'Bara araaraa, nagaafi jaalalaa akka ta'u hawwina' - Abbaa Gadaa Tuulamaa

Abbaa Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa (kara bitaan durarratti alangee ol qabanii kan mul'atan)
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ummanni Oromoo golee hundarraayyu biyya keessaafi alarrraa, akkasumas sabaafi sablammoonni Itoophiyaa nu waliin irreeffachuuf dhuftan hundi baga nagaan dhuftan.

Irreecha nagaa, kan tokkummaafi jaalalaa nuuf haata'u!

Bara Gadaa isaaniitti Irreecha jalqabaa kan ta'e kanarratti dubbiin angafti isin labsitaniifi xiyyeeffannaan keessan bara kanaa maal jechuun BBCn Abbaa Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa gaafateera.

Hundaa ol Irreechi duudhaafi safuu waan ta'eef, "bara Gadaa keenya kana bara araaraa, bara nagaa, bara jaalalaa, bara gamachuu, bara quufaa, bara gabbinaa, bara tokkummaa biyyi keenya nageenyatti ceetu akka ta'u hawwina," jedhan.

Hojiin keenya inni tokko nageenya kan jedhan Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa, "yeroo malkaatti buunu [irreeffannaaf] yaa Rabbi ati walitti nu araarsi, 'garaa tokko nu godhi, afaan tokko nu godhu, yaada tokkoofi garaa tokko nuuf kennii gara tokkotti nu fidi, wal nu jaallachiisi, nu ijaari' kan jedhu kadhachuufidha kan deemnu," jedhan.

Irreechi nagaadha, araara, dhiifamaa jedha Oromoon. Irreecha irreeffachuu durallee namni garaadhaa hammeenya qabu dhiifama waliif godhee malkaatti deema.

BBCn itti fufee Abbaa Gadaaf gaaffii itti aanu kana dhiyeesseeraaf.

Rakkoo nageenyaan wal qabatee haala Oromiyaan keessa jirtu ni beektu waan ta'ef, isin Abbaa Gadaa warra hidhatee fincilees, warra filamee mootummaa ta'anii teessoorra jiraniiti ykn Abbaa Gadaa Oromoo hundaati waan taataniif, nagaan akka bu'uuf ergaa maalii qabdu?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa akkas jedhan: "Araarri qe'ee irraa ka'a. Oromoon gaafa irreeffachuu gara malkaatti ka'u dursee araara buusa... Malkaa osoo hin bu'iin dura waliif faatumaa[dhiifama] gaafata.

Garaa tokkoon, afaan tokkoon faatii waliif goonee yeroo malkaa buunu [Rabbillee nu dhagaha]. Jalqaba ofumattiyyu araaramuudha. Sanarra darbee ollaan araaramuudha."

Milkiin asumarraa ka'a kan jedhan Abbaa Gadaa Geetuu Taliilaa, ofitti araaranee, walii walii keenyattis, akkasumallee ollaa keenyatti yoo araaramne Rabbillee nutti ni araarama, nageenyllee ni bu'a abdii jedhu qabaachuu dubbatan.

Irreechi akkaa Ambaa Addunyaa ta'ee UNESCO'tti galmaa'uuf yaadamaa kan jru yoo ta'u, kana milkeessuuf ammoo wanti jalqabaa, naamusa, sirnaafi duudhaa Irreechaa eeguudha jedhu.

"Ummanni keenya yeroo Irreecha deemu akkuma kanaan dura barame duudhaafi safuu duraaniyyu ittiin beekamnu dachaa goonee, uffata aadaa keenyaan miidhagnee, sirba afaan keenya keessaa bahu kan [ijaaruufi safuu eegu], faayaan harkatti qabannes akkasuma kan duudhaa ibsu, gita gitaan kabajaan waliif goonu, toora Haadhotii Siinqee, toora Qarreefi Qeerroo, toora maanguddootaa eegnee yoo deemne ittiyyu caalaa miidhagaa deema."

Waan akkasiirraa kaanee hojii biroo hojjjennee galmee guddaa addunyaarratti galmeessuudhaa haala mijeessu kan jedhan Abbaan Gadaa Tuulamaa kun, ummanni Oromoo hundi sirna guddaa kana naamusaafi miidhaginaan mul'isee sirna addunyaa gochuu akka qabus dhaamaniiru.