeeffame. Falmiin darbii Landan Dilbata Arsenaalifi Cheelsii gidduutti taasifamu imala taphoota imala waancaa murteessan keessaa ijoodha.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.