Biyyoonni Itoophiyaan himattu Masirii, Ertiraa fi Sudaan el-Alamiinitti maal mari'atan?

Pirezidant Abdel Fattaa El-Siisii, Pirezidant Isaayaas Afaworqii fi Jeneraal al-Burhaan
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Abdel Fattaa El-Siisii, Pirezidant Isaayaas Afaworqii fi Jeneraal al-Burhaan
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gaanfa Afrikaatti yeroo kamuu caalaa wayita walitti bu'iinsii fi muddamni hammaatee jirutti Masiriin hooggantoota naannawa kanaa michuuwwan ishee ta'an mariisisaa jirti.

Dureewwan Masirii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaa kan hirmaachise walga'iin kun, bu'uurri isaa walta'iinsa waggoota dura biyyoonni sadi- Masirii, Ertiraa fi Somaaliyaan uummatan irratti mari'achuu akka ta'e ibsameera.

Tumsi kun hidhi haaromsaa xumuramuutti wayita dhihaatetti himannaan Masirii wayita hammaatee ture, akkasumas dhimma ulaa galaanaan walqabatee yeroo muddamni Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Ertiraa gidduutti dhalatetti hundaa'e.

Tumsi biyyoota sadanii kun faallaa Itoophiyaa akka ta'e bal'inaan odeeffamaa ture.

Amma ammoo waggoota darban keessa waraana waliiniin kan miidhamte Sudaan garee kana keessa seenuun walga'iisaaniirratti hirmaataa jirti.

Humni waraanaa Sudaan erga humna addaa RSF jedhamu waliin wal waraanuu eegalee mootummaan Itoophiyaa morkataa isaa kana akka deeggaru himata.

Masriinis dhimma hidha haaromsaan walqabsiisuun himannaa akkanaa dhiheessaa turte.

Walga'iin biyyoota Gaanfa Afrikaa hirmaachise kun biyya naannocha keessatti guddoo fi akkaan murteessituu taate Itoophiyaa hirmaachisuu dhabuu fi gama Itoophiyaan hirmaattota walga'ii kanaarratti himannaawwan dhihaachuun, tumsi biyyoota kunneenii gama faallaa Itoophiyaa dhaabbachuun waan mari'atu fakkeesseera.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Masiriin ibsa irra deddeebiin baasaa turte keessatti dhimmi Galaana Diimaa biyya galaanicha daangessan qofa ilaallata jechuun, fedhii Itoophiyaan ulaa galaanaa qabaachuuf agarsiiste irratti kan xiyyeeffate ture.

Akkasumas loltoota ishee Somaaliyaa keessatti bobbaasuuf fedhii agarsiisuun ishee ga'ee Itoophiyaan qabduun morkachuuf ta'uun ibsamaa ture.

Itoophiyaan, Somaaliyaa irraa kan hafe, biyyoonni amma walga'ii taa'aa jiran kunneen hidhattoota biyyattii keessa jiran deeggaruu fi hidhachiisaniiru jechuun himannaa dhiheessiti.

Masirii, Ertiraa fi Sudaan hariiroon isaan Itoophiyaa waliin qaban adadumaan laafaa kan dhufe yoo ta'u, walqoollifannaa fi walirratti xiyyeeffannaan gidduusaaniitti hammaateera.

Dilbata har'aa, Onkoloolessa 4, 2026 magaalaa kaaba Masiriitti argamtu al-Alamin keessatti biyyoonni afran kora kan gaggeeffatan wayita waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jirutti.

Waraana kanaa walqabatee mootummaan Itoophiyaa hariiroo dipiloomaasii Masirii fi Ertiraa waliin qabdu adda kutteetti.

Wayita hariiroon dipiloomaasii haala kanaan muddama keessa galetti affeeraa Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa El-Siisiin aanga'oonni biyyoota Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaa mariitti jiru.

Waajjirri Pirezidantii Masirii Sambata, Onkoloolessa 3, 2026 akka ibsetti aanga'oonni biyyoota afranii kan walga'aniif ''ajandaawwan naannawaa dantaa waloo waliin walqabatan irratti mari'achuu fi wal tumsuuf'' akka ta'e ibseera.

Gama kanaan adda durummaan dhimmoonni irratti xiyyeefatamu jedhamanii eegaman waraana waliinii Sudaan, haala nageenyaa Somaaliyaa, akkasumas xiyyeeffannaa hedduusaanii kan taate dhimma fedhii Itoophiyaa fi haalota qabatamoo yeroo ammaa mudataa jiran ta'uu danda'u.

Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii fi Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa El-Siisii
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii fi Pirezidantii Masirii Abdel Fattaa El-Siisii

Itoophiyaan torbee darbe keessa dipiloomaatota Ertiraa 10 fi dippiloomaatii Masirii tokko kan ariite yoo taahu, Ertiraanis deebii kanaa Itoophiyaa waliin hariiroo qabdu akka addaan kutte akkasumas Masiriin gamasheen dipiloomaatota Itoophiyaa biyyashee keessaa baasteetti.

Haala kanaan dhimmi Itoophiyaa ajandaa marii biyyoota kunneen isa ijoo keessaa tokko ta'uu akka hin oolle tilmaamuun hin ulfaatu.

Itoophiyaan hidhattoota biyyattii keessa socho'an deeggaru jechuun himannaa Ertiraa, Masirii fi Sudaan irratti irra deddeebiin dhiheessitu biyyoonni kunneen haalaniiru.

Hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa babbaduun biyyoonni lameen waraanatti seenuu danda'u sodaan jedhu biyyootaa fi jaarmiyaalee lixaa irraa bal'inaan dhihaataa jira.

Muddama dipiloomaasii biyyoota lamaan gidduutti uumame hordofee Finfinneetti kan argamu Gamtaan Afrikaa, Itoophiyaa, Ertiraa fi Masiriin haasaawwan fi tarkaanfiiwwan muddamaa fi walitti bu'iinsa hammeessanirraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Hariiroon Masirii, Sudaan, Ertiraa fi Somaaliyaa gidduutti daran cimaa dhufe naannawa kanatti walitti bu'iinsaa fi qoccolloo hammeessa sodaan jedhu qaama hedduurraa dhagahamaa jira.

Waraanni kaaba Itoophiyaa- Tigraayitti deebi'ee ka'uun hammaate itti fufuun humnoonni federaalaa magaalaa Maqalee to'achuu hordofee, waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa gidduutti ka'uu danda'a jedhamaa jira.

Ertiraan kuffistus aanga'oonni Itoophiyaa humnoonni Ertiraa karaa daangaa naannoo Affaar seenuun meeshaalee waraanaa qabatanii lolaa jiraachuu dubbataniiru.

Walga'ii Dilbataa dura Pirezidantiin Masirii Abdel Fattaa El-Siisii biyyisaanii ''nageenya, tasgabbii, birmadummaa biyyaa akkasumas daangaa Ertiraa eegsisuu fi mirkaneessuuf'' akka tumsan ibsanii turan.