Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa darbaa rakkoo siyaasaa maaf humnaan furuuf yaalaa turan?
Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa qabdu taatus rakkoo siyaasaa barootaaf ishee sakaale furattee ijaarsa biyyaarratti xiyyeeffachuu irratti rakkoo hedduu qabdi ture.
Mootummaan Itoophiyaa ammaa yeroo jalqabaaf marii biyyaalessaa gaggeessaa jira. Kunis gaaffii uummanni biyyichaa kaasaa ture gama siyaas-dinagdee fi amantaan jiru dabalatee ni fura jedhamee abdatameeti.
Qabxiilee ijoo saddet cuunfuun Komishiniin Marii Biyyaalessaa erga dhiyeessee amma mariitti jiru.
Kun heera mootummaa biyyichaa hanga aangoo siyaasaa gaggeessitoota biyyaa daangessuutti, daangaa bulchiinsa naannolee fi caasaa bulchiinsa isaaniitti marii hammatedha.
Kana dura Itoophiyaa keessatti mariin akkasii gaggeeffamee hin beeku. Garuu ammallee paartileen siyaasaa maricha keessa hin jirre rakkoo siyaasaa biyyattii hin furu jedhanii amanu.
Mee duubatti deebinee seenaa rakkoo siyaasaa furuu Itoophiyaan keessa darbite haa ilaallu.
Mootummoonni Itoophiyaa yeroo heddu karaa nagaa osoo hin taane waraanaan, fonqolchaan ykn warraaqsa uummataan aangoo gadi lakkisu.
Seenaa Itoophiyaa waggoota dhiyoo akka fakkeenyatti yoo ilaalle, mootummaan Hayilasillaasee sochii barattoota yuunivarsiititti eegaleen daddaaqee Dargiin fonqolchee aangoo irraa fudhate. Dargiin ammoo gaaffii siyaasaa bu'uuraa biyyattii keessatti gaafatamaa ture humnaan furuuf adeemsa deeme keessatti hidhattoota akka TPLF, OLF fi EPLF fa'aan waraanan aangorraa kaafame.
Sirna Dargii booda siyaasa Itoophiyaa to'atee kan ture mootummaan ADWUI gaaffilee bu'uuraa kanneen akka mirga ofiin of-bulchuu afaanifi eenyummaa deebisuu danda'us, biyyattii gara dimokiraasitti ceessisuu dhabuufi gaaffileelee siyaasaa gaafatamaa turan humnaan ukkkaamsufi gara dimokiraasitti cehuu dhabuun warraaqsa uummataaf isa saaxile.
Sochiin Qeerroo bara 2016-2018 gaggeeffame ADWUIn olaantummaa TPLFtiin waggoota 27 oliif Itoophiyaa bulche diigamee achuma keessaa Paartiin Badhaadhinaa kan amma Itoophiyaa harkaa qabu akka dhalatu taasise.
Bara 2018 MM Abiy erga aangotti dhufaniis Itoophiyaa keessaa lolli hin dhabamne- inumaayyuu waggoota 7 darban keessatti Itoophiyaan waraana balaafamaa keessa seente. Akkuma aangotti dhufaniin wal-dhabdee bulchiinsa isaaniifi ABO gidduutti mudateen Oromiyaatti waggoota 7 darbaniif waraanni hin dhaabbanne.
Tigraayitti waraanni balaafamaan lubbuu kumaatamaa galaafateefi diinagdee biyyattii bulleesse waggaa lamaaf erga gaggeeffamee booda waliigaltee Piritooriyaan dhaabbatus carraan deebi'ee eegaluusaa bal'ataa dhufeera.
Waliigaltee Piritooriyaa booda hidhattoota Amaaraa jalqaba mootummaa MM Abiy waliin ta'uun humnoota Tigraay lolaniifi raayyaa ittisaa gidduutti waraanni bifa haaraan naannoo Amaaratti dhalate.
Ofii Itoophiyaan rakkoo keessoo maaf mariin fudhachuurra humnaan furuu filatti? Waraana keessoo kana dura gaggeeffamerraa maaf hin baratamu?
Rakkoon bu'uura mootummoota Itoophiyaa dhufaa darbaa qofa bira jira moo waraanni aadaa uummata Itoophiyaa ta'e? Gaaffilee jedhan irratti xinxaaltota dubbisnee gabaasa kana qixeessineera.
