Atileet Tigist maraatoonii Barliin irratti erga miidhamtee maal keessa jirti, egeree isheef yaaddessaadhaa?

Madda suuraa, Gemedu Dedefo
Dorgommii maraatoonii Dilbata darbe Jarman magaalaa Barliin keessatti gaggeeffamerratti hirmaachaa osoo jirtuu miidhaan cimaan kan irra gahe Atileet Tigist Asaffaa wallaansi baqaqsanii yaaluun taasifameeraaf.
BBCn kan dubbise leenjisaan ishee Gammadoo Daddafoo dorgommii kanarratti osoo saffisa rikkardii addunyaa cabsuudhaaf fiigaa jirtuu ribuun miila mirgaa ishee citee ''miidhaan guddaan'' isheerra gahuu dubbate.
Atileet Tigist Asaffaa maraatoonii Barliin si'a sadaffaa kan irratti hirmaatte yoo ta'u, kan miilanaa kana erguma miidhamtee cichoomina agarsiisuun sa'aatii 2 fi daqiiqa 11 fi sekondii 04 irratti xumurte.
Kun ammoo rikkardii addunyaa sadaffaa qabateera.
Atileet Tigist hanga kiiloomeetirii 40tti saffisa rikkardii haaraan ittiin galmeessuu dandeessuun fiigaa turtee, kiiloomeetiraan lama qofti yeroo ishee hafu ture miidhaan kun kan ishee mudate.
BBC Afaan Oromoo haala fayyaa Atileet Tigist irra jiru ilaalchisee leenjisaa ishee Gammadoo Daddafoo gaafatee ture. Erga wallaansa baqaqsanii yaaluun taasifameefii " haalii gaarrirra jirti" jechuun ibse.
BBC: Miidhaan kun dorgommiirraa yeroo dheeraaf ishee faggeessaa?
Leenjisaa Gammadoo: Amma yeroo itti kana jennee murteessinu miti. Jalaqabarratti hordoffiin wallaansaa taasiftu baayyeetu jiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Wallaansa baqaqsanii yaaluun booda sochiiwwan akka hordoftu doktoroonni kennaniif jiru.
Amma 'Procedure' wallaansaa isaan kennan erga hordofteen booda haala gaariirra kan jirtu taanaan itti fufuun gara hojiikeetti gali jedhu. Isaan sirriitti sosochootee, gara fuula duraatti shaakala gochuudhaan gara fiigichaatti deebiyuudhaaf ji'a sadii fudhachuu mala jedhu. Haata'u malee, kan murtaa'u garuu jijjiirama torbanoota ja'a itti aanan keessatti agarsiiftuun ta'a.
BBC: Osoo gara dorgommiitti hin seeniin miidhama qabdi turemoo, osooma dorgommii keessa jirtuu ishee mudate?
Leenjisaa Gammadoo:Miira miidhamaa hin qabdu ture. Garuu kanaan dura ribuun miilashee ni dhukkuba ture. Haata'u malee, miidhama kanarraan ishee gaha jedhamee kan eegame miti. Kun kan dhalate dorgommiirrattidha.
BBC: Rikkardii addunya acabsuu dhabuusheetiif miirri itti dhaga;'ame maal ture?
Leenjisaa Gammadoo: Rikkardii addunyaa kana kan ofiishee godhachuuf shaakala hedduu taasifteetti. Qophaa gaariis taasifteetti. Dorgommii waggaa lamaaf irratti qophaa'aa turte waan ta'eef, dorgommiin kaanis gocha akan turte kana milkeessuuf ture. Erga yeroo dheeraaf qophooftee booda [wanti akkasii kun yeroo mudatu] nama gaddisiisa.
BBC: Hospitaala qaalii ta'etti wallaanamaa jirti. Hospitaala tokkrrayyu darbee gara hospitaala biraattiyyu geessuun wallaanamaa jirti. Baasii wallaansaa ishee eenyutu kaffalaaf?
Leenjisaa Gammadoo: Hanga ammaatti inshuraansii hin arganne. Akka carraa ta'ee Adidas battaluma miidhamte osoo turee itti hin hammaatiin jechuun helekooptaraan ture kan gara hospitaalaa geesse. Hanga ammaattis baasii wallaansaashee Adidas kaffalaa jira. Hoji-gaggeessaan Adidas yeroo yerootti bilbilee haala fayyaashee gaafachaa tureera.
BBC: Kun waliigaltee keessan keessa jiraa?
Leenjisaa Gammadoo: Lakki hin jiru. Kaka'umsa isaatiin kana gochaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
BBC: Waggoota dhiyoo as Atileet Tigist Asaffaa dorgommiiwwan gara garaa keessatti yoo milkaa'a ajirtu ni mul'ata. Milkaa'ina kana akkamiin argatte?
