Pirezidantota Afrikaa 11 aangootti bahuusaaniin dura hidhamanii turan

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantonni biyyoota Afrikaa tokko tokko gara aangootti bahanii biyyasaanii hoggannuusaaniitin dura ji'ootaaf tokko tokkommoo waggootaaf hidhamaniiru.
Baay'eensaanii bulchiinsa kolonii yookiin mootummaa abbaa irree osoo mormanuu yookiinimmoo jijjiirama siyaasaa gaafachuusaaniin hidhaman.
Hidhaan kunis imala siyaasaa baay'eesaanii keessatti iddoo guddaa kan qabu yemmuu ta'u, hidhaadhaa erga bahanii boodas sochiisaanii itti fufuun pireezidaantii ta'anii filamaniiru yookiin immoo iddoo hooggansaa sadarkaa biyyaalessaa qabachuu danda'aniiru.
Haakaa'indee Hichilemaa - ji'oota 4
Waggoota muraasa dura Zaambiyaa keessatti hogganaa dhaaba siyaasaa mormituu kan turan Hichilemaan Ebla bara 2017 keessa ture poolisii biyyattiin to'atamanii yakka biyya ganuun kan himataman.
Dhimmi himata kanaaf ka'umsa ta'emmoo konkolaatonni Hichilemaafi gareensaanii ittiin imalaa turan konkolaatota Pireezidaantii waqtii sanaa Edgaar Luunguutti karaa cufaniiru kan jedhu ture.
Hichilemaan garuu yakka ittiin himataman haalaniiru. Dhaabbileen mirga namoomaaf falmanis to'atamuu Hichilemaa qeequun cinatti mootummaan biyyattii himata biyya ganuu seeraan ala fayyadame jedhan.
Bifa kanaan Hichilemaan ji'oota afur hidhaan erga dabarsanii booda Hagayya 16, 2017 himannisaanii adda citee hidhaadhaa gadhiifaman.
Dorgommiilee pireezidaantummaarratti irra deddeebiin hirmaatanis milkiin irraa fagaatee kan ture Hichilemaan, filannoo biyyattii bara 2021 taasifameen Edgaar Luunguu injifatan.
Hagayya 24, 2021's pireezidaantii Zaambiyaa ta'uun aangoo qabatan.
Hichilemaan filannoo pireezidaantummaa ji'oota muraasa dura Hagayya 2026 taasifame injifachuunis yeroo ammaa kana marsaa lammaffaaf Zaambiyaa bulchaa jiru.
Bassiruu Diyomaaye Faaye - ji'oota 11

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Senegaal yeroo ammaa Bassiruu Diyomaaye Faaye hogganaa dhaaba siyaasaa mormituu PASTEF jedhamu turan.
Haa ta'u malee odeeffannoo toora miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti maxxansan ka'umsa gochuun Ebla 2023 to'annoo jala oolanii yakka odeeffannoo sobaa tamsaasuufi mana murtii kabaja dhorkachuun himataman.
Hidhaa ji'oota 11 boodas Bitootessa 2024 filannoon pireezidaantummaa adeemsifamuuf yeroon muraasni qofti yemmuu hafu dhiifamaan gadhiifaman.
Faayenis filannoo pireezedaantummaa Bitootessa 2024 adeemsifame injifachuun Ebla 2, 2024 Pireezidaantii Senegaal ta'uun muudaman.
Bassiruu Diyomaaye Faayen yeroo ammaas pireezidaantii biyyattii ta'uun tajaajilaa jiru.
Aalfaa Koondee - waggoota 2
Aalfaa Koondeen hogganaa siyaasaa Giinii keessatti bulchiinsa Pireezidaantii Laansaanaa Koontee mormuun beekaman turan.
Filannoo pireezidaantummaa bara 1998 adeemsifame hordofee Koondeen dhiyeenya daangaa Koot Di'Vuwaaritti to'annoo jala oolan.
Itti aansuunis seeraan ala biyyaa bahuuf yaaluu, to'atamuu diduufi mootummaa fonqolchuuf karoorfachuun himataman.
Boodarrattis yakka nageenya biyyaalessaa balaa keessa galchuun balleessummaan itti murame.
Mudde bara 1998 kan to'atamn Koondeen, hidhaa waggaa lamafi walakkaa booda Caamsaa 2001 hidhaadhaa gadhiifaman.
Ergasiis Koondeen filannoo pirezidaantummaa Giinii bara 2010 adeemsifame injifachuun Mudde 2010 aangoo pireezidaantummaa qabatan.
Bara 2010 hanga 2021 waggoota 11'f pireezidaantummaan erga tajaajilanii boodas Fulbaana 2021 aangoorra fonqolchamaniiru.
Oluseegun Obaasaanjoo - waggoota 3

