Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ijoollee osoo hin hafne yeroo dhiirri daandiirratti akka horiitti dubartii filatu ija kootin arge' - Aadde Adaanach Abeebee
Shamarree Amiinaa Yuusuf magaalaa Finfinnee keessatti dhalattee guddate.
Shamarreen nageenyasheef jecha maqaanshee jijjiirame kun mana harmeeshee keessatti namoota maatiisheef dhiyoo ta'aniin irra deddeebiin gudeedamuu himti.
"Mana haadha kootti namoota abbaa bideenaa koo waliin dhufaniin irra deddeebiin gudeedamaan ture. Kanan gudeedamaa tures, namootan amanuun, namoota barsiisota amantaati jedhuunin ture" jechuun ijjishee diimatee, imimmaan lolaasaa BBCtti dubbatte.
Dubartiin kun miidhaa irra deddeebiin irratti raawwatamaa ture nama itti himattus ta'e kan dhaqqabee keessaa ishee baasu hin arganne.
"Haalan kanan ta'e jedhee dubbachuu danda'u keessa hin turre. Sababiin isaa ammoo mana keessas araadawwan baayyeetu ture.
Abbaan biddeenaa kiyya jimaafi araada garagaraa qaba ture. Haati koo ammoo isaaf deeggarsa taate, ani eenyuunillee hin qabu" jetti.
Kanaafis Aamiinaan miidhaafi dararaan itti hammaannaan waggoota afur dura daandiitti baate, araadawwan garagaraafis saaxilamte.
"Dhiitee bariitu, nan xuuxa, nan qama'a. Waanan keessa jiru dagachuuf araadota biroos nan fayyadama.
Wanti caalaa hammaatu dhufaa yeroo deemetti, waan kana ykn sana hojjedhee naaf darba jedhee kanan abdadhu hin turre" jechuunis himti.
"Jireenya Zeeroo irraa jalqabuun ni danda'ama..."
Amma Amiinaan magaalaa Finfinnee Giddugala Haaromsa fi Leenjii Dubartootaa Lanagawaa jedhamu keessa jirti.
Giddugalli kaka'umsa Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeetiin hundaa'e kun dubartoota akka Amiinaa kunneen rakkoolee hawaasummaafi diinagdeef saaxilaman simata.
Erga simatee boodas leenjii xinsammuufi ogummaa laatee hojiitti bobbaasa, imimmaan isaaniis qoorsa.
Shamarree Amiinaas giddugaluma kana keessatti argannee haasofsiisne. Waqtii ishee argannettis reefu gara giddugalichaa seentee adeemsa haaromsaa keessa turte.
"Dhaabbanni akkasii akka jirus hin beekun ture. Sababiin isaa ammoo namootarraa abdii kutadheen ture. Haadha jaallattu dabalatee akkas kan si godhan yoo ta'e, naannoon itti guddadhetti miidhaan kana fakkaatu jiraannaan dhuguma furmaata argadhee jiraachuu ittin fufa jedhee hin yaadun ture" jetti.
Amiinaan gaafii Waajjirri Dhimma Dubartootaaf Daa'immanii naannoo isheen itti turte jiru dhiyeesseef bu'uura gochuun gara giddugala kanaa seente.
"Yoo xiqqaate boqonnaa nan argadha, rafeen bula jedheen itti waliigaleen dhufe.
Ergan dhufee booda amanuu hin dandeenye, mana kitaabaan gale, akka birqiitti, dubbisuun barbaada. Hirriba rafeen bule. Waan qulqulluurran rafee bule, akkan barbaade sa'aatiin barbaadutti dhiqachuu jalqabe" jetti.
Dabaluunis "Jireenya Zeeroo irraa jalqabuun ni danda'ama; bor guyyaa biraati waan jedhu akkan yaadu na taasiseera" jechuunis himti.
Naannoo Waajjira Kantiibaatii hanga Chichiniyaatti...
