Seenaa, adeemsafi caaseffama Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa

Madda suuraa, HOPR
Gamoon Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Kiiloo Afur jiru siyaasa Itoophiyaa keessatti taatewwan heddu keessummeessera.
Gamoo kana keessaa labsiiwwan garaa garaa heddu bahaniiru. Bakka waraanni itti labsame, araarri itti bu'e ta'eera.
Siyaasa Itoophiyaa keessatti "seena qabeessa" kan jedhame Ministiirri Muummee duranii Hayila Maariyaam Dassaalany mana maree kana keessatti aangoo karaa nagaan MM Abiy Ahmadiif dabarsan.
Dhaabonni siyaasaa mana maree kana keessatti "shorokeessaa" jedhamanii farrajamaniru; kanneen irraa ka'es manuma maree kana keessatti. Labsiin Yeroo Muddamaa si'a heddu labsamee kan ka'e gamoodhuma mana maree kana keessatti.
MM Abiy Ahmad "shororkeessaan nuyi" jedhanii afaan guutanii kan dubbatanis gamoodhuma mana maree kana keessatti.
Ofii Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa eessaa ka'ee eessa gahe?
Seenaa mana marichaa
Hundeeffamni Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaafi heera biyyattii wajjin kan wal-qabatuudha. Heerri Itoophiyaa yeroo jalqabaaf ALItti bara 1923tti ragga'e.
Manni maree ykn Parlaamaan Itoophiyaa ammoo ALItti Onkoloolessa 24, 1924 kakuu galee yeroo jalqabaaf iffatti hojii eegale.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waa'ee Paarlaamaa Itoophiyaarratti kan barreessan Meersii Fiqaaduu (PhD) kitaabasaanii Parliament in Ethiopia jedhu keessatti, yeroo paarlaamaan Itoophiyaa hundaa'u uummanni biyyattii heddu baruumsa idilee kan hin qabneefi waa'ee dhaabbilee dimokiraasii hubannoo gahaa waan ta'eef, heerri bara 1923 bahe dafee kan bahe ta'uu ibsu.
Murtee isa dhumaa kan kennu Mootii Hayilasillaasee akka ta'e heerri yeroo sanaa waan tumeef, dandeettii seeraa tumuufi hojiirra oolchuu mana maree bakka bu'oota uummataaf danqaa ture.
Mootiin dhimmoota mootummaa hundarratti murtee isa dhumaa waan kennuuf Manni Maree Seera Tumuufi Manni Maree Seera Hojiirra oolchu gara hojii gorsaa hojjachuutti gadi bu'anii ture.
Heerri ALItti bara 1948 bahe garuu waantoota haaraa qabatee dhufe keessaa miseensonni paarlaamaa mirga himatamuu dhabuu akka qabaniidha.
Akkasumas heerri haaraan kun miseensonni paarlaamaa mindaan akka kaffalamuuf tume.
Miseensonni Mana Maree Hoji Raawwachiiftuu hanga tokko sagalee uummataan akka filaman tuma heerri bara 1948 bahe.
Sirni Hayilasillaasee erga kufee booda Manni Maree Seera Tumuufi Manni Maree Seera Raawwachiistuu duraan ture Dargiin Shangoo Biyyaalessaa jechuun bakka buuse.

Madda suuraa, SM
Mana Maree Bakka Bu'oota Uummaataa Federaakawa Dimokiraatika Rippaabilika Itoophiyaa (FDRE)
Mootummaan Dargii erga kufee booda mootummaan Itoophiyaa kan bulche Mana Maree Cehuumsaa hundeessuun yoo ta'u, manni marichaa waggoota afuriif ture.
Heerri ALItti bara 1987 ragga'e sirni mootummaan Itoophiyaa ittiin bulu sirna paarlaamaa ta'uu ibse. Akkasuma Itoophiyaa keessatti aangoon olaanaan kan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa ta'uu heerichi lafa kaa'a.
Akkaataa heera mootummaa Itoophiyaa amma hojiirra jiruun, miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa sagalee uummataan akka filamanii waggaa shaniif tajaajilu.
Manni marichaa hojiiwwan idilee kan hojjatu dambii "Adeemsafi Namuusa miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa" ALItti bara 2008 baheeni.
Akkaataa dambii kanaan, manni marichaa caasaa Yaa'ii Waliigalaa, Af-yaa'ii, Itti Aanaa Af-yaa'ii, koreewwan dhaabbii garaa garaa kan qabuudha.
Jalqaba bara hojii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarratti, Pirezidaantiin Itoophiyaa ykn pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Itoophiyaa yaa'icha banuun filannoon Af-yaa'ii taasifama.
