Mirga hiree murteeffannaa hanga fottoquutti: Keewwati 39 amma wabii moo yaaddoo Itoophiyaati?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Ogeeyyiin seeraa heerri Itoophiyaan amma qabdu seerota idiladdunyaan kan wal simu, ulaagaalee seera mirgoota namoomaa sadarkaa addunyaatti jiran kan guutee fi gaaffii saboota, sab-lammootaa fi ummattoota Itoophiyaa qixaan kan deebise, seera baayyee ammayyaawaa, ta'uu ibsuun jaju.

Kanaaf ammoo bu'uurri keewwata 39 jalatti kan tumame ''Mirga hiree ofiin ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti,'' jechuun kan ragga'edha.

Gama biraan ammoo keewwati kun saboonni of jabeessanii akka of danda'an gochuun biyya laaffise sodaa jedhuun akka fooyya'uu qabu kan gaafatanis jiru.

Mootummaan biyya bulchaa jiru kanarraa ka'uun keewwata 39 akka ajandaa marii ijoo tokkootti Marii Biyyaalessaa irratti dhiheesseera.

Ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa keewwati kun yaaddoo ykn wabii ta'uu ibsuuf haala qabatamaa amma jiru ilaalcha keessa galchuu barbaachisa jedhu.

Ogeessi seeraa kun Gumii Calaltuu Heeraa Federalaa (Council of Constitutional Inquiry) keessatti qorataa olaanaa hiikkoo seeraa turan.

''Heerri kun mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saboota, sablammootaa fi uummattoota Itoophiyaaf kenneera, kunis kan hojiitti hiikamu haalduree tokko maleedha,'' jechuun bu'uura keewwata kanaa ibsan.

Keewwati 39 kun yeroo ammaa yaaddoodha moo wabiidha kan jedhuuf ogeessi seeraa kun akkas jedhu.

''Sabaa fi sab-lammoonni gaaffii Itoophiyaarraa cituu dhiheessaa jiruu? kun gaaffii ijoo gaafatamuu qabuudha. Hanga yaaddoon akkasii hin jiraannetti keewwati kun taa'uunsaa yaaddoo uumuu dhiisuu danda'a.''

Itoophiyaan baroota mootummaa qeenxee- sirna mootii fi bulchiinsa humna waraanaa, keessa wayita turtetti sabaa fi sab-lammoonni biyyattii cunqursaa jala turan.

''Mirgi sabaa fi lammootaa kabajamaa hin turre. Kanaaf falmii eegalan. Falmichi ammoo hanga fottoquutti ta'uu danda'a,'' jechuun ka'umsa yaad-rimee keewwata 39 ibsan.

''Mirgi isaanii hanga hin kabajamnetti, eenyummaasaanii biyya Itoophiyaa jedhamtu keessatti hanga hin mul'annetti garuu yaaddoodha.''

Keewwata 39 fi Heera Addunyaa- Wabii dhala namaa...

Mirga hiree murteeffannaa hanga fottoquutti jedhu heera Itoophiyaa qofatu qabate osoo hin taane akka addunyaatti mirga bu'uuraati jedhan ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa.

Heera mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ICCPR keewwata 1 jalatti uummattoonni hunduu mirga isaanii ofiin murteeffachuu akka qaban tumameera.

Mirga kana fayyadamuun haala bulchiinsaa fi siyaasaa isaanii murteeffachuu akkasumas diinagdee, hawaasummaa fi aadaa isaanii guddifachuu danda'u jedha keewwati kun.

Keewwata kana lakkoofsa 2 jalatti uummanni kamuu dhiibbaa diinagdee idiladdunyaa tokko malee qabeenya uumamaa isaarraa guutummaatti fayyadamuu danda'a kan jedhu tumameera.

Uummanni kamuu waan jiruu fi jireenyisaa irratti hundaa'e dhorkamuu ykn sarbamuu tasa hin qabu jedha keewwati kun.

Akkasumas biyyoonni miseensa waliigaltee Tumaa Heeraa Idiladdunyaa kanaa ta'anii fi naannolee mootummaa of danda'e hin qabne of jalaa qaban, akkasaan hireesaanii ofiin murteeffatan haala mijeessuufii qabu jedha.

