'Jaarsikoo jaalalleewwansaa biyya alaatii dhufan waliin ciisuuf qabatee mana dhufa '

Naarumbee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Narumbee Ikiruu nama fuula ifaati. Tari osoo qaamaan argitanii fuulashee yoo ilaaltan nama gammachuu qabdu fakkaatti. Garuu haallishee kanaan faallaadha.

Seeqqanni fuulasheerraa ifu kulkula onneeshee keessaa waan haguuge fakkaata.

Miidhama isheen keessa darbaa jirtuuf ka'umsa kan ta'emmoo bultooshee keessatti wantootashee mudatani.

Dubartiin Umrii ganna 35 tuni waa'ee muudannoowwan bultiishee waggoota 11'f fulla'ee yeroo dubbattu akka waan fiilmiitti malee waan qabatamaan ta'e hin seetan.

'Halkan sukaneessaa'

Jireenya bultooshee keessatti guyyaan tasumaa hin irraanfannee gaafa abbaan manaashee osuma isheen hin eegin dubartoota inni jaalatu qabatee gara manaa dhufe.

Keessummaan qabadhee dhufe, jechuun dubartii haadha manaasaatiin alatti jaalala waliin qaban tana galgala qabateetuma mana haadha warraansaa jirtutti harka qabatee olixe.

"Abbaan warraakoo bakka aniifii isheen ciisnee jaalala dhandhamaa bullu nuuf qopheessimee jedhee yoo natti dubbatu nan rom'e. animmoo achuma maddiisaanii akkan rafu yookan ammoo ollaa akkan bulu natti hime. Halkan suni halkan isaafii jaalalleessaati" jetti.

Narumbee wanti gaafas galgala ta'e bitaa galee waan jechaa dhabsiise. Kanarra darbitee waan bultoosheerratti deemaa jiru kanarratti mormiis ta'e tarkaafii fudhachuutti hin deemne.

Galgala gaafichaa garuu abbaa warraashee, abbaan ijoolleeshee kuni jaalallee haaraa fidatee dhufe kana waliin jaalala dhandhamaa akka bulan heeyyamuudhaan alatti filannoo biraa hin qabaanne.

Narumbeen eessa deemte?

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Galgala balaafamaa sana jara lamaaniif mana dhiistee yeroo balbala godooshee gadi baatu eessa akka deemuu qabdu homaa hin yaadne.

Mana ollaasaanii dhaqxee nabulchaa jechuus ta'e achuma ulaa balbala manasheerra raftee buluu kan jedhu hin murteessine.

"Alli dukkana ture. isarrattimmoo onneen kiyyayyuu dukkanaa'e. maal akkan godhu hin beeku. Booda hiriyaa kiyya kan dhiheenya keenya jiraattu tokkon yaadadhe. Isheen hiriyaa dhihoo fi nama bakka ciisicha anaaf kennite" jetti.

Halkan akkas dheeratu argee hin beeku jetti Narumbeen. Shillibii tokko malee halkanichi bari'e.

Sammuushee keessatti waan abbaan manaashee kutaa ciisicha bultoosaanii keessatti jaalallee haaraa mana fide tana waliin raawwatutu ija dura wilwil jedha.

Abbaan warraashee ammoo tari halkanichi maa akkana fiigee bari'e jedha taha. Ganama bariidhaan haadha manaasaa ganda bulte kanaaf simuu dhahe.

"Gara manaatti deebi'i keessummaa waliin bulle tana waliin wallollee adda baaneerra" jedheen.

Amantanis dhiistanis Narumbeen akkuma jedhamte bariidhaan mana abbaan waraashee dubartii biraa waliin fandalaalaa bule kanatti deebite.

Kana kan gootemmoo bultoonshee hammam balaan itti aggaamamulleen aarsaa kanfaltee ittifufsiisuuf yaaduuni.

Heerumatti akkamiin seente?

Narumbeen bultoo kan ijaarratte umriishee ganna 19'tti. Kana kan gootemmoo karaa ittiin hojjetanii durooman naaf taha kan jedhuuni.

Ijoollummaasheerraa dubartiin obsa qabaattuu ta'uu akka qabdu, haala kam keessattuu taanaan abbaa warraashee waliin ta'uu qabdi ilaalacha jedhu qabdi.

"Bara jalqaba bultoo ijaarranne homaan qabnu hiyyeeyyii turre. Mana hiriyaa abbaa manaakoo tokko keessa jiraachaa turre.

''Dhugaa dubbachuuf abbaan warraakoo lilmoo cabduulleen hin qabu. jireenya homaan qabnerraa suutuma fooyya'aa deemne" jetti.

Narumbee

Haala kanaan dabalatatti ammoo da'umsarrattis milkii dhabaa turte. Yeroo sadii ulfi irraa bahe.

Yaalii afraffaa irratti A.L.A bara 2007 daa'ima jalqabaashee nagaan deesse. Eegasiin duuba walitti aansuun bara 2009 fi 2012 ijoollee dhiiraa biraa dabaltee deesse.

Isheen bultoosheef garaa guutuun kan ofkennite waan ta'eef yeroo abbaan warraashee dhukkubsatee turelleen cinaasaatii dhabamte hin beektu ture.

