Karaa sodaachisoo ja'a namni Addeessarratti itti du'uu danda'u

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota 50 dura astironomaroonni Appooloo naannoo addeessaa balaafamaa ta'e dandamachuun addeessarra qubachuu kan danda'an meeshaalee ammayyaa hedduun deeggaramuun ture.
Ammammoo walakkaa jaarraa booda dhalli namaa addeessarra qubatee deebi'uuf qofa osoo hintaanee yeroo dheeraaf turuuf qophaa'aa jira.
Haaluma kanaan NASA'n baasii doolaara biliyoona 20'n addeessarratti buufata ijaaruuf karoorfachuusaa ji'a Bitootessa darbe beeksiseera.
Buufanni dhiyeenya bantii kibbaa addeessaatti ijaaramu kunis iddoo dhalli namaa lafaan alatti dhaabbidhaan itti qubatu akka ta'u yaadama.
Qubannaan kunis adeemsa keessa gara iskuweer kilomeetiroota dhibba heddutti kan babal'atu yemmuu ta'u, maddi anniisaa buufatichaas jalqabarratti ayisotooppiiwwan raadiyoaktiivii, booda keessammoo madda anniisaa niwukilaraa akka ta'u karoorfameera.
Haa ta'u malee buufata kana ijaaruun olitti qormaata kan ta'u namni buufata kana keessatti akka jiraatu dandeesisuudha. Sababnisaas naannoon addeessaa balaawwan hammaatoon kan guutame ta'uusaati. Buufanni dhaabbataan NASAn addeessarratti ijaaruuf jedhus balaawwan ijoo jaha armaan gadii itti aggaamamaniiru:
1. Jiraachuu dhabuu dhiibbaa qilleensaafi ukkaamamuu
Balaawwan ijoo dhalli namaa wayita addeessarra qubatu mudatan keessaa inni tokko dhabamuu dhiibbaa qilleensaati.
Addeessarra qilleensi yookiin atimosfeeriin kan hinjirre ta'uusaatiin namni uffata addaa astironomaroonni uffatan (ispees suwit) hin uffanne tokko ofwallaalee kufuuf sekondiiwwan 10 hanga 15 qofa itti fudhata.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana malees yoo hatattamaan gara iddoo qilleensifi dhiibbaan qilleensaa jirutti hindeebine sekondiiwwan 90 keessatti miidhaa fayyuu hindandeenye yookiin du'aaf saaxilamuu danda'a.
Uffanni addaa astironomaroonni uffatanfi ispees suwit jedhamuun beekamu baqqaana qilleensaa haphii ta'e kan qabu yemmuu ta'u uffatichi tarsa'ee qilleensi sun kan bahu yoo ta'e lubbuun astironotaa balaa keessa seena.
Oksijiiniin uffaticha keessa jiru yoo bade sammuun namaa qilleensa hojiisaaf isa barbaachisu ni dhaba. Kana malees dhiibbaan qilleensaa yoo hinjiraanne tiishuuwwan qaama namaa danfuun qaamni akka malee akka dhiita'u taasisa.
Sekondiiwwan 10 hanga 15 ofwallaaluun dura jiran ni yaadattu mitii? Sekondiwwan kun akkuma libsannaa ijaa dafanii dhumu. Yeroo dogongorri wayii uumamuusaa bartanitti ijji keessan dimimmisaa gara ofwallaaluutti deemaa jirtu.
Rifaatuun qilleensa gadi fageenyaan yoo fudhattanimmoo sirummaa rakkinicha ni hammeessitu. Yeroo dhiibbaan qilleensaa qaama keessan marsee jiru badutti qilleensi somba keessan keessa jiru hatattamaan babal'ata, sombas tarsaasuu danda'a.
Gaasiiwwan kutaalee qaama keessan kunneen biroo keessa jiranis ni babal'atu, qaama keessattis miidhaan cimaa akka qaqqabu taasisu.
Yeroo kanatti osoo baraartonni dhufanii uffaticha qilleensaan guutanii iddoo mijataa isin geessaniyyuu miidhaan isinirra gahe fayyuu kan danda'u ta'uu dhiisuu mala.

