KALLATTIIN , Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa “rakkoon nageenya saabiybarii” isa mudachuu beeksise

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa “rakkoo nageenya saayiberii” akka isa mudateefi dhiibbaan ragaan sababa kanaan butamu hangam akka ta’u baruuf qorannoo gochaa jiraachuu maamiltoota isaa beeksiseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa “rakkoon nageenya saabiybarii” isa mudachuu beeksise

    Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa “rakkoo nageenya saayiberii” akka isa mudateefi dhiibbaan ragaan sababa kanaan butamu hangam akka ta’u baruuf qorannoo gochaa jiraachuu maamiltoota isaa beeksiseera.

    Haata’u malee, hanga ammaatti waan mudate kanaan ragaan maallaqaa maamiltootaa qaama biraa ga’uu isaa ragaan agarsiisu akka hin argamiin har’a Roobii Sadaasa 18, 2026 ergaa karaa iimeeliitiin fayyadamtoota ‘Sheba Miles’f ergeen ibseera.

    Karaa maamiltoonni amanamoo Daandii Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila ittiin argatan kan ta’e ‘Sheba Miles’ maamiltoota miliyoona 5.4 ta’u akka qabu ragaan bara darbe bahe ni mul’isa.

    “Beeksisa rakkoo nageenya ragaa” mata duree jedhuun iimeeliin ergame kun taateen kun kan mudate sirna Sheba Miles irratti qofa kan mudate ta’uu isaa ifa hin goone.

    Ergaan maamiltoota Sheba Miles’f ergma, “Sisitemoota keenyarra rakkoon nageenya saayibarii hangi isaa murtaa’aa ta’e” mudachuu isaa ibseera. “Taateen kun ragaalee maamiltoota muraasaa kan tuqe ta’uu mala,” jedheera.

    Ergaan iimeelii Daandii Qilleensaa kun taateen kun “dhiyeenya” mudachuu isaa ibsullee guyyaan isaa inni sirrii yoom akka ta’e hin eerre.

    Waan mudate Kanaan maamiltoota hangamtu akka miidhame, rakkoo nageenya ragaa akkamiitu akka mudate ykn taateen kun akkamitti akka uumame ifatti hin beeksifne.

    BBCn dhimma kanarratti odeeffannoo dabalataa Daandii Qilleensaa Itoophiyaarraa yaaliin argachuuf taasise hin milkoofne.

    Dhimmichi “xiyyeeffannoo fi of eeggannoo olaanaa ta’een” qabamuu isaa kan ibse Daandiin Qilleensichaa, “taatee kana qorachuuf, akkasumas dhiibbaa inni qabsiisu hunda gamagamuudhaaf michoota nageenya saayibarii keenya, akkasumas aanga’oota dhimmichi ilaallatu waliin walitti dhufeenyaan hojjechaa jirra,” jedheera.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa rakkoo kana furuuf “xiyyeeffannoo fi humna isaa guutuu” achirra gochuus dabaluun himeera. “Odeeffannoon dabalataa wayita argamanitti” maamiltoota isaa akka beeksisus waadaa galeera.

    Maamiltoonnis “waan shakkisiisu ykn walitti dhufeenya barbaachisaa hin taane” isaan qaqqaburraa akka of qusatanis hubachiiseera.

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa rakkoon nageenyaa akkasii isa mudachuu kan beeksise, wayita guutummaa addunyaarratti gufachuun tajaajilawwanii gara agaraa guddaan mudatettidha.

    Torband arbe keessa dhaabbanni tekinooloojii guddichi Microsofte rakkoo isa mudateen tajaajilawwan isaa addaan citanii ture.

    Ameerikaatti ammoo waan sirna to’annoo tiraafikaa qilleensaa biyyattii mudateen waggoota 25 keessatti yeroo dheeraatiif kan jedhame balaliin addaan citeera.

    Dhaabbanni Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa gamasaatiin Kibxata sirni walitti dhufeenya keessoo waajirichaa addaan citee akka ture beeksiseera. Baankonni biyyattiis rakkoo wal fakkaataa isaan mudateera.

    Kana dursee ammo sirna to’annaa firiijii (qabbaneessituu) suppermaarketoota Faransaay irratti haleellaa saayibarii mudateen sooranni badeera ykn yarateera.

    Itti aansee biyyoota Awurooppaa gara garaa keessatti haleellaan wal fakkaataan mudachuu gabaafameera.

    Faransaay ammo firiijiin suppermaarketootaa ho’i isaanii akka dabalu haleellaa saayibarii mudateen Iraaniin itti gaafatamtuu goote. Iraan garuu himannaa irratti dhiyaate kana waakkatteetti.

  2. Tiraamp, Puutin fi Shii Jiipiing yeroo jalqabaaf qaamaan wal arganii harka walfuudhan

    Pirezidaantota US, Chaayinaa fi Raashiyaa

    Marii seena qabeessa jedhame Chaayinaatti pirezidant Shii Jiipiing waliin taasifamuuf qopha'aa kan jiran Doonaald Tiraamp fi Vilaadmiir Puutin yeroo jalqabaaf qaaman wal argan.

