Pirezidant Shimallis waa'ee caasaa godinaa haaraa fi himannaa dhihaaterratti maal jedhan?

Madda suuraa, Oromia Communication Bureau
Caffeen Oromiyaa torbaffaan kora jalqabaa kan bara hojii jalqabaa irratti wayita mootummaa haaraa hundeessu godinaalee Oromiyaa 21 turan ja'atti gurmeesseera.
Caaseffama haaraa kana kanneen deeggaran akkuma jiran, mormiinis mudateera.
Gandummaan walqooduu Oromoo gidduutti hambisa jechuun namoonni tarkaanfii mootummaa jajan jiru.
Kanneen morman ammoo mootummaan Oromiyaa qoqqooduuf akkasumas bulchiinsi isaa federaalatti darbuuf sodaa jedhu kaasu.
Mootummaan garuu godinaalee kunneen Baha, Kibba Bahaa, Kibba, Kibba Lixaa, Giddugaleessaa fi Lixa jechuun wayita gurmeessu tajaajila uummatatti butuun kaayyoosaa ijoo ta'uu ibsa.
Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ''caasaan kun tajaajila uummatatti dhiheessuu fi tajaajila si'ataa kennuuf yaadamee akka hojjetame,'' yaa'ii Caffee irratti ibsan.
Tajaajilli godinarra ture gandatti gadi bu'uun ''mootummaan gandaa cimaan'' hundeeffamuu kan ibsan Pirezidantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, ''caaseffamni haaraan kun uummati daran akka tajaajilamu taasisa,'' jedhan.
Caaseffamni ture rakkoo qabaa?
ALI bara 1983 wayita Itoophiyaa keessatti mootummaan ce'umsaa hundaa'u mootummaan naannoo Oromiyaa 'Naannoo Afur' jedhamuun bifa haaraan gurmaa'e.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Yeroo sana caasaa xiqqoodhaan hundaa'e. Hojjetaan mootummaa yeroo sana ture kuma 43 qofa ture jedhan Pirezidant Shimallis Abdiisaa turtii miidiyaa naannochaa OBN waliin taasisaniin.
Casaaan yeroo sanaa godina saddeetii fi aanaalee muraasa hundeessuun akka jalqabame yaadatu.
Bara 1987 wayita heerri mootummaa ragga'u godinaalee fi aanaalee muraasa akkasumas hojjetaan caasaa mootummaa naannoo Oromiyaatti dabalame.
Caaseffamni mootummaa wayita jalqabamu sadarkaa naannoo, Godina, aanaa fi gandaatti caasaan jiraatus, caasaan gandaa garuu ''guutummaa guutuutti hawaasuma keessaa kan filatamee fi namni fedhaan bakka buufamuun hojjetaa kan ture, akkasumas caasaa mootummaa faana baayyee kan walitti hin hidhamne ture,'' jedhan.
Akkaataa caasaa mootummaa gara jalqabaa tureen hojiin aanaarratti hojjetamu muraasa kan ture yoo ta'u, aangoo fi itti gaafatamni hedduun sadarkaa naannoo fi godinaatti kuufamee ture.
Hojiin giddugalli [godinaa fi naannoo] qaqqabe qofti akka raawwatamuu danda'utti caaseffamuun rakkoo akka ture kaasan dureen Oromiyaa kun.
Mootummaan naannoo Oromiyaa guddina naannochaa waliin caasaalee walsiman dabalaa kan deeme yoo ta'u ''garuu irra caalaa caasaan kan dabalamaa ture naannoo fi Godina irratti, hanga tokkommoo aanaarratti,'' jedhan.
''Mootummaa gandaa ijaaruu irraa eegalle''
Caasaan ture guddina naannochaa akkaataa barbaadamuun akka argamu taasisuu waan hin dandeenyeef, bara 2018 mootummaan amma jiru, kan mootummaa jijjiiramaa jedhamu, aangoo qabachuurraa eegaluun jijjiirama caasaa haaraa eegaluu ibsan Pirezidant Shimallis.
Qorannoo gaggeessaniin caasaan mootummaa naannoo Oromiyaa akka duraa godinaa fi naannoorratti kan kuufame osoo hin taane ''humni guddaan'' ganda akka jiru adda baasan.
