BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Itoophiyaan ulaa galaanaa argattu malee naannichi nagaa hin argatu' - MM Abiy
Itoophiyaan ulaa galaanaatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
KALLATTIIN, Ministirri waraanaa US Iraan ‘of eeggannoon akka filattu’ akeekkachiise
US fi Iraan marsaa biraa qaaman wal-arganii mariyachuuf al-kallattiin ergaa wal-jijjiiruu itti fufaniiru; gama biraan ammoo Israa'eliifi Hezbollaa gidduutti lolli yeroo itti fufee jirutti Libaanosiifi Israa'el Washingtanitti wal-arganii mariyachuuf akka jiran Waayit Haawus beeksise.
'Namni kaansarii dhukkubsate biyya isaa keessatti, firoota isaa gidduutti yaalamuu qaba' - Leellisee Dhugaa
"Anii fi Abbaan Warraakoo waa gumaachuu qabna jennee Faawundeeshinii waa'ee dhibee kaansarii irratti hojjetu hundeessine".
Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Arsenaal mo'ataa?
Arsenaal walitti aansuun waggaa lamaaf walakkaa xumara waancaa Shaampiyoonsi Liigiif gahe.
Seenetiin Ameerikaa waraanaa Iraan irratti kokkee wal qabaa jiru
Seenetiin Ameerikaa aangoo Pireezidaantii Ameerikaa Doonaldi Tiraamp daangessuuf sagalee kenne ammas hin milkoofne.
'Dhibdee Baha Gidduugalaan namootni miliyoona 30 ta'an hiyyummaatti seenuu malu'
Waraanni Baha Giddugaleessaa US, Israa'eliifi Iraan gidduutti gaggeeffamu dhukaasa dhaabuu amansiisaa hin taane keessa jira, daafoonsaa garuu fiixee addunyaa mara waliin gaheera.
TPLF aangoo MM Abiy naaf kenne akka hin fudhanne naan jedhe -Jen. Taaddasaa Warradaa
Jeneraal Taaddasaa Warradaa torban darbe gara Finfinnee deemuun gabaasa hojii MM Abiy Ahimediif dhiyeessuun yeroo aangoo isaanii waggaa tokkoof dheereffamuu isaa dursee TPLF ''aangoo siif kenamu akka hin fudhanne'' na jedhee ture jedhan.
'Irbuun Shinnigaa' maali? Qabsoo Oromoo keessatti bakka akkamii qaba?
iini Eblaa qabsoo Oromoo keessatti akka addaatti yaadatama. Ji'a kana keessa qabsaa'ota Oromoo jajjaboon kan itti 'wareegamaniidha' jedhama. Addumatti ammoo Ebli 15 waggaa waggaan "Guyyaa Gootota Oromoo" jedhamee kabajama.
Konkolaataan elektirikii Itoophiyaan ijarra buufatte carraafi rakkoo akkamii qaba?
Keessumaa yeroo waraana US fi Israa'el Iraan irratti bananittiifi hanqinni boba'aa addunyaa yaaddesse aangawoonni murtee sirrii fudhachuu dubbataa jiru.
Kaardii diimaan Baarseloonaa gatii baasise, Arsenaal har'a akkam taha?
Baarseloonaa tapha marsaa lamaaniin kaardii dimaatu Shaampiyoonsi Liigii keessaa baase. Atileetiikoo Maadrid waliigalaan 3-2'n mo'atee walakkaa xumuraaf darbe.
Israa'eliifi Libaanos waggaa 30 booda yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti wal arguun mariyatan
Libaanosiifi Israa'el waggoota 30 olii booda yeroo jalqabaatiif Waashigitenitti fuulaa fuulatti wal arganii marii dippiolmaasii taasisan.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Guyyaan Gootota Oromoo aangawoota mootummaa maaliif hin dabalatu??
Guyyaan Gootota Oromoo waggaa waggaan Eebla 15 bakka garagaraatti sirnoota garagaraan yaadatamee oola.