    Pirezidntiin Ameerikaa kora hoggantoota Eeshiyaa Paasfik irratti hirmaachuuf magaalaa Sheenzeen gahee xiyyaara irraa wayita bu'utti pirezidantii Chaayinaatiin simannaan taasifameeraaf. Kora kanaan alatti addunyaan pirezidaantonni sadan wal gahuu isaanii eegaa jira.

    Tiraamp akkuma xiyyaara irraa bu'een pirezidantii Chaayinaa waliin bifa of eeggannoo qabuufi qindaa'aa ta'een yeroo harka wal fuudhaniifi wal hammatan mul'ataniiru. Itti aansee osoo sirni simannaan hin jalqabamiin dura Puutiiniin nagaa yeroo gaafatuu fi jechoota muraasa waliin dubbatan hubatameera.

    Tiraamp fi Puutin Kamisa boruu kora sana cinaatti marii akka taasisan eegama.

    Dhimmi waraana Yukireen ammoo ajandaa marii isaanii keessaa tokko ta'uu danda'a.

    Haata'u malee, waltajjii tumsa dinagdee Eeshiyaa Paasfik irratti xiyyeeffannaa addaa kan argate marii Kamisa Ameerikaa, Chaayinaa fi Raashiyaan sadii ta'anii taasisanidha.

    Gaggeessitoonni sadan qaamaan yeroo wal argan kun isa jalqabaati.

    Ajandaan kora kanaa hundi isaa ifa ta'uu baatus, wa'ee waraana Yukireeniifi Iraan, waa'ee babal'achuu meeshaa waraanaa nukilaraa, waa'ee muddama daldalaa, akkasumas waa'ee humannoo nam-tolchee (AI) ilaalchisee guddina galmaa'an irratti mariyachuu akka danda'an ragaaleen akeekan bahaniiru.

    Marii Tiraamp fi Puutin addatti waliin taasisan bifa akkamii akka qabaatu hanga ammaatti ifa miti. Dubbi-himaan Yukireen garuu jilli baayyeen kan irratti hin argamne mariin gabaabaa fi idilee hin taane akka gaggeeffamu eereera.

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii bakka buutonni Kiiv fi Awurooppaa bakka hin argamnetti waa'ee karoora waraana dhaabuu mariyachuu danda'u yaaddoo jedhu kaaseera.

    Tiraamp fi Puutin erga A L I Hagayya 2017 as yeroo jalqabaaf qaamaan wal arganii harka kan wal fuudhan Roobii har'aati.Yeroo snatti, hogganaan Raashiyaa kun waa'ee waraana Yukireen irratti dubbachuuf gara Alaaskaa [Ameerikaa]tti imalee kan ture yoo ta'u, bu'aa malee xumuramuun isaa ni yaadatama.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  3. Jeettiin pirezidantii Gaanaan dolaara mil. 60'n bitatte dheekkamsa kaase

    Xiyyaara Pirezidantii Gaanaa haaraa bitame

    Jeettiin pirezidantii mootummaan Gaanaa olaara miliyoona 60'n bitate ummata dheekkamsiise.

    Mootummaan baasii guddaadhaan jeettii pirezidantii kana kan bite wayita ummanni baayyeen qaala'insa jireenyaan qormaata keessa jiruttidha.

    Jeettiin Faransaay hojjette 'Falcon 6X' jedhamu dolaarri miliyoona 60'n itti bahe kun atakaaroo siyaasaa kan uume yoo ta'u, namoonni siyaasaa mormitoota ta'anis "waan dursi kennamuufiif qabuuf dursa kennuu dhiisuun" bulchiinsa Pirezidant Mahaamaan qeeqaniiru.

    Haata'u malee, mootummaan dinagdeen biyyattii guddachaa jiru fooyya'insa agarsiisaa waan dhufeef, gatii jeettii kanaas madaalawaa waan ta'eef, akkasumas jeettii pirezidaantii dulloomeeru bakka buusuun barbaachisaa waan ta'eef bittaan kun sababa quubsaan kan raawwatame ta'uu ibseera.

    Atakaaroon kun kan dhalate bulchiinsi Mahaamaat wayita Gaanaan gaaga'mni dinagdee akka dhaabbata maallaqaa idil-addunyaa gargaarsa akka gaafattu ishee dirqisuusee fi rakkoon dinagdee ishee mudate akka dadnamatu gochuuf yaaluu qabduttidha.

    Humni qilleensaa Gaanaa, xiyyaara dolaarri miliyoona 60 baasii itti ta'ee Kaampaanii faransaay Airbus kan ta'e Daasolt Aveeshinirraa Wixata ture kan fudhate.

    Odeeffannoo kanaan walqabatan biroo:

  4. Ameerikaan guddina dinagdeefi sirna dimokiraasii Tigraay ijaaruu ni deeggarti -Amaasaaddar Masingaa

    Ambaasaaddar Masingaa jila UN fi dippilomatota biroo waliin Maqalee yeroo qaqqabanitti, Sadaasa 17, 2026

    Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Masingaa, Ameerikaan guddina dinagdee fi sirna dimokiraasii naannoo Tigraay mirkaneessuu akka deeggartu hime.

