Maatiin daa'ima fayyaa dhukkubsataa fakkeessanii ittiin kadhachaa turan akkamin saaxilaman?

Madda suuraa, Qajeelcha Poolisii Godina Booranaa
Namoonni magaalaa Nageellee Booranaa keessatti daa'imaan kadhachaa turan to'atamanii murtiin itti kennamuu Qajeelchi Poolisii godina Kibba Oromiyaa beeksise.
Namoonni kunneen naannoo Amaaraa irraa akka ka'anii fi ji'ootaaf magaalota Shaashamannee, Adoolaa, Shaakkisoo fi Nageelee Booranaa keessatti daa'ima lafaa dhufa dhukkubsataa akka ta'eetti dhiyeessun gargaarsa kadhachaa turan.
Booda gochi isaanii kun gowwoomsaa fi yakka ta'uu baramee poolisiin isaan to'ate. Mana murtiittis dhiyaachuun adabbiin seeraa irratti darbeera.
Namoonni daa'ima fayyaa naannessanii kadhachaanii turan kunneen akkamiin saaxilaaman?
Taateen kun kan barame ALI Qaammee 02, 2018 magaalaa Nageellee Booranaatti ture. Bakki addaa magaalaa tana keessa ganda Daannasaa Oliyyeetti ture. Namoonni naannoo Amaaraa irraa dhufne jedhan daa'ima ganna 10 Xiruusaw Mangistuu jedhamu wiilchariirra teessisanii dhibee narvii fi onnee akka qabu ibsuun ittiin kadhatu.
Namoonni kunneen gariin miseensa maatii daa'ima kanaa ta'uu Itti aanaa Abbaan Alangaa godina Kibba Oromiyaa kan ta'an Obbo Qaallicha Kanaa BBC'tti himanii jiru.
Himatamaan 1ffaan Tizaazuu Alamaayyoo (Obboleessa daa'imaa),
2ffaan Warqinash Kabbadaa (haadha manaa obboleessa daa'imaa), 3ffaan Kittuunaa Mangistuu fi Alamituu Balaayineh (haadha daa'imaa) ta'uu Obbo Qaallichi himanii jiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Namoonni kunneen namoota naannoo Amaaraatii buqqa'an ta'uu himatu kan jedhan qondaalli kun, akka waan daa'imni dhibee onnee fi narvii qabuu ragaa hospitaalaa dhiyeeffachuun, daa'ima kana abujadii adiin maranii wiilcharii kaawuun maayikaraafooniin gargaarsaf lallabu.
Obboleessi haadhaaf yaada daa'imaan kadhachuu kana dhiyeesse, haatis yaada kanaan waliigalte, haati manaa obboleessaa baanarii waa'ee dhukkubsachuu daa'ima kanaa qabattee deemti jedhu Obbo Qaallichi.
Himatamaa 3ffaan immoo maayikiraafoonii (sagalee guddiftuu) waamicha wal haagargarruu ergaa jedhu himuuf birrii 3000 fudhatee lallabaa ture.
Hojii kana immoo magaalota Shaashamannee, Adoolaa, Shaakkisoo keessa deemee kadhachaa saantima walitti qabaa turuu galmeen qorannaa isaanii akka ibsu abbaan alangaa kun himan.
Gochaan namoota kanneenii soba ta'uu kan jalqaba irra gahe ogeessa fayyaa hospitaala Nageellee Booranaati jedhu Obbo Qaallichi Kanaa.
Ogeessi fayyaa kun guyyaa tokko, "daa'ima kana qorannoo gooneefii haa yaallu, maallaqa barbaaddanis isiniifin kennaa fidaa" jedhee gaafata.
"Wayita kana nurratti barame jedhanii baqachuuf ture kan jedhan qondaallin kun, yoosuu ogeessi fayyaa kun nama waammatee mucaas hospitaala geessee qorachiisee poolisiinis waamamee to'ataman" jedhan.
Namoota kanneen waliin mucaa xinnaa qabanii hospitaala Nageellee yoo geessan daa'imti fayyaa akka ta'e boordiin hospitaalaa ni mirkaneesse.
Ragaaleen fayyaa isaan qabatanis soba ta'uu qorannoo poolisiin mirkanaayuu ibsan Obbo Qaallichi.
Bu'uura kanaan abbaan alangaa Kibba Oromiyaa seera yakkaa namaan daldaluu, daangaa ceesisuu fi daa'imaan daldaluu jedhu seera yakkaa jedhaniin bahan eeruun Mana Murtii Olaanaa Kibba Oromiyaatti himata irratti bane.
Erga falmamaa turee booda namoonni kunneen yakka raawwatan hundaa amanuu ibsu abbaan alangaa.
Dhaddacha Onkololeessa 13, 2019 ooleen himatamaa 1ffaa fi himatamtuu 2ffaa tokko tokkoon isaanii hidhaa cimaa waggaa 9 fi ji'a 8 n adabaman.
Akkasumas adabbii maallaqa birrii1,000.00 himatamtuu 3ffaa immoo adabbii hidhaa cimaa wagga 9 fi adabbii maallaqa birrii 1,000.00 YOO ADABAMAN.
Himatamtuu 4ffaan haadha mucaa kanaa hidhaa cimaa waggaa 8 fi ji'a 4 akksumas adabbii maallaqa birrii 1,000.00 ttin akka adabaman mannii murtii itti murteessera.
Gochaa kanaaf namoonni naannoo iddoo jireenyaa isaanii naannoo Amaaraa irraa ta'e maaliif magaalota Oromiyaa kanneen filatanii keessatti kadhatan kan jedhuuf Obbo Qaallich, "gara namni nu hin beekne fagaannee kadhannaa dha yaadni warraa" jedhu.
Gochi sobaan kadhachuu akkasii naannawa keenyatti baramaa miti kan jedha Obbo Qaallichi shakkii akkasiis waan hin qabneef hordoffiin jirus laafaa ta'uu ibsan.























