Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoo Iraan Tiraamp konkolaataa nyaata baatu keessa dhokachuun xayyaara akka jijjiiratan taasise
Pirezidaantiin US, Doonaald Tiraamp yaaddoo haleellaa Iraanirraa kan ka'e konkolaataa nyaata deddeebisu keessa dhokachuun xayyaara geeddarachuunsaanii gabaafame.
Taateen kun pirezidaantichi ji'a darbe keessa yaa'ii NATO Tarkiitti taasifamerratti erga hirmaatanii booda akka ta'e miidiyaaleen US gabaasaa jiru.
Jalqaba Tiraamp ija kaameeraa miidiyaalee fulduratti xayyaara pirezidaantii Ameerikaa Eeyir Foors Waan (Air Force One) jedhamu yaabbatan.
Itti aansunis konkolaataa dirree xayyaaraa keessatti nyaata deddeebisu kan karaa faallaa balbala itti seenaniin xayyaarichatti maxxanee dhaabbatee ture keessa seenuun xayyaara Eeyir Foors Waan keessaa bahanii imalan.
Itti aansunis xayyaara waraanaa qophaa'ee isaan eegaa ture keessa seenan.
Taateen kun gaazexeessitoonnis ta'e hojjettoonni Waayit Haawus tokko tokko osoo hinbeekiin icciittiidhan kan raawwatame akka ta'e Waashingitan Post gabaasera.
Angawoonni biyyattii miidiyaan michuu BBC ta'e CBS News haasofsiise, US odeeffannoo amanamaa Iraan xayyaara pireezidaantichaa misaa'elaan haleelluu dandeessi jedhu argachuushee himaniiru.
Haa ta'u malee, Waayit Haawus Tiraamp icciitiidhaan xayyaara jijjiirrataniiru kan jedhu dhugaa ta'uusaa hin ibsine.
Walgahii NATO Tarkii magalaa Ankaaraatti taasifamerratti Tiraamp "akeeka Iraan isa jalqabaa" ta'uusaanii himanii turan.
Tiraamp jalqaba gara Tarkiitt ikan imalan xayyaara Booying 747-8 Kataarin arjoomameef yaabbachuun ture. Haa ta'u malee "yaadannoo duriif jecha" xayyaara Eeyir Foors Waan isa moofaan gara biyyasaaniitti akka deebi'an beeksisanii turan.
Haaluma kanaan Adoolessa 8, buufata xayyaaraa Ankaaraatti xayyaara Eeyir Foors Waan yaabbatan.
Haa ta'u malee akka gabaasa Waashingitan Postitti Pirezidaantichi icciittifi dhoksaadhaan gara xayyaara waraanaa xiqqaa C-32A jedhamutti geeffaman.
Xayyaarri waraanaa kun gosa xayyaaraa Booying 757 yemmuu ta'u, yeroo baay'ee itti aantota pireezidaantitu itti fayyadama.
Waashingitan Post akka jedhutti Ministirri Waraanaa US Peet Hegset taateen icciitiidhaan raawwatame kun akka hinbeekamneef akkuma yeroo kaanii pirezidaantichaan addatti kophaasaanii gara xayyaara waraanaa C-32A kana seenan.
Kana malees gaazexeessitoonnifi hojjettoonni Waayit Haawus xayyaara Eeyir Foors Waan keessa turan tokko tokko fooddaasaanii gama konkolaataan deddeebisa nyaataa itti dhaabbatee tureen jiru akka cufan itti himamee ture.
Gaazexeessitoonnifi hojjettoonni Waayit Haawus kunneenis pireezidaantichi xayyaaricha keessaa bahuusaaniis hinbeekan ture.
Itti aansunis Tiraamp imala gara US erga eegalanii booda buufata humna qilleensaa Ingilaand keessatti argamufi 'RAF Mildenhall' jedhamu qubatan, ergasiis xayyaara Eeyir Foors Waan isa moofaa deebi'anii yaabbatan.
Tiraamp buufata humna qilleensaa 'RAF Mildenhall' kanatti xayyaara Eeyir Foors Waan keessaa yemmuu bu'an yaa mul'atan malee akkamiin xayyaara waraanaa C-32A keessaa gara xayyaara kanaatti akka seenan hinbeekamu.
Itti aansunis Tiraamp gara xayyaara Eeyir Foors Waan isa haaraa kan Kataarin arjoomameefitti dabarfamuun gara US- Waashingitanitti imaluu eegalan.
Osuma imalarra jiranuu miidiyaalee walin af-gaafii kan taasisan pireezidaant Tiraamp, waa'ee yaaddoo haleellaa Iraanin itti aggaamame dubbatanis xayyara jijjiruu isaanii garuu hindubbanne.
Sababa gaazexeessitoonni fooddaa xayyaraa akka cufaniif itti himame kan gaafataman pirezidaantichi, "Sababa namoota gaarii hintaanerraa kan ka'e balallii balaaf saaxilame keessa waan turtaniifi" jechuun deebisan.
Gabaasa t ilaalchisee kan gaafataman daayrektarri komunikeeshinii Waayit Haawus, Isteeven Cheeyung gabaasicha kallattiin hin amannes, hin haalles.
Garuummoo xayyaarri Eeyir Foors Waan xayyaara ammayyaa pirezidaantichafi hojjettoota biroof eeguuf tekinoloojiiwwan nageenyaan guutamedha jedhan.
US xayyaara Booying 747-8 Kataarin kennameef tajaajila pireezidaantichaaf akka ta'utti mijeessuuf ji'ootaaf irratti hojjetteerti.
Gama biraatin garuu xayyaarri Eeyir Foors Waan inni moofaan tekinoloojii carallaa misaa'elawwan itti dhukaafamanin akka hinrukkutamne godhu kan qabu yemmuu ta'u, xayyaarri Kataarin kennameef garuu tekinoloojiiwwan akkamii akka qabu hinbeekamu.
Haa ta'u malee dubbi himtuun Waayit Haawus Kaarolaayin Leevit, "Xaayyaarri Eeyir Foors Waan inni haaraan imala pirezidaantichaaf amansiisaadha, garuummoo waqtii Arfaasaatti fooyya'iinsawwan dabalataa ni taasifamuuf, hojiin kunis naannoo ji'a tokkoo kan fudhatudha" jechuun CBC News'tti himaniiru.