Mirgi kun mirga akka gareetti addunyaa guutuurratti gaafatamu ta'uu kan eeran ''heerri keenyas isuma kanarraa fudhatee keewwata 39 jalatti hammachiise,'' jedhan ogeessi seeraa Ajjamaa Malataa.

''Mirga kana nama dhuunfaa osoo hin taane sabaa fi sab-lammootatu kaasuu danda'u. Akka addunyaatti mirga kennamuudha. Heerri keenya kan itti dabale hanga fottoquutti kan jedhudha.''

Heera mootummaa Itoophiyaa keewwati 39 mata duree Mirgoota Saboota, Sab-lammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa jedhuun tumame.

Keewwata kana jalatti mirgi hiree murteeffannaa hanga fottoquu, mirgi afaan, aadaa fi seenaa ofii guddisuu fi jaarmiyaalee mootummaa mataa ofii hundeessuu tumameera.

Keewwata xiqqaa tokko jalatti Saboonni, Sab-lammoonni fi Ummattoonni haal-duree tokko malee hireesaanii murteeffachuu hanga fottoquutti dhimmasaaniirratti murteessuu akka danda'an tumameera.

Lakkoofsa lama jalatti ammoo mirga afaan ofii dubbachuu, barreessuu fi guddisuu akkasumas aadaa fi seenaa ofii tiksuu fi beeksisuu kenneera.

Keewwata kana lakkoofsa sadi jalatti ammoo Saboonni, Sab-lammoonni fi Ummattoonni biyyattii daangaa bulchiinsaa isaanii keessatti, dhaabbilee mootummaa hunda qabaachuu akkasumas biyyattii fi mootummaa federaalaa keessatti bakka bu'iinsa kaaniin walqixa ta'e qabaachuu dabalatee, mirga mootummaan ofiin of bulchu qabaatu hunda ni qabu jedha.

Keewwati heera mootummaa Itoophiyaa waa'ee hiree murteeffannaa hanga fottoquutti jedhu qabate kun ''tarii gara fuulduraatti yoo gaaffiin dhufe yaaddoo ta'uu danda'a, har'aaf garuu yaaddoo ta'uu dhiisuu danda'a,'' jedhan.

Kanas itti fufuun wayita ibsan ''mirgoota heera keessatti tarraa'an gaafa hiiknu inni murteessaan jalqabaa seensa heerichaati,'' jedhan.

Heerri Itoophiyaa seensa isaarratti Nuti, Saboonni, sab-lammoonni fi uummattoonni Itoophiyaa jedhee eegala.

''Kun kan ibsu saboonni, sab-lammoonni fi uummattoonni duraan gargar turan walitti dhufuu nutti agarsiisa. Kana jechuun fedhiidhaan walitti dhufanii federeeshinii Itoophiyaa kana hundeessan jechuudha,'' jedhan.

Fedhiidhaan waan walitti dhufaniif yeroo barbaadanitti ammoo dhiisanii ba'uuf mirga akka qabanis kaa'an. Kanaaf akka wabiitti keewwati 39 taa'eera.

''Naannoleen gaafa humna godhachaa deeman federeeshinii kana barbaaduu dhiisuu danda'u. Yeroo sana keewwati kun mirga fottoquu waan kennuuf yaaddoo uumuu danda'a.''

Amma garuu haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiru yoo ilaallu sabaa fi sab-lammoonni biyyattii baayyeensaanii hawaasa wal keessa jiraatu waan ta'eef yaaddoon fottoquu waan jiru miti jedhan.

''Uummattoonni Itoophiyaa hariiroo hawaasummaa cimaa kan qaban, waan hedduun kan walitti hidhaman waan ta'eef addaan ba'uurra waliin jireenya kan filataniidha.''

Kana jechuun ammoo aadaan, eenyummaan isaanii badee osoo hin taane federeeshinii kana jalatti walitti qabamuun waliin jiraachuu filataniiru jechuudha.

Garuu naannolee humna godhachaa yoo deeman, akkasumas ammoo dhiibamaa yoo deeman gaaffii kana kaasuu waan danda'aniif yeroo sana yaaddoo ta'uu dand'a.

