Jeedalli diimtuun Gaarren Baalee sababa maaliin du'aa jirti?

Madda suuraa, Getty Images
Jeedalli diimtuun sanyii bineeldotaa marartuu Itoophiyaatti qofa argamanii keessaa takka yoo taatu, baay'inni isaaniis baay'ee xiqqaa dha.
Irra caalan bineensa kanaa Oromiyaa keessaa paarkii Gaarreen Baalee keessatti argama.
BBC'n Sagantaa Kunuunsa Jeedala Diimtuu Itoophiyaarraa akka odeeffateetti, lakkoofsi bineensa marartuu kanaa 500 hin caalu.
Tibbana bineensa kanaa kan Gaarren Baalee du'aa akka jiran marsaalee hawaasaa gubbaatti ijoo ta'ee dubbatamaa jira.
Jeedalli diimtuun paarkii biyyoolessaa Gaarren Baalee maaliif du'aa jiru?
BBC'n paarkichatti Ittigaafatamaa damee tuurizmii kan ta'an Obbo Garramoo Mabraatuu dubbiseera.
'Jeedalli diimtuun tanaan duras inuma duuti'
BBC'n paarkichatti Ittigaafatamaa damee tuurizmii kan ta'an Obbo Garramoo Mabraatuu jeedalli diimtuun tanaan duras inuma duuti jedhan. Jeedalli tun sababoota lamaan akka duutus ibsan.
"Tokko dhukkuba sareetiini. Inni kun yeroo baay'ee dhiibbaa ni uuma. Asiin dura sababa kanaan jeedalli shanis, kudhanis yeroon du'an turee jira. Amma xiqqoo salphateera malee'' jedhan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Sababni lammeessoon balaa konkolaataatiin ta'uu kan eeran qondaalli paarkichaa, jeedalli baay'een kan argaman paarkicha kutaa gama Saannateetiin ta'uu eeran.
Gama Saannateen immoo daandiin Gobbaarraa ka'ee Dalloomannaa geessu paarkii biyyoolessaa Gaarre Baalee keessa qaxxaamura.
Karaan kun jiddugala paarkichaa Koteeraa ykn immoo Weeval jedhamu jira. Gara Saannateetiin hanga 34km kan ta'u addatti iddoo jeedaloonni jiraatan keessa daandiin qaxxaamuru jira.
Achirraan konkolaataa uummataa, kan fe'iisaa, kan qorannaa, kan tuuristiis kan deemu akka dabarsu himan.
"Jeedalli tibbana duute jedhamte jeedala tokko. Innis ji'a dura. Jeedalli duute kun garuu dhibeen haa ta'uu, balaa konkolaataan haa ta'u hin beekamu. Ganaa qoratamaa jira."
Jeedalli kun kan duutee argamte kallattii Saannateetin akka ta'e adda baheera akka qondaalli kun himan.
Jeedalli sababni irra caalaa kallattii Saannatee filatuuf tuqaa [gosa hantuutaa jeedalli soorrattu] gamasiin waan argamuufi.
"Samudni fudhatameera. Kun wanta haaraa miti. Bara 1962 paarkichi hundeeffamee kaasee waanuma mudachaa turedha. Qaamni mootummaa fi qaamoleen addaa addaa irratti hojjechaa jiru."
Balaan konkolaataa immoo hanga immoo daandiin Saannatee keessa qaxaamuruun Dalloomannaa geessu qaxxaamurru hin dhaabbanne waan hafullee miti jedhu.
Mallattooleen akeekkachiisaa konkolaachiftootaaf paarkii keessa kaa'aman hin jiranii gaaffii jedhameef Obbo Garramoon:
"Barnoonni ni kennama, konkolaachiftootaaf hubannoon kennamaa jira. Konkolaataan Roobee kaasee hanga Dalloomannaa deemu hedduu dha. Ammoo balaan akkasii halkan fa'i uumamuu danda'a.
Kan duriirra fooyya'iinsi jira. Jeedala qofaa miti, gadamsi ni ajjeefama, karkarroon ni ajjeefama, borofti ni ajjeefama."
Daandiin karaa san deemu gara Barbaree akka goru mootummaan murteessee waggaa booda hojiirra oola jedhan qondaalli kun.
Jeedalli diimtuun eessatti argamti?

Madda suuraa, Getty Images
Sanyiin jeedala diimtuun Itoophiyaa keessatti walumagalatti iddoowwaan jahatti argamu. Isaan keessa paarkii Gaarreen Baalee, Arsii, Wallo Kabaa fi Kibbaa, Gaarreen Kaaba Itoophiyaa kan eeramaniidha jedhu hogganaan Sagantaa Eegumsa Jeedalaa damee Oromiyaa Obbo Idiris Eeguu.
Haata'u malee heddumminaan Saannatee naannoo Tullu Dimtuu fi Koteera, karaa Diinshoo keessaan bahurratti argamti.
Sagantaan kunuunsa Jeedalaa walta'iinsa yunvarsiitii Oksfoordii fi dhaabbata 'Born free foundation' jedhamuun waggoota 20'n darba gaggeeffamaa jira.
Obboo Idiriis sagantaan kun sanyiin jeedala diimtuu guutummaatti akka hin badne baraaruus, garuu lakkoofsi isaanii akka hin daballe dubbatan.
''Sanyii isaanii yoo dabaluu dadhabamees, sanyiisaanii akka hundeen hin citne baraareera jechuu dandeenya.''
Jeedala diimtuu jeedala kaanirra maaltu adda godha?

Madda suuraa, Encyclopaedia Britannica
Jeedalli diimtuu bifaan, haala jireenyasaaniitiin addadha. Lafa haalan qabbanaa'aa, olka'insa meetira 3500 ol qaburra jiraatu. Sanyiin jeedala kaani garuu lafa gammoojjii jiraatti.
Sanyiin jeedala diimtuu maatiin kan jiraattu yoo ta'u, hantuutaa fi tuqaa sooratti.
Sanyiin jeedala diimtuu namootarra hiiqanii jiraachuu filatu, namoonni garuu naannoo jireenyasaaniitti baayyachuun, iddoo jireenyasaanii itti dhiphisaa jiru jedhan Obbo Idiris. Balaan ibiddaas darbee darbee iddoo jireenyasaanii mancaasa.
Kanaan dura balaa ibiddaa paarkii gaarreen Arsii keessatti iddoowwan jireenya bineensonni marartoon itti argaman miidhe.
Balaan ibiddaa iddoo jireenya bineesota marartoo akka hin mancaafneef hawaasa naannoo hubachisaa akka jiran Gorsaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosona fi Jijjirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Didhaa dubbataniiru.

























