Doktaroota hiriyyoota waraana keessa baratanii qabxii olaanaan eebbifaman

Bitaarraa gara mirgaaatti Dr Immabeet Barrihuu, Dr Edan Warqinah fi Dr Mabrihiit Girmaay
Ibsa waa'ee suuraa, Bitaarraa gara mirgaaatti Dr Immabeet Barrihuu, Dr Edan Warqinah fi Dr Mabrihiit Girmaay
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Yunivarsiitii Maqalee hakiimota marsaa 17ffaaf A.L.I Onkololeessa 14, 2019 eebbise keessaa dubartoonni sadi walitti aansuun qabxii olaanaa galmeessanii jiru.

Doktar Mabrihiit Girmaay qabxii waliigalaa giddu-galeessaa (GPA) 3.92 galmeessisuun Koolleejjii Saayinsii Fayyaa yuunivarsiitichaa keessaa qabxii ol'aanaa fiddeerti. Doktar Eedan Warqinah 3.90, Doktar Immabeet Barrihuu ammoo 3.77 galmeessisaniiru.

Doktaroonni sadan kunneen qabxii kana kan argatan magaalaa Maqalee kan ALI bara 2013 irraa jalqabee naannoo waggoota lamaaf waraanaa keessa turte keessatti yoo ta'u, yuunivarsiitichi sababa walitti bu'insa kanaan waggoota sadiif barsiisuu dhaabee ture.

Sababa weerara vaayirasii Koviid-19 fi waraana Tigraay yeroo sanatti uumameen, barnoota fayyaa medikaalaa idileedhaan waggaa ja'aa fi walakka itti fudhatu, waggaa sagaliif hordofuuf dirqamaniiru.

Ijoolleen sadan kan wal baran waggaa 14 dura mana barnoota bultii addaa Qalaaminoo Maqaleetti argamu keessatti ture.

Manni barumsaa sun barattoota guutuu naannoo Tigraay keessaa filatanii dhufan, kanneen qormaata biyyoolessaa kutaa 8ffaa irratti qabxii ol'aanaa fidan erga qoreen booda simata.

Doktar Mabrihiit Maqalee irraa, Doktor Eedan Aksum irraa, Doktar Immabeet ammoo Aduwaa irraa turan kan walitti dhufan.

Achittis waggaa afuriif hamma kutaa 12ffaatti baratanii, qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti qabxii ol'aanaa fiduun barnoota fayyaa (medicine) barachuuf Yunivarsiitii Maqalee seenan.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Eebbifamtoonni bara 2010 Koolleejjii Saayinsii Fayyaa kanatti makaman kun, yeroo waraanni jalqabu barattoota waggaa 4ffaa akka turan yaadatu. Sababa kanaanis naannoo waggoota sadiif barnoota addaan kutanii akka turan dubbataniiru.

Doktar Mabrihiit yeroon barnoota yaalaa isaanii xumuruuf itti fudhate kan karoorfame olitti dheerachuun isaan gaddisiisuu dubbatti.

"Waggaa ja'a eeggannee waggaa 9 fudhachuun isaa nama dhukkubsa" jetti.

Sababa weerara Kooviid-19tiif barnoonni ji'ootaaf addaan citee erga deebi'ee booda, yeroo isaan itti fufuuf eeggachaa turanitti waraanni Tigraay ka'uu isaa kan yaadattu Mabrihit, "Iddoo ibsaan, intarneetiinii fi nageenyi hin jirre ta'uun baay'ee ulfaataa ture" jechuun haala rakkisaa yeroo waraanaa ture ibsiteetti.

Keessattuu bara 2013 fi 2014 keessa waa'ee lubbuun jiraachuu qofa yaadaa akka turte dubbatti.

Qabxii ol'aanaa lammaffaa fidde Doktar Eedan, maatiin isaanii naannichatti hadhaa waraanaa garaa garaa duruu kan beekan ta'us, isaaniif garuu waraanichi muuxannoo haaraa fi kan hin eegamne akka ture yaadatti.

