Maatiinkoo maaliif gurraattii akkan ta'e osoo natti hin himiin na guddisan?

Madda suuraa, Lacey Tezino
Leesii Teezinoo, Yunaayitis Isteetis bulchiinsa Teeksaas magaalaa Viidor keessatti guddatte.
Seenaan magaala kanaa loogii sanyummaa hamaan kan beekamu ta'us, Leesiin garuu loogii sanyummaan walqabatee muddannoo hinqabdu.
Haa ta'u malee, erga yunivarsiitii seentee booda ture waa'ee sanyiifi seenaa duubeeshee gaaffiin ijoo kan itti uumame.
Leesiin haadhashee gonkumaa hinbeektu ture. Wanti maatiinshee (akaakayyuufi akkoonshee) itti himanis harmeenshee rakkoo araada fayyadamuu keessa akka turtefi dhukkuba Eedsiin walqabateen lubbuunshee akka darbedha.
Kana malees hiddi dhalootaa yookiin gostishee Hawaayii akka ta'e itti himaniiru. Sababni biftishee kan durbiiwwansheerraa adda itti ta'es gosaan Hawaayii ta'uushee akka ta'etti amanti ture.
Abbaan Leesii, Rooniin wayita dhibee kaansariin qabametti ture intallisaa maatiisaa waliin wakka jiraattuuf Hiyustan irraa gara Viidooritti kan geesse.
Umriin Leesii waggaa jaha yemmuu ta'us Rooniin du'aan boqote.
Haa ta'u malee Leesiin magaalaa "jibbaan beekamtu" keessatti guddattus, yeroo hunda maatiishee warra adii biratti fudhatama akka qabdufi akka jaalatamtu itti dhagahamaa guddatte.
"Manaa manatti deemaan ture. Namni hunduu nawaliin taphachuu barbaada ture. Kennaawwan naaf kennamaa qananiidhaan guddadhe" jetti.
"Namicha gurraacha dheeraa"
Leesiin shamarree waggaa 17 yemmuu turtetti "namichi guddaan, dheeraan, moluufi gurraachi" tokko balbala manasaanii rukkute.
Ergasiis haatishee lubbuun akka jirtu Leesiitti hime. Maatiinshee garuu 'namichi sobaa jira' jechuun Leesiitti himan.
Dhimmichi burjaajii itti uumus Leesiin garuu dhimmicha walin baay'ee rakkachuu hinbarbaanne.
Haa ta'u malee Yunivarsiitii magaalaa Hiyuustan keessa jiru erga seentee booda Afrikaan Ameerikaanota sadi kan kutaa tokko keessa waliin jiraatan hiriyoomfatte.

Madda suuraa, Lacey Tezino
Leesiinis abbaanshee adii, haatisheemmoo gosaan Hawaayi ta'uu hiriyootashee kunneenitti himtus hiriyoonnishee yaadashee hinfudhanne.
"Yaada maatiinkoo natti hime kana amanuu kiyyatti baay'ee aaran, ni gaddanis. Maaltu ta'aa akka jiru akkan beekuuf na gargaaruuf waadaa galan" jetti.
Kana malees boqonnaaf gara maatiisheetti yemmuu deebitutti "jijjiirama arguusheefi" loogii sanyummaa naannooshee jiru arguushee himti.
Waa'ee eenyummaashee isa dhugaa osoo itti hin himin maalif akka ishee guddisan yemmuu gaafattutis, maatiinshee "Ilaali, ati maatii keenya… waa'eesaa gonkumaa yaadneyyuu hinbeeknu" akka jedhanin himti.
Durbiiwwanshees namoota Leesiirratti haasaawwan jibba sanyummaa qaban dubbatan lolaa akka turan barte.
Amma Leesiin maatiinshee isheef eegumsa gochuuf jecha eenyummaashee isa sirrii ishee dhoksanii akka ishee guddisan amanti.
Barbaacha haadhaa
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Haatishee lubbuun akka hinjirre itti himamee turus, fedhiin Leesiin waa'ee harmeeshee caalmaatti baruuf qabdu garuu dabalaa dhufe.
Yunivarsiitii keessatti barattuu waggaa lammaffaa wayita turtetti ayyaanni Guyyaa Haadholii gahe.
Guyyaa kanattis gara dhaabbata tajaajila galmee lakkoofsa bilbilaatti bilbiluun namni maqaa haadhashee qabu galmeerra jiraachuusaa gaafatte.
Warri tajaajila galmee bilbilaas dursanii osoo itti hin himin nama tokko walin bilbilaan ishee qunnamsiisan. Dubartiin tunis harmeeshee "duuterti" jedhamte sana turte.
Harmeen Leesii iddoo Leesiin itti jiraatturraa fageenya imala konkolaataa sa'aa tokko qofa jiraachaa turte.
Leesiinis guyyuma sana ishee arguuf gara manashee yemmuu deemtetti namicha haatishee lubbuun akka jirtu itti hime sana agarte. Namni kun jaalallee harmeesheeti.
"Nama bareedduu jireenyakoo keessatti argedha. Akkami jennee wal hingaafanne, kallattiin wal hammannee boonye" jechuun battala harmeesheen walagartu ture himti.
Turtii harmeeshee Elizaabet walin taasisteenis Rooniin abbaashee osoo hintaanee nama guddifachaan ishee fudhate akka ta'e Leesiin barte.
Haati Leesii fi Rooniin mana dhugaatii magaalaa Hiyustan keessatti argamutti walbaranii hiriyaa ta'an.
Yeroo keessas harmeen Leesii nama Afrikaan Amerikaanii ta'erraa ulfoofte. Haa ta'u malee ulfashee adda kutuuf akka jettu Rooniitti himte.

Madda suuraa, Lacey Tezino
Rooniin garuu Elizaabet ulfashee akka addaan hinkunne, araada qabdurraa bilisa akka taatu akka ishee gargaarufi daa'ima isheen deessus guddifachaan akka fudhatu ishee gaafate.
Kanaanis waliigalan, Leesiin yemmuu dhalattuttis Elisaabet intalashee Rooniif guddifachaan laatte.
Haa ta'u malee hanga yeroo kanaatti Leesiin guddifachaan fudhamtee akka turtellee hinbeektu ture.
Waggoota itti aananii jiranittis Leesiin hariiroo harmeeshee waliin qabdu cimsachaa deemte. Waggoota sagal booda haatishee Elizaabet dhibee kaansariin qabamtee hanga boqottutis Leesiin ishee cinaa turte.
Yeroo ammaa umrii ga'eessummaarratti kan argamtu Leesiin, hariiroo haadhaaf intalaa gidduu jiru ilaalchisee hojii deeggarsa ogummaa hojjetti.
Kana malees akkawoonshee naannoo namoonni adiin qofti itti jiraatanitti ishee guddiste mannishee ombomboleettiin miidhamuusaatiin amma Leesii walin jiraachaa jirti.
"Daa'imnikoo umriinshee waggaa jaha. Hiriyaanshee dhiyoos akkawoo tiyya maanguddoo waggaa 86 taatedha. Barcumarra walin taa'u. Ayis kireemii walin nyaatu. Biqilootas walin ta'anii bishaan obaasu. Bareedaadha" jechuun himteerti.


























