Haleellaan diroonii 'humnoota Tigraay irratti xiyyeeffate' gaggeeffamuu maddeen ibsan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Naannoo Tigraay Aanaa Raayyaa Allaamaaxatti haleellaan diroonii humnoota Tigraayirratti qiyyaafate gaggeeffammuu qondalonni naannichaafi humnoonni Tigraay irraa BBCn odeeffate.

Haleellichi Kibba Tigraay Aanaa Allaamaaxaa ganda Marawwaa jedhamutti gaggeeffameen humnoonni Tigraay sadi yoo du'an torba ammoo madaa'uu maddeen BBC Tigrifaatti himan.

Maddeen sadii BBCtti akka himanitti, haleellaan diroonii kun kaleessa Hagayya 10 ganama naannoo sa'aatii 2:30tti gaggeeffame.

Bakki haleellichi itti gaggeeffame jedhame magaalaa Allamaaxaa irraa fageenya km 50 irratti kan argamu yoo ta'u, haleellaan diroonii sadi gaggeeffamuu ibsan maddeen kun.

Haleellichi miseensota humnoota Tigraay "Armii 26" jedhamuurratti kan xiyyeeffate ta'uu qondaalota waraanaa humnoota Tigraayiifi Waajjira Godina Kibba Tigraay irraa BBC Tigriffaa odeeffateera.

Halleellaa diroonii kana mootummaa federaalatu raawwate jedhamus mootummaan federaalaa homaa hin jenne.

Waa'ee haleellaa jedhame kanaa mirkaneeffachuuf BBCn itti gaafatamaa Kominikeeshinii Ministeera Ittisaa Itoophiyaa kan ta'a Koloneel Birasaawu Shifarraawutti bilbilus deebii hin arganne.

Miseensi humnoota Tigraay maqaansaa akka hin dhahamne gaafate tokko BBCtti akka himetti, haleellaan diroonii kun mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Ganda Marawwaa jedhamu keessatti argamurratti raawwachuu hime.

"Haleellichi mana baruumsaa sadarkaa lammaffaarratti raawwate. Baruumsi waan hin jirreef [miseensonni] Armii 26 mana baruumsichaa keessa buufatanii turan," jechuun haleellichaan kan miidhaman miseensota humnoota Tigraay ta'uu ibse.

Haleellaa kanaan miseensonni humnoota Tigraay lama battalumatti yoo du'an, torba ammoo miidhamuu maddeen siviliifi waraanaa BBCn dubbise ibsan.

Haleellaan diroonii sadaffaan naannoo lagi itti argamutti ta'uutu ibsame.

Bulchaan Aanaa Raayyaa Allamaaxaa Obbo Daani'eel Taammiraat haleellichi namoota nagaarratti xiyyeeffachuu fi mana baruumsarra miidhaan gahuu ibsan.

"Diroonittiin namoota nagaarran miidhaa geessise. Haleellaan kan gaggeeffame tokkoffaan mana baruumsarratti yoo ta'u lammaffaan ammoo bakka jiraattoonni bishaan waraabbatanittiidha," jechuun lakkoofsi namoota miidhaan irra gahe afur ta'uu himan.

Wiixata haleellaan diroonii humnoota Tigraay irratti gaggeeffamuun kan dhagahame, mootummaa federaalaafi TPLF gidduutti muddamni waraanaa yeroo cimaa dhufettiidha.

Adoolessa 15 ALItti naannoo daangaa Sudaan bakka "Sharaariinaa" jedhamutti raayyaa ittisaafi humnoonni Tigraay walitti dhukaasanii turan.

Gaggeessaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel, mootummaan federaalaa "ifatti lola baneera" jechuun himatanii turan.

Qondaalonni TPLF torbanoota darbaniif mariiwwan gaggeessan irratti paartii biyya bulchu Badhaadhina aangorraa kaasuuf yeroo dhaadatan ni dhagahamu.

Gabaasawwan miidiyaaleen Tigraay hojjataa jiran irrattis yaaduma wal-fakkaatatu mul'ataa jira.