"Qaamni dhimma Itoophiyaa keessa seenu gatiisaa akka argatu shakkiin hin jiru"

Loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa ce'uun waraana guyyoota darban gaggeeffaman keessatti hirmaachuu kan ibsan qondaalli olaanaan mootummaa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) ''deebiin mootummaa Itoophiyaa akkaan hamaa ta'a,'' jedhan.
Waraana erga eegalee torban lama guutuuf jedhu kanaan humnoonni Tigraay karaa daangaa naannolee Amaaraa fi Affaariin humnoota mootummaa federaalaa lolaa turaniiru.
Waraanni jalqabuu dura akkasumas erga waraanni eegalees mootummaan Ertiraa harka keessaa qaba jechuun mootummaan Itoophiyaa himataa ture.
Qondaalli mootummaa Abraham Balaay (PhD) miidiyaa paartii biyya bulchutti dhiheenya qabu TV Faanaa irratti gaaffii fi deebii Sambata galgala taasisaniin mootummaan Ertiraa lola gaggeeffamaa jiru keessatti kallattiin hirmaachuu dubbatan.
Waraanni Ertiraa daangaa Itoophiyaa seenuu fi waraana gaggeeffamaa jiru keessatti kallattiin hirmaachuu qondaalli mootummaa Itoophiyaa wayita mirkaneessu kun kan jalqabaati.
Torban darbe keessa Komishinara Olaanaa Komishinii Humna Nukilaraa Itoophiyaa kan muudaman Abraham Balaay (PhD) waraanni Ertiraa lola gaggeeffamaa jiru keessatti kallattiin hirmaachaa jiraachuu eeruun ''qaama dhimma kana keessa seenuurraa of hin qusanneef deebiin maal akka ta'e ifa,'' jechuun akeekkachiisan.
Mootummaan Ertiraa waraana kaaba Itoophiyaa keessatti hirmaachuu ilaalchisee himannaa irra deddeebiin irratti dhihaatu haalaa tureera.
Mootummaan Itoophiyaa imbaasii isaa Ertiraatti argamu cufuun dipiloomaatota Ertiraa ari'eera.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana hordofee Ertiraanis hariiroo dipiloomasii Itoophiyaa waliin qabdu guutummaatti adda kutuu ibsiteetti.
Qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun ''waraana kana keessatti mootummaa Shaabiyaa, loltoonni Shaabiyaa hirmaataniiru. Hidhannoo waliin, meeshaa waliin adda waraanaatti ba'anii jechuudha. Kana keessatti kan du'anis, meeshaaleen booji'amanis hedduudha,'' jechuun haala gidduu kana ture ibsan.
Aanga'oonni mootummaa naannoo Affaar kanaan dura BBCtti dubbatan loltoota Ertiraa naannocha keessatti waraanarra turan jedhan meeshaalee waraanaa isaanii waliin booji'uu himan.
Ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabramasqal BBC Afaan Tigriffaaf deebii kennaniin ''mootummaan badhaadhinaa rakkoo biyyattii keessatti uumamaa jiru irraa kallattii jijjiiruuf biyyoota ollaa yakkamaa taasisuun amala ta'eeraaf,'' jechuun himannaa irratti dhihaatu kuffisaniiru.
Qondaalli mootummaa Itoophiyaa Abraham Balaay (PhD) giddu seentummaan Ertiraa himachuun ''dachaan akka deebiin kennamu shakkiin hin jiru. Biyya namaa keessa seenanii faallaa mootummaa goruun shiftaa fi baandaa waliin qindoomanii dhufuun gatii akkamii akka nama baasisu deebii argatanirraa ni hubatu,'' jedhan.
''Osoo qaamni tokko birmadummaa biyyaa sarbuu qaamni callisee ilaalu hin jiru. Lammiin Itoophiyaa amala akkasii hin qabu. Mootummaan keenyas kana hin fudhatu,'' jechuun ''qaamni of qusachuu qabu of qusachuutu irra jiraata,'' akeekkachiisa jedhu dabarsan.
