Biyyoonni ollaa Itoophiyaa Masiriitti ibsa waloo baasuu booda Itoophiyaan Galaana Diimaa fi laga Abbayyaa irratti ejjennoo ibsite

Dura taa'aa bulchiinsa ce'umsaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan, Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii, Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa al-Siisii fi Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud
Ibsa waa'ee suuraa, Dura taa'aa bulchiinsa ce'umsaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan, Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii, Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa al-Siisii fi Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Dureewwan Masirii, Ertiraa, Somaaliyaa fi Sudaan Dilbata, Onkoloolessa 4, 2026 dhimma Galaana Diimaa fi laga Abbaay dabalatee seeronni lageen daangaa qaxxaamuran irratti hojjetan kabajamuu fi hojiitti hiikamuu akka qaban ejjennoo isaanii ibsaniiru.

Biyyoonni afran kora Masirii, magaalaa el-Alamin keessatti gaggeeffatan wayita obbaasan ibsa waloo baasan keessatti lageen daangaa qaxxaamuran irratti badii fi miidhaa raawwachuun akka dhaabbatu gaafataniiru.

''Qajeeltoo dursanii wal beeksisuu, waliin mari'achuu fi waliigaluuf wal tumsuu kabajuun'' murteessaa ta'uu eeran.

Waliigaltee el-Amin jechuun moggaasan kana keessatti akkaataa itti fayyadama laga Abbaay ilaalchisee ibsa baasaniin gochi biyyoota yaa'a gadii Masirii fi Sudaan miidhu kamuu fudhatama hin qabu jedhan.

Ibsa waloo biyyoota afran kunneen irraa kenname hordofee Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa ibsa baaseen ''dhugaa daangaa fi seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaarraa qabdu humni kamuu jijjiiruu hin danda'u,'' jedhe.

Ministeerichi ibsa isaa keessatti dhimma laga Abbayyaas kan eere yoo ta'u ''Itoophiyaan madda laga Abbaayyaati. Bishaan laga kanaa irra jireessi gaarreen Itoophiyaa irraa madda,'' jedhe.

Itoophiyaan bishaan laga Abbayyaa keessaa dhibbeentaa 85 akka gumaachitu kan eere ibsi kun, ''kana waan ta'eef mariin dhimma faayidaa fi bulchiinsa laga Abbayyaa ilaallatu kamiyyuu dhugaa bu'uuraa kana ilaalcha keessa kan galche ta'uu qaba,'' jedhe.

Galaanni Diimaanis qaama bishaanii Itoophiyaa waliin walittti hidhamiinsa seenaa fi daangaa qabu ta'uu eere.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

''Jijjirama yeroo keessa adeemsi siyaasaa jijjiiramus walitti hidhamiinsi cimaan Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu itti fufee jira,'' jedha ibsi kun.

Akkasumas daangaan Itoophiyaa handaara Galaana Diimaa irraa kiilomeetira 48 qofa fagaatee akka argamu ibse.

''Kana waan ta'eef mariin naannawa kanatti dhimma Galaana Diimaan walqabatu, akkasumas caasaalee nageenyaa ilaallatu dantaa Itoophiyaan seeraan qabduu fi walitti hidhamiinsa itti fufaa galaana kana waliin qabdu ilaalcha keessa galchuu qaba,'' jedhe ibsi Ministeera dhimma alaa.

''Dhugaan dhimma daangaa fi seenaan walqabatee jiru xaxaa siyaasaa, tarkaanfii humnaa ykn gocha biyya hookkaruutiin jijjiiramuu hin danda'u.''

Tarkaanfiiwwan karaa ''ergamtoota diinaa'' fudhatamaniin ykn haleellaawwan raawwatamaniin dhugaan lafarra jiru dabuu ykn jijjiiramuu hin danda'u jedhe ministeerichi ibsa isaa kanaan.

Ministeerichi qaamolee himate kunneen maqaan eeruu baatus ''tarkaanfii isaan fudhataniin itti gaafatamummaa, dantaa fi ga'een seera qabeessaa naannawa kana keessatti Itoophiyaan qabdu gadi bu'uu hin danda'u,'' jedhe.

Itoophiyaan hariiroo naga qabeessa, wal kabajuu fi tumsa waloo naannawa kanatti akka itti fufsiistu ibse.

''Itoophiyaan birmadummaa fi tokkumaa daangaa biyyashee akkasumas dantaalee ijoo biyyaalessaa kabachiisuuf yoomiyyuu qophiidha,'' jedhe ibsi kun.

Qaamoleen dhimmi naannawa kanaa (Gaanfa Afrikaa) ilaallatu hunduu tokko fayyadamee kaan kan miidhamu osoo hin taane, marii ijaaru gaggeessuun, waltumsuun akkasumas hariiroo ollummaa mishaa uummachuun waliin akka fayyadamuu qaban ibseera.

Ibsi waloo Masirii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaa maal of keessatti qabate?

Kora affeerraa Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa El-Siisiin gaggeeffame kanarratti kan argaman Dura taa'aan bulchiinsa ce'umsaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan, Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii fi Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohmuud ejjennoo waloo qaban haala kanaan ibsaniiru.

Masirii, Itoophiyaa fi Sudaan waggoota kudha shan caalaniif dhimma laga Abbayyaa irratti waliigalteerra ga'uuf mari'ataa turanillee, dhimma biyyoota hunda waliigalchurra ga'uu hin dandeenye.

Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa madda waldhibdee ta'e bara 2025 kan xumuramee hojii eegale yoo ta'u anniisaa meegaa waatii 5000 maddisiisa.

Masirii fi Sudaan hidhi guddaan Itoophiyaan ijaarte kun yaaddoo itti ta'uu eeruun himannaa dhiheessaa turan.

