'Qophiin waraanaa osoo godhamaa jiruu callisuun waraanatti waliigaluudha'- Getaachoo Raddaa

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

"TPLF mootummaa federaalaa waraanuuf qaamolee keessaafi alaa wajjin tokkummaa tolfachuu ji'ootaaf erga waakkataa bahee amma ifatti labsatee," jira jedhan pirezidaantiin duraanii Bulchiinsa Yeroo Tigraayifi gorsaan MM Abiy Obbo Getaachoo Raddaa.

Dhaabichi qaama faallaa Itoophiyaa dhaabate waliin hidhata tolfachuun 'mootummaa federaalaa kuffisuu' kaayyoo godhatee hojjataaa jira jechuun balaaleffatan.

Garaagarummaa mootummaa federaalaa wajjin qabu "karaa humnaan qofa furuutu furmaata jedhee murteessera" jedhan fuula Feesbuukii isaanii irratti akka barreessanitti.

Taatee torban darbe Lixa Tigraay Sharariinatti ta'e akka fakkeenyatti kaasuun, yaaddoo waraanaa as deemaa jiruuf hawaasi idiladdunyaa callisuu akka hin qabneefi sochii waraanaa naannichatti taasifamu akka to'atuuf waamicha godhaniiru Obbo Getaachoon.

Waamicha isaanii kanaan, "Yeroo qophiin waraanaa taasifamu callisanii ilaaluun, waraanatti waliigaluudhaan tokkuma" jechuun ibsan.

Toban tokko dura naannoo Lixa Tigraay naannoo daangaa Itoophiyaafi Sudaanitti, Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota TPLF gidduutti walitti bu'iinsi erga gaggeeffamee as gara waraana guututti cehuu mala kan jedhu yaaddoon duraanuu ture hammaataa dhufeera.

Obbo Getaachoo Raddaa barreeffama isaanii kanaan, TPLF humnoota faallaa Itoophiyaa ta'an waliin hidhata tolfatee mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf malee uummata nageenya uummata Tigraayif yaadanii akka hin taane komii cimaa irratti dhiyeessan.

Gaggeessan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (PhD) dhiyeenya, "Nageenyi uummata Tigraay awwaala mootummaa Paartii Badhaadhinaan hogganamu qofaarratti" jedhanii dubbachuusaanii kan ibsan Obbo Getaachoon, kun nageenya uummataaf osoo hin taane tattaaffii TPLF ofiisaa baraaruuf taasisu ta'uu fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti barreessan.

Obbo Getaachoo Raddaa yaaddoo namoonni heddu waraanni kaaba Itoophiyaatti irra deebiin ka'uu mala jedhanii ibsaa jiran ilaalchisee ibsa dheeraa fuula miidiyaa hawaasaa irratti barreessaniin, TPLFfi mootummaa Ertiraa itti gaafatamaa godhaniiru.

Uummanni Tigraay rakkoo hamaa amma keessa jirutti akka lixu kan godhe gaggeessitoota TPLF ta'uu kaasuun, addumatti ammoo qaama faallaa Waliigaltee Piritooriyaa ta'e [Ertiraa] waliin tokkummaa "abaaramaa" tolfachuufi kaayyonsaanii mootummaa Itoophiyaa humnaan aangorraa buqqisuu ta'uu ibsan.

"Galmisaanii kuni ni dhuggooma moo hin dhugooma kan jedhuuf hin yaadda'u; akka hin dhugoomne nan beeka. Garuu, nageenyaa naannichaaf balaa inni qabuufi jiraachuu uummata Tigraayiif balaan inni qabu kan callifamee bira darbamuu miti," jedhan Obbo Getaachoon.

Mootummaan Ertiraa yaaddoo mootummaa Itoophiyaarraa qabuun TPLF fayyadamee Tigraay gidduutti meeshaa akka taatu gochaa jira kan jedhan Obbo Getaachoon yaaddoon waraanaa as deemu uummata Tigraay qofaaf osoo hin taane uummata Itoophiyaa hundaaf ta'uu akeekuun hawaasi idiladdunyaa akka xiyyeeffannoo kennee dhimmicha hordofu waamicha dhiyeessaniiru.

MM Abiy Ahmad dabalatee qondaalonni mootummaa Itoophiyaa olaanoon yeroo garaa garaatti TPLF "humnoota alaafi diina seenaa Itoophiyaa" ta'an waliin hidhata tolfachuusaa irra deddeebiin himataa turan.

TPLF gamasaan, "humnoota keessafi alaa" Itoophiyaa akka diinatti ilaalan waliin hidhata tolfachuusaa ibsee ture.

Dursaan TPLF Dabrsatsiyoon Gabramikaa'el Adoolessa 19, 2026 walgahii magaalaa Maqaleetti gaggeeffamerratti, "[Mootummaan Itoophiyaa] kana booda Tigraay qofaa lola miti, Paartii Badhadhinaa akka yaaddotti kan ilaalan qaamolee heddutu jiru," jechuun dubbatan.

Dabaluunis, "Qaamolee mootummicha akka diinatti ilaalan waliin wal-ta'iinsa tolfanneera, rakkooleen kunneen jiraatanis irra aanuuf ofitti amanamummaa guddaa qabna" jedhan.

Haa ta'u garuu, TPLF humnoota wajjin hariiroo tolfate ebelu jedhee hin tarreessine.

Obbo Getaachoo Raddaa hawaasa idiladdunyaaf qofa osoo hin taane humnoota Tigraayifi mootummaa federaalaafis waraana labsuurraa of qusatanii mala biraa ittiin nagaan buusun danda'amu akka barbaadan gaafataniiru.

Humnoonni Tigraay fedhii gaggeessitoota TPLF "yakkamtoota muraasa" jechuun ibsan tiksuu osoo hin taane "jiraachuufi nageenya uummata Tigraayii" eeguu qabdu jechuun akka didaniif waamicha godhan.

Mootummaan Itoophiyaafis waamicha godhaniin, "Tuuttuqqaan hanga barbaade yoo jiraatellee Waliigalteen Piritooriyaa guutummaan akka hojiirra oolu, daandii nagaatti geessu hunda akka banaa godhun waamicha godhaaf" jedhan.