Waraana kaaba Itoophiyaa 2020 hanga 2022 ture keessatti mootummaan Ertiraa mootummaa Itoophiyaa tumsuun loleera.
Hariiroon Ertiraa fi Itoophiyaa waggaoota kurna saditti siquuf walqoollifannaa fi waraana keessa ture bara 2018 deebi'ee kan fooyya'e ta'us, waliigaltee Piriitooriyaa booda garuu deebi'ee laafuu eegale.
Komishinarri Komishinii Humna Nukilaraa Abraham Balaay (PhD) magaalaan Maqalee humnoota mootummaa federaalaa fi tumsitoota isaatiin to'atamuu hordofee nagaa fi tasgabbiin saffisaan akka mirkanaa'uuf akkasumas uummati naannochaa ofiin akka of bulchuuf qaama hooggansaa gurmeessuu irratti hojiin eegalamuu ibsan.
Qondaalli mootummaa Itoophiyaa kun kana kan ibsan erga Sambata kaleessaa magaalaa guddoon naannoo Tigraay Maqaleen humnoota mootummaa federaalaa fi Humna Nageenyaa Tigraay (TPF) jala galuun dhagahameeti.
Taatee sana dura humnoonni TPLF magaalattii gadhiisanii ba'uu AFP fi Rooyitarsi gabaasanii turan.
Abraham Balaay (PhD) mootummaa kuffisna jechuun waraana kana kan eegalan warra TPLF ta'uu ibsuun, ''tarkaanfii ofirraa ittisuutiin bakkasaan deeman hordofaa, adamsaa, dahannoo isaanii sakatta'aa jirra,'' jedhan.
Haala kanaan oppireeshiniin ykn duulli waraanaa itti fufuu ibsan.
Mootummaan federaalaa uummata hirmaachisuun caasaalee gandaa, aanaa fi kaan akka gurmeessu dubbatan.
Kunis naannochi hatattamaan tasgabbiitti deebi'ee ji'oota keessatti filannoon naannocha keessatti akka gaggeeffamu haala mijeessuuf hojii eegalame ta'uu ibsan.
Qondaalli mootummaa kun gaaffii fi deebii miidiyaa biyya keessaa waliin taasisaniin TPLF barii waliigalteen Piriitooriyaa mallattaa'erraa eegalee waliigaltecha diiguuf hojjetaa ture jechuun himatan.
TPLF nagaa fi mariitti qaama amanu miti kan jedhan qondaalli mootummaa kun, mootummaan dhimmoota waliigaltee keessatti eeraman ''hunda guutummaatti raawwateera,'' jedhan.
TPLF irra deddeebiin walitti bu'iinsaa fi qoccolloo raawwataa ture jedhan.
''Hidhannoo hiikkachuu mannaa loltoota leenjisuu, meeshaalee waraanaa wayita gara biyyaa seensisan qaamolee biyya keessaa walitti bu'iinsa uuman waliin qofa osoo hin taane qaamolee alaa waliin qindoomina uumuun waliigaltee Piriitooriyaa guyyaa guyyaan diigaa turan,'' jechuun himatan.
Hojii waliin hojjechuu qaban [mootummaan federaalaa fi TPLF] kanneen akka buqqaatota qe'eetti deebisuu fi dandamachiisuu yoo ta'es ''dantaa siyaasaa isaaniif oolchaniiru,'' jechuun rakkoo TPLF uumeen kunis gufachuu ibsan.
Kanaan dura TPLF dhimma buqqaatota of dura qabuun dantaa siyaasaaf fayyadameera kan jedhan qondaalli mootummaa kun ''amma galata Rabbii gara qe'eesaaniitti ni deebi'u [uummanni buqqa'e]'' jedhan.
Waraana kaaba Itoophiyaatti deebi'e kanaan hanga ammaatti gama lamaaniinuu dargaggoonni lubbuu dhabuu kan himan Abraham Balaay (PhD), qabeenyi misoomaaf ooluu qabu hedduun waraana kanatti ba'uu ibsan.
''Kun biyya tokkoof kisaaraadha,'' jedhan.


