Heerri Itoophiyaa mirga fottoquu yoom eeyyama, yoom ammoo dhorka?

Heera mootummaa Itoophiyaa keewwata 39 jalatti mirgi hiree ofiin ofiin murteeffachuu hanga fottoquutti jedhu yoom akka kabajamu ifatti kaa'eera.

Kan jalqabaa gaaffiin fottoquu dhihaate lama-sadaffaa Mana Maree Seera baastotaa Saboota, Sab-lammoota ykn Ummattoota irraa dhihaateen yoo raggaasifamedha.

Lakkoofsa lama jalatti ammoo gaaffiin fottoquu mana maree qaamni ilaallatuun dhihaatee yoo mootummaan filannoo rifarandamiif haala mijeessee fi kunis waggaa sadi keessatti akka raawwatamu eere.

Fedhiin fottoquu filannoo rifarandamii keessatti sagalee caaluun yoo deeggarames fottoquun akka danda'mu raggaasiseera keewwati kun.

Akkasumas yoo Mootummaan Federaalaa Saboota, Sab-lammoota ykn Ummattoota fottoquuf filannoo gaggeessanitti aangoo dabarsee kenne mirga fottoquu akka mirkanaa'u keewwata kana lakkoofsa afur jalatti eerameera.

Kan biraan ammoo yoo qoodiinsi qabeenyaa faallaa seeraa deemuun rakkoo keessa galeedha.

Chaartarri (heerri) UN fottoquu caalaa mirgi birmadummaa biyyaalessaa fi tokkummaa daangaa akka eegamu filata.

Biyyoonni qoqqoodamuun biyya haaraa lafaa uumuurra kanumti duraan jiru tokkummaa daangaasaanii eeggatanii akka waliin jiraatan deeggara heerri UN.

Chaartarri UN fottoquu kan deeggaru biyyoota sirna bulchiinsa kolonii jalatti cunqurfaman akkasumas mootummaan biyya tokkoo saba tokko irratti xiyyeeffachuun gocha duguuggaa sanyii yoo raawwatedha.

Kanaan achi garuu mirga fottoquu biyya tokko keessatti sabi, sab-lammiin ykn ummati tokko dhiheessu hin eegu.

Keewwati 39 akkamiin tumamee ragga'e?

Waa'een Keewwata 39 erga ragga'ee booda qofa osoo hin taane yeerodhuma wixinee heerichaarratti mariyatamuyyuu falmiin cimaan irratti gaggeeffamuutu himama.

Walitti qabaa Yaa'ii Heeraafi miseensa Komishinii Wixinee Heeraa kan turan Dr Nagaasoo Gidaadaa "mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga foxxoquutti" jedhu keeyyata 39 keessatti akka dabalamuufi ragga'uuf ijjannoo cimaan falmaa akka turan ibsan.

"Keewwanni 39 jiraachuu qaba, lafti bitamuufi gurguramuu hin qabu! jennee ejjannoon falmine,'' jechuun kitaabasaanii Daandii Nagaasoo jedhu keessatti ibsan.

"Gaaffii sabummaa ilaalchisee, mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Oromoo hanga fottoquutti kabajamuu qaba kan jedhu ture ejjannoon koo," jedhan Dr. Nagaasoon.

Kora marii Heeraa kana hoogganaa kan turan Dr Nagaasoo Gidaadaa, keewwatoota hundarratti falmii cimaan akka turee fi keewwata 39 irratti ammoo hunda caalaa falmiin jabaa akka turan kitaabsaanii keessatti eeran.

Kanattis akka himataman ibsaniiru.

Halkan halkan biiroo Mallasitti wal ga'uun oolmaa guyyaa gamaggamaa akka turan kan ibsan Dr Nagaasoon, ''yeroo sana marii Yaa'ii Heeraa gadhiisii goote, mormitootaaf carraa hedduu kennite komii jedhu narratti kaasan. Ani garuu dimokiraatawaa haa ta'u jedheeni,'' jechuun haala yeroos marii irratti isaan mudate ibsan.

