'Fuulli koo akka waan ibiddaan gubatee natti dhaga'ame' — Shamarree bareedinaaf yaalii qola ijaa taasifatte

Suuraan fuula Nikitaa mul’isu kun, yaalii baqaqsanii hodhuu booda akkaataa fayyaa jiruu agarsiisa. Naannoo ijaa ishee lamaan irratti madaa fi hodhaan ni mul’atu. Qolli ijaa ishee dhiita’ee, diimatee jira. Kunis yaalii ishee dhiheenya kana taasifame ta'uu agarsiisa.
Ibsa waa'ee suuraa, Qolli ijaa Nikitaa inni gubbaa hodhamee ture. Suuraan kun torban tokkoo erga yaalii taasifatte booda kaafame.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 8

Akeekkachiisa: Odeessi kuni suurawwan madaa qabanii fi ibsa baqaqsanii hodhuu qaba

Yaaliin baqaqsanii hodhuu qola ijaa gubbaa ykn jalaarraa gogaa, maashaa fi cooma baasuun, qulqulleessanii ilaaluuf ykn fuula bareechuuf taasifamu, dabalaa jira.

Haa ta'u malee, yaaliin kun rakkoolee fayyaa cimaa geessisuu danda'a.

Yaaliin kun blepharoplasty jedhamuun beekama. Miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoon yaalii kanaa babal'achaa dhufuu fi biyya alaa keessatti gatii xiqqaan argamuu isaatiin fedhiin yaalichaa dabalaa jira.

Haa ta'u malee, BBC'n namoota yaalii kana godhan booda rakkoo isaan mudate hedduu dubbiseera. Isaan keessaa gariin ija isaanii sirnaan cufachuu dadhabaniiru; kanneen biroo immoo madaa, infekshinii fi rakkoolee biroo isaan mudateera.

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu ijaa UK keessa jiranis, keessumaa namoota biyya alaa keessatti yaalamanii deebi'an keessaa, rakkoolee akkanaa hedduu arguu isaanii himaniiru.

Nikitaa Morgan, namoota bareedinaaf yaalii kana godhatan keessaa tokko. Ergasii ammoo rakkoon cimaan isheerra gahuu dubbatti.

"Namni hundi akka waan baay'ee salphaa ta'eetti naaf ibse, garuu fuulli koo akka waan ibiddaan gubataa jiru natti dhaga'ame; fooliin gogaa gubataa baay'ee hamaa ture," jetti Nikitaan, yeroo yaalii qola ijaa ishee ibsitu.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Erga miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoo waa'ee yaalichaa argiteen booda, Nikitaan yaalii blepharoplasty ykn gabaabinaan "bleph" jedhamu, kan gogaa ijaa gubbaa irraa baasuu, taasifachuuf murteessite.

Qorichi qaama hadoochu isheef kennamus, dhukkubbiin cimaan itti dhaga'amuu himti.

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu naannoo ijaa irratti addatti hojjetan, lakkoofsi namoota yaalii "bleph" gatii xiqqaan biyya alaa keessatti erga godhatanii booda rakkoon isaan mudate nama yaaddessaa jedhu.

Fedhiin yaalii kanaa biyyoota akka UK keessatti paawundii kumaatamaan lakkaa'amu kan kaffalciisu ta'ulleen sababa boca fuulaa bareecha jedhamuuf fedhiin isaa dabaleera.

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu akka jedhanitti, rakkoon kun kilinikoota guutuu Awurooppaa, Afrikaa fi Eeshiyaa keessatti argaman waliin kan walqabatu.

Akkuma Nikita, namoota biroo rakkoon isaan mudate kudhan dubbisneerra - dubartiin tokko gogaan qoochoo ijaa garmalee waan irraa kaafameef rafuufilleen ijashee pilaasteriidhaan qabsiistee akka raftu himti. Dubartiin biraa tokkommoo ijasheeyyuu akka hin dhabne yaaddoo qabdi.