''Dameeleen mootummaa wayita babal'atan caasaanis, humni hojiis daran dabale. Garuu akka durii naannoo fi godinarratti osoo hin taane hojjetaan mootummaa dhibbeentaa 63 ol gandarra akka jiru, sanuu hoggansa malee akka jiru hubanne,'' jedhan.
Gandarratti caasaa cimsuun murteessaa ta'uu naannochi qorannoo gaggeesseen adda baasuu kan ibsan Pirezidanti Shimallis ''kanarraa ka'uun waggaa lama dura 'mootummaa gandaa' jennee caasaa gandaa cimsuu eegalle,'' jedhan.
Misooma barbaannu milkeessuuf tajaajilli si'ataan uummatatti siquu qaba kan jedhan aanga'aan kun, tajaajilli sadarkaa naannoo fi godinaatti osoo hin taane aanaa fi gandatti kennamuu qaba kan jedhu qorannoonsaanii agarsiisuu dubbatu.
''Wayita addunyaan tajaajila manatti kennuu eegalte kan keenya tajaajilli sadarkaa naannoo fi godinaatti tuulamee taa'a. Kun uummanni keenya akka tajaajila hin arganne taasise.''
Giddugala tokko qofarraa misoomi hojjetamu saffisa barbaadameen Oromiyaa guddisuu hin danda'u waan ta'eef iddoon hunduu giddugala misoomaa ta'uu qaba.
Kanaaf ammoo tajaajila hunda sadarkaa gandaatti gadi buusuun dirqama jedhan.
''Misoomni qonnaan bulaatti, horsiisee bulaatti, jiraattota magaalaatti dhihaachuu qaba. Kana jechuun aangoo fi leecalloon adda addaa gandatti gadi bu'uu akka qabuudha qorannoon kan agarsiise.''
Haala Kanaan caasaa Oromiyaa badhaate ijaaruuf dandeessisu gurmeessuun akka barbaachise himan.
''Naannoon Oromiyaa daran guddachaa dhufe. Fuuldurattis Oromiyaa badhaate ijaaruuf mul'ata qabna. Kanaaf ammoo caaseffama sana gitu qabaachuu qabna.''
Gandarratti caasaa cimsuun ''mootummaa gandaa'' maqaa jedhuun rifoormiin hojjetame seenaa biyyattii keessatti fakkeenya guddaa ta'uu himan.
''Ganda xiyyeeffannaa malee akkanumaan, caasaa mootummaa keessaa hin hafin jedhamee, bara mootummaa dargii ijaarame, caasaa mootummaa cimaa gochuun ijaarree jirra. Ganda Oromiyaan qabdu 7,342 irratti mootummaa hundeessine. Kun seenaa biyyattii keessatti rifoormii guddaadha.''
Caaseffama haaraan maaltu jijjiirame?

Madda suuraa, Oromia Piresident Office
Caaseffama haaraa kanaan mootummaa gandaa, ogeeyyiin durfamuu fi karaa idilaayeen hoogganamu jedhan, cimsuuf hojjettoota akkasumas aangoo aanaarra ture gara gandaatti dabarsuu himan Pirezidant Shimallis.
''Hojjettoota mootummaa kuma 50 aanaarraa gara gandaatti geessine. Aangoo aanaarra ture guutummaatti gara gandaatti dabarsine. Tajaajila hunda gandarratti mijeessine. Tajaajila mana murtiif yoo ta'e malee namni tokkoyyuu tajaajila argachuuf aanaa deemuu akka hin qabne murteessine.''
''Haala Kanaan hojjetaan dhibbeentaa 63 hoggansa malee gandarra ture hooggansa akka qabaatuu fi inisheetiivonni kanaan dura hooggantoonni aanaarraa deddeebi'uun hoogganaa turan gandumarratti hoggansa akka qabaatuuf hooggansa nama torba gandarra keenyeerra,'' jedhan.
Haala kanaan yeroo ammaa Oromiyaa keessa mootummaa guutuun 7,342 ta'u hundaa'uu himan.
Aangoo Kanaan dura godinarra ture ammoo aanaadhaaf kennine kan jedhan Obbo Shimallis ''kana gochuu keenyaan aangoo godinaa fi naannoo banaa ta'e,'' jedhan.