    Ambaasaaddar Masiingaan ambaasaaddaroota biroo fi jila dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, akkasumas qaamolee idil-addunyaa dhimmi ilalalatu biroo waliin ta'uun Wixata Sadaasa 17, 2026 daawwannaa waloo Maqaleetti taasisaniin aanga'ootaa fi bakka bu'oota hawaasa sivilii naannichaa waliin mariyataniiru.

    Embaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru marii kana ilaalchisee ibsa fuula marsariitii isaarratti baaseen, wayita mariyatanitti Ambaasaaddarichi " Ummata Tigraayiif tasgabbiin, hunda hirmaachisuun, akkasumas dhaabbileen ciccimoon guddna dinagdee fi hojii uumuu keessatti humna guddaadha" jechuun ibseera.

    Dhimmoonni bu'uuraa kunneen jiraattota naannichaaf carraawwan dinagdee bal'isuuf, akkasumas kutaaleen hawaasaa hundi guddina argamurraa fayyadamoo akka ta'an gochuuf barbaachisoo ta'uu hubachiiseera.

    Addatti Ambaasaaddar Masingaan naannichatti namoota sababa ongeen miidhaman gargarsa namoomaa akka argatan mirkaneessuuf Ameerikaan murannoo akka qabdu mirkaneesseera.

    Ambaasaaddaricgi itti dabaluun, Ameerikaan ummata Tigraay, mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi michoota idil-addunyaa biroo waliin ta'uudhaan Tigraay fi kaabni Itoophiyaa guutummatti gara tasgabbiitti akka deebiyuufi guddinaatti akka ce'uuf deeggaruuf akka hojjetan ibseera.

    Oduu biroo dabalataa:

  5. Kun simannaa addaa

    .

    Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing Pirezidaantii Ameerikaa Donald Tiraamp buufata xiyyaaraatti simachuun waan salphaa miti. Kun tarkaanfii dippilomaasii of eeggannoodhaan qophaa'e dha.

    Gochi kun hiika guddaa akka qabu Shii Jiinpiing ni beeka. Akka yaadamutti, kun yeroo jalqabaati kan Pirezidaantiin Chaayinaa hogganaa biyya alaa tokko buufata xiyyaaraatti simatan.

    Tiraamp jalqaba bara kana Waashingitan keessatti buufata xiyyaaraatti Shii Jiinpiing simachuuf argamee ture. Amma immoo hogganaan Chaayinaa kabaja kana deebisaa jira.

    Shii Jiinpiing Tiraamp beekamtii dhuunfaa, kabajaa fi sadarkaa aangoo irratti xiyyeeffannoo guddaa akka kennu ni beeka.

    Kanaaf, simannaa kana nama biraatti osoo hin kennin ofii isaatiin raawwachuun, hogganaan Ameerikaa kun akka nama addaa fi kabaja guddaa argateetti akka itti dhaga'amu taasisaa jira.

    Shii Jiinpiing gochi kun marii daldalaa, Taayiwaan fi teeknooloojii irratti gaggeeffamuuf haala mijataa uumuu akka danda'u abdii qabaachuu mala.

  6. Chaayinaan Tiraampiif simannaa ho'aa taasifte; Suuradhaan

    .
    Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo Tiraamp magaalaa Sheenzen gahan
    .
    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing yeroo Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Tiraamp xiyyaara irraa bu'an simatan.
    .
    .
  7. Shii Jiin Piing Ameerikaarraa maal barbaada?

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Shii Jiin Piing

    Shii Jiin Piing bara kana keessa qofa yeroo sadaffaaf Donaald Tiraamp waliin wal arga.

    Ogeeyyiin hariiroo daldalaa US fi Chaayinaa irratti jijjiirama guddaallee eeguu baatan, biyyoonni lamaan hariiroo daldalaa isaanii daddaaqee jiru fooyyessuuf carraaqqii ni godhu jedhu.

    Taarifni daldalaa biyyoonni lamaan doorsisaaf walirra kaa'an hanga dhuma bara kanaatti tursiifameera,haa ta'u malee Waashingitan torban kana daldala semiconductor (meeshaalee elektirooniksii xixiqqoo) karaa Kibba Baha Eeshiyaa gaggeeffamu irratti uggura cimaa keesseerti.

    Hojii gaggeessaan olaanaa dhaabbata Nvidia kan ta’an Jensen Huang himannaa dubartii basaastuu Chaayinaa ta’uun shakkamtu waliin hariiroo jaalalaa qabu jedhu hordofee erga hojii gadhiisanii booda, muddamni gama lameenii gidduu jiru dabaleera.

