'Dhiirri hundi gaheesaa bahachuu qaba' -Dhiirota Afrikaa Kibbaa haleellaa saalaa dubartootaa hambisuuf tattaafatan

Madda suuraa, Christian Parkinson/ BBC
"Dhiirota dubartoota reeban yeroo hundan arga " jedha ga'essi ganna 30 Kgomotso Mathekga. "Keessumaa yoo lamaanuu machaa'aniiru taheef.''
"Yeroo tokko jaalallee koo waliin wal falminee, qabeetan ishee kabale' jechuun waan godhe amana.
Afrikaa Kibbaatti haleellaa dubartootaa akkaan hammaate hir'isuuf walgahii dhiiroti waamani irratti Mathekga'n waan kana dura raawwate ifatti dubbata.
Walgahiin kun daandii dhiphoo qubsuma seeraan alaa magaalaa Johaannesbarg gabaa Organic Market jedhamuun beekamu keessatti gaggeeffama.
"Amma dhukkubbiin natti dhagahama," jechuun dubbiisaa itti fufa Mathekga. "Erga adda baanee booda mucaa koo argaa hin jiru. Nama gaarii tahuu mannaa, rakkoo Afrikaa Kibbaa keessatti mul'atuuf harka keessaa akkan qabu natti dhaga'ama,'' jedha.
Mana dhugaatii dhiyoo jiru tokko keessa gareen dhiirotaa walitti marsanii taa'u.
Gidduusaanii namni Itumeleng Stephen Tamaga, naannichatti Bra Steve jedhamuun beekamu jira.
Isatu jalqaba harka baase.
"Nuti dhiira!" jedhee iyye.
Dhiirri walitti qabame hundi harka walitti rukutaa gammachuu dhageessisa. Gariin isaanii biiraa qaruuraa keessa jiru unatu.
''Dhaggeeffadhaa jarana,'' jedhe Bra Steve. ''Haleellaa saalaafi ajjeechaa dubartootaa loluuf tokkummaan dhaabbachuu qabna,'' jedhe.
Namni Bra Steve jedhamu kuni dhabbata tola oolaa dhiirummaa gaarii jajjabeessuu fi haleellaa dubartootaa hambisuuf hojjetu Father A Nation jedhamu keessatti qindeessaa dha.
Walgahiin garee kanaa kan taasifamaa jiru yeroo Afrikaa Kibbaatti dhimmi ajjeechaa dubartootaa fi miidhaa dubartoota irratti raawwataman akka haaraattii muffii uumaa jirutti dha.
Baatii sadii keessatti reeffi dubartoota 12, magaalaa Ekurhuleni, naannoo Johaannesbarg keessatti argamuun, baay'ina haleellaa dubartoota irratti gahu irratti gaaffii kaaseera.

Madda suuraa, Christian Parkinson/ BBC
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa mootummaan isaanii hojii gahaa akka hin hojjenne himuun, tarkaanfiiwwan dubartoonni nageenyi akka itti dhagahamu godha jedhanii abdatan ibsaniiru.
Biyyattiin akka addunyaatti ajjeechaa lakkoofsa olaanaa qabu biyya itti raawwatu yoo taatu bara kana Ebla hanga Waxabajjii qofa namoonni 5,427 ajjeefamaniiru.
Akka Komishiniin Mirga Namoomaa Afrikaa Kibbaa jedhutti yeroo kanatti dubartoonni 569 ajjeefamaniiru, kunis guyyaatti dubartii jaha jechuu dha. Namoonni 1,052 ammoo yaalii ajjeechaa irraa hafaniiru.
Bara 2022, qorannoon dhaabbata Human Sciences Research Council akka agarsiisutti dubartoonni Afrikaa Kibbaa %35 ol haleellaan qaamaa ykn saalaa kan isaan mudatu yoo ta'u, hedduun isaanii hiriyoota dhiyoo isaaniin miidhaan kuni irra gaha.
Akka yaada Bra Steve'tti rakkoo kanaaf furmaata waan tahu keessaa tokko dhiironni dhimmicha akka hubatanii fi gocha isaaniif itti gaafatamummaa akka fudhatan gargaaruudha.
"Nuti dhaloota badedha" jedha. "Dhiirota naannoo kana jiraniif kabaja itti deebisuu qabna."
Waan torban darbe keessa tahaa ture ilaaluun dhiiroti tarkaanfii kana caalu fudhachuu qabu jedha.
Ibsaa daandii fooyya'aa fi gamaaggama dhimmoota hin furamne dabalatee tarkaanfiiwwan dhihoo Raamaafoosaan beeksise, tarkaanfii barfataa fi xiqqaa tahe ittiin jedheera.
"Waa'ee ajjeechaa dhiheenya kana Johaannesbarg keessatti raawwatame kana hunda yeroon yaadu nan aara. Maaliif tarkaanfii fudhachuuf hamma rakkoon kuni mudatutti eegna, jedha.
Naannoo isaa ilaalee nama walitti qabametti harkaan agarsiisaa, ''ajjeechaa akkanaa kun irra deebiin osoo hin uumamiin dhiirota qaqqabuu qabna,'' jedha.

