Miseensoti NATO piroojektii misaayela haaraaf doolaara biil 50 ramadan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

UK dabalatee biyyooti 12 Awurooppaa tiksuuf piroojeektii misaayelaa haaraaf waggaa 10 dhufu keessatti doolaara biiliyoona 50 baasuufi.

Piroojektii Deep Precision Strike jedhame kana waajirri ministira mummee UK Number 10 ifa baaseera. Dhimmi kuni Roobii har'aa Turkii Ankaaraatti ammoo mariif dhiyaata.

Sar Kar Istaamar ministira mummee tahee kora Nato kana yeroo dhumaaf hirmaata.

Akka miseensota Nato kaanii GDP biyyattii keessaa %3.5 bara 2035tti waraana ittisaa irratti baasuuf karoorfachuu dhiisuusaaf Istaamar Tiraampiin qeeqamuu mala. Waliigaltee kana biyyooti miseensaa bara darbe ture kan raawwatan.

Misaayelli Nato kuni meeshaa waraanaa akkaan ammayyaawaa tahe yoo tahu qiyyaafannoo fageenya km300 otoo irraa hin kaa'atiin haleeluu danda'a. Hamma km2000tti ammoo qaqqabuu danda'a.

Sar Kar Istaamar UK'n ''waggoota dhufutti Nato jabeesuuf michoota Awurooppaa walitti fiduun ni gargaarti,'' jedhan.

Tahus karoora waraanaa amma jiruun piroojektiin misaayelaa kuni hamma bara 2030tti qophii hin tahu.

Waxabajji keessa Hogganaan Waraanaa Ameerikaa Piit Heegseez gamaaggama waraana Ameerikaa Awurooppaa keessa jiruu beeksiseera.

Tiraamp irra deddeebiin miseensoti Nato humna ittisaa dhaabichaarratti maallaqa akka baasan kora Nato Awurooppaa irratti himeera. Miseensoti ittisa waraanaa Nato irratti GDP isaanii keessa %5 ramaduuf waliigalanii ture.

Ser Kar Istaamar nageenya UK fi michootashee tiksuuf ''kutannoo qaba'' jechuun ''Nato jabaafi kan Awurooppaa tahe qabaachuudhaaf gaafatama fudhachuu qabna,'' jedhe.

Mootummaan UK bara 2030tti karoora invastimantii ittisaa Nato'f paawondii biiliyoona 300 kennuuf waadaa seentee jirti.

Kora har'a adeemu kanarratti Istaamar yaaddoo Raashiyaa irraa qaban jala muranii akka dubbatan eegama.

Akka mootummaan UK jedhutti Nato'n jeettii Raashiyaa daangaa qilleensaa biyyattiitti siqaa ture al 700 ol hatattamaan qolateera. Sochiin waraanaa Raashiyaa bishaan UK'tti siqee taasifamu %30'n dabaleera.

Istaamar Nato'n Raashiyaa waliin atakaaroo akka hin barbaanne ibsuun garuu miseenostasaa haleellaa dhufurraa ittisuuf qophii tahuu akka dubbatu eegama.

''Humna qixa taheen UK fi michootishee qiyyaafannoowwan waraanaa sirrii irratti xiyeeffachuun weeraraa kamiyyuu faccisuuf humna nageenyaa waloo keenya jabeessuu qabna,''jette Ministarri hajaa Alaa UK Iveet Kuupar

''Walgahii Ankaaraadhaan Raashiyaaf ergaa ifa tahe dabarsuu barbaanna; Nato'n jabaa akka tahe, bifa Awurooppaa akka qabuufi yaaddoo yeroo dheeraa mootummaa Raashiyaarraa dhufuuuf lammiileesaa tiksuuf qophii tahuu,'' jette.

Pireezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleenskii Kibxata kaleessaa michooti Yukireen sirna ittsa qilleensaa dhiyeessuun hatattamaan haleellaa Raashiyaa jabaachaa dhuferraa akka Yukireen eegan himan.

Yukireen haleellaa diroonii fageenya dheeraa fi haleellaa misaayelaa Raashiyaa irratti raawwattu dabalatee jirti. Kanaanis gabbisa boba'aa, qiyyaafannoo waraanaa fa'i irratti qiyyaafachuun hanqina boba'aa fi addaan cituu elektiriikii uumaa jirti.

Dubbiihimaan Kireemliin Dimitrii Peeskoov kora Nato Ankaaraatti adeemu Raashiyaan itti dhiyeenyaan hordofti jedhan.

Meshaan waraanaa kamiyyuu kan Yukireen Nato irraa aragttu Raashiyaan oppireeshinii waraanaa Yukireen keessatti raawwachuun galma karoorafame milkeessuurraa boodatti hin deebisu jedhe.

''Kora kanaan wal qabatee waa'ee biyya keenyaa waan baayyee dhageenye,'' jedhe Peeskoov.

''Ibsi kennamaa ture dubbii ijaaraa tahe osoo hin taane ibsa atakaaroof affeeru,'' jedhan.

''Lola kana siyaasaafi dippiloomaasiidhaan furuu ammallee karaa isa filatamaa dha,'' jedhe Peeskoov.