Muhoozii: 'Yugaandaan Itoophiyaaf deeggarsa waraanaa kennuuf qophiidha'

Gen Muhooziin uffata waraana Yugandaa uffattee dhaabbata. Namoonni muraasni duuba isaatii mul'atu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Yugaandaa, Jeneraal Muhoozii Ka'inerugabaa, yoo mootummaa Itoophiyaa irraa gaaffiin dhiyaate, Yugaandaan loltoota ishee gara Itoophiyaa erguuf qophii ta'uu ibse.

Ilma Pirezidaant Yuweerii Museveenii kan ta'e Jeneraal Muhooziin, miidiyaa hawaasaa irratti, "Lola haaraa kana keessatti obboloota keenya Itoophiyaa deeggaruuf murteessineerra. Yoo hoggansi Itoophiyaa gargaarsa keenya gaafate, UPDF hin mo'amne ni ergina," jechuun barreesse.

Yaadni kun yeroo walitti bu'iinsi kaaba Itoophiyaa, keessumaa naannoo Tigraayitti, deebi'ee hammaachaa jirutti dhufe.

Humnoonni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni isaan deeggaran gara magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee gahuu gareen TPLF irraa fottoqan Humni Nagaa Tigraay (TPF) miidiyaa hawaasaarratti maxxanse.

BBC'n kana mootummaa ykn TPLF irraa mirkaneeffachuu hin dandeeye.

Jeneraal Muhoozi dhimma nageenyaa fi siyaasaa biyyoota garagaraa irratti yeroo adda addaatti yaada kennuun beekama.

Kun yeroo jalqaba miti kan hogganaan waraanaa kun dhimma Itoophiyaa irratti yaada dhiheesse.

Bara 2021, yeroo waraanni Tigraay keessa ture, Muhoozin TPLF fi uummata Tigraay deeggaruun yaada isaan miidiyaa hawaasaa irratti ibsee turan.

"Obboloonni keenya warri Tigraay jiran mo'amuu hin danda'an," jechuun barreesse, akkasumas namoota Tigraay keessatti ajjeefamanii fi miidhamaniif haqni akka jiraatu gaafachaa turan.

Yeroo sana mootummaa Yugandaafi Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii yaadni Muhoozi sun ejjennoo mootummaa Yugandaa akka hin taane ibsanii turan.

Bara 2022 garuu, Muhoozin gara Finfinneetti imaluun MM Abiy Ahmad fi hoggantoota waraanaa Itoophiyaa waliin mari'atan. Daawwannaa sana booda mootummaa Itoophiyaa caalaatti deeggaruun ejjennoon isaa jijjiirame.

Amma, waggoota afur booda, Muhoozi ifatti deeggarsa waraanaa Itoophiyaaf waadaa galuu isaa ibseera.

Hariiroo waraanaa Yugandaa fi Itoophiyaa

MM Itoophiyaa Abiy Ahmad fi Pirezidaantii Yugandaa Yuweerii Museveenii harka wal fuudhan. Kun bara 2018 yeroo Abiy daawwannaaf Kampaalaa deeme.
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Yaada Muhoozi kana hubachuuf hariiroo waraanaa biyyoota lamaanii ilaaluun barbaachisaa dha.

Itoophiyaa fi Yugaandaan hariiroo dippiloomaasii fi waraanaa nagaa irratti hundaa'e qabu.

Biyyoonni lamaan bara 2015 irraa eegalee tumsa waraanaa fi nageenya naannawaa irratti waliigaltee qabu. Leenjii waraanaa, odeeffannoo wal jijjiiruu fi hojiiwwan nageenyaa irratti waliin hojjechaa jiru.

Jeneraal Muhoozi fi Ajajaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa, Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, bara 2024 Finfinneetti mari'atanii, leenjii waraanaa waliin gaggeessuu fi odeeffannoo wal jijjiiruu irratti walii galanii turan.

Bara 2026 keessas hariiroon kun itti fufeera.

Onkoloolessa 2, Ambaasaaddarri Itoophiyaa Yugaandaa keessa jirtu, Etsagenet Bezaabih Yimenu, haala nageenyaa kaaba Itoophiyaa ilaalchisee Muhooziif ibsa kennite.

Deeggarsa Muhooziin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaaf qabuufis galateeffattee turte. Muhoozinis tumsa Raayyaan Ittisa Biyyaa Yugaandaa Itoophiyaa waliin qabu irra deebiin ibse.

Muhoozi bara 2024 yeroo daawwannaa Itoophiyaa taasise, Muummee Ministiraa Abiy Ahmed waliin wal argee ture.