    Kaayyoon ijoo Shii yaa’ii APEC irratti qaban, mudannoon Nvidiyaa fi bu’aan filannoo walakkeessaa Ameerikaa hariiroo Ameerikaa fi Chaayinaa akka hin miine agarsiisuudha, jedhu ogeessi Inistiitiyuutii Diinagdee Idil-addunyaa Piitarsan Yeelingi Taan.

    Beejiing gama lameenuu walta’iinsaan hojjechuu fi waldhabdee to’achuuf waadaa akka galan ni barbaaddi jedhu Taan.

  8. Dhimmoota ijoo walgahii Tiraamp, Shii Jiin Piingii fi Puutin irratti ka'u malu

    .

    Pirezidaanti Ameerikaa Doonald Tiraamp, hogganaa Chaayinaa Shii Jiinping fi Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin har'a yeroo jalqabaaf walga'ii seenaa qabeessa ta'e irratti wal arguuf jiru.

    Walga'iin isaanii kun dhimma daldala addunyaa, dorgommii teeknooloojii, nageenya idil-addunyaa fi waraana biyyoota garaagaraa irratti xiyyeeffata jedhamee eegama.

    Dhimmoota ijoo walga'ii kana irratti ka'uu malan keessaa:

    • Waldhabdee daldalaa: Taarifni Tiraamp kaa'e sirna daldala addunyaa jeequu bira darbee, Chaayinaanis al-ergii meeshaalee barbaachisoo kanneen akka albuuda lafa keessaa argamu (rare earths) danquudhaan deebii kenniteetti. Waraana daldalaa kanaan walqabatee waliigalteen yeroo gabaabaaf taasifame, Amajjii keessa dhumata.
    • Hubannoo namtolchee (AI) fi meeshalee kompiitaraa: Meeshaleen AI dorgommii teeknooloojii cimaa Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti taasifamaa jiru ta'aniiru. Dhiheenya meeshaleen gara Chaayinaatti seeraan ala dabarfamaa jiran jedhame irratti qorannoon akka gaggeeffamu taasiseera. Ameerikaanis dhimma kana balaa nageenya biyyaalessaati jechuun ilaalti.
    • Meeshaalee niwukilaraa hir'isuu: Tiraamp, mariin Puutin fi Shii Jiinping waliin taasisan keessaa dandeettii meeshaalee niwukilaraa hir'isuu akka hammatu dubbateera. Haa ta'u malee, Chaayinaan meeshaalee niwukilaraa qabduun Ameerikaa fi Raashiyaa waliin yoo madaalaman garaagarummaan guddaan jira jechuun marii meeshaalee niwukilaraa hir'isuu irratti hirmaachuuf yeroo dheeraaf fedhii hin agarsiifne.
    • Waraana Yukireen: Ogeeyyiin akka jedhanitti, faayidaaleen biyyoota hirmaatan walfaallaa ta'uu fi Yukireen marii keessatti hirmaachuu dhabuu isheetiin, waliigalteen bu'aa guddaa fidu uumamuun hin eegamu. Qondaaltonni Ameerikaa Tiraamp dhimma kana kaasuu dhiisuu mala jedhu.
    • Waraana Iraan: Tiraamp dhimma waraana Iraan irratti walgahii kana irratti kaasuu akka barbaadu agarsiiseera. Moskoo fi Beejing Iraan waliin michoota seera qabeessa ta'uu baatanis, mootummaa Iraan waliin hariiroo tarsiimoo irratti hundaa'e qabu.
  9. Traamp gara Shenzeen qajeele, Puutiniifi Shii Jiin Piing marii goolaban

    Putin fi Shii
    Ibsa waa'ee suuraa, Putin fi Shii

    Tiraamp magaalaa guddoo Filippiins, Maanillaa gadhiisee gara magaalaa Chaayinaa Shenzheen imaluutti jira.

    Xiyyaarri isaa Air Force One Filippiinsiirraa ka’eera.

    Gara magaalaa kibba Chaayinaa Shenzheen, bakka walga’iin olaanaan APEC itti gaggeeffamaa jirutti imalaa jira.

    Balalliin Maanillaa irraa gara Shenzheen taasifamu kun tilmaamaan sa’aatii lama fudhata jedhamee eegama.

    Gama biraatiin Puutiniifi Shii Jiin Piingi marii isaanii xumuranii jiru.

    Akka ejensiin oduu Raashiyaa TASS gabaasetti, mariin Shii fi Puutiin gidduutti gaggeeffamaa ture sa'aatii lamaa ol booda xumurameera.

    Puutiin iddoo keessummaa mootummaa Chaayinaa bakka walga'ichi itti gaggeeffame ture gadhiisee baheera.

    Dhimmoonni jilli biyyoota lamaanii irratti mari'atan keessaa "carraa walta'iinsa diinagdee Raashiyaa fi Chaayinaa gidduutti gara fuulduraatti taasifamuu" akka keessatti argamu TASS ibseera.

    Barreeffama haasaa baniinsaa Shii fi Puutiin kan Kireemliin maxxanse irratti, hoggantoonni lameenuu hariiroo biyyoota lamaanii dinqisiifachuun, kun bara kana keessa qaamaan yeroo sadaffaaf wal arguu isaanii ta'uu eeraniiru.

