Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Osoo Kiiloo 4 keessa namni hin jiru jedhamee WBO fi Faannoon hin seenan'
Kaaba Itoophiyaa muddamni cimetti osoo waraanni ka'e mootummaa Ertiraa wanti jedhamu hin jiraatu jedhan aangawaan olaanaa Itoophiyaa.
Waraanni yoo ka'e dhiibbaan isaa ''Somaalee hanga Kaartum'' ni gaha jechuun dubbatan.
Kan kana jedhan kana dura waraana Itoophiyaa keessa ajajaa waraana kan turaniifi yeroo ammaa Keeniyaatti dippilomatii olaanaa Itoophiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Baacaa Dabaleedha.
Dubbiin isaanii kuni yeroo Kaaba Itoophiyaatti muddamni cimee dhagahame.
Torbanuma dura humnoota waraana mootummaafi humnoota TPLF gidduu gama daangaa Sudaaniin walitti bu'iinsi dhalatee ijaafi gurra addunyaa seeneera.
Walitti bu'iinsa kanarratti gama mootummaa Itoophiyaa wanti ifatti jedhame jiraachus baatu TPLF haleellaa raawwateef mootummaa himate.
Bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad jalatti Ministeera kan ta'an Dr Abirahaam Balaay walitti bu'iinsi mudatu mirkaneessanii, TPLF'tu lola bane jedhan.
'TPLF bakka durii hin jiru'
Walitti bu'iinsa kana dura BBC Afaan Amaaraa waliin turtii kan taasisan Ambaasaaddar Baacaa Dabalee, ''TPLF waraanaaf qophaa'aa jira'' jedhanii dubbataniiru.
Mootummaan federaalaafi dhaabi Bulchiinsa Yeroo Tigraay Waliigaltee Piritooriyaan hundaa'e dhiibuun aangoo to'ate TPLF, yeroo adda addatti tokko isa kaanin lola narratti banuufi jechuun himataa ture.
''TPLF humna wayyoo qabu kan inni qabu yeroo waraana Kaaba itoophiyaa gara Dabra Siinaa yeroo deemaa ture sanadha.
''Yeroos meeshaa izzii kaabaa argateera, ummata of duuba hiriirsiseera, meeshaawwan argateera, deeggarsa dippimomasii idil-addunyaa qaba, Awurooppaafi warri kaanis isaan waliin turan.
''Mootummaan Itoophiyaa dhumateef jedhamee akkuma jawwee lafarra diriiranii turan. Yeroos humna sana qabatee ofirra deebi'ee gara dhufeetti deebi'e.
''Amma ilaali. Yeroos loltoota 270,000 qabaachu danda'a. Amma 30,000 hin qabu. Amma ummanni isa hin deeggaru,'' jechuun himan.
Aangawoonni Itoophiyaa dhaabi TPLF mootummaa Ertiraa kan yeroo ammaa bulchiinsa MM Abiy waliin hariiroon isaa gaarii hin taane waliin hariiroo cimaa tolfate jedhu.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni deebi'ee eegala sodaan jedhu yeroo dabalaa dhufetti, TPLF humnoota garaa garaa wajjin tokkummaa tolfachuu beeksiseera.
Dura taa'aan TPLF Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'el dhimma kana walgahii magaalaa Maqalee taasifame irratti dubbatan.
Ta'us, qaamoleen isaan tokkummaa waliin tolfanne jedhan qaamolee kan biyya alaa hammachuufi dhiisuu wanti dubbatan hin jiru.
Aangawoonni Itoophiyaa garuu Ertiraarra kan darbe TPLF duuba kan jiru Masriidha jechuun himatu.
Ambaasaaddar Baacaa turtii BBC waliin taasisaniin, TPLF humna durii qabaachus baatu kan isaan deeggartu Masriidha jechuun himatan.
''Garuu maddi maallaqaa isaanii Masriidha,'' jechuun himan.
'Masiriitu TPLF, WBO tumsa'
Itoophiyaafi Masriin keessumaa ijaarsa Hidha Haaromsaa Itoophiyaan ijaaraa turteen muddama yeroo dheeraa qabu.
