Addunyaarratti guyyaatti nyaata hangamitu qisaasa'a? Akkamiin hir'isu?

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Akka addunyaatti namoonni miliyoona 645 beelaaf kan saaxilaman ta'us, waggaa waggaan nyaanni tooniin biliyoona tokkoo ol akka qisaasa'u Biyyoota Gamtoomaniitti ragaan Dhaabbata Sagantaa Naannoo (UNEP) bara 2024 agarsiisa.
Bara kanas yeroo jalqabaatiif dhimmi 'balfa zeeroo' jedhu balfa nyaataa dabalatee yaa'ii haala qilleensaa UN, COP31 Turkii magalaaa Anaataaliyaatti adeemsifamaa jirurratti dhimma marii ta'a.
Barreessituufi qabiyyeewwan miidiyaa hawaasaarratti dhiyeessituun kan beekamtu lammiin Turkii Seeren Ozkaan, balfa nyaataa hir'isuun walqabatee "hubannoo uumuutti aansuun hojiitti hiikuufi itti gaafatamummaan jiraachuu qabu" jetti.
Yaaddoon barreessituu tanaa dhimma akka addunyaatti qormaata ta'ee jiru agarsiisa.
Sababnisaas hanga ammaatti biyyoota addunyaa 30 qofatu qisaasama yookiin balfa nyaataa hir'isuu karoora haala qilleensaa biyyaalessaa isaanii keessa galchee irratti hojjechaa jira.
Namni tokko nyaata hagamii qisaasessa?
Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Sagantaa Naannoo akka jedhutti namni giddugaleessaa tokko waggaatti nyaata kilogiraama 79 manasaa keessatti qisaasessa.
Kunimmoo akka addunyaatti guyyaatti yoo xiqqaate nyaata biliyoona tokko akka jechuuti.
Manneen jireenyaa qisaasa nyaataa akka addunyaatti uumamu keessaa gahee isa olaanaa kan qaban yemmuu ta'u, balfi nyaataa dhibbeentaa 60 ta'u manneen jireenyaa keessatti uumama.
Dhaabbileen tajaajilaa kan akka manneen nyaataafi dhaabbilee barnootaa qooda dhibbeentaa 28 yemmuu qabaatan dhaabbileen xixiqqaa nyaatawwan fayyadamtootaaf dhiyeessan immoo qooda dhibbeentaa 12 qabu.
"US, biyyoota balfa nyaataa baay'inaan omishan keessaa ishee tokko" jedhu Inistitiyuutii Leecalloo Addunyaa (WRI) keessatti qorattuu olaantuu qisaasafi balfa nyaataa kan ta'an Dr Liz Guudwin.
"Biyyoonni Baha Giddugaleessaa tokko tokkos nyaata baay'ee qisaasu. Kan nama ajaa'ibummoo biyyoonni kun nyaatasaani harka caalmaa biyya alaatii kan galchan ta'uusaati" jedhu.
"Duraan ilaalcha balfi nyaataa rakkoo biyyoota galii olaanaa qabaniiti, qisaasni nyaataammoo rakkoo biyyota galii gadi aanaa qabaniiti jedhutu ture. Garuu yaadni kun sirrii akka hintaane ragaaleen agarsiisu" jedhu UNEP'tti dursituu sirna nyaataa magaalotaafi balfa nyaataa kan ta'an Klementin O'Konnor.
Balfi nyaataa akkamiin dachii miidha?
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka jedhutti gaasiiwwan hoo'a ofkeessatti qabachuun deebisanii gadhiisan (gaasiiwwan girinhaawusii) gara atimosfeerii dachiitti gadhiisuu keessatti qisaasnifi balfi nyaataa gahee dhibbeentaa 8 hanga 10 ta'u qaba.
Sababni sadarkaa addunyaatti bara 2030'tti balfa nyaataa walakkaan hir'isuun Galmoota Misooma Itti fufiinsaa UN keessaa tokko itti ta'es kanuma.
Nyaanni akka balfaatti gatame yemmuu tortorutti gaasii girinhaawusii cimaa ta'efi miiteenii jedhamu omisha.

Madda suuraa, Roman Mykhalchuk/Getty Images
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Gaasiin kun kaarbon daayoksaayidii caalaa dachaa 84 cimaa ta'uusaa kan himan O'Konnor, balfa nyaataa hir'isuun rakkoo jijjiirama qilleensaa hir'isuu keessatti shoora guddaa akka qabu himu.