Adeemsa keessa jireenyi magaalaa ulfaatee jennaan gara baadiyyaatti galuu murteessan. Waggaa lamaaf baadiyyaa erga jiraatanii abbaan warraashees wayyaa'ee jennaan gara magaalaatti deebi'an.

Garuu yeroo marsaa lammaffaaf magaalatti deebi'an kana amalli abbaa manaashee bakka duraatii jijjiirame.

'Haalota walkeessa badan'

Erga magaalatti deebi'anii daldalli abbaa manaashee maamila gaarii horate. Tana keessa jireenyi isaanii jijjiiramee hiyyummaatti nagaa dhaaman.

Garuu hiyyummaan godaante amala abbaa warraa dura nagaa tures fudhattee godaante.

Yeroo mucaa lammaffaa ulfa turte abbaan warraashee dubartii biraa tokko qabatee mana dhufe.

Ammoo 'dubartiin fide tuni si'ii ulfa taatee jirtu hojii hojjechuun sitti cima, isheen gargaartuu keetii' jedhee walbarsiise.

Gaafa takka bultee haala hubattu dubartiin gargaartuu jedhamtee mana dhufte hojii mana keessaa duwwaa miti kan gargaaraa jirtu. Jaalallee abbaa manaashee ta'uu barte.

Osuma haati warraa ganamaa ulfa turte hin dahin gargaartun jedhamtes manatti ulfoofte.

Isheen booda dhufte tuni ulfooftee jennaan mana warraa gadhiistee bahuuf dirqamte.

Garuu jaalalli isaanii akkuma itti fufetti. Abbaan warraa isheefis mana kan biraa mijeessefii abbaan warraa mana lamatti jaalala dhandhamuu itti fufe.

Abbaan waraa Narumbee kuni jara lamaaniin alattuu jaalalleewwan biroo waliinuu inuma jejjedha.

Kan hundarra Narumbee gubu garuu isa inni galaanni jaalalaa dubartoota biraa waliin daakaa oole ajaa'iba akka ture isheetti galee himudha.

"Abbaan warraakoo yeroo bultoo keessa ana waliin turetti dubartoota sagal waliin hariiroo qunnamtii saalaa qaba.

''Hundisaanituu jaalala akkamii akka dabarsan natti himu. Kuni keessakoo gubee nabobeessa.

''Ani garuu inni gaaftokko qalbii jijjiiratee abbaa manaakoo qofa taha jedheen abdadha ture. kuni garuu hin taane" jetti.

Yeroo tokko inumaa gocha abbaa warraashee kuni sammuusheetii ol itti ta'ee jennaan mana dhiistee baate.

Erga isa biraa deemtee garuu haati warraa bultoosheetti qorumsa dhufe obsaan dabarsuu akka qabduu fi dubartii biraa bira deeme jettee mana dhiistee bahuun ishee gaabbisiise.

Du'a abbaa warraa fi ijooleeshee dhiiraa lamaanii

Akka isheen jettutti, namootni sadan jireenyashee keessatti bakka guddaa qaban kuni yeroo adda addaa, haala adda addaa keessatti du'an.

Mucaanshee sadaffaan bara 2013 dhalatee guyyaa 7ffaatti du'e. xiqqoo dhukkubsatee ture.

Mucaanshee jalqabaa ammoo dhibee daranyoo sombaa dhukkubsatee umrii waggaa sagalitti du'e.

"Adeemsa keessa ijoolleenkoo maaliif najalaa du'aa jiru kan jedhu yaaduun jalqabe. Rakkinaa fi dararaa yeroo ulfaa keessa darbes nan yaada. Ulfa sadii narraa bahee tures nan yaadadha. Gaaffii hedduu kan deebii hin qabnetu sammuukoo keessa naanna'a" jetti.

Narumbeen dhumarratti abbaa warraa ishee dhiisee dubartii biraa fuudhee fi mucaa tokkicha qofati hafte.

Narumbeen akka jettutti, Abbaan warraashee bara 2017 yeroo mucaanshee jalqabaa du'e ji'a walfakkaataa keessatti boqote.

Abbaan warraashee doqdoqqee oofuurraa kan ka'e dhibee onnee isa mudateeni du'aaf kan saaxilame. Mana yaalaallee osoo hin gahin, yaalii osoo hin arganne lubbuun keessaa baate.

Ijoollee biraa barbaaduu

Ikiruu Narumbee amma guddistuu ijoollee 40 caalanii taateetti.

Dhaabbanni Hawa jedhamu kuni jalqaba abbaa warraashee duraanii kan lubbuun darbe sanatu jalqabee ture. Isheen ammoo jalqabbii kana itti fufsiisuuf murteessite.

Mucaashee tokkicha qabduun dabalatatti ijoollee kanaafis jaalalaa fi kunuunsa taasisuurartti argamti.

Narumbeen amma gorsituudha. Akka Haadha bu'aa bahii jireenyaa hedduu fi ijoolee jaalattuu fi abbaa warraashee du'aan dhabdeetti qorumsa jirenyaa kamuu darbuun akka danda'amu namoota biraaf gorsa kenniti.