Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arjantiinaan kan mo'amte Masriin 'haqan dhabe, Mesii caalsisan' jettee himatte
Yeroo yeroon idilee taphaa xumuramuuf daqiiqaan 12 hafu Masriin seenaa Waancaa Addunyaa keessatti sadarkaa gahanii hin beeknerra gahuu amananii ture.
Warri Fara'oo shaampiyoonaa Addunyaa kan ta'an Arjantiinaatiin 2 fi 0'n dursaa turan. Silaa ittuma fufan yeroo jalqabaaf tikkeeta hirboo maayii muratanii turan.
Ammoo dubbiin battaluma jalaa babbade.
Kiristiyaan Romeeroo, Liyoonel Mesii akkasumas Enzo Fernaandez galchii sadii galchuun Arjantiinaan Masriitiin 3fi 2'n irra aante.
Masriin 1fi 0'n yeroo dursaa turte galchiin Mostafaa Zikoon Masriif galche boodarra haqamee ture. Kunis, Mariwaan Attiyaan Lisaandiroo Maartinez irratti badii waan raawwateefi.
Taphni gara xumuramuu yeroo jedhuus dirree galchii Arjentiinaa biratti Mohaammad Saalaa irratti badiin raawwateera jechuunis warri Masrii komatu.
Yeroo murteessaan lammii Faransaay Francois Letexier taphni xumuramuu firimbii afuufu taphattoonni Masrii baay'ee waan mudate amanuu dadhabani mul'atan.
Tapha booda leenjisaan Masrii Hosaam Hasan garee isaanii irratti ''loogiin'' raawwatamuufi ''haqa dhabuu'' komatan.
BBC'n dhimma kanarratti deebii argachuuf Fifa gaafateera.
Hasan itti dabaluun ''dirree keessaafi alarratti wanti baay'ee gaaffiin irratti ka'u qabu ni jiru,'' jechuun akkaataa wantoonni mudatan irratti ''wanti amantee nama dhowwu'' jira jechuun himatan.
''Tarii shaampiyoonaa addunyaa dorgommii keessa tursiisuu barbaadan ta'a. Tarii Mesiin tapha keessa akka itti fufu fedhan ta'a.
''Shaampiyoonaan addunyaa (Arjantiinaa) sadarkaa kamirrattuu deeggarsa argataa ture. Bu'aan kuni akka galmaa'u gama Arjantiinaa dhiibbaan taasifame jira ta'a,'' jedhan.
Taphni kuni waan hunda qaba - penaalitiin qabameera, galchiin gale haqameera, kaardiin diimaas mul'ate, gareen duuba turees duubaa ka'ee injifate.
'Maaliif haqa nu dhowwata?'
Masriin Waancaa Addunyaa baranaarratti yoo dhihaattu seenaa kana dura qabdu jijjiiruuf kaayyeffatteeti.
Kana dura si'a sadii Waancaa Addunyaarratti dhihaatanii tapha torba taphataniis takkallee hin mo'anne.
Waancaa baranaarratti Niiw Ziilaand irra aanuun mo'atan.
Arjantiinaatiin galchii Yaasir Ibraahim galcheen dursuu eegalan. Karri eegaa Fara'onotaa Mosxafaa Shobeer penaalitii Mesii deebiseera.
Galchiin lammataa Arjantiinaa irratti galchan garuu duraa haqame. Osoo Saalaah irratti badiin raawwateera jedhanii komataa jiranii Fernaandez galchii Arjantiinaan ittiin mo'atte galche.
Falmii ka'een gareen Masrii dirree taphaa ala jiru kaardii diimaa akka argan ta'eera.
Dabalataan, leenjisaan Masrii mo'icha Arjantiinaa mormuun harka isaanii qaxxaamursan.
Mallattoon agarsiisan kuni mallattoo FIFA'n beekamuufi yeroo sanyummaan mudate leenjistoonniifi taphattoonni mul'isanidha.
Leenjisaan Masrii ''kabajas ta'e tapha haqa qabeessa hin agarre,'' jedhan.
''Penaalitii dhowwamne, VAR'dhaan illee hin ilaalamne, akkasumas galchiin keenya lammataa sababa hin beekamneen dhowwame.
''Uffati Aleeksis Maak Alistariin yeroo harkifamu hundi keenya agarreerra garuu VAR illee hin ilaalle. .. maaliif ispoortii keessa haqni dhiba?'' jechuun dubbatan.
Jifataan Masrii Ziko gama isaan ''Daanyaan haqa qabeessa hin turre. Haqa dhabuun keenya ifa jira. Jalqaba taphaarraa eegalee haqi hin turre,'' jechuun dubbate.
Saalah galchii tokkoon gale
Mesii, Erliing Halaand fi Kiiliyaan Mibaappee Waancaa Addunyaarratti galchii irra deddeebiin galchanis, Saalah garuu galchii tokko qofa galche.
Kunis, yeroo Niiw Ziilaand injifatanidha.
Morkii Arjantiinaa waliin ture irratti dursaan taphattootaa Masrii yaalii maqaaf dhahamu hin galmeessine.
Yeroo Waancaan Addunyaa 2030 Morookoo, Porchugaal fi Ispeenitti qophaa'u umriin Saalah 38 guuta.
Kiristiyaanoo Ronaaldoo, ganna 41 akkasumas Luukaa Moodrich (Kirooshiyaa) , umriii 40, yeroo xumuraaf Waancaa Addunyaarratti yoo taphatan Saalah waancaa itti aanurratti mul'achuun isaa ammatti ifa miti.
Masriin Waancaa Addunyaa keessaa baate jechuun yeroo ammaa biyyoota Afrikaa 1o keessaa biyyi takkittii Waancaa Addunyaa keessatti hafte Morookoo qofadha jechuudha.
Morookoon waggoota afur dura walakkaa xumuraa gahuun biyya Afrikaa ta'un seenaa dalagdee turte.
Leenconni Atilaas gaafa Kamisaa Faransaay waliin wal morkatu.