Madda suuraa, Christian Parkinson/ BBC
Hundeessaan garee kanaa Craig Wilkinson jedhama. "Dhiironni akka haasa'an, miira isaanii akka dhaggeefatan goona," jechuun ibsa.
"Akkuma isaan kana fudhataa dhufan fayyaa argachaa dhufu. Marsaan lammaffaan immoo waa'ee dhiirummaa gaarii barsiisuu fi leenjisuu dha."
"Dhuma irratti kun hammeenya haleellaa saalaa akka dhabamsiisu abdii qabna,'' jedha.
Gidduu isaanii dhaabbatee maqaa dhiirota kanaa waamaa itti hima.
"Isin akka dhiiraatti humna jabaa gaarummaaf oolu qabdu," jedhee itti hima.
"Dhiira akkamii ta'uu akka barbaaddu ni filatta. Dubartoonni nagaan bahanii galuu qabu."
Dhaabbanni Father A Nation guutuu Afrikaa Kibbaatti kan socho'u yoo ta'u, dhiirummaa fayyaalessa barsiisuu dabalataan leenjii garagaraa manneen barnootaa fi kooleejjii hedduu keessatti kenna.
Poolisiin ajjeechaa dubartootaa magaalaa Ekurhuleni'tti tahe gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu akka danda'u murteessuu baatus, hundi isaanii nama tokkoon ajjeefamuu danda'uurratti garuu qorannoon jalqabuu hin himne.
Shakkamtoonni gariin mana murtiitti dhiyaataniiru.
Garuu duuti baayyee mudachuun yaaddoo haaraa kan uume yoo ta'u, Gabaa Organic keessatti dubartoonni gariin yeroo kamiyyuu caalaa sodaa guddaa keessa jiru.
Liinkiin manashee alatti baaldi sibiilaa guddaa keessatti uffata qulqulleessaa dubbi jara kanaa qalbiin dhaggeeffatti.
"Yeroo bakka keenyaan ala jirru nageenya hin qabnu," jetti.
"Yeroo karaa irra deemnu konkolaataa duuba keenya jiru arginee sodaanna. Sodaan nutti dhagahama. Sodaan nutti dhagahama. Gurbaan kun yoo na bute ykn waan tokko yoo na godhe hoo?" jenna
Miira dubartoonni hedduun qooddatanidha. Providence Maseko balbala mana rifeensaa Bra Steve jirutti siquun dubbisuuf gaafatti.
"Asitti nagaan jiraachuu akkaan rakkisaa dha," jetti, "Tarii atiyyuu nama tartiibaan nama ajjeesu tahuu dandeessa. Akkamittan, eenyuun akkan amanu qabu beeka?"
Bra Steve kolfe. "Dhimma kanarratti dubbachuu qabna," jechuun itti hima. "Walgahii keenya koottu wal amanuu waliin barachuu dandeenya."
Maseko amma geejibaaf taaksii e-hailing jedhamu fayyadamuun nageenyashee akka eegdu himti.
Mana dhugaatiitti yeroo deebinu walgahiin dhiirotaa xumuramaa jira.
"Haleellaa saalaa dhaabuuf yeroo yaallu, dhiirri tokkoon tokkoo gaheesaa bahachuu akka qabu beekuu qabna," jedha Zizipho.
"Waan kun ijoollee durbaa ofii ykn haadholii ofii irratti akka hin raawwanne yoo feete mucaa nama biraa irratti akka raawwatu eeyyamu hin qabnu jedha.
Mathekga'n waan inni jedhuun dinqamti.
''Waan asitti baranne hunda jireenya keenyatti shaakalla, abbootiifi abeeraan keenya mana hidhaa jiru, nuti fakkeenya taanee biyya kana fooyyessuu qabna,'' jedha.


























