Ilmi hoogganaa dhimma nageenya Tigraay akkamiin ajjeefame?

Madda suuraa, Tigrai Television
Ilmi Birgaader Janaraal Gabraizgaaber Bayyanaa (kan Waddi Anxiruu jedhamuun beekaman) ajjeefamuu Komishiniin Poolisii Tigraay BBC'f mirkaneesse.
Akkaataa du'a Mawaa'il Gabraizgaaber qorachuuf gareen qorattoota bakka ajjeefametti bobbaafamuu Komishinarri I/Aanaa Komishinii Poolisii Tigraay Koloneel Nigus WoldaGabri'el dubbataniiru.
Poolisiin du'a ilma janaraala kanaa kan mirkaneesse akkaataa du'a dargaggoo ganna 23 irratti gabaasonni wal dhahan osoo bahaa jiraniiti.
Miidiyaan Korporeeshinii Tigraay (dur Televijinii Tigraay kan jedhamu) ibsa Facebook isaarratti baaseen Mawaa'il Gabra-Igzaabiher ALI Sadaasa 04, 2019 (Sadaasa 13, 2026) kan ajjeefame hidhattota ''garee shororkeessaa'' TPLF'nidha jedhe.
Ibsa booda baheerratti garuu miidiyichi Mawaa'il ''humnoota hidhataniifi eenyummaan isaanii adda hin baanen itti dhukaafamee ajjeefame'' jedhe.
Ibsa gaddaa Humni Nagaa Tigraay baasen miseensi isaa Mawaa'il Gabra-Igzaaber ''balaa tasaan'' du'ee jedhe.
Humni nagaa Tigraay humnoota Tigraay keessaa bahuun waraana dhaabi TPLF booda kana kaase keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa bira goruun lolaa tureefi jirudha.
Humni Nagaa Tigraay seenaa dhaloota Mawaa'il yoo ibsu dargaggoon kuni ALI Adoolessa 03, 1995 dhalachuu dubbate.
Magaalaa Maqaleefi Finfinneetti mana barnootaa isaa hordofuufi waraanni Tigraay waggaa jaha dura yeroo eegalu ''ummata isaa tiksuuf qabsoo hidhannoo keessa turuufi hanga Waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'utti waraana keessa ture,'' jedhe.

Madda suuraa, Tigrai Television
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Boodarra garuu ajajoota humnoota Tigraay mormuun Humna Nagaa Tigraay seene jedha ibsi bahe.
Miidiyaan Korporeeshinii Tigraay ajjeechaa Mawaa'il akka qaama ''namoota nagaa Tigraay ajjeesuutti'' ibse.
Mawaa'il Gabra-Izgzaaber ALI Sadaasa 04, 2019 naannoo galgala sa'aatii tokkotti bakkee Al'asaa jedhamutti ajjeefame.
Sirna owwaalcha isaa irratti Bulchiinsa Imaanaa Tigraayitti Hoji-gaggeessaa Bulchiinsaa fi Tajaajila Ummataa kan ta'an Obbo Asaffaa Abirahaa dabalatee aangawoonni olaanoo kaan argamaniiru.
Birgaader Janaraal Gabra-Igzaaber Bayyanaan duraan miseensaafi ajajaa humnoota TPLF keessaa tokko turan.
Boodarra garuu paarticha keessaa bahuun ajajaa 'Humnoota Lafa Bilisoome' ta'an. Humnoonni isaaniis Tigraayiifi Affaar keessa sosso'aa turan.
Humnoonni isaan ajajan walitti bu'iinsa Raayyaa Ittisa Biyyaafi TPLF gidduu eegale keessatti hirmaataniiru.
Ajajaan waraanaa Waddi Anxiruu jedhamuun beekaman kuni Bulchiinsa Imaanaa Tigraay keessatti ajajaa dhimma nageenyaa akka ta'an Ministira Muummee Abiy Ahimadin muudamaniiru.
Taateen Mawaala lubbuu balleesse haala nageenya naannawa Maqaleefi muddama qaamolee hidhataniifi gartuuwwan siyaasaa gidduu jiru irratti waan akeeku qaba.
Poolisiin du'a isaa akka qoratu dubbate malee Mawaa'il rasaasaan ta'e waan biraan ajjeefamuu isaas ra'e bakka itti ajjeefame waan dubbate hin qabu.
Himannaa Korporeeshinii Miidiyaa Tigraayiin ajjeechaa isaaf TPLF irratti dhihaateef gama TPLF deebiin kenname hin jiru.
Humnoonni Tigraay Fulbaana keessa haleellaa bananiin Raayyaa Ittisa Biyyaafi michuu isaa waliin wallolaa turan.
Adaaduma Raayyaan Ittisaa Maqalee dhihaatu garuu magaalattiifi magaalota biroo kaan gadhiisanii bahan, Raayyaanis yeroo gabaabaatti bakkee baay'ee to'ate.
Eegasii booda Mootummaan Federaalaa bulchiinsa imaanaa hundeesseera.
Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa yaaddoo nageenya akka sababaatti kaasuun magaalaa Maqalee keessa konkolaatonni halkan akka hin deemne sa'aatii sochii daangesseera.
Kanaanis, konkolaataan galgala sa'aatii 2:00 hanga barii sa'aatii 12:00 tti akka hin sochoone uggurri sochii kaa'ameera.
Tirban kana Naannoo daangaa Itoophiyaafi Ertiraatti walitti bu'iinsi deebi'ee hammaachuu jiraattonni naannawa Baadimmee fi Shiraaroo BBC'tti himaniiru.
Gama biraan ammoo Mootummaan Ertiraa ummanni biyyattii waraanaaf akka of qopheessu waamicha dhiyeesseera.
''Ertiran waraana isheerratti banamu ofirraa ittisuu qofa utuu hin taane qolachuuf of qopheessaa'' jetteetti.
Jiraattootni Tigraay naannoo daangaa Baadimmee fi Shiraaroo jiran lama Kibxata Sadaasa 10, 2026 irraa eegalee walitti bu'iinsi fi dhukaasni gurguddaan naannoo dangaa biyyota lamaanitti dhaga'amuu himan.
Akka isaan jedhanitti, walitti dhukaasni kan gaggeefamaa jiru loltoota garee TPLF fi Raayyaa Ittisa biyyaa giddutti.
Garuu, loltoonni humnoota Tigraay fi kan Ertiraa waliin ta'uun dhukaasa gara Baadimmetti dhukaasa jiru jedhu jiraattotni
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaas gara sanatti sochii taasisaa akka jiru kanneen ijaan argine jedhan BBC'tti himaniiru.
Gama biraan Ministirri odeeffannoo Ertiraa muddama waraanaa naannawa daangaa Itoophiyaa waliin wal qabsiisuun ibsa baaseen, ummanni biyyattii tokkummaan akka dhaabbatu waamicha dhiyeessera.


