'Lolli nagaa fidee hin beeku, kanaaf nagaa dhabne'
Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa dippilomaatii duraanii UNfi ogeessa seera idiladdunyaati. Itoophiyaa keessatti waraanni aadaa ta'ee akka jiru kan himan Obbo Baayyisaan muuxannoo dhimma biyyoota addunyaa waraana waliinii gaggeessan ilaaluu irraa qaban akka fakkeenyatti fudhachuun waraanni nagaa waaraa fiduu akka hin dandeenye kaasu.
Haalota tokko tokko keessatti waraanni yeroof nagaa fiduu danda'us garuu nagaa waaraa barbaadamu fiduu akka hin dandeenye biyya sana maraammartoo nagaa dhabuu keessa akka galchu ibsu.
"Nama hundumaa yoo gaafatte nagaa barbaanna siin jedha, garuu dhugaan lafarra jiru sabni kun lolaan nagaa waan fidan itti fakkaata," jechuun ilaalchi uummanni Itoophiyaa akka walii galaatti lola ilaalchisee qabu irratti gaaffii kaasu.
Itoophiyaa keessatti mootummaa qofa osoo hin taane, hawaasniyyuu lola akka aadaattiifi waan ittiin boonamu godhee fudhachuun rakkoo cimaa akka ta'e ibsu Obbo Baayyisaan.
"Seenadhuma dhala namaa keessatti lolli nagaa fidee hin beeku. Yoo nagaa fideyyuu yeroo xinnoodhaaf nagaa buusa malee nagaa [waaraa] buusee hin beeku. Kanaaf nagaa dhabne," jedhu.
Gama biraan ammoo rakkoon bu'uuraa Itoophiyaa keessatti mootummaan uummanni dhugaadhaan bakka buufate dhabamuun raakkoo akka ta'e kaasu Obbo Baayyisaan.
Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaa keessatti mootummoonni qaama isaan mormu ykn isaan dura dhaabbatu balleessuuf ykn of biraa hambisuuf malee isaan dhaggeeffachuun mormituu keessatti of ilaaluu hin barbaadan.
"Tewoodiroosin yoo fudhatte, sabni nu bulchi jedhee miti; 'shiftaadhumatu' karaarraa ka'ee bulche. Bakaree yoo fudhatte Wallaggarratti mootii kan ta'e sabni Wallaggaa Bakaree ati nu bulchi jedheenii miti.
"Atsee Hayila Sillaasee sabni Itoophiyaa filatee miti; ana Waaqatu na muude jedhee dhaqee achi taa'e. Inni isa aangorraa buuse, Dargiinis, filatamee miti. Dhiibbaa Itoophiyaa keessatti ka'ee mootii aangorraa buuse sana keessatti dhaabni dimokiraasii waan hin turreef Dargiin humna waraanaa fayyadamuun aangoo qabate malee sabni filatee miti waggaa 17 Mangistuu kan aangorra taa'e," jechuun mootummoonni turan hunduu filatamanii akka hin taane ibsu.
Kufaatii Dargii booda sirni aangorra tures warra isa deeggaraniifi gosaan keessa waliin turan qabachuun biyyattii bulchaa ture malee uummanni filatee akka hin taane ibsu Obbo Baayyisaan.
"Mangistuu [Dargii] booda dhufanii waggaa 27 kan bulchanis warri 'Wayyaanee' warra isaan deeggarantu jira malee sabni isaan filatee miti. Warra isa hin deeggarre bosonuma keessa [yeroo turanuu] ni ajjeesu turan," jechuun Tigraayuma keessatti yeroo lolarra turaniyyuu warra isaan mormu balleessaa akka turan jechuun ibsu.
Kuni ammoo siyaasni Itoophiyaa yaada walii dhaggeeffatanii waliin mariiyachuun garaagarummaa waliin jiraachuu osoo hin taane tokko yoo aangoo siyaasaa qabate isaan kaan balleessee ykn gadi qabee ofii bahee mul'achuu qofarratti akka hundaa'e ibsu.
Seenaadhuma Itoophiyaa ammayyaa keessatti mootummaan uummataan filatamee osoo hin taane "warra isa deeggaran qabatee" aangoo akka qabatuufi aangorra turu ibsu dippilomaatiifi ogeessa seera idiladdunyaa kan ta'an Obbo Baayyisaan.
