Himatamtoonni dhimma isaanii mana murtiitti ilaalamaa jiru irratti miidiyaarrattii ibsa kennuu danda'uu?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waliindhaha dhaabbataa Fiinteekiin raawwatame jedhameen artistoonnii fi namootni beekamoon shakkaman hidhaarraa wabiidhaan erga gadhiifamaniin booda waa'ee himata isaanirratti banamee irratti gaaffii fi deebiin miidiyaa irratti taasisan akka haqamu manni murtii olaanaa federaalaa ajaje.

Abbaan Alangaa dhimmicha qabate namootni kunneen wabii qarshii kuma 400 hanga kuma 500 erga gadhiifamaniin booda mirgi wabii isaanii kufaa ta'ee mana hidhaatti akka deebi'an gaafateera.

Manni murtichaa dhaddacha gaafa Hagayya 01, bara 2018 oole irratti himatamtoota kunneeniif ofeeggannoo cimaa kennuudhaan irra darbe.

Artistoonni kunneen Saraawit Fiqree, Yigerem Dejenee, Solomoon Boggaalaa fi Daani'eel Taganyi dabalatee namootni kaan ofeeggannoo kanaan kan isaan gahe afgaaffii waliin ta'uun miidiyaa irratti kennan hordofeeti.

Toora YouToube 'Igirenyaaw Miidiyaa' jedhamurratti afgaaffiin namoota kunneenii kutaa lamaan tamsa'e daaawwattoota miliyoona walakkaa oliin ilaalameera.

Artistoota kunneen dabalatee himatamtoonni biroo Kaaliid Naaasir fi Abrahaaam Gizaaw yeroo hidhaa turan waan isaan mudate, waa'ee himata isaanii, Fiinteek waliin waliigaltee seera qabeessa qabaachuu isaanii ragaa sanadaa dhiheessuun hubachiisaa turan.

Namootni kunneen kan himataman dhaabbatni Fiinteek kuni lammiilee 1,200 gowwoomsuun miidhaa maallaqa biliyoona 1.7 geessisuu galmeen himannaa akeeka.

Himata kana keessaatti kan hammataman artistoonnii fi namootni beekamoon 'konkoaataa BYD Gabaa amma jiruun birrii miliyoona saddeet baasu Song Plus jedhamu fudhataniiru' jedhamuuni.

Kanumaan walqabatee Bitootessa darbe too'annoo jala kan oolan namootni kunneen Caamsaa keessa wabii maallaqaatiin gadhiifaman.

Erga bahaniin booda afgaaffiiwwan isaan miidiyaa irratti taasisan gaaffii 'Dhimma seeraan qabamee jirurraatti miidiyaarratti ibsa kennuun nidanda'amaa?' jedhu kaaseera.

Abukaatoon himatamtootaa Obbo Abebaaw Abbebee BBC'tti akka himanitti Abbaan alangaa gocha himatamtoonni raawwatan kana mormuudhaan mana murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii 2ffaatti iyyate.

Abukaatoon kuni akka jedhaanitt, iyyatni abbaa alangaa 'Himatamtoonnii fi abbaan miidiyaa Yuutuubichaa Obbo Taklahayimaanot Adaanaa ta'e jedhanii kana raawwatan' jedhe.

Kanaanis kallattiidhaan dhadhacha irratti dhihaatanii badii kana maalif akka raawwatan yaada isaanii kennuun akkaataa seera yakkaa keewwata 457 irratti taa'een 'kallattiidhaan akka adabaman' gaafate.

Kana malees gochi isaanii kuni bilisummaa adeemsa murtii kan sarbufi ragaalee irrattis dhiibbaa kan uumu waan ta'eef mirgi wabii isaanii mulqamee dhimma isaanii mana sirreessaa taa'anii yaa hordofan jechuun iyyate abbaan alangaa.

Gaaffiif deebiin kutaa lamaan yuutuubii kanarratti gadhiifame akka ka'us kan gaafate abbaa alangaati.

Abukaatoon himatamtootaa gamasaatiin, himatamtoonni kunneen gaaffiif deebii kan akan kennan "maqa balleessii fi himatni sobaa duras miidiyaa sanarratti isaanirra gahee waan tureef isa qulqulleessuufi" jechuun falme.

Dhimmicha kan ilaale manni murtiis yaada abbaan alangaa 'Kallattiidhaan haa adabaman' jedhu kufaa godhe. Gaaffiif deebiin suni yuutuubii irraa haa kaafamu kan jedhu garuu manni murtii fudhachuun akka raawwatamu ajajeera.

Seerri maal jedha?

Abukaatoo fi gorsaa seeraa kan ta'an Obbo Daani'eel Fiqaaduu, dhimmi kuni sirna haqaa biyyattii keessatti yeroo dheeraaf dhimma walfalmisiisaa ta'ee ture ta'uu himu.

Seera irratti himatamtoonni dhimma ittiin mana murtiitti himatamaa jiran irratti miidiyaa irratti ibsa kennuu ni danda'u yookan hin danda'an kan jedhu ifatti wanti eerame akka hin jirres himu.

Ogeessi seeraa kuni dhuunfaa isaaniitiin garuu dhimma murtiin irratti kenname yookan adeemsarra jiru irratti yaada ofii ibsaachuun mirga heera mootummaatiin kenname yaada jedhu qabu.

Isaan dura garuu dhadhachichi 'Miiidiyaa fi uummataaf banaa kan ta'emoo cufaaadha?' kan jedhu adda baafachuun akka barbaachisu eeru.

"Dhadhacha banaa yoo ta'e namni kamuu miidyaa dabalatee seenee hordofuuf mirga qaba" jedhu. Dhadhacha sana ilaalchisee yaadni miidiyaa irratti kennamu kamuu garuu karaa bilisummaa manneen murtii sarbuun ta'uu akka hin qabnes himu.

Seerri adaba yakkaa 'Karaa kamiinuu' hojii manneen murtii jeequun dhorkaa ta'uu akeeka.

Ogeessi seeraa obbo Daani'eel, himatamtoonni ragaalee mana murtiitti dhihaachuu malan miidiyaa irratti yoo dhiheessan bilisummaa mana murtii sarbuu akka danda'u himu. Kuni adeemsa 'murtii Uummatarraa eeguu' jedhun kan ilaalamu akka ta'es eeru.

"Sanada Addabaabayii irratti maxxxansitee bilisummaakee labsita taanaan manni murtii maal hojjechuufi? dhadhacha gara uummataa geessite jechuudha. Falmiis gara uummataatti fudhatte jechuudha" jedhan.

Kuni ammoo bilisummaa mana murtii sarbuu fi dhadhacha jeequu jedhamee kan fudhatamu waan ta'eef seera yakkaatiin yakka, heera mootummaatiinis kan walfaallessu waan ta'eef nama adabsiisa jedhan Obbo Daani'eel.