Hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti 'namoota jaha ajjeesan'
Haleellaa hidhattoonni Huutii Galaana Diimaarratti raawwataniin namoonni jaha ajjeefamuufi 10 madaa'uu mootummaan Yaman beekamtii idil-addunyaa qabu beeksise.
Ministeerri geejibaa dooniin mi'a feetu kibba magaalaa Mochaatti misaa'ela baalistikii sadiin rukutamuu himan.
Haleellaa kanaanis ibiddi ka'ee hojjettoonni doonii afur - sadii lammii Paakistaan tokkommoo lammii Indoneeshiyaa du'uu beeksisan.
Eegduun galaanaa Yaman boodarra akka beeksisetti, misaa'elli lammataa kanneen isaan baraaruuf bobba'an irratti qiyyaafatee dhukaafame.
Kanaanis, namoonni biroo sadii miidhamaniiru jedhame.
Hidhattooti Huutii doonii meeshaa waraanaa Sa'udi feete rukutuu himan.
Kuni erga US fi Israa'el Guraandhala keessa Iraan irratti haleellaa raawwatuu eegalanii haleellaa jalqabaa lubbuu baay'ee balleessedha jedhameera.
Hidhattooti Huutii baatii darbe geejiba doonii Sa'udi irratti uggura kaa'un ture dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuu kan eegalan.