Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Balaa kirkira lafaa Kolombiyaan hanga ammaatti yoo xiqqaate 132 du'an

Balaa kirkira lafaa hamaa waggoota dhihoo as Kolombiyaatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 du'an, 480 kan caalan miidhaman.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp, Iraan maatii miidhamtootaafi biyyoota Baha Jiddugaleessaaf beenyaa kaffaluu qabdi jedhe

    Tehraan haaldureewwan waliigaltee gaafannaan Tiraamp, Iraan maatii miidhamtootaafi biyyoota Baha Jiddugaleessaaf beenyaa kaffaluu qabdi jedhe. Beenyaan mancaatii waraanaa kun kaffalamu malees Ulaa Hormuuz hin bannu jedheera.

    "Marii Iraan ilaalchisee, miidhaa fi du'a lammiilee Libaanos, Siriyaa, Yaman, fi Gaazaa irra ga'eef Iraan itti gaafatamuu qabdi!" jechuunTiraamp dubbate

    Iraan waliin gartokkeedhaan mari'achaa akka jiran miidiyaa Axios jedhamutti hime. Dhiibbaa diinagdee Iraanirratti akka dabalus akeekeera.

    Kun kanaan osoo jiruu gareen hidhattootaa Huutii Yaman Iraan deggartu Dilbata magaalaa buufata doonii mootummaa jala jiru Mochaa jedhamu sa'aatii 24 keessatti si'a lama haleelan.

    Haleellawwan akkanaa walitti bu'iinsa kana gara ulaa tarsiimawaa Galaana Diimaatti babal'isuufi kan hedame.

    "Ulaa Hormuuz 100%, to'anneerra" jedhe Tiraamp, Iraan garuu ulaawwan galaanaa jeequu dandeessi jedhe. Garuu mallaqa hin qaban kasaaraniiru jedhe.

    Humni galaanaa US dooniiwwan Iraanitti karaac cufeera, "sibiilan cufe" dogoggora tokkollee akka hin raawwannnetti cufe jedhe. Haalli Ulaa Hormuuz xiqqoo wal xaxaa dha jedhe.

    "Takka takka, fanjii harcaasu, nuti immoo ni funaanna"jedhan pirezdantichi.

  2. Balaa kirkira lafaa hamaa Kolombiyaa mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 ta'an du'aniiru

    Balaa kirkira lafaa Reektar Iskeelii 7.4 Kolombiyaatti mudateen hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 132 ta'a yoo du'an, 500nitti kan siqan miidhamaniiru.

    Ragaan Tajaajila Ji'oolojikaalaa biyyattii kirkirri lafaa kun kirkira lafaa isa hamaa waggoota 10 as mudatee hin beekne ta'uu mul'ise.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii kanarra dabaluu danda'a jedhameera.

    Kirkirri kun hanga Veenzuweelaa, Ikuwaadoor fi Paanaamaatti dhagahameera.

    Pirezdantiin biyyattii Daani'eel Nobo'aa Aziin barbaachi fi baraarsi namootaa akka raawwatamu waamicha godhan.

    Naatoo fi gadda maatii miidhamtootaa fi qabanis ibsan karaa fuula X isaanii ibsan.

  3. Pirezdant Tiraamp ajaja haaraa gosoota talaallii daa’immanii hir’isu mallatteesse

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp ajaja haaraa baay’ina gosoota talaallii daa’immanii hir’su mallatteessan, talaalliiwwan mamps, gifiraa fi rubeellaa ykn gifira Jarman (MMR) jedhamuun beekamau amma adda addatti kennaman gorse.

    "Waggoota kurnanootaan dura, daa'imman talaallii har'a barbaachisuu gadi fudhatu ture" jedhe Tiraamp. Wayita sanatti, namootni baay'ee fayyaa qabu, dhugumattimmoo ootizimiiniis akka har'a baay'ate kana hin turre."

    Pirezdantichi talaallii MMR jedhamurraa durumaa amantaa hin qaban, qorannooowwan baay'een garuu ootizimii fi talaallii wanti walitti fidu akka hin jirre mirkaneessan.

    Ajajni pirezdant Tiraamp kun talaalliiwwan ijoollee 18 irraa gara 11'tti akka gadi bu'an qajeelcha. Talaalliiwwan 18 asiin dura ijoolleef kennaman kan yaada dhiyeessa Akkaadamii Ogeeyyii Fayyaa Daa'immanii (American Academy of Pediatrics (AAP)) ture.

    Ajajani Tiraamp kun akka gorsaatti kan dhiyaatu malee akka dirqiitti kan dhufe miti, maaliif jennaan, talaalliiwwan kunneen sadarkaa bulchiinsa naannoleetti mana barnootaa seenuufuu akka haal dureetti dhiyaatu. Mootummaa federaalaa osoo hin taane.

    Waajjira isaa keessaa haasawa Wixata godheen Tiraamp, bulchiinsi koo "talaalliiwwan gulantaa warqee ijoollummaa murteessoo 11 kan dhibeewwan hamoofi balaafamoof kennamaniif beekkamtii kenna" jedhe.

    Talaalliiwwan madinummaa daa'immaniif kennaman yaada dhiyeessses : dhibeewwan gifiraa, mamps,rubeellaa,difteetiyaa, teetaanasii, partasiis, pooliyoo, Haymofilas infuleenzaa B, dhibee nimokokal, hiyuumaan paappiloomaa vaayiras (HPV) vaariseelaa ykn utaalloo ti.

    "Hir'isaa jirra," jedhe Tiraamp. Talaallii hir'isuu qofa miti, hakiimotaanis sirriitti hordoffiin isiniif godhama jedhe.

    Pirezdantiin Akkaadamii Ogeeyyii Fayyaa Daa'immanii (AAP) ture ajajni Tiraamp balaafamaadha, "talaallii gulantaa warqee saayinsaawaa" miti jedhan.

  4. Yooyyaa!

    Tamsaasa kallattii eegalleerra. Balaa kirkira lafaa hamaa Kolombiyaa mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru. Kanaa fi dhimmoota addunyaarratti mudatan odeeffannee isin biraan geenya.

    Nu hordofaa!

    Tamsaasa kallattii duraan turerraa odeeffannoo argachuuf link kana banadhaa!