Leenjisaa Gammadoo: Tigist atileetii hedduu ifaajjudha. Cichoomina qabdi. Waa'ee mataashee sirriitti qaan beektuuf, waa'e hojiishees sirriitti waan beektuuf, waan hunda keessatti of eeggannoon itti deemti. Waan jedhamte ammoo ni raawwatti. Kanadha kan bu'a akanaan ishee gahe.
BBC: Yeroo dhiyoo keessa walitti aansuun dorgommiirratti hirmaataa turteetti. Miidhamuusheetiif sababa kan ta'e dorgommiin kun itti baayyachuu isaa ta'aa laata?
Leenjisaa Gammadoo: Dargommiin itti baayyachuudha jedhee hin yaadu. Sababiin isaas nuti dorgommii yeroo ishee ramadnu maraatoonii yeroo ji'a sadii ykn afurii gadi ta'e keessatti akka dorgomtu hin taasifnu. Tokkoo tokkoo waan saayinsiin isaa jedhu eegneetidha kan nuti dorgomiirratti ishee hirmaachifnu.
BBC: Dorgommiiwwan maqaa gurguddaa qabanirratti hirmaatti. Gama keetiin ammoo fedhiin leenjii ni jira. Madaaliin jireenya ispoortiishee yeroo dheeraaf tursiisuu akkamiin eegaa jirtu?
Leenjisaa Gammadoo: Tigist dorgommiiwwan ciccimoorratti yeroo hirmaattu dorgomtoonnishees akkuma kana ciccimoodha. Dorgommiiwwan irraatti hirmaattus murteessoo warra ta'anidha. Dorgommiin taasiftu kan qaamashee/gahumsashee waliin taasiftudha jechuun ni danda'ama. Sababiin isaas morkattoonni biroon ni mo'atu kan jedhu osoo hin taane hangaman fiiguu danda'a? Kanaaf hangaman bu'a qabeessa ta'a? Rikkardii addunyaa hangaman fooyyeessuu danda'a? kan jedhu agarsiisuufi kanaan dura dubartiin sa'aatii 2 fi daqiiqaa 8 ykn 9 gadiin galuu dandeessi jechuun tilmama kenninee turre waan ta'eef isa milkeessuudhaaf kaka'umsa guddaa qabdi ture. Haata'u malee miidhama isheerra gaheen osoo hin milkeessiin hafteetti. Egaa kana gara fuula duraatti fayyaan ishee yoo deebiyeef yaaluun ishee waan oolu miti.
BBC: Tigidt qalbuu addunyaa guddoo hawwatteetti. Dhiibaa kana waliin walqabatee dhufu, fedhii miidiyaa fi wantota biroo eegaman akkamiin keessummeessaa jirtu?
Leenjisaa Gammadoo: Jalqabarratti nuti xiyyeeffannaan keenya hojii keenyarrattidha. Nuti miidiyaaf gurra kenninee guyyaan itti hojii keenya beeksisuuf deemne hin jiru. Tigistilleen kana hin gootu. Yeroo leenjii shaakallarratti dabarsiti. Qalbiin ishee akka irraa ka'u hin barbaaddu. Gama kanaan wanti nu yaaddessu jira jedhee dubbachuu hin danda'u.
BBC: Ji'oota itti aanan 12 keessatti galmi Atileet Tigist kaawwatte maalidha? Dorgommiiwwan isaan kamitu isheef baayyee barbaachisoodha.
Leenjisaa Gammadoo: Isheef baayyee barbaachisaafi murteessaadha jennee kan yaadnuuufi eegdus dorgommii Maraatoonii Landan Ebla keessa gaggeeffamudha. Kun baayyeedhuma murteessaadha ture. Dorgommii kana nan fiiga jettee karoora baafattee qabdi ture. Sagantaa isheen baafattee qabdus isa kana ture. Isaan booda ammoo dorgommii Waancaa Addunyaa irratti hirmaachuu kan jedhudha. Haata'u malee, itti aanee maaltu ta'uu danda'a kan jedhu har'a irra taa'ee dubbachuun anaan na rakkisa. Karoora keenya isa kaleessaa malee, erga miidhamni kun ishee mudateen booda kan itti aanee dhufu gama gamuu hin danda'u.
BBC: Osoo Atileet Tigistiin jecha gabaabaan ibsi jedhamtee akkamiin ishee ibsita?
Leenjisaa Gammadoo: Atileetii baayyee cimtuu fi cihoomina qabdu, hojjettuu murattuudha.





























