Hubannoon Namtolchee (AI) vaayirasiiwwan haaraa uumuuf oolaa jira

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qorattoonni US akka jedhanitti, hubannoon namtolchee diizaayinii vaayirasoota haaraa kan guutumatti hojiirra ooluu danda'anii fi laaboraatoorii keessatti baayi'ifaman kalaquuf oolaa jira.

Tarkaanfiin kuni dhukkuboota wal'aanuuf tarkaanfii saayinsii isa murteessaadha jedhame. Garuu saayintistoonni dhimma kanarratti yaaddoos qabu.

Vaayirasoota AI dhaan kalaqaman kanarratti yaaddoo nageenyummaa kaasu.

Hubannoon namtolchee hojii qorannoo ittisa dhukkubaa irratti jijjiirama saffisaa ta'e fiduurratti argama. Kana malees vaayirasii haaraa zeeroo irraa ka'anii gabbisuu caalaa AI dhaan kalaquun karaa fuuldurattii buta.

Yunvarsiitii Istaanforditti gargaaraa Piroofeesaraa kan ta'an Bireen Hii,"kuni tarkaanfii jalqabaa AI dhaan kiroomoozomoota seelii keessaa (Genome) bifa guutuu ta'een gabbifame.

''Kuni laaboraatoorii keessatti baay'ifamee seelota keessatti hojii adda addaa hojjechuuf oola. Kuni nuuf daangaa qorannoo haaraadha" jedhan.

Hubannoon namtolchee kuni kooddiiwwan qaccee Vaayirasii, Baakteeriyaa , biqiltootaa fi namaa irrattis leenjia'aniiru.

Amma gosa vaayirasii 'Baktiroofeej' jedhamu kan gosa baakteeriyaa adda bahe miidhuu akka oomishan qajeelfaman.

Qorattoonni Yunvarsiitii Istaanfoord dizaayinoota vaayirasii AI dhaan kalaqamaan 302 laaboraatoorii keessatti kan adda baasan yoo ta'u, isaan keessaa 16 gosa baakteeriyaa 'T.coli' jedhamu akka ajjeesan mirkanaa'eera.

Laaboraatoorichatti barataa PhD kan ta'e Saamu'eel King, baakteeriyaawwan 'Feej' jedhaman kunneen ganama nagaa turan.

Eegasii baakteeriyoota kana saahinaa irra kaa'uun baakteeriyaa biroo isaanirratti yoo yaalan vaayirasootni haaraan adda bahuu hubatan.

"Laaboraatoorii keessatti waan haaraa ta'aa jiru kana argine. Yeroo bu'aan qorannoo kanaa garee qorannoo hundaaf ibsamutti gammachuu guddaatu daree dhuunfate" jedha Kiing.

Baakteeriyaawwan haaraa 'Feej' jedhaman kuni kalaqamuun infeekshinoota ammaan dura qorichoota farra dhukkubaatiin yaaluuf ulfaatan fayyisuuf gargaaru.

Garuu bu'aan qorannoo ajaa'ibsiisaa ta'e kuni hojii hubannoo namtolcheetiin saayinsii baayoloojii kana dura beekamu keessaa baha. Kunis sinteetik Baayolojii jedhamuun beekama.

Akka Kiing jedhutti, kuni carraa guddaa 'fayyaa dhala namaa fooyyessuu' uuma. Qorichootaa fi teeraappiiwwan haaraa kalaquudhaan.

Kanuma faana ammoo dhibeewwan haaraanis uumamuu malu kan jedhu yaaddoo guddaanis jira.

Qorattoonni akka jedhanitti, hubannoon namtolchee vaayirasoota dhukkuba yaalan kalaquuf gargaaruudhaan cinatti miidhaan hamaan faana hordofee dhufu jiraachuu dhabuun sirritti waan ilaalamuu qabu.

Kanaaf jecha qorattoonni nagummaa qorannoo kanaa guddisuurratti fuulleffatan.

Vaayirasoota orgaanizimoota walxxaxoo ta'an miidhan kuusaa daataa leenjichaa keessaa calalanii hambisan.

Qorannoo kan taasisan ammoo baakteeriyaa 'feej' irrattii malee vaayirasoota nama miidhan irratti miti. Laaboraatooriin qorannoon keessatti taasifamus eegumsa gaarii kan qabu.

Kompitara irraa gara atoomiiwwaniitti

Koodiin qaccee vaayirasii Feej hanga qubee dachaa 5,4000 dheerata. Seelii lubbuudhaan jiru tokko keessa kiromozomoota qaccee hanga walakkaa miliyoonaa ta'utu jira.

Kirimozomoonni qaccee seelii dhala namaa hanga biliyoona sadii gahu.

Hii akka jedhutti, orgaanizimii tokko adda baasanii isarratti fuulleffatanii hojjechuun 'Hojii ulfaataadha. Garuu hojii hin hojjetamne miti'.

Yunvarsiitii biyya Ispeen Pompii Febraa irraa Piroofeesar Mark Guulii, qorannoon kuni tarkaanfii murteessaafi ijoodha jedhu.

Sababni isaas seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif baayolojiin kompitaraan saxaxame.

Bu'aan qorannoo kanaas wantoota dhala namaatti ulfaatoo ta'an faana bu'uuf, dhukkuboota qolachuu, inzaayimootaa fi waldarba qaccee akkasumas maloota farra ittisa dhukkubaa gabbisuuf gahee guddaa gumaacha.

Inistituutii baayooteeknolojii Maanchistar irraa Piroofeesar Patriik Kayi gamasaaniin qorannoon kuni 'bu'uura murteessaadha' jedhu.

"Faayidaan qorannoo kanaa baakteeriyaa Feej irra kan cehedha. Qorannoowwanii fi barreeffamoota hubannoo namtolcheetiin deeggaramaniif karra saaqa" jedhan.