Ogeeyyiin yaalii baqaqsanii hodhuu UK dhukkubsattoonni biyya alaatti erga yaalamanii booda ija isaanii sirnaan cufuu dadhabuu akka argan nutti himaniiru.

Jiraattun Dabliin Nikitaan, ija ishee caalaatti akka bareeduuf barbaadde, garuu sababa Ayerlaanditti baqaqsanii hodhuun qola ijaa Yuuroo 4,000 ol waan ta'eef hojjetachuu hin dandeenye.

Shamarreen ganna 31 tun, sana booda dhaabbata Nezerlaand, Feeslaanditti Yuuroo 750 yaalii kana argachuu akka dandeessu TikTok irraa hubatte.

Kilinika Dusseldorf, kan isheen keessatti yaalii argatte yeroo tokko bahu tokko kan seenuu fi nama hedduu kan keessumemeessu akka ta'e himti.

Suuraawwan ija Nikitaa lamaan. Gama bitaatti qola ijaa fayyaa qabu, gama mirgaatti immoo qola ijaa yaalii booda kan hodhaa fi madaa mul’isu agarsiisa.
Ibsa waa'ee suuraa, Ija Nikitaa yaaliin dura fi yaaliin booda

Dhaabbatichi Onkoloolessa bara 2024 irraa eegalee kilinika isaa Nezerlaand, Jarmanii fi Siwiizarlaanditti namoota UK irraa dhufan 2,950 ol tajaajila kana kennuu dubbata.

Wal'aansa "nageenyaa fi sadarkaasaa eeggateqabu" akka dhiyeessu kan ibsu yoo ta'u, "hojimaatni keenya komiin harka tokkoo gadi akka irratti dhiyaatu taasiseera" jechuun nutti himeera. Namoota baqaqsanii hodhuu fooyya'iinsaa barbaadan hunda kan hammatu ta'uu baatus.

Namoonni waa'ee rakkoo qola ija isaanii BBC waliin dubbatan harki caalaan isaanii kilinika dhaabbatichaa dhaqaniiru. Garuu walumaa galatti rakkooleen akkanaa namoota meeqarratti mudate kan jedhu ragaa hin arganne.

Adoolessa bara 2025'tti yaalii kanaaf kan deemte Nikitaan, adeemsi kun hangam rakkoo dhaabbataa akka ta'u akka hin hubanne dubbatti, akka "funyaan kee ykn teessuma hojjechuu" ta'a jettee amanti.

Qoricha qaama hadoochu kan kennameef ta'us, doktorri gogaa ijaa micciiramaa taʼe yeroo muruu jalqabu dhukkubbiin kanaan dura ishee mudatee hin beekne itti dhagaʼame.

"Kutaa yaalii baqaqsanii hodhuu keessa seene, baay'ee suukaneessaa ture, Yeroo isheen naa hodhaa turtetti lilmoon gogaa koo keessa yeroo darbu natti dhaga'ama ture." jetti Nikitaan.

Dhaabbatichi ammoo akka jedhutti, namoonni hundinuu adeemsa yaalii dura marii fi unka hayyamaa mallatteessuu, ''odeeffannoo gaarii fi qophii gaarii'' qabaachuu isaanii mirkaneessuuf jedha.

Hakiimni Nikitaa akka jedhutti, Nikitaan yeroo yaalii baqaqsanii hodhuu sana fudhachaa turtetti "sodaa guddaa fi dhiphina keessa" akka turteefi kunimmoo ilaalcha dhukkuba yaalii boodaaf qabdurratti dhiibbaa akka qabu hima.

Sa'aatii muraasa keessatti Nikitaan miira jeeqamaadhaan xiyyaara yaabbatee gara manaatti deebi'aa turte.

Guyyuma baqaqsanii hodhuu sanatti xiyyaaraan balali'uun ogeeyyii fayyaa akkasumas dhaabbatichaan hin gorfamu, garuu namoonni hedduun miidiyaa hawaasaa irratti yeroo kana hojjetan argiteetti.