Itoophiyaan gamasheen sababa hidha kanaan miidhaan biyyoota yaa'a gadiirra ga'u akka hin jirree fi qabeenya uumamaa ishee karaa bilisaa fi seera qabeessa ta'een fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu ibsaa turte.

Ibsa waloo kora qindeessummaa Masiriin el-Alamin keessatti qophaa'e booda ba'e kana keessatti, muddamni fi waldhibdeen Gaanfa Afrikaatti mudate furmaata nagaa fi siyaasaa argachuu akka qabu eerameera.

Tasgabbiin naannawichaa birmadummaa, tokkummaa daangaa, ollummaa gaarii fi walkabajuu irratti kan ijaarame ta'uu qaba jedha ibsi kun.

Akkasumas dhimma biyya tokkoo keessa galuu dhiisuun murteessaa ta'uu eereera.

Biyyoonni afran kunneen ibsa waloo kana kan baasan, waraanni Tigraay fi naannolee ollaa Amaaraa fi Affaar keessatti ka'uu hordofee yeroo waldhabdeen Itiyoophiyaa fi Ertiraa giddutti hammaatetti.

Humnoonni TPLF deeggarsa Ertiraa qabu jedhaman hidhattoota Itoophiyaa keessa socho'an kaan waliin ta'uun mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf sochii erga jalqabanii torban lamatti dhihaateera.

Walitti bu'iinsa dhalate kana keessatti mootummaan Itoophiyaa Ertiraan humnoota TPLF deggeraa jirti jechuun himatteera.

Kana malees, qondaaltonni naannoo Affaarii fi mootummaa federaalaa loltoonni Ertiraa daangaa ce'uun haleellaa banan jechuun himataniiru.

Waggoota muraasa darban keessa hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa michummaa irraa gara diinummaatti kan ce'e yoo ta'u, kunis gara waraanaatti ce'uu danda'a yaaddoo jedhu uumeera.

Walitti dhufeenyi Itiyoophiyaa fi Ertiraa kan yeroo waraana Tigraay jalqabaa cimaa ture, waliigaltee Piriitooriyaa booda hammaate.

Sana booda mootummaan Itoophiyaa mirga ulaa galaanaa argachuu akka qabu ifatti wayita ibsu biyoonni lamaan waldhabdee ifa ta'e keessa seenan.

Itoophiyaan mootummaan Ertiraa TPLF fi gareewwan hidhatanii biyyattii keessa socho'an kaan deggeruun biyyattii tasgabbii dhabsiisuuf hojjachaa jira jechuun himatus, Ertiraan garuu irra deddeebiin himannaa kana haaltee jirti.

Kana hordofuun mootummaan Itoophiyaa dippilomaatota Ertiraa kudhan Finfinnee keessaa yoo ari'u, Ertiraanis hariiroo dippilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu addaan kutteetti.

Tarkaanfiin kun hariiroon dipiloomaasii biyyoota lamaan gidduu jiru akka addaan citu taasiseera.

Tarkaanfii Ertiraa irratti fudhatameen alattis mootummaan Itoophiyaa dipilomaatii Masrii tokko biyya ishee keessaa ari'uun, Masiriinis tarkaanfii walfakkaataa fudhatteetti.

Biyyoonni afran kunneen ibsa waloo baasan keessatti bulchiinsi fi to'annoon Galaana Diimaa itti gaafatamummaa biyyoota isa daangessan jalatti qofa ta'uu akka qabu eeraniiru.

Masrii fi Ertiraan "nageenyaa fi bulchiinsi" Galaana Diimaa dhimma biyyoota qarqara galaanaa qofa ilaallatu ta'uu yeroo ibsan kun kan jalqabaa miti.

Kanaan dura biyyoonni qarqara galaanaa hin taane Galaana Diimaa "seeraan ala to'achuuf" yaaliin godhan seera idiladdunyaa kan cabsu ta'uu ibsanii turan.

Dhimma Sudaan ilaalchisee hoggantoonni biyyoota afranii tokkummaa biyyattii, birmadummaa biyyaa fi dhaabbilee biyyoolessaa biyyattiif deeggarsa qaban mirkaneessaniiru.

Dhaabbilee fi jaarmiyaalee faallaa mootummaa hundaa'an akkasumas loltoota kireeffatamtoota ta'aniif deeggarsa taasifamu kamuu akka morman ibsaniiru.

Adeemsi siyaasaa kan uummata Sudaan ta'ee fi ummata biyyattiin durfamu akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni kunneen dhaabbilee biyyoolessaa Sudaan cimsuuf tattaaffiiwwan taasifamaa jiraniif deeggarsa akka qaban beeksisaniiru.

Biyyoonni kunneen tokkummaa daangaa fi birmadummaa biyyaa Somaaliyaaf deeggarsa guutuu qaban ibsaniiru.

Giddu seentummaa tokkummaa daangaa Somaaliyaa miidhu kamiyyuu, keessattuu Somaaliaandiif beekamtii biyyummaa kennuuf tattaaffii godhamu mormaniiru.

Hoggantoonni kunneen michoonni naannawa kanaa fi idil-addunyaa ergama tasgabbii eegsisuu Gamtaa Afrikaa (AUSOM)f deeggarsa maallaqaa gahaa, itti fufiinsa qabuu fi maallaqa dursee beejamu akka kennan waamicha dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni kunneen marii fi qindoomina biyyoota afranii fi biyyoota Afrikaa biroo gidduu jiru cimsuuf, akkasumas hojimaata bu'aa walga'ii kanaa hordofu diriirsuu irratti waliigalaniiru.

Akkasumas qindoomina biyyoota afran gidduu jiru cimsuuf yeroo yeroon fi yeroo barbaachisaa ta'etti kora kana akka gaggeessan waliigalaniiru.