Madda suuraa, Getty Images
Bara 1995 to'annoo jala ooluusaaniin dura Oluseegun Obaasaanjoon biyyasaanii Naayijeeriyaa bulchiinsa waraanaan hoggananii turan.
Haa ta'u malee bara 1995'tti mootummaan waraanaa Jeneraal Saanii Abaachaa, 'karoora fonqolcha mootummaa keessatti hirmaatera' jechuun Obaasaanjoo hidhe.
Obaasaanjoon himata irratti dhiyaate haalanis hidhaan umrii guutuu irratti murtaa'e.
Haa ta'u malee murteen Obaasaanjoorratti darbe kun qeeqa cimaa keessummeessuusaatiin adabbichi gara hidhaa waggaa 15'tti gadi akka bu'u taasifame.
Garuummoo Abaachaan bara 1998 du'uusaaniin walqabatee Obaasaanjoon hidhaa waggaa sadii booda bara 1998 gadhiifaman.
Kana malees filannoo pireezidaantummaa bara 1999 adeemsifame injifachuun Caamsaa 29, 1999 aangoo pireezidaantummaa biyyattii qabatan.
Bara 1999 hanga 2007'ttis marsaawwan lamaaf Piureezidaantii Naayijeriyaa ta'uun tajaajilan.
Jaakob Zuumaa - waggoota 10

Madda suuraa, Getty Images
Jalqaba miseensa Koongirasii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) kan ta'an Jaakob Zuumaan booda keessa miseensa damee waraanaa ANC, 'Umkhonto we Sizwe' ta'an.
Dameen waraanaa kun garee sirna apaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessa ture lolaa turedha.
Haa ta'u malee, Jaakob Zuumaan bara 1963'tti wayita miseensota warraaqsichaa biroo walin Afrikaa Kibbaa gadi dhiisanii bahuuf jedhanitti to'annoo jala oolan.
Seera bulchiinsa apaartaayidii jalatti himatamuunis hidhaan waggaa 10 irratti murame.
Bara 1963 hanga 1973'ttis hidhaarra kan turan yemmuu ta'u, harka caalmaan mana hidhaa Odola Robben irratti argamu keessatti dabarsan.
Wayita jalqaba hidhaman dargaggeessa wagga 21 kan turan Zuumaan, Caamsaa 9, 2009 Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'an.
Hanga bara 2018'titti pireezidaantummaan erga tajaajilanii boodas dhiibbaa keessoo paartii ANC irraa kan ka'e Guraandhala 2018 aangoosaanii gadi dhiisan.
Roobart Mugaabee - waggoota 11
Roobart Mugaabeen nama biyya duraan Roodeezhiyaa Kibbaa yeroo ammaammoo Zimbaabwee jedhamtu keessatti bulchiinsa warra adii hadheeffatanii morman turan.
Naannoo dhuma bara 1963'ttis gara biyyaatti erga deebi'anii booda to'ataman.
Haasaawwan hookkara kakaasan taasisuun kan himataman Mugaabeen, sosochii biyyaalessaa ZANU walin hidhata qabu jedhamuunis komataman.
Jalqabarratti hidhaan xiqqaan irratti murtaa'ee turus bulchiinsi mootummaa warra adii namoota bulchiinsicha morman cunqursaa turuusaatiin Mugaabeen hidhaarra akka turan taasifame.