"Arguuf rakkachaan ture, yeroon ol ilaale, madaankoo dhiiga waan ta'eef akka waan dhiiga boo'uutti natti fakkaata ture." jetti Nikitaan,

Guyyaa yaalii baqaqsanii hodhuu hojjetatetti balali'uu isheetiin nigaabbiti; namoonni kaan akka akkana hin goones gorsiti.

Fedhiin yaalii qola ijaa maaliif dabalaa dhufe?

Waggoota sadan darban keessatti viidiyoon waa'ee qola ijaa baqaqsanii hodhuu miidiyaalee hawaasummaa UK irratti maxxanfaman afur si'a miliyoona 150tti siquuf akka ilaalame xiinxalli BBC ni mul'isa.

Namoonni hedduun maxxansa isaanii irratti bu'aa gaarii kan gabaasan yoo ta'u, baay'een isaanii dhaabbata Feeslaandiitti yaalaman.

Dubartiin tokko qola ijashee kan gadi bu'ee fi mul'ata ishee daangessuu fi mataa dhukkubbii isheetti fidaa akka ture nutti himteetti. Wal'aansa kana argachuuf ulaagaa hin guuttuu turte. UK keessattis dhuunfaan yaalamuuf humna hin qabdu turte. Amma garuu gara Feeslaandi erga deemtee booda dhimmikoo furmaata argateera jetti.

Odeeffannoon Weebsaayitiin dhaabbatichaairratti bahe ''kunuunsa gatii madaalawaa, dhaqqabamaa fi qulqullina olaanaa qabu'' irratti xiyyeeffachuun gabaa jijjiiraa jira jedha. Wal'aansi kun kan raawwatamu hakiimota fayyaa beekamtii qabaniin ta'uus hima.

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu UK akka nutti himanitti, baqaqsanii hodhuun qola ijaa gubbaa akkaataa idileetti gara sa'aatii sadii kan fudhatu yoo ta'u, kunis qophii, baqaqsanii hodhuu fi kunuunsa baqaqsanii hodhuu boodaa dabalata.

Garuu dhukkubsattoonni Feeslaandi dubbisne kilinika keessatti sa'aatii tokkoo gadi akka dabarsan dubbatu.

Feesland akka jedhutti, ogeeyyiin fayyaa wal'aansa baay'ee akka raawwatan hayyamuun baasii baayyee hir'isuuf gargaara.

'Gogaa koo garmalee narraa kutan'

Suuraa ija lama argisiisu. Tokko yaaliin dura, kaan booda. Kan booda jiru madaa qaba.
Ibsa waa'ee suuraa, Laaawuraan yaalii duraa fi yaaliin booda

Baqaqsanii hodhuu Feeslanditti hojjetatte guyyaa saddeet booda, Laaawuraan (maqaamshee kan jijjiirame) madaanshee deebi'ee baname.

Yaaliin ishee Ji'a Waxabajjii keessa kilinika dhaabbatichaa Amsterdam jiru keessatti taasifame jalqaba irratti sirriitti kan raawwatame fakkaata ture. Garuu yeroo gara mana ishee UKtti deebitee hodhaa ishee ofirraa baafatte rakkoon jalqabe.

Namoonni yaalii biyya alaa keessatti godhatan hedduun erga gara biyya isaaniitti deebi'anii booda hodhaa ofirraa baasuu.

Ija ishee gubbaatti kan hodhamee ture hiikatee madaa banaa uumuun infeekshiniif ishee saaxile. Taateen akkanaa waan yoo ogeessi fayyaa sirnaan leenji'e hojjete mudachuu hin qabne jechuun ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu UK nutti himaniiru.

"Yeroon ija koo yeroo dheeraaf cufadhu dhiphinni sun madaan koo akka deebi'ee banamu taasisa ture. Rafuu sodaadheera, yeroo hunda dhiphina keessan ture." jetti.

Guyyoota itti aananiif Laawuraan doktorashee Feeslaandii qunnamuun hordoffiif irra deddeebiin garasitti imaluuf dirqamte.

