Loltootni Huutii ulaa Galaana Diimaa addunyaaf murteessa ta'e to'atan

Madda suuraa, Getty Images
Humnoonni mootummaa Yaman Sa'udii Arabiyaan deeggaraman, naannoo tarsiimoo addunyaa kan ta'e Ulaa Bab al-Mandab keessaa loltoota isaanii baasuu beeksisaniiru.
Tarkaanfii kana hordofuun gareen Huutii Iraaniin deeggaramu naannoo galaana Diimaa fi daldala galaanaa addunyaatiif murteessaa ta'e kana to'achuu isaa beeksiseera.
Humnoonni mootummaa Yaman garuu loltoota isaanii gara magaalaa Adenitti deebisanii qubachiisuuf karoora qabaachuu ibsaniiru. Kaayyoon isaas magaalaa Aden to'annoo Huutii jala akka hin seenne ittisuu fi humna waraanaa achitti cimsuu ta'uu ibsaniiru.
Humnoonni gamtaa Sa'udii Arabiyaan deeggaraman ibsa Dilbata darbe baasan keessatti, loltoota isaanii Buufata Xiyyaaraa Dhubaabii fi naannoo Bab al-Mandab keessaa baasaa akka jiran beeksisaniiru. Tarkaanfiin kun sararoota waraanaa biroo cimsuu fi balaa jiru ittisuuf akka ta'e ibsaniiru.
Gochi loltoota baasuu kun, humnoonni mootummaa torbanootaaf naannoo kana Huutiirraa deebisanii qabachuuf duula gaggeessaa turan booda raawwatame.
Gareen Huutii Fulbaana keessa haleellaa tasaa raawwachuun naannoo kana to'annoo jala oolche. Tarkaanfiin kun daldala boba'aa addunyaa irratti dhiibbaa uumuu qofa osoo hin taane, namoota kuma hedduutti qe'ee isaanii irraa akka buqqa'anis taasiseera.
Miidiyaaleen Huutii deeggaran Dilbata darbe gareen kun naannoo sana guutummaatti to'achuu isaa gabaasaniiru. Sa'udii Arabiyaan garuu hanga ammaatti dhimma kana irratti yaada hin kennine.
Humnoonni mootummaa Yaman Onkoloolessa jalqabaa keessa naannoo Bab al-Mandab to'achuu isaanii beeksisanii turan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Yeroo sanatti, Huutiiwwan ji'a tokko dura odola Perim, kan qarqara galaanichaa irratti argamtu, akkasumas buufata doonii tarsiimoo Mooxaa dabalatee naannoowwan murteessoo qabachuu isaanii himanii turan.
Yeroo Huutiin naannoo kana to'atanis, dooniiwwan daldalaa idil-addunyaa karaa sanaan darbuuf yaaddoon akka hin jirre himanii turan. Haa ta'u malee, dooniiwwan Sa'udii Arabiyaa waliin walqabatan irratti haleellaa itti fufsiisuuf akeekkachiisaniiru.
To'annoon Huutii naannoo kana irratti argatan daldala boba'aa addunyaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa uumuu danda'a.
Sababni isaas, erga waraanni Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti jalqabee fi Ulaan Hormuz cufamee booda, Sa'udii Arabiyaan boba'aa ishee gara gabaa addunyaatti geessuuf karaa Galaana Diimaa irratti hirkataa turte.
Sa'udii Arabiyaan haleellaa qilleensaa dhibbaan lakkaa'aman raawwachuun deebii kennite.
Gama isaaniin, Huutiin magaalootaa fi bu'uuraalee misoomaa Sa'udii Arabiyaa irratti dirooniifi misaa'ela dhibbaan lakkaa'aman dhukaasaniiru.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka tilmaametti, walitti bu'iinsa Yaman keessatti hammaateen namoonni kuma 330tti dhiyaatan qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru. Namoonni dhibbaan lakkaa'amanis ajjeefamuu gabaafameera.
Waraanni mootummaa Yaman fi garee Huutii gidduutti bara 2014 jalqabe. Yeroo sanatti Huutiiwwan mootummaa biyyattii aangoo irraa kaasuun magaalaa guddoo Sana'aa to'annoo isaanii jala oolchan.
Bara 2015, gamtaan biyyoota Arabaa Sa'udii Arabiyaan durfamu, mootummaa Yaman aangoorra deebisuuf waraana keessa seene. Kunis walitti bu'iinsa biyyattii caalaatti hammeesse.
Waraanni kun waggootaaf itti fufe. Haala kana keessatti, Huutiiwwan baatii Adoolessa keessa Sa'udii Arabiyaa irratti uggura daldala galaanaa labse.
Akkasumas, buufataalee xiyyaaraa, dhaabbilee boba'aa fi dooniiwwan Sa'udii Arabiyaa irratti misaa'elaa fi dirooniin haleellaa raawwachuu itti fufan.
Huutiiwwan tarkaanfii kanaaf sababni Sa'udii Arabiyaan buufataalee doonii fi xiyyaaraa naannoo isaanii irratti uggura kaa'uu fi buufata xiyyaaraa Sana'aa irratti haleellaa qilleensaa raawwachuu ishee ta'uu ibsaniiru. Haleellaa Sana'aa irratti raawwatameefis Sa'udii Arabiyaa himataniiru.























