Maseenummaan dhiiraa maaliif hanga ammaatti xiyyeeffannoo gahaa dhabe?

Waa'ee maseenummaa dhiiraa
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Luuk fi haati warraasaa walakkeessa bara 2020, dhibee Covid-19'n walqabatee uggurri sochii wayita uumametti ture gaa'ela godhachuuf kan murteessan.

"Umriinkoo kurnan keessa wayita turetti kondomii malee qunnamtiin saalaa yoo raawwatame ulfi akka uumamuttin yaada ture" jedha Luuk.

"Kanaafuu, umriin kiyya dabalaa yemmuu deemuttis wanti hundi bifuma barameen itti fufa jedheen eegaa ture. Haa ta'u malee, wanti sun osoo hinta'in yeroo hafu maal gochuu akkan qabu yookiin garam deemuu akkan qabu hinbeeku" jechuunis hima.

Luuk fi haati warraasaa ji'oota 18'f daa'ima godhachuuf yaalanis milkaa'uu hindandeenye.

Sana boodas gara hakiimasaanii kan deeman yemmuu ta'u, qorannoo dabalataaf gara hospitaalaafi kilinika maseenummaa hordofutti ergaman.

Waggaa tokkoof xiyyeeffannoon ogeeyyii fayyaa guutummaatti haadha warraasaarratti akka ture kan himu Luuk, beellamawwan mana yaalaas maqaasheetiin qabamaa akka turan hima.

Amantaa "Sirnichi akka waliigalaatti tilmaama rakkinichi kan dubartiiti jedhurratti ijaarame" jedhu akka qabu kan himu Luuk, "dhimmi dhiirolii guutummaatti xiyyeeffannoon hinlaatamuuf" jedha.

Sanyiin dhiiraa (isparmiin) Luuk rakkina qabaachuu akka danda'u kan itti himame waggaa tokkoof hordoffii yaalaa erga godhanii booda ture.

Kana yeroo dhagahuttis aariidhaan "Amma natti himtuu?" akka jedheen hima.

"Adeemsicha keessatti akka walalchaatti ilaalamuurra wantoonni gama kootiin yeroodhaan qoratamuu danda'an ni jiru ture" jechuunis miirasaa dubbata.

Maseenummaan cimdiiwwan jaha keessaa tokkorratti mul'achuu kan danda'u yemmuu ta'u, kana keessaa walakkaa kan ta'an immoo rakkoo gama dhiirotaan jiru walin kan walqabatanidha.

Qajeelfamni yaalaa Inistitiyuutii Gahumsa Fayyaafi Kunuunsaa dhiyeenya kana bahe akka jedhutti, jaalalleewwan mala ittisa ulfaa hoomaayyuu osoo hinfayyadamin ji'oota 12'f qunnamtii saalaa raawwatanii ulfi yoo hin uumamne lamaansaanuu qoratamuu qabu.

Daa'imni jalqabaa bara 1978 wal'aansa IVF'dhaan dhalatte Luuwis Biraawonidha dha
Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni jalqabaa bara 1978 wal'aansa IVF'dhaan dhalatte Luuwis Biraawonidha dha
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Haa ta'u malee, dhiiroliin qorannoo, yaalafi mariiwwan maseenummaa ilaalchisee taasifamanirratti hagas mara akka hirmaatan akka hintaasifamne ogeeyyiin himu.

"Itti yaadamee ta'uu baatus gochaan dhimmicharraa daangessuu ifa ta'e jiraachuu danda'a" jechuun Landan Yunivarsiitii Kollejjiitti piroofeesara kan ta'an Boolaa Girees himu.

Dabaluunis, "gochaan kun namoota kilinikoota wal'aansa maseenummaa keessatti tajaajila gorsaa kennan dabalatee dhaabbilee tajaajila walfakkaataa kennan hunda keessatti akka mul'atus" hubachiisaniiru.

Qorannoon pirofeesar Gireesin durfamuun bara 2019 keessa adeemsifame akka jedhutti, dhiiroliin adeemsa yaalaa maseenummaa keessatti caalmaatti hirmaachuu ni barbaadu, garuummoo yeroo baay'ee sagaleensaanii dhageettii akka hinargannetti itti dhagahama.

Kunimmoo maraammartoo kan biraa akka uumu kan himan Girees, "maraammartoo dhiiroliin adda itti foo'aman garuummoo gara yaalaatti dhufuu dhabuusaaniin itti komataman uumnerra" jedhu.

Kunimmoo dhiirolii qofarratti osoo hintaanee dubartootarrattis dhiibbaa xinsammuu akka geesisu himu.

Dabalataan, rakkooleen turanii akka baraman, qorannooleefi yaalawwanis caalmaatti walxaxoo, ulfaatoofi qaalii akka ta'an gochuu danda'a.

'Sirna yaalaan xiyyeeffannoo dhabuu'

Giddugalawwan tajaajila yaala dahumsaa yeroo baay'ee hakiimota ulfafi gadameessaa fayyaa sirna wal-hormaata dubartootaarratti leenji'aniin akka hogganaman Yunivarsiitii Maanchistaritti pirofeesara fayyaa sirna wal-hormaataa kan ta'an Alan Peesii himu.

Rakkooleen sirna hormaataa dhiiroliin walqabatanis yeroo baay'ee akka dhimma sadarkaa lammaffaatti ilaalamuu akka danda'an himu.

Gama imaammataatiinis bifuma walfakkaatuun rakkooleen jiraachuu eeru.

"Kana jechuun garuu wanti dubartootaaf godhamu yaa hir'atu jechuu miti. Tarii dubartootaaf kan amma godhamuuf caalaa gochuufii qabna" jedhu.