"Ani boo'aan ture, akkanatti nan dhiisinaa jedhee kadhachaan ture" jetti. Ogeessonni dhaabbatichaa garuu furmaanni gaariin naannuma jirtutti hordoffii taasisuu akka ta'e itti himan.

Laawuraan gara ogeessa ijaa biraatti ergamtee "gogaan garmalee" akka ijasheerraa baafame itti himame.

"Miira balleessummaatu natti dhagahama. Namoonni 'badii mataa keetii' jedhanii yaadu, garuu osoon akkana ta'uu akka danda'u beekee gonkumaa hin deemu ture." jetti.

Laawuraan fodaa bira taa’uun, harka ishee walitti qabattee jirti; ifni aduu rifeensa ishee irratti mul’ata.
Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon ija koo yeroo dheeraaf cufadhu, madaankoo deebi'ee banama yaada jedhun dhiphadha jetti.

Dhaabbanni Feeeslaand sababa laawuraan dhimmashee gara seeraatti fudhatteef dhimma kanarratti yaada kennuu akka hin dandeenye hime.

Dhaabbanni walabaa kan Feeslaandii waliin hojjetu Laawuraaf akka beenyaatti Yuuroo 175 kan dhiheesse yoo ta'u, isheen garuu diddeetti.

Dhukkubsattoonni ija isaanii cufachuu hin danda'an

Ogeeyyiin baqaqsanii hodhuu UK akka nutti himanitti, ji'oota 12 darban keessatti dhukkubsattoota rakkoolee walfakkaataaf saaxilaman hedduun biyya alaatti yaalamanii jiru.

Hojimaata biyya alaa hordofuun dhimmi baay'inaan mul'atu namoonni ija isaanii sirnaan cufuu dadhabuu isaanii akka ta'e qorannoon BBC'n gaggeeffame kan agarsiisu yoo ta'u, miseensonni Waldaa Baqaqsanii Hodhuu Ijaa Biriteen fi Ayerlaanditti argaman 63 deebii kennaniiru.

Suuraa ija lama argisiisu. Tokkoo ija madaa qabdu, kaan kan fayyaa jirtu

"Gogaa garmalee qoochoo ijaa irraa baasuun balaa qaba. Sababiin isaas ija elementootaaf saaxila. Sirreeffamni rakkisaa fi baasii guddaa kan gaafatu ta'uu danda'a," jedhu gorsaan ogeessa baqaqsanii hodhuu Kooliin Viizen.

Dhimmoonni biroo hojimaata biyya alaa irraa gabaafaman madaa, ija wal hin qixxaanne fi madaan banamuu dabalata.

'Ija koo dhabaa jira jedheen sodaadhe'.

Keerii Harti Guyyaa ayyaana qillee bara 2024tti ija banachuuf rakkachaa hirribaa kaate.

Kilinika Feeslaand, Amsterdam keessatti baqaqsanii hodhuu qoochoo Ijaashee hojjetattee guyyoota muraasa booda, ijiishee bitaa dhiita'e dhiiga boo'aa ture, madaan ija lamaan gubbaa banamuu jalqabe.

"sababa Gogaa xiqqootiin ija koo dhabuun danda'a kan jedhuun sodaa guddaan qaba ture," jetti.

Keeriin waan isheerra gahe kanaaf Feeslaand baayyee fagoo waan ta'eef bilbiluun bu'aa akka hin qabne argite.

Boodarra hakiimonni arguushee akka itti fufu isheef mirkaneessan, garuu fuulli ishee akka malee dhukkuba kanaan qabame. Qorichi farra baakteeriyaa ajajameefii hospitaalatti deddeebi'uun dirqama itti ta'e.

Nikitaan ammoo yaaliin baqaqsanii hodhuu erga isheef godhamee torban tokko booda "Akka waan gogaa kee keessaa waan tokko baastutti dadhabbiin sitti dhagahama," jetti.

Suuraa Keerii yaaliin dura fi yaaliin booda.