"Inni tokko mo'ataa, inni kaan immoo mo'atamaa ta'ee kan dhumatu nutti fakkaata ture; garuu haalli sun yeroo dheeratu qorqalbii fi diinagdee irratti dhiibbaa ol'aanaa geessiseera" jechuun waraanichi yeroo dheeraaf turuun isaa jireenya isaanii irratti dhiibbaa inni uume ibsiteetti.

"Kan nuti eegnee fi kan nu mudate wal adda" jetti.

Qabxii olaanaa sadaffaa kan galmeessifte Immabeetis yeroo barnoonni adda citée ture gara Aduwaa maatii bira deemuu himti.

Haalli rakkisaan yeroo sana ture gara dhiphina guddaatti akka ishee geesses dubbatti.

Dhiphina keessa turte keessaa ba'uuf, hospitaalota keessatti tajaajila yaalaa bilisaa kennuuf akka ishee kakaases ibsiti. Yeroo sanatti sababa waraanaatiin lakkoofsi namoota miidhamanii dabalaa ture.

Hospitaalonni baay'ee hanqinni humna namaa isaan mudatee akka ture eebbifamtoonni kunnnee ni dubbatu.


Dr Mabrihiit wayita waraanaa buqqaatota manneen barnootaa Maqalee keessatti qubataniif tajaajila waldhaansa fayyaa kennaa turte
Ibsa waa'ee suuraa, Doktar Mabrihiit sirna eebbaa irratti pirezdantii yunivarsiitii Maqalee Faanaa Haagos irraa yoo badhaasa fudhattu

Hospitaalichaaf barattoota ta'uu isaanii fi fedhiidhaan hojjechuuf akka barbaadan kan ibsu xalayaa dhiyeessuun hayyama gaafatan.

Hospitaalonni Maqalee , Aksumii fi Adwaa keessatti argamanis isaan simatan.

Waldhaansa fayyaa magaalaa Maqalee keessatti buqqaatota manneen barnootaa qubataniif tajaajila kennuudhaan jalqabde Mabrihiit, yeroo sanatti baay'inni namoota dhukkubsatanii fi baay'inni ogeeyyii yaalaa jiranii akka wal hin madaalle ibsiti.

Kanaan kan ka'e, walumaagalatti ogeeyyii yaalaa fi ispeeshaalistoota qofaan dhukkubsattoota yaaluun ulfaataa waan ta'eef, barattoota yuunivarsiitii waggaa afraffaa leenjisuun gara hojiitti galchuun filannoo irra wayyaa akka ture kaasti

Daa'immaniif qorannoo nyaata madaalawaa , kanneen dhiibbaa dhiigaa qabaniif hordoffii yaalaa gochaa turuu dubbatti.

Beekumsa daanga'aa wayita san qabaniinis ta'u namootaaf akka fayyaduu danda'an hubachuu, yeroo itti aanus beekumsa caalufi dandeettii yoo argatan jijjiirama fooyya'aa fiduu akka danda'an akka yaadan godheera.

Eebbifamtoonni akka jedhanitti, jalqaba irratti adeemsa wal'ansa fayyaa fi hojjechuun dura waan gaggeeffamu ilaaluun akka jalqaban ibsu; sana booda, gochi tokkoon tokkoon isaa maaliif fi akkamitti akka raawwatamu hubachuu, itti fufuun immoo gargaarsa ogeeyyiitiin wal'aansa kennuu akka jalqaban dubbatu.

Hariiroo dhukkubsattoota waliin qaban, seenaa dhukkubaa walitti qabachuu fi haala dhukkubsattootaa hubachuuf dandeettii isaanii akka gabbifatan ibsu.

Dr Edan waraanni wayitii tokko turee darbe ammarra teessee yoo ilaaltu carraa waa barachuu guddaa uumee akka dabre dubbatti.

Sababa walitti bu'iinsa kanaan barattoonni yuunivarsiitiiwwan Tigraay keessatti barachaa turan, gara naannoolee birootti ramadamanii barumsa isaanii akka xumuran taassifameera.

Akka eebbifamtoonni jedhanitti, barattoota 110 bara 2010 A.L.I isaanii waliin barnoota fayyaa jalqaban keessaa 50 barana eebbifamaniiru.