''Kana qorannoo keenyaan ilaallee turre. Garuu yeroo tokkotti rifoormii hunda gaggeessuun of dhabuu waan ta'uuf, diigumsas rakkoo biraas fiduu waan danda'uuf kan godinaa fi naannoo kana bulfanne.''
Garuu rifoormii magaalota caasaa haaraan gurmeessuu yerooma kan gandaa hojjetamu xumuruu ibsan.
Mootummaan naannochaa wayita magaalota naannochatti waamaman Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Maayaa, Shaashamannee, Roobee, Jimmaa, Naqamtee jalatti gurmeesseera.
Hojiin tajaajilaa fi oppireeshiniif gandaa fi aanaaf wayita kennamu godinni hojii isa barbaachisa jechuun barbaachisummaa caaseffama haaraa ibsan.
''Hojii kanaan dura naannoon hojjechaa ture hunda godinaaf kennine. Naannoon ammoo hojii guyyuu keessaa ba'ee tarsimoo fi imaammata bocuu, seerota baasuu, hojimaata haaraa diriirsuu, pirojektoota akkaan tarsimaawoo fi diiangdee Oromiyaan qabdu waliigalatti jijjiiruu danda'an irratti xiyyeeffatee akka hoogganu goone.''
Kanaan dura wayita tajaajilli hundi godinarra ture caasaan godinaa akkaan murteessaa ture.
Kanaan walqabatee fedhiin Godina haaraa qabaachuullee dabalee ture. Sababa kanatti naannocha keessatti godinaaleen haaraa hedduun hundeeffamanii turan.
Hojimaati ture sun godinaaleen naannochaa 21 akka ga'an taasise.
''Ammayyuu godinaalee 21 irratti dabalataan godinaaleen shan akka hundaa'an gaafatamaniru. Godinni nurraa fagaata sababa jedhuun. Gaaffiin aanaas hedduu ture. Adeemsa tureen Godina shan daballa turre, tajaajilli godinarra waan tureef. Amma tajaajilli godinarratti kennamuyyuu hin jiru.''
Amma tajaajilli hundi gandatti waan kennamuuf gaaffiin aanaa fi godinaa hafeera jedhan Pirezidant Shimallis.
Gaaffiin ijoon kan ka'u tajaajila mana murtii olaanaa ta'uu kan kaasan Obbo Shimallis ''uummanni keenya tajaajila mana murtii olaanaaf godina deemuu qaba. Isa kanaaf ammoo tajaajila dhaddachaa onlaayinii akka ta'u, dhaddachi socho'aan akka jiraatu goone,'' jedhan.
Akkasumas manni murtii godina duraanii irra ture dhaddachasaa qabatee akka itti fufu ibsan.
Akkaataan fedhii uummataa ilaalamee dhaddachi dabalataas ni banama jedhan.
''Tajaajilli uummatarraa fagaatee hafe yoo jiraate ammas gadi buusna. Fakkeenyaaf naannolee biroon tajaajila Masob jedhamu naannoo fi godinarratti qabu. Keenya giddugalli aanaadha. Tajaajilli hundi aanaa fi isaa gaditti kennamuu akka qabu waan murteessineef.''
Tajaajilli godinarra ta'a taanaan Oromiyaa misoomuu hin dandeessu kan jedhan Pirezidant Shimallis, ''namni dhimmasaa fixachuuf godinatti deddeebi'a taanaan tarkaanfii tokko fuulduratti deemuu hin dandeenyu. Kanaaf tajaajila gandatti gadi buusne,'' jedhan.
''Haala Kanaan godinaalee kanaan dura bibittannaa'anii turan walitti qixeessuun godina ja'a goone.''
Magaalonni wiirtuu godinaalee turan ammas teessoo ijoo godinaalee akka haaraatti caaseffamaniiti.
Bulchaan godinaa magaalaa tokko yoo taa'u itti aantonni ammoo magaalota garagaraa keessa taa'uun hojii tarsimaawaa ta'an hojjetu.
Bulchitoonni godinaalee ja'anii aangoonsaanii sadarkaa Itti Aanaa Pirezidantii naannochaatti kan ta'eefis kanaafi jedhan.