    Shiin biyyoonni lameenuu " dhawaataa fi ija jabinaan gara fuulduraatti akka tarkaanfatan, akkasumas carraa guddaa hariiroon biyyoota lamaanii qabu yeroo hunda akka banan" gaafataniiru.

    Puutiin gama isaatiin guddina daldala biyyoota lamaanii gidduu jiruu fi "marii bu'a qabeessa qorannoo saayinsii fi kalaqa haaraa irratti taasifamaa jiru" xiyyeeffannoo itti kennaniiru.

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Traamp gara Shenzeen qajeele, Puutiniifi Shii Jiin Piing marii goolaban
  10. 'Dhumaatiin waraanan barana Sudaanitti mudate 3/4ffaan dirooniitu raawwate' - UN

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, 'Dhumaatiin waraanan barana Sudaanitti mudate 3/4ffaan dirooniitu raawwate' -UN

    'Dhumaatiin waraanan bara kana keessa Sudaanitti mudate afur keessaa sadi haleellaa dirooniin raawwatamuu UN beeksise.

    Waajjiiri mirga namoomaa UN Kibxata akka jedhetti bara kana keessa qofa lola Sudaan keessaatiin lammiilee nagaa 2,230 tu dhume jedha.

    Kanneen keessaa harka 75% jechuunis, afur keessaa namoonni sadi haleellaa dirooniitiin dhumuu ibse. Tarkaanfiin kunis egeree walitti bu'iinsa Sudaan keessaa kan ibsu jedhe.

    Komishinarri Olaanaan Dhimmoota Mirga Namoomaa UN Voolkar ​Tuurk qaamoleen wal-waraanaa jiran ija jabinaan seera waraanaa cabsuu isaanii," balaaleffachuun kunis yakka waraanaatti lakkaa'amuu danda'a jedhan.

    "Raayyaan ittisa biyyaa Suudaan Ebla 2023 irraa eegalee waraana waliinii keessatti Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) waliin wal-waraanaa kan ture yoo ta'u, ji'oota dhiyoo asitti immoo gareen lamaanuu haleellaa diroonii (xiyyaara nama malee balali'u) cimsanii jiru."

    "Itti fayyadamni diroonii dabaluun amala addaa walitti bu'iinsa Sudaan keessaa tokko ta'ee mul'ateera; kunis qaamoleen wal-waraanan naannoo to'annoo isaanii fi adda waraanaa irraa fagaatanii haleellaa akka raawwatan dandeessiseera," jedhe gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan haala Amajjii hanga Waxabajjii jiru uwwisu.

    Yeroo kana keessatti, lakkoofsi namoota du'anii kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiin mirkanaa'e gara 2,230tti ol kan guddate yoo ta'u, isaan keessaa namoonni 1,630 ol ta'an dirooniidhaan kan ajjeefaman ta'uu ibsi UN gabaasichaan walqabatee baase ni mul'isa.

    Ibsi UN miidhaa dhugaa kana irra caaluu akka danda'u akeekeera.

    Dirooniiwwan bu'uuraalee ummataa murteessoo kanneen akka maddeen bishaanii fi dhiyeessii humna ibsaa irratti xiyyeeffachuun dabalaa dhufeera," jedhe ibsi UN.

  11. Shii Jiinpiing fi Puutin utuu Tiraamp achi hin ga'iin marii isaanii jalqaban

    Putiin fi Shii
    Ibsa waa'ee suuraa, Putiin fi Shii

    Pirezidaanonni Chaayinaa fi Raashiyaa, Shii Jiinpiing fi Vilaadimiir Puutin, magaalaa Shenziin keessatti marii seenaa qabeessa jedhame eegalan.

    Walga’iin kun, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Chaayinaa ga’uun isaa dura kan gaggeeffamu yoo ta’u, xiyyeeffannoo addunyaa argateera.

    Miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa akka gabaasanitti, hoggantoonni lamaan haala ji’oopoolitikaalaa addunyaa fi tumsa biyyoota lamaanii irratti mari'atan

    Walga’iin kun yeroo Chaayinaa, Raashiyaa fi Ameerikaan hariiroo daldalaa, nageenyaa fi siyaasaa addunyaa irratti dorgommii fi marii cimaa keessa jiranitti gaggeeffamaa jira.

    Marii hoggantoota biyyyoota gurguddoo addunyaa sadan gidduutti gaggeeffamu keessatti immoo waraana Yuukireen,Iraan, nageenya idil-addunyaa fi tumsa biyyoota ajandaa marii isaaniiti jedhamee eegama.

  12. Phaaphaasiin Kaatolikii yaada luboonni gaa'ela ijaarratan akka tajaajilan dhiyaate morman

    Poop Liyoo

    Dursaa Kaatolikii Addunyaa Poop Liyoon yaada luboonni fuudhanii gaa'ela ijaarratan akka tajaajilan hayyamuu jedhu dhiyaate ilaalchisee karoora barsiisa Bataskaanitti jijjiiruu hin qabnu jedhan. Dhimmi kun Bataskaana miseensota Biliyoona 1.4 qabdu keessatti qoqqoodama uumuu waan danda'uuf yaada kana morman Phaphaasiin Kaatolikii kun.