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee waggootaaf magaalaa Finfinnee keessa jiraatanis taateen waggoota muraasa dura gara kantiibummaatti erga dhufanii booda argan giddugala kana hundeessuuf ka'umsa akka ta'eef dubbatu.
"Galgala magaalaa keessa yeroon deddeemu daa'imman xixiqqoo naannoodhuma waajjira koottin arge. Daa'imman waggaa 11 fi 12 osoo hin hafne daandiirra dhaabbatanii oggaa dhiirti akka horiitti dubartii filatu ija kootin arge. Gaafas boo'aatuman ture" jedhu.
Boo'icha isaanii kana kunneen arganis iddoo biraa isaan geessuu himu.
"Gaafan kana haasa'u 'kanaaf boochaa koottumee Chichiiniyaa sitti agarsiisna' naan jedhan. Rakkinicha beekus sadarkaa kanatti natti hinfakaatu ture. Gaafasuman waan tokko gochuun akka narra jiraatu murteesse" jedhan.
Sana boodas qorannoon akka hojjetamu gochuusaaniifi dubartoonni 100,000 ta'an jireenya daldala saalqunnamtii keessa akka jiran qorannichaan argamuu himan.
Dubartoota kunneen jireenya kana keessaa baasufis pirojektiin Giddugala Haaromsa fi Leenjii dubartootaa Lanagawaa naannoo Aqaaqii Qaalittiitti eegalame.
Giddugalli kun saffisaan ijaaramuu kan himan Aadde Adaanach, gamoowwan 16 ji'oota 11 keessatti ijaaramanii xummuramuu dubbatan.
Dubartoota 2,000 ol...
Daayrektara Olaanaa Giddugala Haaromsa fi Leenjii Dubartootaa Lanagawaa kan ta'an Dr. Hirphasaa Caalaa, giddugalichi dubartoota rakkatanii, nama isaan deeggaru dhabanii daandiirratti kufan akka simatu himu.
"Inni lammaffaan dubartoota rakkoo diinagdeerraa ka'ee dhiibbaa qaama biraatiin ijoollee dahanii guddisuu dadhabanii foonsaanii gurguranii [dalala saal-qunnamtiin] jiraatani" jedhu.
Kana malees giddugalichi dubartoota hojiif gara biyyoota biroo deemanii osoo hin milkaa'in gara biyyaatti deebi'an simatee akka leenjisus himu.
Giddugalichi al tokkotti dandeettii dubartoota 2,000 keessummeessuu kan qabu yommuu ta'u, "Erga as galanii booda nyaanni, dhugaatiin, bakki ciisichaa, wanti hundi bilisaan kennama" jedhan.
Gama biraatiin giddugalichi leenjiiwwan ijoo lama akka kennu kan himan Dr. Hirphasaan, dubartoonni giddugalicha seenan jalqaba leenjii haaromsaa akka fudhatan himu.
"Dubartoonni as galan rakkoo adda addaa keessa kan turanidha. Kana qofaa miti, araada adda addaa kan qabanis jiru. Sana keessaa baasuuf leenjii haaromsaa kenninaaf" jedhan.
Leenjiin haaromsaa kun ogeeyyii xinsammuu giddugalichaan kan kennamu yemmuu ta'u, kana cinatti tajaajilawwan jiimnaaziyeemii, mana kitaabaa, tajaajila fayyaa bilisaa akkasumas dirreewwan ispoortii dubartoota kunneen dandamachiisuuf qophaa'aniiru.
Leenjiin inni lammaffaan leenjii ogummaa yemmuu ta'u, dubartoonni giddugalicha seenan gosoota ogummaa 17 keessaa filatanii akka leenji'an taasifama.
Gosoota ogummaa leenjin itti kennamu keessaayis hojiin ijaarsaa, elekirisiitii, huccuu hodhuu, qonna magaalaa, horsiisa lukkuu, furdisa loonii, qophii nyaataa, kunuunsa daa'immanii fi rifeensa bareechuu ni argamu.
Dubartoonni kun ji'oota jahaaf giddugalicha keessa turuun leenjicha erga xummuranii booda ogummaa leenji'aniin magaalicha keessatti carraan hojii akka mijaa'ufis Dr. Hirphasaan dubbatu.
