WBO'n haleellaa Arsii Shirkaatti raawwachuun himatameef deebii kenne

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO- ABO'n) haleellaa baatii Onkoloolessa 2026 Arsii, Aanaa Shirkaatti raawwatame ilaalchisuun ibsa baaseen tarkaanfii fudhachuu isaa amaneera.
Haa ta'u malee, namoonni haleellaa sanaan ajjeefaman namoota nagaa osoo hin taane, namoota nagaa fakkatanii garuu yeroo tokko tokko hidhatanii lolan ta'uu isaanii ibseera.
WBO'n ibsa kaleessa Wiixata, Sadaasa 16, 2026 baaseen, haleellaa Onkoloolessa keessa Arsii, Aanaa Sirkaa, Ganda Birboof Collee keessatti raawwatame ilaalchisee deebii kenneen ibsa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas qeeqeera.
Akka ibsa WBO'tti humnoonni hidhatan gara afurii naannawa sana keessa socho'u.
Humnoonni kunneens humnoota Raayya Ittisa Biyyaa, humnoota farra ripheelolaa milishoota mootummaa fi hidhattoota Amaaraa ti jedhe.
''Namoonni Amaaraa hidhatan kunneen namoota nagaa jireenya idilee jiraatan fakkatu. Haa ta'u malee, yeroo humnoota mootummaa irraa waamichi taasifamuuf ykn kallattiin kennamuuf hidhatanii socho'u.''jechuun ibse.
Yeroo haleellaan sun raawwatametti namoonni 46 ajjeefamuu isaanii jiraattonni yeroo sana BBC' Afaan Amariffatti himanii ture.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) immoo ibsa torban lama dura baaseen, haleellaawwan WBO fi namootni hidhatan biroon raawwataniin namoonni 48 ajjeefamuu beeksise.
Akka gabaasa EHRC'tti, namoota 41 ta'an haleellaa WBO'n raawwate jedhameen ajjeefaman.
Isaan keessaa namoonni 23 qaamolee nageenyaa sadarkaa gandaa, shan miseensota milishaa, 13 immoo namoota nagaa turan jedhe komishiinichi.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiya kun itti dabaluunis haleellaa namoota hidhatan idilee hin taaneen naannichatti raawwatameen namoonni dabalataa torba ajjeefamuu ibseera.
Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ammoo namoonni 46 ajjeefamuu fi, haleellaan sun hordoftoota amantaa isaa irratti xiyyeeffachuu himatee ture.
WBO'n ibsa isaa keessatti, haleellaa Aanaa Sirkaa keessatti raawwatame irratti torbanootaaf qorannoo of eeggannoo qabu gaggeessaa turuu isaa eere.
'Kanneen yeroo boqonnaa isaanii hidhatanii socho'aniidha'
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
WBO'n ibsa isaatiin namoonni Amaaraa hidhatan kunneen jireenya idilee jiraatanis, yeroo haleellaa raawwachuuf humnoota mootummaa irraa waamichi taasifamuuf yeroo boqonnaa isaanitti hojii waraanaa hojjatuu jedhe.
Taateen lubbuu namoota galaafate kun Onkoloolessa 18, 2026 jalqabes jedhe.
''Guyyaa sana haati Oromoo gabaa irraa gara manaatti deebi'aa turan tokko, namoota hidhatan keessaa tokkoon daandii irratti rasaasaan rukutamuun ajjeefamte ''jedhe.
WBO'n ajjeechaa haadha sanaa hordofuun loltoonni isaa naannoo san jiran namoota hidhatan kunneen irratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.Namoonni hidhatan kunneen humnoota mootummaa idileerraa ajaja fudhachuun socho'us jedhe.
''Walitti bu'iinsa fi waljijjirraa dhukaasaa kana keessatti loltoota hidhatan qofa osoo hin taane, namoonni nagaa jedhamanillee lubbuun darbeera.''
Kanaaf waraanni isaanii namoota nagaa irratti utuu hin taane namoota hidhatanii ergama waraanaa mootummaarra ykn farra riphee lolarraa fudhatan irratti tarkaaanfii kan fudhate ta'uu ibse.
Haa ta'u malee namoota meeqa akka ajjeese ibsa isaa kana keessatti hin ibsine.
WBO itti dabaluun gabaasa komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) Onkoloolessa 3 baasee qeequun, komishinichi dhaabbata mirga namoomaa walaba ta'e akka hin taane ibseera.
Komishinicha "qaama mootummaa" jechuun kan waame gareen kun, gabaasni isaa akka hojii dhaabbata walabaatti ilaalamuu hin qabus jedheera.
WBO'n taateen Arsii keessatti raawwatame dhimma adda ta'e, osoo hin taane, mootummaa garaagarummaa sabaa fi amantii fayyadamuun hawaasa qoqqooduuf itti fayyadamaa jira jechuun mootummatti quba qabeera.

Madda suuraa, Getty Images
''Guyyaa guyyaan haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamaa oola komishinichi maaliif Arsii qofa filate?
Arsii keessatti illee waggoota darban keessa haleellaawwan hedduu mootummaan raawwachiseera. Komishinichi maaliif amma qofa dhimma kana qorate?
Haleellaawwan amma akka Moyyaalee fi iddo biraatti ta'aa jiran maalif callisee ilaala?'' jechuun walabummaa dhabbatichaa cimsee qeeqera.
Haleellaa Aanaa Shirkaa keessatti raawwatame irratti mootummaa naannoo Oromiyaa fi qaamoleen mootummaa biroon WBO' itti gaafatamaa ta'uu himatanii turan.
Kana malees hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa miseensonni Faannoo dabalataan naannicha keessa socho'aa akka jiran dubbatan.
Waajjirri Dhimma Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa haleellaa sana balaaleffachuun ibsa baaseera.
Ambaasaaddarri Ameerikaa Itoophiyaa jiru Irvin Massingaas torbanoota darban keessa waa'ee taatee kanaa hooggantoota Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa fi EHRC waliin mari'achuun gabaafamee ture
Mana Amantaa Ortodoksii Itoophiyaa akka jedhetti, haleellaa aanalee garaagaaraa keessatti guyyoota muraasa keessatti raawwateen hordoftoonni amantaa isaa 60 ajjeefamuu beeksise.
Taatee Shirkaa gara torban lamaa booda, Aanaa Roobee, keessatti haleellaa biraan namoonni 38 ajjeefamuu isaanii jiraattonni BBC'tti himaniiru. Isaan keessaa namoonni 10 namoota nagaa, kanneen hafan immoo milishoota fi miseensota poolisii ta'uu isaanii jiraattonni dubbatan.
