Viidiyoo, Ameerikaan Ulaa Hormuuz nan cufa jechuun ishee maal jechuudha?
Erga mariin Iraanii fi Ameerikaa waliigaltee malee hafee as Tiraamp Ameerikaan dooniiwwan hunda Ulaa Hoormuz seenanii fi bahan ni dhorkiti jedhan.
Viidiyoo, USfi Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa dhiyaate fudhatan
Ameerikaafi Iraan yaada waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaa dhiyaate fudhatan.
Viidiyoo, Lola adeemaa jiruun baasiin waraanaa Ameerikaa hangam qaaliidha?
US Iraan keessatti iddoowwan haleellaaf xiyyeeffataman 5,000 rukutuu ibsiteetti, teeknooloojiiwwan waraanaa gosa adda addaa 20 hojiirra oolchuunis gabaafameera.
Viidiyoo, Diraamaa oppireeshinii US paayileetotashee baraaruf goote
Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.
Viidiyoo, Obbo Shimallis Abdiisaa Ajajaa WBO 'Marroo' waliin wal arguuf jedhuu?
Qaamoleen mootummaafi hidhattooti WBO dhibdee isaanii karaa nagaan furuuf erga marii taa'anii waggaa lamaa ol ta'eera.
Viidiyoo, MM Abiy Itoophiyaa eessaa garam geessaa jiru?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga mormii ummataan gara aangootti dhufanii waggaa saddeet guuteera.
Viidiyoo, Iraan ulaa Galaana Diimaa cufuuf dhaadachuun Itoophiyaaf maal jechuudha?
Ulaa Galaana Diimaa Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne sodaatameera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Maanguddoon Roobeetti 'booksiifi dhiitichoo' daboo irraa hafan amma maalirra jiru?
Obbo Waaqoon viidiyoo yoo isaan daboodhaan reebaman mul'isu irra deebi'anii ilaaluun 'xiinsammuu kiyya' miidha jedhanis reebichi isaanirra gahee fi wanni viidiyoodhaan mul'ate walqixa akka hin taane himu.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Aangoon Taaddasee dheereffamuun "seera-qabeessa" ta'uu Waajirri Ministira Muummee BBCf ibse
Ministirri Muummee Abiy Ahmed (PhD) yeroo aangoo pirezidantii bulchiinsa mootummaa yeroofii naannoo Tigraay Taaddesee Warradeef kan dheeressaniif bu'uura seeraa waliigaltee Piritooriyaatiin booda vaheen waan ta'eef "seera qabeessa" akka ta'e waajirri isaanii BBCf ibseera.
Waraanni Iraan Itoophiyaa dabalatee Afrikaaf 'balaa hamaa' fidaa jiru maali?
Waraanni Giddugala Bahaa hammeesse Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaaf ''balaa hamaa fidee dhufaa jira'' jechuun gabaasni haaraa bahe mul'ise.
MM Abiy aangoo Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay waggaa tokkoon dheeressan
Hojiin Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaa Warradaa waggaa tokko keessatti dalagan bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti gamaggamame.
'Soodareen cufamuusaatiin birrii bil. 3 kasaarre' - Dinquu Dayyaasaa
Iddoon bashannanaa seena-qabeessa Soodareef waggoonni afran darban waggoota gaarii hin turre. Bakka walgeettii fi aargalfii maatii, hiriyootaa, akkasumas tuuristootaa kan ture riizoortiin Soodaree waggoota kanneen onee ture.
Labsiin 'ijoo dubbii ta'e' paarlamaaan ragga'eefi naannoo Oromiyaa ilaallatu maal of keessaa qaba?
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee kaleessa Bitootessa 24, 2018 taa'een wixinee Labsii Seera Adeemsa Yakkaa fi Seera Ragaa raggaasiseera.
Obbo Shimallis Marroo waliin mari'achuuf qophiidha jedhan, WBO'n maal jedha?
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessa nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Bulchiinsi waggoota saddeetii MM Abiy yeroo xiinxalamu
Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.