    Yaada Kaatolikoota hanga tokkoon yeroo dheeraaf deeggaramaa ture kanarratti ifatti yaada yeroo kennan kun isa jalqabaati.

    Haata'u malee, Poop Liyoon yaada luboonni (qeesonni) fuudhan akka tajaajilan hayyamamuuf qaba jedhu kana ilaalchisuun guutummaatti karri cufaadhe hin jenne. Amma dursi kan kennamuuf guutummaa addunyaa irratti tokkummaa Bataskaana Kaatolikii cimsuu ta'uu dubbatan wayita daawwannaa guyyoota 12 Ameerikaa kibbaatti taasisanirraa deebiyaa jiranitti.

    "Gara fuula duraatti wanti jijjiiramu jiraachuu mala. Haata'u malee, ammaaf ergamni koo angafaa jedhee kanan yaadu Bataskaanittii keessatti madaa jiru dhinsuu fi tokkummaa ummataa jabeessuudha," jedhan Poop Liyoon.

    Amantaa Kaatolikii keessatti luboonni gaa'ela hin godhatan. Haata'u malee, luboonni gaa'ela qaban akka tajaajiluuf hayyamamuuf qaba yaada jedhu kanneen deeggaran jiru. Akka warri yaada luboota fuudhan akka tajaajilaniif hayyamuu kun namoonni baayyeen gara tajaajila kanaatti akka makaman hawwata jedhanii amanu.

    Bataskaana Kaatolikii waggoota 12 bulchaa turanii bara 2025 kan boqotan Poop Firaansis yaada luboonni fuudhan akka tajaajila hayyamamuuf qaba jedhu kana diduun hin mirkaneessine.

    Odeeffannoo biroo kana waliin walqabataniif:

  13. Diroonii Ameerikaa rukkunnee kuffiisneerra - Iraan

    Diroonii

    Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) diroonii Ameerikaa US MQ-1 jedhamu hojii basaasaa fi oppereeshinii waraanaaf boba'an kibba Odola Qeshim keessatti rukkutee kuffiisuu beeksise.

    IRGC akka jedhetti, xiyyaarri nam-maleessi US kun sirna ittisa qilleensaa fayyadamuun kan irratti xiyyeeffatame yoo ta'u, kana dabalatee dirooniin MQ-1 18 Iraaniin rukkutamee kufeera.

    Har'a ganama IRGC diroonii Ameerikaa MQM-170 biroo butuu isaas beksiseera.

    Ajajaan Giddugaleessaa US (CENTCOM) garuu dirooniin isaa Iraaniin irratti xyyeeffatamee rukkutamuu waakkateera.

    Oduu biroo kana waliin walqabataniif:

  14. Baahireen Imaama dabalatee Musliimota Shi'aa 64 ol hidhaa umurii guutuun adabde

    Namoonni hidhaman kunneen basaasuu fi yakka shorokkeessummaan warra shakkamanidha.

    Manni murii Baahireen himannaa shororkeessummaa Iraan waliin walqabateen Imaamota dabalatee Musliimota Shi'aa 64 ol ta'an irratti hidhaa umurii guutuu dabarsuu gareen mirga namaaf falmu Yunaayitid Kingidam keessa jiru tokko ibse.

    Dhaabbanni Mirgaa fi Dimokiraasii Baahireen akka dubbatetti, magaalaa guddoo Baahireen, Maanaamaa keessatti kan argamu manni murtii olaanaa yakkamtootaa murtee dabarseen naamota hidhaan umurii guutuu irratti darbeen alatti shan ammoo hidhaa waggaa 15 itti murameera.

    Abbaan alangaas murtiin kun darbuu kan mirkaneesse yoo ta'u baayyinaa fi eenyummaa namoota kanaa gruu hin ibsine.

    Haata'u malee, gareen mirga namaaf falmu kun akka ibsetti, Solaata jumaa kan dursan Sheek Mohaammad Saanquur fi Sheek Alii Al Sadaadiin dabalatee 47 kan ta'an Imaamotadha.

    Hoggantoonni amantaa Shi'aa 13 ammoo bakka hin jirretti murtiin kun irratti darbeera.

    Namoonni kunneen garee shororkeessaa Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Iraan waliin hariiroo qabu hundeessuun himanni akka isaanirratti dhiyaate abbaan alangaa ibseera.

    Gareen mirga namaaf falmu kun garuu murtii namoota kanneen irratti darbe mormuun balaaleffateera.

    "Namoota kanneen irratti gochi hiraarsuu fi dirqamaan akka amanan gochuu akka irratti raawwatamee fi himannaa isaanirratti dhiyaates akka ofirraa hin ittisne taaifamuu ragaa amanamaan jiru," jedhe.