Kana malees nyaata omishuun lafafi bishaan akkasumas anniisaafi leecalloo biroos kan barbaadudha. Kanaafuu nyaanni yemmuu badu leecalloowwan kunneenis ni badu jechuudha.
Dabalataan qisaasafi balfa nyaataa hir'isuun hammi nyaataa jiru akka dabalu taasisa. Kunimmoo gatiin nyataa akka hir'atu akka taasisu O'Konnor himu.
Mana keessatti qisaasa nyaataa akkamiin hir'isuun danda'ama?
Yeroo tokko tokko jijjiiramni qilleensaa rakkoo humnaa olii fakkaachuu akka danda'u kan himan O'Konnor, garuummoo dhimma namoonni dhuunfaan jijjiirama qabatamaa irratti uumuu danda'an akka ta'e himu.
Haaluma kanaan namoonni jireenyasaanii guyyuu keessatti jijjiiramoota muraasa gochuun qisaasafi balfa nyaataa hir'isuu akka danda'an Guudwin himu.
Kunneen keessaa tokkommoo barreeffamoota nyaatawwan saamsamanirratti argamanfi "best before" fi "use by" jedhan adda baafachuu akka ta'e himu.
Haaluma kanaan 'nyaatichi yeroo eeramee as yoo nyataame bareedaadha' (best before) kan jedhu sadarkaa yookiin dhandhama nyaataa malee nageenyummaa nyaataa hinagarsiisu.
Kana jechuun nyaatichi yeroo eeramee booda yoo nyaatame dhandhamnisaa inni sirrii hir'achuu yookiin dhabamuu danda'a malee fayyaa keenyaaf balaa qaba jechuu miti.
Gama biraatiin immoo 'yeroo eerame dura nyaatamuu qaba' (use by) kan jedhummoo nyaatichi guyyaa eerame booda yoo nyaatame rakkoo geesisuu danda'a akka jechuuti.
Haa ta'u malee namoonni nyaatawwan bareeffamni 'best before' jedhu irratti barreeffame gatuun akka qisaasan Guudwin himu.
Gama biraatiin kuduraaleef muduraalee haaraa bituu keenyaan dura kan kanaan dura bitaman soorachuunis mala qisaasa nyaataa ittiin hir'isnu akka ta'e ogeeyyiin himu.
Biyyoota kamtu fooyya'iinsa agarsiisaa jira?
Biyyoota addunyaa keessaa biyyi balfa nyaataa walakkaadhaan hir'isuun UNEP biraa beekamtii argatte Jaappaan qofa akka taate O'Konnor himu.
Milkaa'inni Jaappaan kun hubannoo uumuu, dhaabbileen qisaasasaanii akka beeksisan hojimaanni diriiruusaatinfi qindoomina dhaabbilee mootummaafi dhuunfaan kan walqabatu akka ta'e kaasu.
Gama biraatiin Yunaayitid Kingidam (UK) immoo dhaabbileen cancala nyaataa keessa jiran walin ta'uun iddoo qisaasni nyaataa jiru adda baasunfi furmaatasaarratti akka hojjetan gochuun balfa nyaataa dhibbeentaa 22'n hir'isuu dandeessee jirti.
Tarkaanfiin UK kun akka muuxxannoo gaariitti fudhatamuun biyyoota akka Afrikaa Kibbaa, Indoneezhiyaa, Meksikoofi Biraazil keessatti hojiirra oolaa jira.
Haa ta'u malee biyyoota muraasa keessa milkaa'inni jiraatus akka addunyaatti garuu gama qisaasamafi balfa nyaataa hir'isuutin hojiiwwan baay'eetu hafu.
"Hanga bara 2030'tti qisaasama nyaataa walakkaan hir'suun ni danda'ama jedhanii yaaduun gonkumaa hindanda'amu" jedhu Guudwin.
Dhaabbileen gama qisaasama nyaataa hir'isuutin jijjiirama fooyyee agarsiisuu kan himan qorattuun tun, gama mootummootaatin garuu caalmaatti hojjechuu akka qaban dhaamu.
Akka waliigalaatti garuu qisaasama nyaataa hir'isuun akka addunyaatti tumsa waloo gaafatus, namoonni dhuunfaa murtee mana keessatti fudhataniin jijjiirama fiduu akka danda'an ogeeyyiin himu.
"Dhumarratti nyataa tokko gatumoo dhiisu kan jedhu kan murteessu numadha" jedhu Guudwin.























