Fiigicha badhaasa hanga birrii miiliyoona 1 argamsiisu dabalatee taateewwan Irreechaa ijoo

Madda suuraa, OBN
Irreecha bara 2026 waliin walqabatee taateewwan adda addaa magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Irreechi Hora Finfinnee Onkoloolessa 3, 2026 ykn ALI Fulbaana 23, 2019 kan kabajamu yoo ta'u, kan Hora Harsadii ammoo Onkoloolessa 4, 2026 ykn ALI Fulbaana 24, 2019 kabajama.
Guyyaa Irreechaa dursuun taateewwan Irraachaan walqabatan ALI Qaammee 1, 2018 irraa eegaluun gaggeeffamaa jiru jedhan Gorsaa Olaanaan Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa Obbo Birhaanuu Buxee.
''Agarsiisi aadaa Goobee fi Shinooyyee kan dargaggoonni fi shamarran duudhaa fi seenaa uummata ittiin mul'isan magaalaa Finfinnee dabalatee kutaalee Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa turan. Qophiin Irreechaa achirraa erga eegalee adda hin cinne,'' jedhan.
Qophiin kun hanga guyyaa Irreechaatti akka itti fufu kan himan Obbo Birhaanuun, sagantaan Miss Irreechaa filachuu, fiigichi Irreechaa fi fooramiiwwan Irreechaan walqabatan qaama sagantaa kanaa ta'uu ibsan.
Fiigicha guddicha Irreechaa irratti atileetota kuma tokko dabalatee namoonni kuma 50 ta'an hirmaachuu kan ibsan Obbo Birhaanuun, ''sagantaan kun akkaataa Irreecha madaaluun qophaa'e,'' jedhan.
Akkasumas kabaja ayyaana Irreechaaf akkaan murteessaa kan ta'e malkaa qopheessuu fi haxaarriin xumuramuu ibsan.
''Haxaarriin kan Finfinnee xumurameera, kan Bishooftuu ammoo bor raawwatama.''
Fiigichi Irreechaa kan baranaa yeroo lammaffaaf ta'us garuu akka addaatti sona hedduu dabaluun qopheessuu ibsan Obbo Birhaanuun.
''Mootummaan naannoo Oromiyaa guddummaa Irreechaa agarsiisuuf sagantaa qopheesseedha. Dorgommiin fiigichaa dhiiraa fi dubaraan hanga birrii miiliyoona tokkoo argamsiisu qopheessuun sirna kana seera qabeessa taasisa,'' jedhan.
''Seenaa atileetota biyya keenyaa keessatti dorgommiin akkanaa badhaasa hanga kana argamsiisu gaggeeffameetuu hin beeku. Rikardii haarawatu galmaa'e jechuu dandeenya.''

Madda suuraa, OBN
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Qophii fi taateewwan Irreechaa milkeessuuf qaamolee hawaasa hunda hirmaachisuu kan himan Obbo Birhaanuun, kana keessatti abbootiin qabeenyaa ga'ee guddaa gumaachuu ibsan.
Akka fakkeenyaatti Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa waliin ta'uun dorgommii Miss Irreechaa kan qopheesse abbaa qabeenyaa Hoteela Shanan ta'uu dubbatan.
Shamarran Miss Irreechaa ta'uun filataman tokkoffaa hanga shanaffaatti badhaasa argachuu ibsan Obbo Birhaanuun.
Dorgommii kanarratti tokkoffaa ba'uun Miss Irreechaa kan taate Urjii Biqilaa, dorgommii akkaan ulfaataa ture keessa darbuun milkaa'uusheetti gammachuu itti dhagahame BBCtti himteetti.
''Dorgommii ulfaataa ture, ammoo baayyee namatti tola. Dorgomtoonni baayyee danda'u. Shamarran ciccimoodha,'' jechuun dorgommichi ulfaataa ta'uu ibsite.
Waggaa tokkoof Miss Irreechaa taatee kan turtu Urjii Biqilaa, ''guyyaa Irreechaa dabalatee waggaa guutuu waa'ee adaa, seenaa fi duudhaa Irreechaa beeksisuu, hubachiisuu irratti akka xiyyeeffattu,'' himte.
''Afaan barbaachisu hundaan maalummaa Irreechaa hubachiisuuf, mallattoo sirna kanaa ta'ee duudhaa kana namoota barsiisuuf itti gaafatama fudheera.''
Obbo Birhaanuun Irreechi of danda'ee hambaa killayyaa addunyaa akka ta'uuf ''mootummaan kallattii garaagaraan sirna kana beeksisuurratti xiyyeeffatee jira. Sagantaa haaromsa aadaa keessatti xiyyeeffannaa guddaan sirna Irreechaaf kennameera,'' jedhan.
Hanga ammaatti qophiiwwan ''Goobee fi Shinooyyee, fooramiiwwan adda addaa, sagantaa Miss Irreechaa fi fiigichi Irreechaa taateewwan Irreechaan walqabatanii gaggeeffaman'' kan ibsan Obbo Birhaanuun, ''itti aansuun Horri Finfinnee erga haxaaramee booda, sagantaa filannoo Miss Tourism Oromia, fooramiin Irreechaa fi haxaarriin Hora Harsadii ni gaggeeffama,'' jedhan.
Hooggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Rooozaa Biyyaa ga'ee Fiigicha Irreechaa irratti miidiyaa biyyattiirratti wayita dubbatan ''fiigichi kun Irreecha sadarkaa addunyaatti caalaatti beeksisuu kan kaayyeffatedha,'' jedhan.
Dorgommii kanarratti atileetonni gameeyyiin biyyattii hedduun argamanniiru. Atileet Xurunash Dibaabaa fi Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Silashii Sihiin kanneen argaman keessaati.
Atileet Silashii Sihiin Fiigichi Guddichi Irreechaa kun Irreecha beeksisuu fi tuurizimii guddisuun cinatti atileetotaaf carraa guddaa kan uumu ta'uu dubbate.
Morkiin atileetoota giddu ture fuula duraaf sadarkaa addunyaatti hirmaachuuf carraa gaarii kan fiduuf ta'uu hime.
Ambaasaaddara fiigicha Irreechaa kan taate Xurunash Dibaabaa fiigicha guddaa Irreecha dabaaluuf qophaa'e kanarratti argamuutti gammaduu himte.
Fiigicha kanarratti biyyoota ollaarraallee, Yugaandaa fi Taanzaaniyaa, atileetonni bebbeekamoon hirmaachuu ibsan Obbo Birhaanuun.
Atileet Xurunash dorgommiin kun kana caalaa guddatee akka addunyaatti beekamtii akka argatuuf hojjetamuu qaba jette.
Fiigicha kanarratti saala lamaanuu tokkoffaan birrii miiliyoona tokko, lammaffaan birrii kuma 750, sadaffaan birrii kuma 500 badhaafamaniiru.





