'Manguddoon wayita keewwati 39 ragga'u gammachuudhaan sirban galanii ajjeefaman''

Korri Heeraa marii ji'oota lamaa booda heera biyyattii raggaasisuu kan ibsan Dr Nagaasoo Gidaadaa, keessattuu wayita keewwati 39 ragga'u gammachuu addaatu ture jedhan.

Kitaabasaanii keessatti addatti gammachuu dubartii naannoo Amaaraa irraa bakka bu'anii fi maanguddoo Baalee irraa hirmaatan ibsatan barreessaniiru.

Viidiyoo yeroo heerri mootummaa Itoophiyaa ragga'u agarsiisu miidiyaa biyyaalessaan yeroo garaa garaa dhiyaaturratti, manguddoon tokkoofi dubartiin tokko galmicha fuulduratti bahanii yeroo sirbaan gammachuu ibsatan ni mul'atu.

"Addumatti dubartiin naannoo Gondarirraa dhufan tokko gammachuu guddaarraa kan ka'e namoota fuulduratti bahanii sirban. Kan biraa ammoo manguddoon Muslima ta'an Baalerraa dhufan gammachuusaanii to'achuu dadhabanii uummata fuulduratti utaalanii dhiichisan," jedhan Dr Nagaasoon.

Maanguddoon Baalee sun erga biyyatti deebi'anii ajjeefamuu kan ibsan Dr Nagaasoon, ''maanguddicha ajjeesuun kan itti hamatame ABO ta'us, ani ABOtu ajjeese jedhee hin amanu," jedhan.

"Manguddoon Baalee sun erga biyyasaanitti deebi'anii halkan manasaanitii waamamanii ajjeefaman. Namoonni tokko tokko ABOtu ajjeese jedhu. Ani garuu ABOn keeyyata 39 irraa mormii homaa waan hin qabneef isatu ajjeese jedhee hin amanu," jechuun haala ture ibsan.

Haasaa Dr Nagaasoo Gidaadaa

Dr Nagaasoo Gidaadaa wayita Heerri Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa ragga'u haasaa taasisan keessatti, mirgi namoomaa fi dimokiraasii kabajamuun biyyattiif oduu aagaa ta'us garuu ''hojiitti hiikuuf hunduu kutannoo agarsiisuu akka qabu,'' dhaaman.

Kitaabasaanii keessatti haasaa yeroo sana taasisan akkanaan ibsaniiru:

Mirgi namoomaa fi dimokiraasii lammii hundaa kabajamuun; saboonni, sab-lammoonni, ummattoonni daangeffama tokko malee hiree ofii ofiin murteeffachuun;

Ummattoonni fedhii isaanii qofaan waliin jiraachuun ammoo akkuma fedhanii lammii Itoophiyaa ta'an yoo hin barbaanne eenyullee dirqamsiisee lammii Itoophiyaa isaan gochuu akka hin dandeenye sanada kakuu waloo walii mallatteessuun keenya;

Qotee bulaan abbootii aangoo fi abbootii qabeenyaan lafisaa irraa fudhatamee akka qe'eesaarraa hin buqqaafamne, seerri mirga lafa isaarraa fayyadamuuf wabii ta'u ba'uun;

Walabummaa fi walqixxummaan amantii mirkanaa'uun, loogummaan koorniyaa dhabamsiifamuun;

Garuu aangoon siyaasaa heera mootummaa kana hojiitti hiiku yoo hin ijaaramne dantaaleen ummataa heera kanaan mirkanaa'an karaatti hafuunsaanii waan hin oolle.

Kanaafuu mirgoonni kunneen akka eegamanii fi hojiirra oolaniif hirmaannaa ho'aan ummata Itoophiyaa hundarraa eegama. Mirgoota kunneen mirkaneessuuf jalqaba an mataankoo yoon hin sochoone heerri mootummaa kun leenca waraqaarraa qofa ta'ee akka hin hafne,'' ibseera.

Isa booda yeroo sana Pirezidantii Mootummaa Ce'umsaa kan ture Ministirri Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawii haasaa gochuun, heerri mootummaas raggaasifamee mootummaatti kenname.