Humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa Maqalee jiru 'to'achuu' booda balaliin haqame

Madda suuraa, Geez media
Humnoonni Tigraay guyyaa Roobii ganama buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa magaalaa Maqalee jiru to'achuun isaanii erga dhagahamee booda balaliin gara Tigraayitti taasifaman adda citan.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa guyyaa Roobii barfata keessa fuula Fesbuukii isaarratti ibsa baasen balalii gara Tigraayitti taasisu ''yeroof adda cituu'' beeksiseera.
Waa'ee humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee jiruufi humnoota federaalaan tikfamu to'achuu dhagahamuurratti gama mootummaa federaalaa wanti jedhame hin jiru.
BBC'n deebii argachuuf yaaluus ammatti hin milkoofne.
Sochiin humnoota Tigraay kuni yeroo muddamni Kaaba Itoophiyaatti cimee jiruufi hidhattoonni Itoophiyaa keessa jiran 'mootummaa buusuuf' wal ta'insa tolfachuu erga ibsan booda dhagahame.
Dhaabi TPLF bulchiinsa Naannoo Tigraay aangoorraa buusee hooggansa naannichaa erga to'ate booda ji'oota muraasa darban mootummaa federaalaa waliin muddamni cimeera.
Haleellaawwan dirooniis bakkeewwan Naannoo Tigraay garagaraatti raawwatamuu gabaafamuu itti fufaniiru.
Maddeen BBC'n dubbise akka jedhanitti, gaafa Roobii ganama humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa magaalaa Maqalee jiru to'achuu dubbataniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Miidiyaan Faransaay AFP'n gama isaan maddeen eeruun humnoonni Tigraay buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Magaalaa Maqalee jiru to'achuu isaanii gabaaseera.
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa ibsa baaseen magaalota sadii Naannoo Tigraay keessa jiran; Maqalee, Aksuum fi Shireetti, ALII Fulbaana 13, 2019 eegalee balaliin adda cituu ibseera.
Sababa balaliin adda citeef hin dubbanne. Ibsa isaa keessatti garuu ''haala [naannicha] keessa jiruun'' adda cituu dubbate.
Maddeen BBC balaliiwwan gara Maqalee, Aksuum fi Shireetti taasifaman guutummaan guututti adda cituu isaanii dubbataniiru.
Balaliiwwan kuni garuu yoom akka deebi'anii eegalan Daandiin Qilleensa Itoophiyaa waan dubbate hin qabu.
Hoggantoonni TPLF mootummaa federaalaa kuffisuuf kaayyoo akka qaban irra deddeebiin ibsuu isaanii hordofee mootummaan federaalaa haleellaawwan diroonii humnoota Tigraay irratti qiyyaafatan jedhame raawwachaa tureera.
Guyyaa Kibxataa Naannoo Tigraay naannawa magaalaa Allaamaaxaatti haleellaa diroonii raawwateen yoo xiqqaate namoonni 14 ajjeefamuufi 'baay'ee' immoo madaa'uu isaanii kantiibaan magaalattii Obbo Mogos Shifarraa BBC'tti dubbataniiru.
Kantiibichi ''kanneen ajjeefaman hunduu namoota nagaadha'' jechuun humnoota Tigraayis ta'e meeshaa waraanaa irratti miidhaan gahe hin jiru jedhan.
Haa ta'u malee, jiraattonni sadii BBC'n dubbise kanneen miidhaman keessaa 'hidhattoonni baay'ee' akka jiran himaniiru.
Haleellaan Allaamaaxaa manneen barnootaa Mallas Zenaawwiifi Iyyaasuu Barihee jedhaman irratti akka raawwate jiraattonniifi kantiibaan magaalattii dubbataniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, haleellaa manneen barnootaafi naannawa mana barumsichaatti raawwate jedhameen dirooniin irra deddeebiin haleellaa raawwatuu himu.
Waa'ee haleellaa kanaa yaaliin mootummaa federaalaarraa odeeffachuuf yaalame hin milkoofne.
Mootummaan federaalaafi TPLF gidduu Waliigalteen Piritooriyaa erga mallattaa'e booda balaliiwwan xiyyaaraa itti fufanis waggaa darbe baatii Amajjii keessa guyyoota muraasaaf balaliin adda citee ture.



