Boordiin Filannoo 'galmee filattotaa dirqamaa fi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaaba siyaasaa manarra deemuun 'galmee filattotaa dirqamaa raawwachuufi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise.
Hanqina boba'aa mudate hordofee daballii gatii omishaaleerratti waan ummanni jedhu
Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC'n haasofsiise himaniiru.
Ispoortii
Liverpuuliifi Baarseloonaan qabxii garagalchuuf abdatan: Morkii galgala kana dursee maaltu jedhame?
Morkii Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan nuusa xumuraan torbee darbe kan injfataman Liiverpuuliifi Baarseloonaan qabxii gargalchanii darbuuf abdataniiru. Garuu milkaahuu?
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaarra darbee Afrikaaf seenaa haaraa hojjete
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaafis ta'e Afrikaaf seenaa haaraa galmeesse.
Peep Gaardiyoolaan waa'ee Arsenaalii fi waancaa Piriimer Liigii mo'achuu maal jedhe?
Maanchister Siitiin kaleessa dirree isaan ala imaluun Cheelsii 3-0 injifatee deebi'e. Kun Maanchister Siitiif akka tapha waancaa ture.
Chelsii vs Maanchister Siitii: Tilmaama taphoota Piriimiyer Liigii
Taphoonni Piriimiyer Liigii Ingiliiz torbee 32ffaa Jimaata, Sambata, Dilbataa fi Wiixata ni taphatamu. Taphoonni eegaman kami? Eenyu tilmaama argate?
Arsenaal injifateera; Garuu Raayaan Arsenaaliin waancaaf dhaqqabsiisaa?
Amma Deevid Raayaan addunyaa irraa karra eegaa cimaadha. Yoo xiqqaate akka waayillan isaa jedhanitti.
Arteettaan tapha Ispoortiing Liisban dursee shaakala haaraa taphattoota isaa hojjechiise
Arteettaan shaakala haaraa kana dura argamee hin beekne taphattoota isaa shaakalsiise.
Dorgommii calallii Waancaa Afrikaatti kan darbite Ertiraan taphattoonnishee harki caalu osoo hin deebiyiin hafan
Tapha calallii duraa Waancaa Afrikaa irratti Iswaatiinii qabxii waliigalaan 4 fi 1'n mo'atee waggaa 18 booda Ertiraan gara dorgommii calallii ramaddii Waancaa Afrikaatti akka deebitu taphattoota taasisan keessaa torba gara biyyasaanii, Ertiraatti hin deebiyiin hafuumaddeen BBCf mirkaneessan.
Baranas Arsenaal waancaa malee hafuuf deemaa? FA irratti maaltu isaan mudate?
Arsenaal Saawuzhampitaniin 2-1 mo'amee waancaa FA keessaa bahe.
Laamin Yamaal arrabsoo garee Masrii mudate balaaleeffate
Laamin Yamaal tapha Ispeen Masrii waliin Baarselonaatti taphatan irratti arrabsoon sanyummaa dhagahame ''kabaja dhowwuufi waan obsamuu hin qabne'' jechuun balaaleeffate.
Xaaliyaan ammas waancaa addunyaarratti hin hirmaattu, Turkiimmoo waggaa 24 booda itti deebite
Shaampiyoonaan yeroo afurii addunyaa Xaaliyaan yeroo walitti aanu sadaffaaf waancaa addunyaarratti hirmaachuurraa hanqatte.
Taphattootni Arsenaal 11 biyyaaf taphachuurraa kan hafan miidhamaaf moo of qusachuuf?
Arsenaal yaaddoo miidhama taphattootaa keessa jiramoo morkii waancaa liigichaa fi Shaampiyonsi Liigiif of qusachaa jiru?
Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.

































![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)



























