"Kana jechuun mootummaan kun [mootummoonni Itoophiyaa hanga ammaa jiran] mootummaa warra isa jaalattaniiti, [mootummaa] warra isaa wajjin jiru warra yaadan walii galaniiti," jechuun mootummoonni Itoophiyaa hanga ammaa jiran kan warra isa deeggaranii malee mootummaa uummataa akka hin taane ibsu.
Kanaaf ammoo fakkeenyi Obbo Baayyisaan kaasan, namoonni siyaasaa ykn mormitoonni gaafa yaada mootummaatti walii galuu didan ykn yaada mormii qaban dhiyeessan balleeffamuu, hidhamuu ykn yaadni isaanii akka hin dhagahamne godhamuusaaniti.
"Nama isaanin leellisu, nama yaada isaanii wajjin walii galu hin tuqan. Garuu namni ka'ee gaafa ani yaada kee kanatti walii hin galu, akkan yoo ta'e wayya jedhee yaada dhiyeessu, hin fudhatan. Kana jechuun namatu isaan filate miti, namni isaan filate warra isa deeggaruudha," jechuun dimookiraasii keessatti mootummaan warra isa deeggaran qofaa osoo hin taane warra isa mormanis mirgasaanii eeguu akka qabu ibsu.
'Aadaan siyaasa Itoophiyaa jijjiiramuudhuma qaba'
Itoophiyaa keessatti mootummoonni dhufaa darbaa amala wal-isaan fakkeessu qabu- nama ykn dhaaba yaada isaanii mormu ofirraa fageessuu, dhiibuu, rakkoo siyaasaa mariin osoo hin taane humnaan, waraanan furuu.
Obbo Baayyisaan akka jedhanitti, mootummaan Itoophiyaa amma jirus akkuma mootummoota darbanii amala kana dhaalee akka jiru ibsu- innis rakkoo siyaasaa humnaan furuufi qaama isa mormu ofirraa fageessudha.
MM Abiy bara 2018 erga aangotti dhufanii Itoophitaa bakkeewwan garaa garaatti rakkoowwan nageenyaa gurguddoon dhalataniiru. Bulchiinsi isaanii TPLF waliin waggaa lamaaf erga wal-lolee Waligaltee Piritooriyaan waraanichi dhaabbateera- irra deebiin ni ka'a yaaddoon jedhu dabalaa dhufu.
Lola Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin gaggeeffamu karaa nagaan furuuf mootummaansaanii Tanzaaniyaatti marsaa lama marii gaggeessera- waliigalteerra gahamuu baatus.
Erga aangotti dhufanii filannoo marsaa 6ffaa gaggeeffameen paartiinsaanii mo'atee waggaa shanan darban Itoophiyaa bulchaa jira; filannoon marsaa 7ffaa ammoo gaggeeffamuuf qophiin godhamaa jira.
Haa ta'u garuu paartileen siyaasaa jajjaboon, keessumaa paartileen Oromoo bakka buu'an ABO fi KFOn, mootummaan dirree siyaasaa nutti dhiphise jechuun filannoo marsaa 6ffaarratti hin hirmaatin hafan. Filannoo bara kana gaggeeffamurrattis, seeran akka hin haqamneef qofa, jechuun Finfinneerratti qofa akka hirmaatan ibsan.
Sababni isaan dhiyeessan, mootummaan dirree dhiphisuu, miseensota hidhuufi darararuu, biiroo isaanii cufuu fa'aadha.
Mootummaan garuu himannaa paartileen mormituu dhiyeessan hin fudhatu. Inumaayyuu kanaan dura ta'ee kan hin beekne, bakka bu'oota paartilee siyaasaa paarlaamaa akka seenan gochuun aangoo siyaasaa illee akka kenneef ibsa.
Obbo Baayyisaan garuu, akkaatadhuma sirna filannoo Itoophiyaarraa mormii qabu. Qaamni sagalee caalmaa argate teessoo paarlaamaa dhuunfachuu akka hin qabneefi sagaleen warra kaanis paarlaamaa keessa jiraachuu akka qabu kaasu.
Haa ta'u garuu, akkaataa seera filannoo Itoophiyaan paartiin sagalee caalmaan injifate teessoo mana maree bakka bu'oota uummataa ni dhuunfata.
Aadaan siyaasa Itoophiyaa guutummaan jijjiiramee ammayyoomuu qaba kan jedhan Obbo Baayisaan, namoonni yaada garaa garaa qaban wal-faana taa'anii mariifi marabbaan aadaa godhachuu akka qaban kaasu.