Madda suuraa, Getty Images
Mugaabeen bara 1963 hanga 1974 waggoota 11'f hidhaarra kan turan yemmuu ta'u, hidhaarra osuma jiranuu sochiilee siyaasaa keessatti hirmaachaa akkasumas hidhamtoota biroo barsiisaa turan.
Zimbaabween bara 1980'tti yemmuu bilisoomtus Mugaabeen Ministira Mummee biyyattii ta'an.
Bara 1987'ttimmoo Pireeidaantii Zimbaabwee kan ta'an yemmuu ta'u, hanga bara 2017'tti waggoota 30'f pireezidaantummaan tajaajilaniiru.
Sadaasa bara 2017'ttimmoo waraanni biyyattii siyaasa keessa harka galfachuusaafi paartiinsaanis aangoo akka gadi dhiisan gaafachuusaatin aangoorraa bu'an.
Haastings Kaamuzu Banda - ji'oota 13
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Waggoota dheeraaf biyya alaa jiraachaa kan turan Haastings Kaamuzu Banda, bara 1958 keessa ture gara biyyasaanii Maalaawii kan waqtii sanatti Nyaasaalaand jedhamtutti kan deebi'an.
Hogganaa Kongirasii Afrikaa Nyaasaalaand (Nyasaland African Congress) kan turan Bandaan, Federeeshinii Afrikaa Giddugaleessaa kan sabboontonni Afrikaa heddu aangoo warra adii cimsa jedhan ciminaan mormaa turan.
Bara 1959'ttis mootummaan sirna koloneeffataa labsii yeroo muddamaa labsuun paartii Bandaan hogganan uggure. Bandaanis hooggantoota paartichaa to'annoo jala oolan keessaa tokko turan.
Bitootessa 1959 hanga Ebla 1960'tti ji'oota 13'f hidhaarra erga turanii boodas hidhaadhaa gadhiifaman.
Biyyattiin bilisummaashee yemmuu goonfattuttis bara 1964'tti Ministira Mummee Maalaawii ta'uun filaman.
Bara 1966'tti Maalaawiin ripablika yemmuu taatuttimmoo Bandaan pireezidantii biyyattii isa jalqabaa ta'an.
Hanga bara 1994'tti waggoota 28'f pireezidaantummaan erga tajaajilanii boodas filannoo paartilee heddu hirmaachisefi bara 1994 adeemsifame hordofuun aangoorraa ka'aniiru.
Kiwaamee Nikruumaa - waggaa 1
Kiwaamee Nikruumaan hooggantoota adda duree sosochii bilisummaa Gaanaa kan yeroo sana Gold Koost jedhamtu keessaa tokko turan.
Bara 1950'ttis duula "Tarkaanfii Gaarii" (Pozatiiv Aakshin) jedhufi uggurawwanfi hiriirawwan nagaa gaggeessuu akkasumas namoonni mootummaa koloneeffataa Biritish walin tumsa akka hin goone gochuu kaayyeffate eegalchiisan.
Nikruumaan mootummaa koloneeffataan to'atamuunis himanni mootummaarratti mormii kakkaasuu jedhamu irratti saaqame.
Haa ta'u malee paartiinsaanii Paartiin Uummattootaa Koonveenshinii (Convention People's Party) osuma isaan hidhaarra jiranuu filannoo injifachuusaatin Guraandhala 12, 1951 hidhaadhaa bahan.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo waggaa tokko ta'uuf hidhaarra kan turan Nikruumaan osuma hidhaarra jiranuu filannicha injifatan.
Bara 1952'tti hogganaa mootummaa (bulchaa Biritish jalatti) ta'uun erga filamani booda biyyisaanii bara 1957'tti bilisummaashee yemmuu labsattummoo Ministira Mummee Gaanaa ta'aniiru.
Bara 1960'tti Gaanaan ripablika yemmuu taatummoo pireezidantii biyyattii isa jalqabaa ta'an.
Bara 1960 hanga 1966'tti waggoota jahaaf pireezidaantummaan kan tajaajilan Kiwaamee Nikruumaan fonqolcha mootummaa Guraandhala 1966 irratti adeemsifameen aangoorraa kaafaman.
Joomoo Keniyaattaa - ji'oota 9
Joomoo Keeniyaattaan namoota Keeniyaan bulchiinsa kolonii Biriitish jalaa akka baatuf qabsaa'an keessaa isaan tokko.
Onkololeessa 1952 labsiin yeroo muddamaa erga labsamee booda mootummaan sirna koloneeffataa hoggantoota siyaasaa Keeniyaa jaha to'achuuf opireeshinii gaggeesse.
Keeniyaattaanis namoota jahan keessaa tokko yemmuu ta'an, mootummaan koloneeffataas Keeniyaattaan hogganaa sosochii Maawu Maawu kan bulchiinsa konolneeffataa mormaa tureti jechuun himate.
Keeniyaattaan garuu hogganaa Maawu Maawu akka hintaane irra deddeebiin himan.
Guraandhala 20, 1952 kan to'ataman Keeniyaattaan hanga 1961'tti hidhaarra turan.