Barattoonni 50 biroon immoo yunivarsiitii Jimmaatti ramadamanii waggaa darbe xumuran. Barattoonni 10 hafan garuu sababa adda addaatiin barumsa isaanii addaan kutaniiru.

Doktar Mabrihiit akka jettutti, isaan keessaa gariin isaanii sababa haala uumame kanaan damee barumsa isaanii jijjiiruuf dirqamaniiru.

Dargaggummaa isaaniitti barnootarratti umrii isaanii fixuu fi maatii isaanii gargaaruuf dhaqqabuuf jecha kanneen dameewwan biroo barachuuf dirqaman jiru. Deeggarsa dhabuun kanneen addaan kutanis jiru jetti.

Isaaniif garuu deeggarsi maatii fi hiriyoota isaanii barnoota isaanii akka xumuran gumaachuu ibsu.

Barnoonni fayyaa gosa barnootaa warra rakkisoo (ulfaatoo) jedhaman keessaa isa tokkodha.

Yeroo waraana Tigraayitti garuu barattoonni damee kana barachaa turan, dhiibbaa barnootaa malees, waraana, buqqa'iinsa, dhiphina qorqalbii fi rakkoolee diinagdeetiin wal dura dhaabbachuuf dirqamaniiru.

Waraana booda barnoonni idileetti ni deebi'a jedhanii abdatanis, haalli isaan eegan salphaatti hin uumamne.

Doctor Mabrihiit, erga waliigalteen Piriitooriyaa mallatteeffamee waraanni xumuramee booda barnoonni akka jalqabamuu fi sochiwwan idilee akka bakkatti deebi'an eeggattus, ji'ootaaf yeroo dabalataa akka eegan taasifamuu isaanii yaadatti.

Kunis qorqalbii ishee irratti dhiibbaa guddaa akka uume ibsiti. Yeroo sanatti barnoota fayyaa addaan kuttee gosa barnootaa biraa filachuuf yaaduu geessee akka turte ibsiti.

Dhiphinni qorqalbii waraana booda ture "yeroo kutaa 12ffaa baradhu fayyaa nan baradha jedhee murteessuu koo akkan gaaffii keessa galchu na taasiseera" jetti.

Haa ta'u malee, deggarsa maatii fi michoota isheetiin galmee Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitichaa keessatti qabxii ol'aanaa akka galmeessiste dubbatti.

Doktaroonni sadan barattoonni cimanii akka fulla'an gorsu
Ibsa waa'ee suuraa, Barattoota kaleessaa hakiimota har'aa Dr Immabeet Barrihuu, Dr Edan Warqinah fi Dr Mabrihiit Girmaay

Eebbifamtoonni abdii kutannaa tokko malee jabaatanii hojjechuun, akkasumas hojiilee barnootaan alaa irratti hirmaachuun isaanii akka kanaan isaan ga'e ibsu.

Doktar Immabeet akka jettutti, haalli Tigraay keessa jiru abdii kan kutachiisuu dandeessisu waan ta'eef, jabaatanii hojjechuun dirqama jetti.

Mabrihiit gara fuulduraatti damee kanaan hojiilee gaggeessummaa (leadership) irratti hirmaachuuf karoora akka qabdu yoo ibsitu, Doktar Eedanii fi Immabeet immoo qorannoowwan irratti caalaatti hojjechuuf akka barbaadan dubbataniiru.

Yunivarsiitiin Maqalee bara 2013 (A.L.I) keessa humnoonni Tigraay Maqalee erga to'atanii torban tokko booda hojii dhaabe.

Yuunivarsiitii Maqalee dabalatee yuunivarsiitiiwwan Tigraay keessatti argaman kanneen akka Raayyaa, Aksumii fi Addigiraat erga waraanni Tigraay ka'ee jalqabee hojii barsiisuu isaanii yeroo adda addaatti addaan kutanii deebisanii jalqabaniiru.

Barattoonni yuunivarsiitiiwwan biroo keessatti barnoota isaanii akka xumuran taasifamanii eebbifamaniiru