BBC'n imeelota Kaariin dhaabbatichaaf ergite argateera. Tokko irratti Kaariin waan ishee mudate Facelanditti himuuf yeroo lama qunnamuu fi dhaabbatichi guyyaa 12 booda deebii gabaabaa isheef erguu agarsiisa. Sana booda imeelota muraasa dabalataa waljijjiiraniiru.

Garuu Kaariin akka jettutti, ergasii kaasee dhaabbaticha irraa deebii hin arganne.

Faceland garuu, adeemsa kunuunsa yaalii booda keessatti "deeggarsa ykn hordoffii malee ishee hin dhiifne" jedha.

Dhaabbatichi, dhukkubsattoonni isaan irraa deeggarsa gahaa argachuu dhabuu ykn rakkoon yaalii booda isaan mudate dhaga'uu isaaf gadduu dubbata.

Kaariin, Laawuraa fi Nikitaan dabalatee namoonni BBC'n dubbise hedduun yaaliin booda kunuunsa gahaa dhabamuu akka komii guddaatti kaasu.

"Namni yaalii kana godhate tokko sa'aatii 24 fi guyyoota torbanitti 7 kunuunsa yaalii booda argachuu qaba," jedha Viize.

"Yoo ogeessi yaalicha siif hojjete kiilomeetira dhibba hedduu fagaatu ta'e, yeroo rakkoon uumamutti kunuunsa hatattamaa fi dhiyeenyaan kennuun hin danda'amu."

Yaallii gatiin gadi bu'aa filachuun, tajaajilaa sadarkaan gadi bu'aa argachuu dandeessa jechuun namoota akeekkachiisa.

'Balaa hamaa'

Torbaan tokko erga yaalamteen booda Nikitaan hodhaa ishee ofii isheetiin ofirraa baafatte. Akkaataa itti baaftuufis viidiyoo TikTok ilaaluudhaan baratte.

"Wanti tokko akka gogaa kee keessaa baafamaa jirutti sitti dhaga'ama; kunis akka ati humna dhabdeetti si taasisa," jetti.

Akka Feeslaanditti jedhutti, dhukkubsattoonni hodhaa isaanii yoom akka ofirraa baasanii fi akkaataa hodhaa ofirraa baasan ilaalchisee doktoorota dhaabbatichaan akka mari'atan gorsuu hima.

Nikitaan garuu meeshaa kyaalii boodaa unuunsa ykn qajeelfama ittiin hordoftu akka hin arganne dubbatti.

Nikitaan rifeensa dheeraa gurraacha qabdi; uffata harka hin qabneef mormaatti warqee lama uffattee jirti.
Ibsa waa'ee suuraa, Nikitaan amma kana fakkaatti

Dhaabbatichi garuu dhukkubsattoonni yoom akka hodhaa isaa ofirraa hiikan irratti hakiimota akka mariisisan gorfamuu fi akkaataa kana itti godhan odeeffannoon akka kennamu dubbata. Nikitaan garuu kunuunsa boodaa ykn qajeelfama kana akka hin arganne dubbatti.

Dhaabbatichi dhukkubsattoonni gara kilinika Feeslaandiitti deebi'anii hodhaan akka irraa baafamanillee ni dubbata, garuu namootni nutti dubbatan akkas hin goone.

Vizeen Dhukkubsattoonni balaa infekshinii fi carraa madaan addaan ba'uu hir'isuuf hodhaan ogeessa baqaqsanii hodhuu ykn narsiidhaan baafamuu qaba jechuun gorsu.

Gara waggaa lamaa booda, Keeriin ammallee ija bitaa ishee irratti eelaa qabdi. kunis waan mul'atu jajjaboo fi madaa dabalateeti.

Laawuraan ammoo umurii guutuu ija ishee lamaan gubbaarraa madaa qabaachuu akka dandeessu sodaa qabdi.

"Rakkoo dhuguma sirreeffamuu hin barbaachifne sirreessuuf yaaleera, rakkoo guddaa baqaqsanii hodhuu na barbaachisu qabadheen deebi'eera.Baay'ee nama gaddisiisa."jetti. "