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan bara 1963'tti bilisummaashee yemmuu labsattummoo Keeniyaattaan Ministira Mummee biyyattii ta'an.
Bara 1964 Keeniyaan ripablika yemmuu taatu pireezidaantii biyyattii isa jalqabaa kan ta'an Joomoo Keeniyaattaan, hanga bara 1978'titti waggoota 14'f pireezidaantummaan tajaajilaniiru.
Keeniyaattaan Hagayya 22, 1978 du'aan boqotan.
Neelsan Maandeellaa - waggoota 27
Neelsan Maandeellaan hoggantoota adda duree sosochii farra sirna apaartaayidii Afrikaa Kibbaa keessaa tooko turan.
Jalqaba miseensa Kongirasii Biyyaalessaa Afrikaa (ANC) kan ta'an Maandeellaan, damee waraanaa paartichaa 'Umkhonto we Sizwe' hundeessuu keessatti gahee bahataniiru.
Bara 1962 keessa kan to'ataman Maandeellaan, heeyyama malee biyya gadi dhiisanii bahuufi hojjettoonni hojii akka dhaaban kakaasuun balleessummaan itti murame.
Kana malees dhaddacha 'Rivoniyaa Tiraayaal' jedhamuun maandeellaafi hoggantoonni ANC biroon mootummaa fonqolchuuf karoorfachuun balleessaa raawwataniiru jedhaman.
Maandeellaanis bara 1962 hanga Guraandhala 11, 1990'tti waggoota 27'f hidhaman.

Madda suuraa, Getty
Filannoo dimokiraatawaa isa jalqabaa Afrikaa Kibbaa keessatti adeemsifame hordofuunis Caamsaa 10, 1994 pireezidantii biyyattii ta'uun aangoo qabatan.
Bara 1994 hanga 1999 marsaa tokkoof pireezidantii ta'uun erga tajaajilanii boodas fedhii isaaniitin aangoosaanii gadi dhiisaniiru.
Abdulaayee Waade - Senegaal
Abdulaayee Waaden nama siyaasaa Paartii Sooshaalistii, Senegaal bulchaa ture mormuun beekamanidha.
Filannoo pireezidaantummaa bara 1988 adeemsifame hordofuun Waadeefi hoggantoonni paartilee mormituu kunneen biroon filannichi hatameera jechuusaanii hordofee mormiin uumame.
Waadeenis mormii farra mootummaarratti hirmaachuun to'annoo jala oolanii himataman, murteen balleessummaas irratti murame. Garuummoo hidhaarra hinturre.
Waadeen bara 1994'ttis ajjeechaa angawaa mootummaa keessaa harka qabu jedhamuun irra deebiin kan to'ataman yemmuu ta'u, booda garuu himatichi adda citeera. Yeroon hidhaarra itti turanis baay'ee gabaabaa ture.
Filannoo pireezidaantummaa bara 2000 adeemsifame kan injifatan Abdulaaye Waadeen, hanga bara 2012'tti waggoota 12'f Pireezidaantii Senegaal ta'uun tajaajilaniiru.


