    Amantaa Sunnii kan hordoftu Baahireen, Muliima Shi'aa kan hordoftu Iraan irratti waraana Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala keesssa banuun booda namoota dhibbaan lakkaa'aman Musliimota Shi'aa ta'an hidhuun ishee gabaafameera.

    Namoonni hidhaman kunneen basaasuu fi yakka shorokkeessummaan warra shakkamanidha.

    Oduu kana waliin walqabatan biroo:

  15. 'Ulaan Hormuz kan banamu yoo haal-duree 7 Iraan fudhatame qofa'- Iraan

    -

    Iraan ulaan Hormuz hanga Ameerikaan ulaagaalee torba Iraan dhiyeessite fudhatutti akka hin banamne irra deebi’uun beeksifteetti.

    Dubbi himaan waraana Iraan, Amiir Akraminiyaa, dooniiwwan galaanaa karaa Iraan hin hayyamne akka hin fayyadamne akeekkachiisan.

    Akka inni jedhutti, humnoonni waraanaa Iraan kutaa bahaa fi dhihaa ulaa Hormuz to’aachuuf qophii ga'aarra jiru.

    Qondaalli kun ulaan galaanaa kun kan banamu Ameerikaan ulaagaalee Iraan kana yoo fudhatte qofa ta’uu cimsanii ibsan.

    Itti dabaluunis dooniiwwan karaa Iraan hin hayyamne yoo fayyadaman fanjii galaanaa, haleellaa misaa'elssa yookaan haleellaa biraaf saaxilamuu danda’u jedhe.

    Nageenyi dooniiwwanii karaa humnoonni waraanaa Iraan fi Koreen Eegumsa Warraaqsa Islaamaa (IRGC) qajeelchan qofa hordofuun ta'uu akka qabus akeekan.

    Carraan waraanni irra deebi’ee ka’uu ilaalchisuun Ameerikaan dogoggora kana yoo irra deebite yookaan biyyoonni naannichaa tokko tokko fedhii seeraan alaa US galmaan ga'uuf yoo carraaqan halleellaa cimaa daangaa ce’uuf saaxilamus jedhan

  16. Jilli UN fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Maqalee deeman

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Jilli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Maqalee deeman

    Jilli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa fi qooda fudhattoonni idil- addunyaa Maqalee deeman.

    Imalli qaamolee kanneenii mootummaan federaalaa erga Maqalee to'atee booda kan jalqabaati.

    Jila Maqaleetti imale kana keessatti Ambaasaaddara US Erviin Maasiingaa dabalatee ambaasaaddaroonni biyyoota saddeetii fi qondaaltonni olaanoon Gamtaa Awurooppaa keessa jiraachuu Televizhiniin Tigraay gabaase.

    Kaayyoon imala kanaa haala qabatamaa naannichaa qaamaan ilaaluu fi itti aansee deeggarsa barbaachisu gochuuf ta'uu eerameera.

    Jilli kun Bulchiinsa Imaanaa Tigraay waliinis marii eegaluu kan ibsame yoo ta'u, gargaarsa namoomaa, buqqaatota, hidhannoo hiikkachuufi deebisanii dhaabuu fi nageenya naannichaa kanneen jedhan qabxiilee marii ta'uu himameera.

    Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Dhimma Bulchiinsaa fi Tajaajila Hawaasaa Obbo Asaffaa Abrahaa, Bulchiinsi Yeroo Tigraay caasaa bulchiinsaa naannoo irraa hanga aanaatti diriire hundeessuun hojiitti seenuu isaa keessummootaaf ibsuu isaanii himameera.

    Jilli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii A.L.I Sadaasa 8 bara 2019 har’arraa eegalee daawwannaa hojii ifa ta’e kan guyyoota lamaaf turu magaalaa Maqaleetti akka taasisu gabaasichi mul’ise.

    Jilichi hoggantoota olaanoo Bulchiinsa Yeroo Tigraay, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa siiviilii waliin marii akka taasisu ni eegama.

    Humnoota Tigraayii fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti Roobii Fulbaana 13 bara 2019 waraanni irradeebiin ka’uu hordofuun, Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii fi Imbasiin Ameerikaa Itoophiyaatti argamu humnoonni lamaan marii akka taasisan ibsuun ni yaadatama.

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii waraana kaaba Itoophiyaatti irradeebiin ka’eef yaadda’uu ibsuun, gareewwan wal-waraanan akka walitti bu’iinsa atattamaan dhaabanii gara bu’uura waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatti akka deebi’an waamicha dhiyeessee ture.

    Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiin "murtoo dadhabaa haleellaa bal’aa banuuf dabarsaniin gadduu isaanii" ibsuun ni yaadatama.

    Ambaasaaddarichi "gareewwan hidhattootaa biroo waraana kana keessa seenuu dhiisuun qaroo akka ta’an" gorsuun, Ameerikaan hoggantoota dabalataa Itoophiyaa karaa dogoggoraatti geessuuf yaalanirratti qoqqobbii kaa’uuf filannoo akka qabdu akeekaniiru.