Bulchiinsi Ministira Muummee Abiy erga aangotti dhufee booda hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa fooyya'us, dhimmi Waliigaltee Piritooriyaafi gaaffiin ulaa galaanaa immoo Ertiraa waliin dhibdee uume.
Sababa kanaaf, hariiroon Masriifi Ertiraa cimaa hariiroon biyyoonni lamaan Finfinnee waliin qaban laafaa adeeme.
Aangawoonni Itoophiyaa Masriin dhaabbilee mootummaa Itoophiyaa mormuun qabsoo hidhannoo gaggeessan maallaqaan deeggarti jechuun Masrii himatu.
Ambaasaaddar Baacaan Masriin TPLF fi Waraana Bilisummaa Oromoo deeggaraa jirti jechuunis himataniiru.
Aangawoonni Itoophiyaa himannaa akkanaa yoo dhiheessan haaraa miti.
Ambaasaaddar Baacaan ''Masriin dhaabbilee Itoophiyaa hunda, TPLF Waraana Bilisummaa oromoos ni deeggarti. Kuni Masriin waan ifatti dubbattedha.
''Miidiyaaleen Masrii hunduu kanuma dubbatu. Wanti Ertiraa waliin walitti deddeebi'aa godhan maaliree?'' jechuun himu.
Himannaa kanarratti gama Waraana Bilisummaa Oromoos ta'e TPLF wanti jedhan hin beekamu.
Itoophiyaan dhiibbaa dippilomasii Masrii irra aanuun Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Laga Abbayyaarratti ijaarte waggoota 14 booda xumurteetti.
Kunis ta'u, Masriin deeggarsa Pirezidant Tiraampiin hooggansa hidha Itoophiyaa ijaarte keessatti hirmaachuu akka feetu dubbataa jirti.
Gama kaaniin, yeroo hariiroon Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu laafee ture Masriin Somaaliyaa waliin hariiroo cimsatteetti.
Humna nagaa kabachiisaa yeroo jalqabaaf Somaaliyaa, kan ollaa Itoophiyaa taatetti seensisuu akka feetu ibsaa turte.
Amb. Baacaan ''Somaaliyaan bara 1990 facaate. Hangasitti abbaa kanaa hin jenneen.
''Amma erga hidhi abbayyaa xumurame booda Somaaliyaatti nagaa nan kabachiisa jechuun maaliif dhufe? Sababni isaa maali?'' jechuun gaafatu.
Ambaasaaddar Baacaan waan naannicha keessa adeemaa jiru duuba Masriitu jira jedhu.
Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu cimsitee gaafataa jirti. Gaaffiishee kanammoo Masriifi Ertiraan ni mormu.
'Lolli kaanaan mootummaan Ertiraa hin jiraatu'
Kaaba Itoophiyaatti mootummaa itoophiyaa TPLF ykn mootummaa Itoophiyaa Ertiraa gidduu walitti bu'iinsi ka'uu mala erga jedhamee sodaatamuu eegalee waggaa lamaaf deema.
Amb. Baacaan Ertiraan kan TPLF deeggartuuf yoo waraanni ka'e dirreen waraanaa akka itti hin dhufne, dirreen waraanaa Tigraay keessa akka ta'uufidha jedhu.
Karoorri Ertiraa kuni garuu ''gowwuummaadha'' jechuun busheessan. Akka yaada isaaniitti yoo lolli ka'e Tigraay dirree lolaa taati.
Itoophiyaan buufata doonii Ertiraa ijarra buufatte, buufata Asab, humnaan fudhachuuf fedhii akka hin qabne dubbatu Amb. Baacaan.
Yoo lolli ka'e garuu mootummaan Sudaaniifi kan Ertiraa hin jiraatan jechuunis dubbataniiru.
''Sudaan ofiifuu waraana keessa jirti. Waraanni Itoophiyaa yeroo itti dhufu mootummaan Sudaan jedhamu kan RSF lolaa jiru ni bada.
''Sababni isaas mootummaa Itoophiyaa wajjiin yoo lola bane mootummaan Itoophiyaa humna qabu hunda fayyadamee lolicha yeroo gabaabaatti xumuruu barbaada.