Yeroo sana Itoophiyaa "mana abbootii koo" jechuun, Yugaandaa fi Itoophiyaan "obboloota dhiigaa addaan hin cinne" jedhee ture.

Naayiroobii hanga Maqalee

Itoophiyaan biyya Muhoozin yaada irratti dhiheesse qofa miti.

Bara 2022, akkuma Pireezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo filatameen, Muhoozin yaada falmisiisaa kaase.

Isaa fi waraanni isaa torban lama keessatti Naayiroobii qabachuu akka danda'an Tiwiitara irratti barreessuun isaa rakkoo dippiloomaasii cimaa uume.

Pireezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveeniin, ergaa falmisiisaa Jeneraal Muhooziin barreesse kana ilaalchisee lammiilee Keeniyaa dhiifama gaafatee ture.

Abbaan isaa, "Obboloonni keenya Keeniyaa, ergaa Tiwiitarii hogganaan duraanii waraana lafoo, Jeneraal Muhooziin barreessaniif dhiifama nuuf godhaa," jedhee ture.

Muhooziin yeroo sana hogganaa humna waraana lafoo Yugaandaa ture. Yaada isaa kana hordofees aangoorraa kaafame.

Garuu bara 2024, Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Yugaandaa ta'uun muudame.

Waggaa afur booda, Muhooziin yaada isaa jijjiiree fakkaata. Har'a, Onkoloolessa 3, 2026, filannoo biyyaalessaa bara 2027 gaggeeffamuuf Pireezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo deeggaruu isaa ifatti ibseera.

"Af-ya'ii Mana Maree Keeniyaa Mooses Wetaangulaa akka ergamaa koo Keeniyaa keessatti muudee jira. Innis Pireezidaantii koo Ruutoon akka deebi'ee filatamu ni deeggara," jechuun barreesse.

Yaadni kun deeggarsa mootummaa Yugaandaaatiin kenname miti. Garuu Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii irraa dhufuun isaa xiyyeeffannoo argateera.

Ilma Pireezidaantii fi Ajajaa Waraanaa

Muhoozi Kainerugabaa bara 1974 magaalaa Daar es Salaam, Taanzaaniyaa keessatti dhalate. Ijoollee afran Pireezidaant Museveenii keessaa inni ilma angafaa.

Yeroo Muhooziin Taanzaaniyaa keessatti dhalatu, abbaan isaa Yuweerii Museveeniin mootummaa Yugaandaa yeroo sana aangoo irra ture, Idii Amiin, aangoorraa fonqolchuuf sochii taasisaa ture. Idi Amin bara 1979 aangoorraa erga kaafamee booda, Muhoozi, haati isaa fi obboloonni isaa gara Yugaandaa deebi'an.

Garuu sababa rakkoo nageenyaa fi haala siyaasaa biyyattiin keessa turteef, yeroo muraasa booda gara baqannaa deebi'uuf dirqaman.

Maatiin Museveeniin bara 1986, yeroo Yuweerii Museveeniin mootummaa fonqolchee Pireezidaantii Yugaandaa ta'etti, gara biyyattiitti deebi'an. Imala maatii isaanii kanaan kan ka'e, Muhooziin ijoollummaa isaa keessatti Keeniyaa dabalatee biyyoota adda addaa keessatti barnoote. Barnoota sadarkaa lammaffaa Yugaandaa keessatti xumuree, Yunivarsiitii Nottingham, Biriteeni keessatti barate.

Muhooziin bara 1999 Raayyaa Ittisa Biyyaa Yugaandaa (UPDF) seenee, bara sanas Akademii Waraanaa Royal Military Academy Sandhurst, Biriteeni keessatti leenjii waraanaa jalqabe.

Muhooziin Shaarlote Kutesaa waliin bara 1999 gaa'ela godhate. Isaan ijoollee sadii qabu.

Sadarkaa waraanaa adda addaa keessa darbuun aangoo ol'aanaa irra ga'e. Bara 2024 irraa eegalee Ajajaa Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Yugaandaa ta'ee tajaajilaa jira.

Aangoon isaa garuu dhimma waraanaa qofa waliin kan daangeffame miti. Waggoota darban keessatti maqaan isaanii siyaasaa Yugandaa keessattis yeroo baay'ee ka'aa ture.

Bara 2022 keessa Pireezidaantii Yugaandaa ta'uu akka barbaadu ifatti dubbatee ture. Yeroo sana, gara fuulduraatti Pireezidaantii biyyattii ta'uu akka danda'u yaada isaa miidiyaa hawaasaa irratti ibsee ture.

Abbaan isaa Yuweerii Museveeniin immoo bara 1986 irraa eegalee, waggoota 40 oliif, Pireezidaantii Yugaandaa ta'ee aangoo irra jira.