"Biyyi sun [Itoophiyaan[ kan hundumaati; kan warra si deeggaranii qofaa miti. Garee tokko nan deeggaru jettee gaafa of-keessaa baastu, naafis biyya kooti jedhee inni qawwee fudhatee lagatti gala. Inni kaan biyyaa bahee miidiyaa qabatee sitti dhufa.
"Kanaaf, hanga gaafa namni yaada adda addaa qabu wajjin taa'ee jiraachuu baruutti biyya sana keessatti waliin taa'ee jiraachuu baraattu nagaan tasumaa hin dhufu," jechuun siyaasni Itoophiyaa jijjiiramuu akka qabu gorsu.
'Itoophiyaan waraana alaa itti dhufu qolattee isa keessoo furachuu dadhabde'
Itoophiyaan biyyoota addunyaa muraasa bara dheeraa turan keessaa tokko akka taatetu himama. Biyyoonni akka Itoopihyaa seenaa yeroo dheeraa qaban hedduunsaanii rakkoo keessoo furachuun ijaarsa biyyaa galmaan gahaniiru.
Gama biroon ammoo Itoophiyaan Afrikaa keessaa biyya gita bittaa jala hin turredha. Kuni ammoo akka biyyaatti rakkoo alaa itti dhufu dandamattee akka turtu ishee taasisera.
Haa ta'u garuu rakkoo keessooshee xumurachuu hin dandeenye. Mootummoonni Itoophiyaa hojii manaa walii kaa'aa deemu. Rakkoo inni tokko uume, inni ittaanu taa'ee osoo hin furin rakkoo biraa keessa seena.
Obbo Baayyisaan dippilomaatii UN ta'anii hojjachuusaaniin waraana waliinii dabalatee rakkoolee biyyoota addunyaa garaa garaa keessa jiruufi akkaataa itti biyyoonni rakkoo kan Itoophiyaa fakkaatu qaban furatanii keessa darban qorachuu keessatti hirmaataniiru.
Rakkoon Itoophiyaa mudate akka "cabbii tulluurraa konkolaatuti" jedhu. Cabbiin tulluurraa konkolaatu cabbii dabalataatuma guddataa deema jechuusaaniti.
Rakkoon Itoophiyaa mudate rakkoo wal-xaxaafi seenaa ijaarsa Itoophiyaa waliin wal-qabatu ta'uu kaasu.
"Rakkoon Itoophiyaa mudate rakkoo wal-xaxaadha. Biyyi kun [Itoophiyaan] biyya qancarteedha. Biyya lafaarra sabaafi sab-lammii 100 ol qabattee biyyi akka keenya waggaa hanga kana kan jiraatte hin jirtu," jechuun "rakkinni keenya kan bulaa dhufeedha," jechuun rakkooleen sirnootarraa bulaa dhufan Itoophiyaatti hudhaa jabaa akka ta'e kaasu.
Akkaataa itti sirnoonni darban Itoophiyaa bulchan irratti saboonni akka Oromoofi saboonni Kibbaa Itoophiyaa jiran qoollifatamuufi aadafi afaansaanii humnaan cabuu himatu.
Keessumaa Oromoon gaaffii kana belbeltuu gochuun sirnoota darban irratti qabsa'aa ture.
Warraaqsa qotee bultoota Baalee hanga Waldaa Maccaafi Tuulamaa; hundeeffama ABOtti yoo fudhanne, Itoophiyaan Oromoofi saboota kaan cabsitee ijaaramte himata jedhutu dhiyaata.
Obbo Baayisaan akka jedhanitti, Itoophiyaa keessatti dogoggoraafi hammeenya mootonni darban hojjatan kaasanii kan himatan akka jiran kanneen haalanis jiraachuun rakkoo biraa ta'uu kaasu.
Kanaaf fakkeenyi gaariin Mootii Minilik Itoophiyaa tokko gochuu keessatti hacuuccaafi miidhaan inni qaqqabsiise Oromoo biratti dhaadheffamee haasa'ama. Gama biraan ammoo maqaansaa hammeenyaan ka'uu hin qabu jedhanii kan falmanis jiru. Kuni gamaa gamanaa wal-harkisuufi dogoggora seenaa hojjatame amananii boriif dogoggorri wal-fakkaataan akka irra hin deebine gochuuf danqaa akka ta'e kaasu.