''Godinni ammaa godina duraa miti, godinni inni duraa du'eera''
Caaseffama haaraa kanaan Godinni Baha Oromiyaa godinaalee duraanii Harargee Bahaa fi Harargee Lixaa of jalatti hammata.
Godinni Kibba Baha Oromiyaa godinaalee duraanii Arsii, Arsii Lixaa, Baalee fi Baalee Bahaa akkasumas magaalota Asallaa fi Dodolaa of jalaa qabu.
Godinni Kibba Oromiyaa godinaalee kanaan duraa kanneen akka Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Gujii Lixaa akkasumas magaalota akka Bulee Horaa, Mooyalee fi Shaakkisoo qabata.
Godinni Kibba Lixa Oromiyaa godinoota duraanii Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa akkasumas magaalota akka Aggaaroo fi Mattuu of jalaa qaba.
Godinni Lixa Oromiyaa ammoo godinoota caasaa duraaniin turan Horroo Guduruu Wallaggaa, Qellem Wallaggaa, Wallagga Bahaa fi Wallagga Lixaa akkasumas magaalaa Najjoo dabalata.
Akkasumas Godinni Giddugaleessa Oromiyaa godinoota duraanii kanneen akka Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa akkasumas magaallota akka Amboo, Baatuu, Hoolataa, Mojoo, Sandaafaa Bakkee, Shanoo fi Walisoo of jalatti hammata.
Caaseffama haaraa kanaan caasaan mootummaa kanaan dura godinarra ture 700 ta'u akkasumas leecalloo fi humni namaa karaa sirratuu fi bu'a qabeessa ta'uun ijaarame.
Garuu godinni amma hundeessan kun godina isa duraan ture akka hin taane himan.
''Godinni inni duraa sun du'eera. Ergamni isaa gara aanaatti deemeera. Heera mootummaa naannoo keenyaa keessa maqaan kun waan jiruuf akkasiin moggaasne malee humna haaraa fi ergama haaraa qaba. Hooggansa haaraa qaba. Leecalloo ykn qabeenya guddaa sochoosa. Caasaan naannoorra jiru ammoo kanaa ol ta'ee dhimmoota tarsimaawoo ta'an hordofa.''
Dameewwan ykn sektaroota sadarkaa godinaatti ijaaraman sadarkaa biirootti akka ta'an gochuu kan himan Obbo Shimallis ''aangoonsaanii gargar ta'us hogganaa biiroo waliin gulantaansaanii walqixa,'' jedhan.
Kanaafuu hojiin sadarkaa biirootti raawwatamu godinattis ni raawwatama jechuudha.
Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa naannoof waamamu godinaalee 21 fi magaalota 23 walumaagalatti 44 qaba ture.
''Kunneen hunda anumti nan argadha yoon jedhe yeroo dheeraa natti fudhata. Manneen hojii haala kanaan qisaasamni hedduu mudataa ture. Sababa kanattis hojiinis bu'a qabeessa hin ta'u.''
Kanarraa ka'uun magaalonni saddeet qofti naannoof akka waamaman murtaa'e jedhan.
Magaalonni kunneen- Shaggar, Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee, Maayaa, Roobee, Jimmaa fi Naqamte.
Magaalota duraan naannoof waamamaa turan keessaa 15 godinaalee haaraa caaseffamaniif kennaman.
Magaalonni kunneen caasaa pilaanii dabalatee caasaa misoomaa guddaa waliin akka godinaaleef kennaman ibsan.
''Oromiyaa keessa magaalota 700 ol jiraniif pilaaniin kan hojjetamaa ture naannoorratti. Inistitiyuutii tokko qofaan hojjetamaa ture. Amma godinaalee hundarrattuu pilaaniin akka jiraatu goone.''
Haala kanaan amma mootummaan naannoorra jiru magaalota saddeetii fi godinaalee ja'a gaggeessa jechuudha.
Magaalonni naannootti waamaman saddeettan kunneenis caasaa bal'aa of jalaa qabu kan jedhan Obbo Shimallis ''caasaan mootummaa kun karaa guddina kana gituun tolfame,'' jedhan.
Caaseffamni haaraan 'Oromiyaa diiguuf' moo utubuuf?
Caaseffamni haaraan godinaalee 21 gara ja'aatti gurmeesse kun miira walmakaan simatameera.
