Gargaaraan paayiletii xiyyaara Flydubai keessatti paayiletii qottoodhaan rukute- Qondaala UAE

Paayileetii Indiyaa Smit Machchhar kutaa balalii xiyyaaraa keessaa kaameeraatti gargalee kolfa. Kishaafa, qomee adii fi giphii qomee kessaa qalama qaba.
Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Indiyaa ''cichoominaa fi gootummaa'' paayileetiin xiyyaarichaa Smit Machchhar xiyyaara keessatti agarsiise akkaan jaje
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gargaaraan paayiletii xiyyaara Flydubai gara Israa'el imalaa ture to'annaasaa jala oolchuun gara fedhetti qajeelchuuf yaale paayiletii xiyyaarichaa qottoodhaan rukutuu abbaan alangaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ibse.

Xiyaarri namoota 170 caalan fe'ee ture balalii eegalee sa'atii lamaa fi walakkaatti samiirraa meetira 5,200 irraa dacheetti dhundhule.

Wayita kana imaltoonni kutaa balaliistotaa (Cockpit) seenuun gargaaraa paayiletii haleellaa raawwataa ture to'atan.

Haala kanaan xiyyaarichis imaltoonnis baraaramuu danda'an.

Paayiletiin xiyyaarichaa Smit Machchhar wayita inni lafatti kufee jiru xiyyaarri gara dacheetti dhundhuluu argee tarkaanfii ariifachiisaa akka fudhate hime.

''Carraa ishee dhumaa yaaluu akkan qabun ofitti murteesse. Humni koo ishee dhumaa fayyadamuun balbala banuu akkan qabun ofitti hime..''

Tarkaanfii isaa kun akka imaltoonni keessa seenuun gargaaran taasise.

Duuba paayileetonni eeggattoonni duuba turan itti darbanii xiyyaaricha Sa'uudii Arabiyaa qubachiisan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Qottoon namichi kun ittiin paayiletii haleele akkamiin xiyyaara seene jechuu dandeessu.

Yeroo balaa foddaa fi qaama keessoo xiyyaaraa cabsuun tarkaanfii battalaa fudhachuuf meeshaan akka qottoo tokko kutaa balaliistota xiyyaaraa keessa taa'uun dirqama.

Kun baratamaadha. Xiyyaara kamuu keessa jira.

Taateen Flydubai kun mudachuu booda waa'een meeshaa kanaa yaaddoo fi gaaffii guddaa uumeera.

Keessattuu imala yaaddessaa akkanaa irratti meeshaan akkanaa jiraachuun gaaffii jabduu kaaseera.

Gabaasi jalqaba ba'e gargaaraan paayiletii billaadhaan akka paayiletii waraane mul'isee ture.

Garuu haleellaan qottoo xiyyaaricha keessa tureen raawwatamuu abbaan alanaa UAE miidiyaa biyyattiitti himeera.

Haalli yeroo sana turee fi fedhiin haleellaa kana duuba jiru guutummaatti maal akka ta'e baruuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuus ibse.

Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu gargaaraan paayiletii haleellaa raawwate lammii Omaan ta'uu ibse.

Rooyitars, CNN fi New York Times dabalatee miidiyaaleen addunyaa hedduun gabaasa isaanii keessatti maqaa nama kanaa Hamam al-Hammami jechuun eeru.

Garuu maqaa isaa sirrii ta'uun akka waliigalaatti hin mirkanoofne.

Miidiyaan US Hamam al-Hammami wayita Oman Air keessa hojjechaa ture sababa ''ilaalcha finxaalessummaa'' isaan hojiirraa dhorkamee akka ture gabaase.

Ergasiis daandiima xiyyaaraa Omaan keessatti kan biraa argatee hojjetaa akka ture gabaase miidiyaan US.

Aanga'oonni Awustiraaliyaa namni kun biyyasaanii waliin karaa kamiinuu ''hidhata'' qabaachuu qorataa akka jiran ibsan.

Miidiyaan biyyattii Australian Broadcasting Corporation (ABC) jedhamu aanga'oota wabeeffachuun akka gabaasetti, namni kun bara 2014 viizaa Awustiraaliyaa argatee ture.

Bara 2015 hanga 2017 ammoo achitti barataa ture, isa booda biyyattii keessaa ba'e akka gabaasa kanaati.

Viizaan isaa (kan barataa) bara 2019 haqamuu fi ergasii barnootatti akka hin galmoofne gabaase ABCn.

Isa booda waggaa sadiif barnoota fagoo yuniversitii UK Buckinghamshire New University jedhamutti waggaa sadiif bulchiinsa aviyeeshinii baratee bara 2023 digiriidhaan xumure.

Yunivarsitichi namni kun mana barumsichaatti barnoota balaliisummaa akka hin fudhanne ibse.

Neetaaniyaahuun wayita Fox News waliin gaaffii fi deebii taasisetti, namni kun erga to'atamee ''na ajjeesaa'' jedhee watwaataa akka ture hime.

''Kun kan agarsiisu namichi ergama balleessee baduu qabaachuu isaati. Xiyyaaricha kuffisuun kaayyoo isaa akka ture mul'isa,'' jedhe dureen Israa'el kun.

Neetaaniyaahuun dabaluun gargaaraan paayiletii kun ''barmaata finxaalessummaa Islaamaa raawwateera,'' jechuun himannaa dhiheesse.

Abbaan Alangaa UAE Hamad Saif Al Shamsi qorannoon taatee kanarratti gaggeeffame gargaaraan paayiletii ''gocha shororkeessummaa'' raawwachuuf yaaluu mul'ise jedhe.

Paayiletiin haleellaan irratti raawwatame Machchhar battala hospitaala dhihoo jiru erga geeffamee bood gara Abuu Daabii xiyyaaraan geeffame.

Paayiletiin kun yeroo ammaa fayyummaansaa haala gaariirra jira.

Imbasiin Indiyaa UAE jiru paayiletiin lammii Indiyaa ta'e kun ''fayyummaansaa haala gaariirra jira, fooyya'aa jira,'' jechuun Kamisa darbe ibseera.

''Yeroo dhihootti akkan fayyaa guutuutti deebi'u abdiin qaba. Fayyaa koo fi ga'umsa koo duraatti nan deebi'a,'' jedhe Machchhar hospitaala itti yaalamaa jiru irraa.