''Akka yeroo darbe lafarra harkisaa wanti deemu amma hin jiru. Amma kan jiru teknolojiidha. Bara dahoo seentee, dahoo qabattee loltu miti.
''Yoo waraanni ka'e motummaa Ertiraa wanti jedhamuus hin jiraatu. Kuni beekamuu qaba. Calisee miti. Naannichatti mootummoonnis, Ji'ogiraafiin isaas ni jijjiirama.''
Kaaba Itoophiyaatti yoo waraanni ka'e dhiibbaan isaa cimaafi mootummootafi daangaalee jijjiiruu akka malu dubbatan.
Sochiin Tsimdoo jedhamee Kaabatti ijaarame jedhan mariin akka furamu waamicha kan dhiheessan Amb. Baacaan ummannis TPLF diduu akka qabus dhaamu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti mootummaa federaalaafi TPLF gidduu adeeme Waliigaltee Piritooriyaan dhukaasni akka dhaabbatu taasiseera.
Ta'us, tokko isa kaaniin cabsite jechuun wal himatu.
Amb. Baacaan waliigalteen kuni kan rakkoo godhateef ''Qaamni isa hin ilaallanne dhimma kana keessa waan harka galfateefi. Hoggantoonni buleeyyii jiru.
''Isaan nagaa hin barbaadan. Karaa kamiinuu nagaa hin barbaadan. Yoo nagaan jiraate namoonni kuni seeratti dhihaatu. Isaan siyaasa booressu,'' jechuun dubbatan.
Sagantaa humnoota Tigraay hawaasatti makuu taasifamen kanneen hiikkatan lakkoofsi baay'ee akka hin taanes dubbatan.
Meeshaa waraanaa gurguddoo osoo kennuu qabanii dabarsanii hin kennine, kan kennanis ''isa hin hojjennedha,'' jedhan.
''Dhoksanii amma kunoo taankiifi farra haleellaa qilleensaa agarsiisaa jiru mitii? Kanaaf, TPLF meeshaayyuu dabarsee hin kennine,'' jedhan.
'WBO fi Faannoon Kiiloo 4 hin seenan'
Hidhattoota mootummaa federaalaa waliin waggoota muraasa darban lolaa jiran keessaa tokko Waraana Bilisummaa Oromoodha.
Hidhattooti Naannoo Oromiyaa keessa sosso'an kuni mootummaa waliin si'a lama marii gaggeessaniis waliigalteerra gahuu hin dandeenye.
Hidhattoonni Faannoo Naannoo Amaaraa keessa sosso'anis humnoota federaalaa waliin walitti bu'uu itti fufaniiru.
Hidhattoonni kuni TPLF waliin tumsa ijaaran jechuun aangawoonni mootummaa federaalaa himatu.
Amb. Baacaan dhimma Faannoofi WBO immoo yoo dubbatan osoo kiiloo afur namni hin jiru jedhame namni as gahu hin jiru jechuun dubbatan.
''Warri Faannoo walii isaaniiyyuu rakkoo keessa jiru. Humni Oromiyaa keessa jiru [WBO] saamicha yoo ta'e malee kan dhaabatee lolu, kan jijjiiramas fidu miti.
''Kiiloon afur osoo namni hin jiru jedhamee tokkoon isaaniiyyuu kiiloo afur dhufanii hin qabatani. Faannoos ta'e Waraana Bilisummaa Oromoo. Asuu hin gahan.
''Humna isaas hin qaban, wanti dhufanii godhanis hin jiru. Koottu kiiloon afur banaadha osoo jette hin dhufani. Zammanatu dhufaa? Kanaaf, kuni haa hafu.
''Yoo maallaqa barbaadu ta'e mootummaa waliin mari'atanii mootummaan maallaqa haa kennuuf. Yoo gaaffii ummataa deebisu ta'emoo ummanni nu dhiisaa jedhe filannoodhaan agarsiiseera.
''Nagaa haa buusnu. Yoo nagaan hin dhufne wal fixuu yoo ta'e malee abaluutu mo'e, abaluutu mo'ame wanti jedhamu hin jiru,'' jedhan.