Madda suuraa, Getty Images
2. Ho'afi qorra garmalee
Addeessi iddoo hoo'ifi qorri cimaan itti argamanidha. Addeessi atimoosfeerii qilleensa hoo'a qabachuufi raabsu waan hinqabneef tempireecharri addeessarraa yeroo aduun baatutti digiri seentigireedii 120 ol ta'uu danda'a. Teempireecharri kun halkan keessammoo gara digirii seentigireedii -130'tti gadi bu'uu danda'a.
Iddoowwan dhooqaa ifti aduu waggoota biliyoonota hedduf osoo hinqaqqabin gaaddiddeeffamanii turanittimmoo tempireecharri qorraan hanga digiri seentigireedii -240 gahuu danda'a.
Kanaafi astironomaroonni uffata addaa sirni to'annoo tempireecharaa irratti hojjetame kan uffatan. Uffanni kun qaamnisaanii teempireechara mijataa ta'e keessa akka turu gochuun qorra yookiin hoo'a garmaleef akka hinsaaxilamne isaan taasisa.
Haata'u malee, astiroonootonni addeessarra kan jiraatanfi yeroo hunda uffata kana kan uffatan yoo ta'e uffatichi dulloomuun faayidaan ala ta'uun qorra yookiin hoo'a cimaaf saaxilamuun miidhamuu danda'u.
3. Balaa dhagaawwan xixiqqoon haleelamuu
Yeroo baay'ee namoonni saffisa wantoonni garagaraa hawaa keessatti itti socho'an gadi qabanii ilaalu. Haa ta'u malee caccabaawwan hawaa keessa jiran saffisa rasaasa qawwee dachaa 20'n caaluun fiiguu danda'u.
Saffisa kanaan immoo cabduun biyyee yookiin dhagaa hamma firii midhaaniitii gadi taateyyuu helmeetii mataa cabsuu yookiin uffata astoronotaa uruu dandeessi.
Kanaafuu cabduun kun isin rukkuttee lubbuun osoo haftaniiyyuu uffanni uffattan cituusaatiin qilleensi miliquun isin galaafachuu danda'a.
Kanaafuu addeessarratti atimosferiin saffisa caccabaawwan dhagaafi dhukkee hir'isu waan hinjirreef wantoonni xixxiqoon kun nama bifa dhaabbataa ta'een addeessarra jiraatuuf qormaata idilee ta'u.
4. Saaxilamummaa carallaa hamaa
Dhalli namaa gaachanawwan ijaan hinmul'anne lamaan deeggaramee dachiirra jiraata. Gaachanawwan lamaan kunis atimoosferiifi dirree maaginetawaa dacheeti.
Atimoosferiin carallaa altiraavaayoleetii hamaa ta'e ofitti kan fudhatu yemmuu ta'u, dirreen maaginetawaa dachiimmoo paartikiloota anniisaa elektiriikii guddaa qabanfi aduufi kutaa hawaa isa fagoorra dhufan lafa osoo hinqaqqabin kallattii akka jijjiiratan taasisa.
Haa ta'u malee addeessi gaachanawwan lamaanuu hinqabdu. Kanaafis astironootonni carallaa silaa dachiirra osoo ta'anii arguu danda'an dachaa 200 olif saaxilamu. Carallaa kanaaf yeroo dheeraaf saaxilamuun immoo seelotafi qaccee sanyii (DNA) miidhuun kaansariif akka saaxilaman taasisa.
Hammi carallaaf saaxilaman olaanaa yoo ta'emmoo dhukkubbii carallaa battalaafi miidhamuu kutaalee qaamaaf saaxilamu.
5. Kaarbondaayoksaayidiin summaa'uu
Astironootonni hanguma harganan kaarbondaayoksaayidii gara alatti harganu.
Kanaafis sirni dhimbiibduu korojoo dugdarratti baatan keessa jiru rakkoon yoo godhate kaarbondaayoksaayidiin balaaf isaan saaxiluu danda'u uffatasaanii keessatti kuufama.
Kaarbondaayoksaayidiin kuufame kunis dhiignisaanii akka asiidaa'u taasisa. Kunis bowwoo mataa, mataan naanna'uufi ijatti dukkanaa'uuf isaan saaxila. Hanguma hammeentaan asiidii qaamasaanii keessaa dabalummoo ni burjaaja'uu, dhumarrattis of wallaalu.
6. Dhukkee addeessarraa

Madda suuraa, ESA
Halaalaraa yeroo ilaalamu dhukkeen yookiin awwaarri addeessarraa lallaafaa fakkaata.
Haata'u malee, qabatamaan dhukkeen addeessarraa akkaan balaafamaafi astironomaroota mijaa'ina kan dhorkudha.
Tokkon tokkoon firii dhukkee addeessarraa akkuma caccabaa daawitii qara kan qabanidha. Addeessis qilleensa yookiin bishaan qara dhukkeeewwan kunneenii doomsu waan hinqabneef qara isaanii walin turu.
Kanaafis dhukkeen addeessarraa maashinootatti rakkachuun rakkoo uumun cinatti uffata astironoototaa uruu akka danda'u akkasumas sombafi ijarratti miidhaa geesisuu akka danda'u astoronootonni himu.
Somba bira yoo darbanimmoo gara ujumoowwan dhiigaa seenuun ujummoowwan dhiigaa mataasaaniinfi onnee miidhuu danda'u.
Akka waliigalaatti balaawwan tasa addeessarratti mudachuu danda'an dandamachuun waaa tokko ta'us ji'ootaaf yookiin waggootaaf achirra jiraachuun garuu qormaata kanbiraati.
Maashaaleen, lafeen, onneen, ujummoowwan dhiigaafi akkaataan dhiigni sammuu bira itti gahu harkisa lafaarratti kan hundaa'anidha.
Harkisni lafaa addeessarra jirummoo kan lafaan yeroo madaalamu tokko jahaffaa qofa ta'a. Kanaafuu namni addeessarra yeroo dheeraaf yoo ture qaaminsaa akkam ta'a kan jedhu hanga ammaattuu hinbeekamu.
Yinivarsiitii of Saawuz Weelsitti ogeettii baayokeemistiriifi fiziyoloojii kan ta'an pirofeesar Deemiyaa Beelii, addeessarraa yeroo dheeraaf turuun balaawwan uumamaa qofa osoo hintaanee balaawwan xinsammuuf kan saaxilu ta'uu himu.
"Naannoo jireenyaa xiqqoo ta'e keessa namoota muraasa walin ji'ootaaf yeroo turtu yaadi. Dabalataan qilleensi qulqulluun, mukkeen, roobni, wacni simbirrootaa hinjiru. Haala kana keessatti daangeffamanii jiraachuun qormaata ofdanda'edha" jedhaniiru.
















