Buna ykn sha'ee baayyee ho'aa dhuguun carraa kaanseriif saaxilamuu dabala -Qorannoo

Buna
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Buna fi sha'ee baayyee ho'aa ta'e dhuguun carraa dhibee kaanseriif saaxilamuu akka dabalu qorannoon Yunaayitid Kingidam (UK)tti taasifame mul'ise.

Sha'een ykn bunni baayyee ho'aa ta'e kaanserii ujummaa ittiin nyaata liqimsinu (Esophageal cancer) akka nama qabsiisu qorannoon kun ni agarsiisa.

Qorannoowwan namoonni miliyoona tokko ta'an irratti hirmaatan kun, qorannoo kanaan dura walitti dhufeenya dhugaatii ho'aa fi kaanserii gidduu jiru ilaalchisee hojjetaman keessaa isa bal'aa akka ta'e qorattoonni kunneen ibsaniiru.

Sha'ee ykn buna "baayyisee ho'aa isaatti" kan fudhatan hirmaattonni qorannoo warra "baayyee ho'aa kan hin taane" fudhatan waliin wal bira qabamanii yeroo ilaalaman carraan dhibee kaanseriif saaxilamuun isaanii harka sadiin dabaleera.

Gosa kaanserii kanaan carraan qabamuu akka waliigalaatti garuu gadi aanaa ta'uu isaa qorattoonni kunneen ibsaniiru.

Dhugaatii fi nyaanni ho'aa ta'e yeroo sooranno karaa ujummoo gara mar'ummaaniitti darbu seelota miidha.

Qorannoon Yunivarsiitii Oksifoorditti gaggeeffame kun barruu idil-addunyaa kaanersii irratti maxxanfameera.

Dhugaatiin digirii seelshiyesii 65 ykn isaa oliin ho'e "baayyisee ho'aa" kan jedhamutti ramadama. Balaatiifis nama saaxila.

Guyyaa tokko keessatti burcuqqoo ja'a ykn isaa ol waan ho'aa ta'e dhuguunis carraa saaxilamuu ol guddisa. Namoonni qorannoo kana keessatti hirmaatan kanneen umurii giddu galeessa ta'erratti argaman dhiirotaa fi dubartoota 977,282 ta'anidha.

Dhugaatii ho'aa ta' irratti aannan dabaluun hanga ta'e kan qabbaneessu ta'us, buna aannan itti makame ykn sha'een ho'aa ta'uun isaa waan jijjiiru akka hin qabaanne qorattoonni kunneen ni ibsu.

Sha'ee
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Sha'een maanqorqoriyaa ykn makarajii digirii seelshiyesii 11 ho'een danfe ho'aa akka ta'etti fudhatama.

Ho'a sha'ee maanqorqoriyaa akkasiitti danfifame yeroo burcuqqoo ykn kubbaayyaatti buufamu ammoo gara digirii seelshiyesii 90 hanga 95'tti gadi bu'a.

Sha'ee ykn buna hanga qabbanaa'utti daqiiqaa ta'eef eeganii dhuguun gaarii akka ta'e beektonni ni gorsu.

Dhaabbanni qorannoo kaanserii Yunaayitid Kingidam akka jedhutti taanaan, dhugaatiin ho'aa hanga qabbanaa'utti yeroo hanga kanaaf turuu qaba kan jedhurratti ragaan sirriidha jedhamee kaa'ame hin jiru.

"Wanti isaa kan isin dhiphisu yoo ta'e hanga yeroo dhugdan isinitti tolutti eegaa. osoo baayyisee ho'aa ta'ee jiruu dhuguurra [xiqqoo] eeguuti irra gaariidha," jedha dhaabbanni kun.

Dursaan qorannoo kanaa Kaaren Paappiir akka jedhutti, hedduub sha'ee baala gara garaa baayyee ho'aa ta'e 'Meet' jedhamuu warri dhugan naannawaa Ameerikaa kibbaa keessatti argaman dhugaatii ho'aa dhuguu fi kaanserii ujummoo soorataa dhala namaa gidduu walitti dhufeenyi mul'ateera.

"Sadarkaan kaaneriif saaxilamuu dabalu dhugaatiin kun hanga kami ho'aa yoo ta'edha kan jedhu adda baasuuf ammoo qorannoo dabalataa barbaachisa," jedha.

Qorannoon biraa dargaggoota 118 hirmaachise akaakuuwwan buna gara garaa irratti kan xiyyeeffate ture.

Bunni digirii seelshiyesii 70 ol yoo ta'e baayyisee ho'aa akka ta'u baruun danda'ameera.

Dhaabbanni kubbaayyaa buna itti dhugan si'a takkaa qofaaf gargaaru omishu 'MTPAK Koch' akka jedhutti, sadarkaan ho'aa bunaaf gaariidha jedhamu digirii seelshiyesii 49 hanga 60 gidduudha.

Fayyadamtoonni buna baayyisee ho'aa ta'e yeroo gaafatan hanga digirii seelshiyesii 82 gahuu danda'a.

Qorattoonni kunneen akka jedhanitti kaanserii ujummoo soorataa 10 keessaa tokko ykn lama dhugaatii baayyee ho'aa ta'e dhuguu dhiisuudhaan ooluun ni danda'ama.

Kaanseriin ujummoo soorataa kan baayyinaan mul'atu miti. Fakkeenyaaf, Yunaayitid Kingidam keessatti ummata waliigalaa gosa kaanserii kanaan qabaman keessaa dhibbeentaa tokko qofaadha.

Sha'ee ykn buna baayyee ho'aa ta'e dhuguun carraa dhibee kaanserii ujummoo soorataaf saaxilamuu kan dabalu ta'ulleen hireen dhibee kanaan qabamuu muraasadha.

Kaanserii ujummoo sorataaf caalaatti kan nama saaxilu tamboo xuuxuu ykn sijaaraa aarsuudha.

Qorannoo kana Yunaayitid Kingidam keessatti maallaqaan kan deeggare Wiirtuu Qorannoo Kaanserii keessa kan hojjetan Fiyoonaa Osiigun, "carraa akaakuu kaanserii kanaan qabamuu hir'suudhaaf tamboo xuuxuu dhiisuu fi dhugaatii alkoolii xiqqeessuu barbaachisa," jedhu.

Mallattoleen Kaanserii ujummoo soorataa qoma nama gubuu, nyaata bulleessuuf rakkachuu, ulfaatinni qaamaa hir'achuu, akkasumas dhukkubbii qoonqoo fi qomaati.