Maan Yunaayitid Kaarik bakka buusuuf Pochetiinoo waliin marii eegale

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Maayikil Kaarik ofirraa gaggeessuun leenjisaa duraanii Tootanham ofitti fiduu mala jedhamaa jira.
Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa Maayikil Kaarik bakka buusuu irratti leenjisaa garee biyyaalessaa US Maawrisiyoo Pochetiinoo waliin marii eegaleera.
Kaarik torban kana keessa leenjisummaa Manchistar Yunaayitid irraa ni ka'a jedhamee eegama.
Egereen Maayikil Kaarik walgahii gaafa Roobii Monaakootti hogganaan olaanaa kilabichaa Omaar Beraadaa fi kaan argaman irratti ni murtaa'a.
Kaarik bakka bu'uufis leenjisaan duraanii Saawuzaampitan, Tootanhaamiifi Chelsii, Pochetiinoon, akka gara Pirimeer Liigiitti dhufan mari'atamaa jira.
Yunaayitid Pocheetiinootti yoo dubbatu kuni yeroo duraaf miti.
Ittisaa duraa Arjantiinaa, Pochetiinootiin, yeroo Morinihoon leenjisummaarraa ka'an, osoo Erik Ten Hag yeroo muudamuufi kaafamullee dubbisanii beeku.
Yunaayitid erga torban lama dura Bornimaawuziin 3fi 0'n mo'ame booda kilabichi Kaarik waliin turuuf filatee ture.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kunis, yeroo tapha idil-addunyaaf liigiin boqotu haala jiru hubachuuf ture.
Maddeen garagaraa BBC Sport'tti akka himanitti taanaan boordiin kilabichaa ammallee yaada wal fakkaataa akka qabuufi egeree Kaarik irratti murteen xumuraa hin darbine.
Haa ta'u malee, hojii gaggeessaa olaanaan Maanchistar Yunaayitid Omaar Beraadaa fi kilabichatti daarektarri kubbaa miilaa Jeesan Wilkoks Kaarik akka gadhiisu kilabicha keessa qooda muraasa kan qaban Sar Jim Raatikiliif fi maatii Gileezaritti akka yaada dhiheessan eegama.
Yunaayitid gaafa Dilbataa Astoon Viilaa waliin 4 - 4 adda baheera. Kunis, Yunaayitid gabatee pirimeer liigicha irratti sadarkaa 18ffaa akka qabatu taasiseera.
Sadarkaan kunis qabxii gad aanaa kilabichi waggaa 40 keessatti galmeessedha.
BBC Sport baatii Onkololeessa keessa kilabichi leenjisaa duraanii Niiwkaasil Eedi Hoow fi leenjisaa duraanii Garee Biyyaalessaa Jarman Juuliyaan Nagelismaan akka Kaarik bakka bu'an gurra buusuu gabaaseera.
Leenjisaan duraanii Chelsii Antooniyoo Konteenis itti gaafatama kana ni fedhu.
Maddeen garagaraa leenjisaan duraanii Tootanhaam Mawurisiyoo Pichettiinoo gara Old Tiraafold imaluuf rakkoo hin qaban jedhu.
Leenjisaan duraanii Tootanhaam kuni baatii Hagayya keessa waliigaltee leenjisummaa garee biyyaalessaa US waliin qaban dheeressaniiru.
Waliigalteen isaan mallatteessan keessatti keeyyati hojiin haaraa maqaa guddaa qabu yoo dhufe gadhiisuu akka danda'an eeyyamuuf ni jira.
Egeree Kaarik
Taphni Yunaayitid Aston Viilaa waliin qixa itti bahe erga Maanchistar Yunaayitid leenjisaa isaa ganna 45'f carraa kennee tapha sadaffaa taphatedha.
Yeroowwan kana keessatti takka mo'e, takka qixa bahe akkasumas takka mo'ame. Kunneenis, bara bulchiinsa Kaarik keessatti haala gaariifi badaa mul'isan.

Madda suuraa, Getty Images
Yunaayitid osoo durfamuu duubaa ka'ee galchuun Yunaayitid durii yaadachiiseera.
Yunaayitid yeroo dabalataa Kaarikiif kenne keessatti karaatti kilabichi bara dorgommii kana itti eegalu hubachuuf yaadameera.
Haa ta'u malee, Kaarikiif waan gaarii hin fidne.
Taphoota Pirimeer Liigii 10 keessaa takka qofa kan mo'ate Kaarik, waggaa 40 keessatti jalqabbii hamaatti jira.
Gabatee Pirimeer Liigii keessatti sadarkaa 18ffaarra jira. Sadarkaa 20ffaarra kan jiru Kiristaal Paalaas irraa qabxi tokko qofaan fagaatan.
Bara dorgommii baranaa galchiin 19 itti seeneera. Paalaas fi Ipiswiich qofatu Yunaayitid caalaa galchiin hedduu itti seene.


