Kanneen morman caasaa bara dargii kutaa biyyaa jedhamee waamamu kan deebisuu fi Oromummaa kan miidhuudha soda jedhu dhiheessu.
Akkasumas caaseffamni kun kallattiin mootummaa federaalaa jalatti buluuf deema jechuun mormu.
Kanneen miira gandaan walqooduu Oromoo gidduudhaa balleessa, akkasumas tajaajila dabala jechuun deeggaranis jiru.
Obbo Shimallis kanarratti wayita yaada kennan ''kanneen quuqama qabanirraa garaa qulqulluun gaaffii dhiheessaniif ibsa kennuun ni malaaf. Kanneen dantaa siyaasaaf oolfachuu barbaadan garuu hin milkaa'an,'' jedhan.
''Oromiyaan yaada diigamuu jedhu bira dabarteetti. Jiraachuun Oromiyaa jiraachuu biyyaa fi Gaanfa Afrikaa faana walqabata.''
Naannoon Oromiyaa wayita caasaa amma jiru qabatee gurmaa'u hojjetaa kuma 43 qofa akka qabuu fi yeroo ammaa hojjetaa kuma 800 caaluu fi hooggansa kuma 65 ol akka qabu kan himan Obbo Shimallis, ''naannoon maallaqa birrii biiliyoona hin geenyeen hojii eegalte amma baajata birrii biiliyoona 704n misooma gaggeessiti'' jechuun bal'inaa fi cimina mootummaa naannochaa ibsan.
Oromiyaan akka biyyaatti yoo ilaalamte malee naannoo kaan faana gama kamiinuu waldorgomsiifamuu hin dandeessu jechuun ijaarsa biyyaa keessatti qooda naannoon kun qabu ibsu.
Lakkoofsi uummataa dhihootti gaggeeffamuu baatus, yeroo dhihoo as baayyinni uummata Itoophiyaa miiliyoona 130 ol jedhamaa jira.
Kana keessaa uummati naannoo Oromiyaa miiliyoona 60 gadi hin ta'u kan jedhan Obbo Shimallis, lakkoofsa kanaa fi qabeenya naannochi sochoosu yoo ilaallu ''Oromiyaan biyya, biyyoonni Afrikaa gama kanaan Oromiyaa caalanuu muraasa,'' jedhan.
Caasaa kana baatee deemu kan hundeessan aangoo heerri naannochaa mootummaa naannoof kenne bu'uura godhachuun ta'uu himan.
Kanneen caaseffama kana kutaa biyyaalessaa durii waliin wal fakkeessuun yaaddoo qaban ibsaniif Obbo Shimallis wayita deebii kennan akkas jechuun ejjennoo mootummaa isaanii ibsan.
''Inni [kutaan biyyaa] du'ee awwaalameera. Awwaala isaarrattiyyuu Odaa guddaan tokko margee jira. Odaan Oromiyaa baatee deemu margee lalisee jira. Wanti awwaalamee odaan irratti marge deebi'ee ka'a jechuun ammoo gowwummaadha.''
Caaseffamni kun aangoo guutuu qama mootummaa Oromiyaatiif kennameen kan hundaa'e ta'uu fi naannocha daran cimsuuf ta'uu ibsan.
''Mootummaa cimaa ganda 7,342 irratti wayita ijaarru Oromiyaa diiguufii? Oromiyaa diiguuf mootummaa kana hunda diiguutu sirra jiraata. Oromiyaa diiguun waan salphaa miti.''
Oromummaa fi Oromiyaa ijaaruun waan amma jiru akkuma jirutti itti fufsiisuudhaan akka hin mirkanoofne eeruun, barbaachisummaa caaseffama haaraa kanaa himan.
Naannoo uummata miiliyoona 60 caalu qabuu fi diinagdee bal'aa gaggeessu fuulduratti deemsisuuf caasaa bara 1980oota keessa tolfameen itti fufsiisuuf yaaduun fudhatama hin qabu jedhan.
Caasaa mootummaa tajaajila hunda naannoo fi godinatti fannisee hambise bakka uummati keenya jiru, gandatti, gadi buusuun kanaaf murteessaadha jedhan.


