Hojiin ijoon Af-yaa'ichaa, olaantummaan Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa gaggeessufi bulchuudha.
Akkasumas yaa'iwwan gaggeeffaman dursuufi yaa'ii hatattamaa waamunis gahee Af-yaa'ichaati.
Akkaataa dambii mana marichaan, wal-gahiiwwan gosa sadiitu gaggeeffamu.
Kan jalqabaa torbanitti guyyaa lama: Kibxataafi Kamisa kan gaggeeffamuudha.
Yaa'iin biraa manni marichaa taa'u, yaa'ii hatattamaati. Kunis, manni marichaa osoo boqonnaarra jiruu waanti murtee mana marichaa barbaadu yoo mudate kan waamamuudha.
Yaa'ii sadaffaan kan idilee yoo ta'u, galmuma mana marichaa keessatti kan gaggeeffamuudha. Yaa'iin hatattamaa garuu bakka Af-yaa'iin ni mijata jedhetti kan gaggeeffamuudha.
Gosti afraffaan Yaa'ii Cufaatti gaggeeffamuudha. Yaa'iin cufaa akka gaggeeffamuuf miseenonni mana marichaa harki caalmaan deeggaruu qabu.
Aangoon Koree Dhaabbii maalidha?
Akkaataa dambii mana marichaa ALItti bara 2008 ragga'een, Koreewwan Dhaabbii garaa garaa wixineewwan seeraa osoo hin ragga'in dura akka qoratanii yaada furmaataa dhiyeessan irraa eegama.
Kana jechuun wixinee seeraa Mana Maree Bakka Bu'ootaaf ergame tokkorratti murtee dhumaa kan qabu Koree Dhaabbitti. Wiixinee seeraa keessaa wantoota bahuu qabaniifi itti dabalamuu qaban ilaalchisee sirreeffama kan taasisu Koree Dhaabbiti.
Tokkoon tokkoo Koree Dhaabbii miseensota 11-25 kan qabu yoo ta'i Walitti Qabaafi Ittaanaa Walitti Qabaadhaan kan gaggeeffamuudha.
Koreen Dhaabbii wiixinee seeraa akka ilaaluuf itti kenname tokko rakkoo bu'uuraa qaba jedhee yoo amane, Af-yaa'ii beeksisuun wixinichi sirratee akka dhiyaatuuf qaama dhimmi ilaallatutti deebisuu danda'a.
Akkasumas bajanni waggaa mootummaafi bajanni dabalataa sirnaan qophaa'ee dhiyaachuufi mirkanaa'uu kan to'atu Koree dhaabbiti.
Angawoota mootummaa akkamiin dhiyaatanii gaafatamu?
Akkaataa dambii mana marichaa bara 2008 baheen, manni marichaa barbaachisaa ta'ee yeroo argametti qondaalonni mootummaa federaalaa dhiyaatanii gaaffii akka gaafataman ni taasisa.
Qondaalota mootumaa qofaa osoo hin taane, Ministiirri Muummee waggaatti al sadi Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhiyaachuun gaaffii miseensota mana marichaa irraa ka'aniif deebii kennuu qabu.
Ministiirri Muummee jalqaba kan dhiyaatan yaa'oo waloo Manni Maree Federesheeniifi Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa gaggeessan irratti. Yaa'ii kanarratti Pirezidaantiin Itoophiyaa karoora waggaa mootummaa dhiyeessu. Ministiirri Muummees ijjannoo mootummaa ibsuuf ni argamu.
Kanarratti dabalataan Ministiirri Muummee yeroo qabameefitti waggaatti si'a lama Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti dhiyaachuun gabaasa erga dhiyeessanii booda gaaffilee ka'aniif deebii kennu.
Manni marichaa qaamni mootummaa kallattiin akka gabaasa dhiyeessuf ajajuuf aangoo qaba.
Akaataa Dambii Adeemsafi Namuusa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti, miseensi paarlaamaa gaaffii deebii afaanii barbaadu gaafachuu yoo fedhe, yaa'in osoo hin gaggeeffamin guyyaa 10 dursee gaaffii sana barreeffamaan Af-yaa'idhaaf dhiyeessuu qaba.
Af-yaa'iin gaaffii dhiyaate fudhachuufis ta'ee kuffisuu ni danda'a.
Gaaffiin miseensi paarlaamaa barreeffamaa dhiyeesse fudhatama yoo argate, ministiirri dhimmi ilaallatu akka deebii kennuuf Af-yaa'iin haala ni mijeessa.


