"Erga eebbisiisnee booda callisnee gadi hin lakkisnu. Hojii erga qabsiisnee boodas hamma qarshiidhaan of danda'anitti deeggarsa mana kiraaf ta'u ji'a muraasaaf ni laatamaaf. Ijoolleen kun akka isaan duubatti hindeebine, akka isaan hinkufnee, jireenya gadadoo kaleessaatti akka hindeebineef waggaa tokkoof ni hordofna" jedhan.
"Hangan as dhufutti akka balfaatti gatameen ture"
Giddugala Lanagawaa erga seentee booda qaamashee qofa osoo hintaanee qalbiinshee boqonnaa akka argate kan himtu shamarree Amiinaa, "sagaleen jeeqan sun hin jiran. Lubbuun koo yoo boqottu kun isa jannata gahe natti ta'e" jetti.
Dabaluunis, "Akka namaattin kabajame, hangan as dhufutti akka balfaatti gatameen ture.
Keessikoo sadarkaa sanatti cabee baayyee miidhamee waan tureef, as dhufee wantotan dhabee turen hundan argadhe" jechuun himti.
Yeroo rakkoo keessa turtetti ff miidhuuf yaaltee akka turte kan himtu Amiinaan, "Amma gammachuun qaba. Kan darbe seenaadha. Yeroo itti aanutti wanta gaariin yaada" jechuun jireenyishee akka haaraatti latuusaa himti.
" Hojjedhee nan jijjiirama jedheen yaada. Ergan as dhufee miirri natti dhaga'amu gaariidha. Qur'aana qabadhee bilisummaan nan sagada. Amantiikoo gaggeeffachuu nan danda'a, dhorkaa eenyuuyyu malee jechuudha. Isa osoo hin hafiin ture kan dhorkamee ture" jetti.
Gama biraatiin giddugala kana keessatti leenjii rifeensa bareechuu leenjitee amma hojiirra kan jirtu dubartiin tokko waan giddugala kanarraa argatte BBC'tti himteerti.
"Turtiinkoo achii baay'ee bareedaa ture. Barnoota xinsammuufi dandeettii arganneerra. Dameen leenjii ani filadhee leenji'e hojii rifeensa bareechuu ture. Ergan leenji'ee booda hiriyootakoo waliin gurmaa'ee hojjechuu eegale" jette.
Kana malees gara fulduraatti dubartootaaf fakkeenya ta'uu akka barbaaddu himti. "Dubartiin tokko yoo deeggarsa argatte idddoo guddaa akka geessu agarsiisuun fedha. Yaadnikoo naaf milkaa'ee dubartoonni iddoo hinmalle jiraniif fakkeenya ta'uun barbaada" jetteerti.
Gama biraatiin giddugalli Lanagawaa pirojektii namarratti xiyyeeffate ta'uu kan himan Daayrektarri Olaanaa Giddugalichaa Dr. Hirphasaa Caalaa, "Dubartootarratti yoo hojjenne biyyarratti hojjenna. Dubartiin tokko nagaa yoo taate daa'ima nagaafi fayyaa ta'e deessi. Daa'imni nagaafi fayyaa ta'emmoo boru nama hojii gaarii hojjetu ta'a" jedhan.
Kana malees giddugalichi naannolee biroof fakkeenya ta'uun naannoleen akka Amaaraa fi Oromiyaa muuxxannoo irraa fudhachuusaanii himaniiru.
Giddugalichi erga hundaa'ee as hanga ammaatti marsaawwan afuriin dubartoota 2,000 ol eebbisiisuun hojiitti bobbaasuu kan himan immoo Aadde Adaanach Abeebeeti.
"Hanga ammaatti hojiitti kan bobbaasne 2,000 ol ga'aniiru. Hundi isaaniituu milkaa'oodha, xiiqiidhaan hojjetu. Yeroon isaan argu gammachuu guddaatu natti dhagahama" jedhaniiru.