Hundumtuu "anatu miidhame, ebelutu na miidhe" jechuuchuun ebelu maalif akkas jedhe jechuun dhugaa walii ilaaluu dhabuun amala Itoophiyaatti hidda fageeffateedha jedhuun mudannoo wal-fakkaataa yeroo UN hojjatan lola Yugoslaaviyaatti ka'e ilaalchisee qorannoo akka gaggeessaniif garasitti ergamuufi waan taajjaban BBCf qoodan.
Obbo Baayisaan nama waliin hojjatan Istiiv jedhamu waliin Niwu Yoork waajjira UN irraa gara Sarbiyaafi Kirooshiyaatti ergaman. Obbo Baayyisaan Kirooshiyaa buufachuun waan argan gabaasu. Istiiv ammoo gama Sarbiyaa buufachuun lola gaggeeffamu irratti gabaasa Niwu Yoorkitti erga.
"Ani Kirooshiyaa keessa taa'ee kanan argu madfiin gama Sarbiyaa irraa as dhuka'u yommuu dhufu ijoollee, dubartii yeroo ajjeesun arga. Hospitaalatti nan arga, baqatanii yeroo fiigan nan arga. Ani kanan argu waan warri Sarbiyaa godhaniidha.
Hiriyaan koo inni gama [Sarbiyaa] jiru ammoo madfiin Kiroo'eshiyaa warra Sarbiyaa akka itti ajjeesu arga. Lamaan keenyayyuu galgala galgala Niwu Yoorkitti inuma katabna. Ani kanan katabu warri Sarbiyaa akka itti isaan gadhee ta'an, akka itti isaan ijoolleefi namoota kaan fixaniidha. Istiiv immoo gama taa'ee [waan warri Kiro'eeshiyaa godhan] dhugaa jiru barreessa," jechuun lamaanuu waan gamasaanin argan qofa barreessaa turuu himu.
Waanti lamaansaanii barreessaa turan dhugaa ta'us, kan tokkoo qofti dhugaadha jedhamee fudhatamuu akka hin qabneefi gamni lachuu miidhufi miidhamuun akka jiru walitti qabamee ilaalamuu qaba jechuun, Itoophiyaa keessas bifuma wal-fakkaatuun gamni tokko qofa ilaalamuu akka hin qabne dhaamu.
"Nu lachuu dhugaadhuma katabne, garuu ani waanan hin argine katabuu hin danda'au, innis waan na bira jiru hin argu katabuu hin danda'u. Barataan Kirooshiyaa tokko waggaa 50 booda laabirarii UN Niwu Yoork jiru dhaqee waanan ani katabe qofaa osoo argee, namni Obbo Baayyisaa jedhamu UNtti gorsaa seeraa kan ta'e kana barreesse jedhee qorannoosaa keessatti eera, garuummoo dhugaadhuma.
"Sarbiyaan akkasitti nu fixxe jedhee inni Kirooshiyaa kana akka ragaatti dhiyeeffata. Inni Sarbiyaan gama jiru ammoo waan Istiiv barreesse sana akka fakkeenyatti fudhachuun [warri Kirooshiyaa akkanatti nu fixan] jedhee dhiyeessa," jechuun dhugaa qeenxee qofa fudhachuu danda'u jechuun garuu ta'uu kan qabu dhugaa gara lachuu jiru yoo ilaalan furmaata waaraa akka ta'e kaasuun Itoophiyaaf faggeenya gaarii akka ta'u ibsu Obbo Baayyisaan.
Itoophiyaatti nagaan waaraan akka dhufuufi maraammartoo rakkoo siyaasaa keessaa bahuuf waliin taa'anii mariyachuun ala furmaanni akka hin jirre himu.
"Kan keenyan ala dhugaan biraa hin jiru jennee fudhannee ittiin jiraanna. Situ dhufee akkas na godhe, kanaaf si loluun qaba jennee hanga deemnutti nagaanis tasgabbiinis hin dhufu, biyyattiifis hin darbu.
"Nagaa fiduuf carraa qabna, waggaa 30 ykn 50 biyyi sun dimokiraasii akka taatuuf har'a [mariyachuu] jalqabuu qabna," jechuun Itoophiyaa keessatti amalli waraana akka aadatti fudhachuu hafee marii aadaa godhachuu dagaaguu akka qabu dhaamu.