  17. Manguddoon ganna 65 daa'ima ganna 11 gudeede hidhaan itti murame

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Manguddoon ganna 65 daa'ima ganna 11 dirqiin gudeede hidhaan itti murame

    Manguddoon ganna 65 ganna daa'ima 11 gudeeduun hidhaan itti muramuu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

    Manguddoon Wandimmuu Buzaayyoo jiraataa Godina Kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaa yoo ta'u daa'ima ollaasaa taatee fi Ganda Boosa kittoo jedhamuun waamamu keessa jiraatturratti yakka gudeeddii raawwachuu poolisiin hime.

    Himatamaan kun amma adabbiin hidhaa itti murame kun daa'ima tana maatiin hojii akka deemanii fi mana akka hin jirree hubachuun mana maatii miidhamtuu kana deemuun nyaata koshoroo fi shonkoraa siif bita jechuun gowwoomsaa takka ture ibsa poolisii kana keessatti eerameera.

    Yeroo garaa garaattis daa'ima kana irratti yakka gudeeddaa erga rawwatee booda ollaan maatii miidhamtuu kanaa jiraatan yeroo himataman kun mana maatii miidhamtuu tanaatti deddebi'uu arge akka yeroo isaan mana hin jirre mana isaanitti deddebi'aa ture maatii miidhamtuutti himan.

    Maatiin madhamtuus daa'ima miidhamte yeroo qoratanitti akka gowwomsee dirqisiisee ishee gudeede maatii isheetti himteen booda maatiin gara Qajeelcha Ol'aanaa poolisii magaalaa jimmaatti beeksisu.

    Waajjira poolisii Aanaa 1ffaatti deemuun eeruu kennatanin boodas qoraatan poolisii fi abbaan alangaa waliin ta'uun dhimmicha ragaa qulqulleessanii booda himatni mana murtii Ol'aanaa Godina kibba lixaa Oromiyaatti baname.

    Manni murtichaas himata dhiyaate ilaalun dhaddacha tibbana ooleen hidhaa cimaa waggaa kudha lamaa(12) itti muree jira.

    Qorattuun yakka dubartoota fi da'immanii waajjiraa poolisii aanaa 1ffaa gargaartuu inspeektara Maartaa Waaqjiraa akka hawaasni hundi naannoo isaa fi daa'immaan ofii hordofuufi gochaa akkanaaf akka hin saaxilamne eegumsa gochuufii akka qabu ibsan.

  18. Tiraamp daawwannaa gara Eeshiyaa jalqabeera. Chaayinaa dura Filippins Maanillaa ejjeta

    -
    Ibsa waa'ee suuraa, Traamp imala Chaayinaaf baheera

    Tiraamp daawwannaa gara Eeshiyaa jalqabeera. Jilli isaa Kibxata har'aa Chaayinaa dhaquu dura Filippiinsi Maanillaa daawwata.

    Chaayinaan Wixata Pirezdant Shii Jiin Piing, Pirezdantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiinii fi Pirezdant Tiraamp waliin akka wal argu beeksifte. Waltajjiin hoggantoota biyyoota sadanii walitti fidu kun seenaa keessatti kan jalqabaati jedhameera.

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa ergaa Mooskoofi Waayit haawusirraa darbe hordofee wal argaan hoggantoota sadanii kan mirkanaaye ta'uu ibsite.

    The Wall Street Journal ji'a akka gabaasetti pirezdantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutitu marii gar-sadee kana karoorse. Innis waraana Yukireen waggoota afur deemaa jiru fala kaawuf akka ta'e gabaase.

    Marii kana cinaatti korri biyyoota Eeshiyaa APEC magaalaa Chaayinaa Shenzen keessatti ni taa'ama. Shii Jin Piingi Tiraamp waliin erga Onkololeessa bara darbee al sadi kan wal arge yoo ta'u, Puutiinii fi Shii Jiin Ping bara 2013 kaasee si'a 40 wal arganii jiru.

    Tiraampi fi Puutin si'a muraasa wal arganii jiru. Yeroo dhumaatiif Hagayya 2025 wal argan.

    "Shii Jiin Piingii’f dandeettiin Puutinii fi Trump gara waltajjii mariitti fiduu qofti haalota 'isaan walqixa keessaa isa duraa' jedhamu uumuudhaan mariin illee osoo hin jalqabin dura bu’aa siyaasaa guddaa argamsiisa," jedha daarektarri olaanaan dhaabbata Z-Ben Advisors Piitar Aleksaandar, kan magaalaa Shaangahaay keessatti argamu.

    Maaltu mari'atamuuf jira:

    • Mariin Tiraamp ittisa misooma nukilarii, waraana Bahaa Jiddugaleessaa, imaammata daldalaafi tarii waayee waraana Yukireen
    • Mariin bulchoota US, Raashiyaa fi Chaayinaa kun kun takka mul'atee hin beeku.
    • Chaayinaan Puutinii fi Tiraamp walitti fiduun Beejingiif bu'aa siyaasaa olaanaadha jedhu xiinxaltoonni.