"Haa ta'u malee dhiiroliif gahee eegamu laachuun akkasumas wantoota gama qorannoofi yaalaatiin gochuu dandeenyurratti jijjiirama bu'uuraa fiduu dandeenya" jechuunis himaniiru.

Yeroo tokko micireesaarratti qorannoon altiraasaawundii taasifamuu kan himu Luuk, hanga inni waggaa tokko booda kilinikicha yaadachiisutti bu'aa qorannoosaa ilaalchisee wanti itti himame akka hinjirre hima.

Haa ta'u malee qorannoo irra deebiin taasifameen dhiitoon hidda dhiigaa korojoo sanyii dhiiraa keessatti uumamufi vaarikoseel (varicocele) jedhamu jiraachuunsaa barame.

Dhiitoon kun qulqullina sanyii dhiiraa miidhuu kan danda'u yemmuu ta'u, Luukif yaalin taasifamullee jaalalleewwan lamaan daa'ima godhachuu hindandeenye.

Yeroon dabarse "Baay'ee ulfaataafi kophummaan kan itti baay'ate ture" kan jedhu Luuk, yaalii haadha warraasaa walin daa'ima argachuuf taasisan garuu adda hinkunne.

Yeroo ammaattis adeemsa yaalaa sanyii dhiiraa fayyaa ta'e tokkofi hanqaaquu dubartii laaboraatoorii keessatti walitti fiduun dhala uumuu dandeesisu hordofuurratti argamu.

'Yeroo ulfaataa dabarsuu'

Ga'eessa waggaa 43 kan ta'e Shoon Giriinaawey, qorannoo bara 2018 keessa taasiseen ture haala dhangala'aa sanyii dhiiraa keessa sanyiin dhiiraa gonkumaa itti hinjirrefi Ozosparmiyaa (ozoospermia) jedhamu akka qabu kan beekame.

Sababnisaa ifatti beekamuu baatus Shoon yeroo ijoollummaasaatti dhibeen manjalloon qabamee ture. Kuunimmoo vaayirasii maseenummaa dhiiraa walin hariiroo qabu akka ta'e himama.

Innifi haati warraasaa dhumarratti sanyii dhiiraa arjoomameen daa'ima kan godhatan ta'us, Shoon garuu rakkoolee heddu kophaasaa akka dabarse hima.

"Deeggarsa hoomaayyuu hinqabun ture. Namni muuxxannoo dhuunfaasaarraa ka'ee waa'ee dhimmichaa haasa'us hinjiru ture. Kanaaf seenaakoo namoota biroof qooduuf murteesse" jedha.

Sana boodas jaalaleesaa Siyaaraa Haaningitan walin ta'uun podkaastii sirna hormaataarratti xiyyeeffate qopheessuu eeegalan.

Dabalataan mala dhiiroliin rakkoo daa'ima godhachuu qaban gama Whatsappfi qaamaan wal arguun ittiin wal deeggaran mijeessan.

Mariin maseenummaa dhiirotaa ilaalchisee adeemsifamu ammallee akka qaaniitti akka ilaalamu kan himan Shoonfi jaalalleensaa, adeemsa keessa garuu mariiwwan ifa ta'an baramaa akka jiran himu.

Qorannooleen akka agarsiisanitti dhiphinni, hirriiba gahaa ta'e dhabuun, tamboo xuuxuun, alkoolii dhuguufi haalli soorannaa qulqullina sanyii dhiiraa miidhuu danda'u.

Haa ta'u malee jijjiiramoonni yeroo gabaabaa hagas mara dhiibbaa qabaachuu dhiisuu akka danda'an pirofeesar Peesiin himu.

"Sanyiin dhiiraa jalqabarraa eegalee omishamee hanga xummuramutti ji'oota sadi fudhata. Kanaafuu Jimaata galgala dhuguu dhaabdee Wiixata ganama fooyya'iinsi ni jiraata jettee hin eegin" jedhu.

'Mallattoolee jijjiiramaa'

Maseenummaan dhiirolii agarsiistuu rakkoolee fayyaa furdinaa hanga tamboo xuuxuufi walmadaaluu dhabuu hormonii ta'uu akka danda'u ragaaleen akka agarsiisan bakka bu'aan Waldaa Ogeeyyii Baqaqsanii Yaaluu Yuroloojii Biritaaniyaa pirofeesar Huseen Alnaajaar himu.

Dhiiroliin fayya qabeessa ta'an fayyaa sirna hormaataa fooyyee akka qaban kan himan pirofeesarichi, "bu'aan qorannoo sanyii dhiiraa fayya qabeessa hintaanee yeroo tokko tokko hordoffiin yaalaa dabalataa akka barbaachisu agarsiistuu jalqabaa ta'uu danda'a" jedhu.

"Kanaafi rakkoon maseenummaa dhiirotaa dhimma ulfaa wajjin qofa walqabatee ilaalamuu hinqabu jedhee kanan amanu. Dhimmichi akka dhimma fayyaa dhiirolii ijoo tokkotti ilaalamuu qaba" jedhu.

Kanaafis adda foo'amuu rakkinichaan walqabatee dhufu hambisuuf dhimmicha ifatti baasuun mari'achuun akka barbaachisus dubbatu.

"Caalmaatti ifa ta'uu yemmuu eegallu lakkoofsi namoota dhimmichi safuu akka ta'e yaadan yookin immoo waa'ee dhimmichaa haasa'uu isaaniin qofa dhiirummaansaanii akka xiqqaate itti dhagahamu xiqqaachaa deema" jedhaniiru.